INFEKISHIINII UJUMMOO FINCAANII, FOOLII QAAMAA BADAA FI DAFQA BOBAA HAMAA, WAYITA ULFAA TARSA’UU GADAMEESSAA, ABBAA SANGAA (ANTHRAX),fi INNI MAAL DADHABEE!? Dr. Dhinsaafi Dr. Gurmeessaatiin

INFEKISHIINII UJUMMOO FINCAANII (IUF)
(By Dr. Nuredin Luke)
******
Qaamni(Orgaaniin) dhiiga keenya dhimbiibee fincaan baasu (Kaleen) yookiin orgaanonni fincaan qaama
keenya keessaa gara alaatti baasuuf tajaajilan kan akka afuuffee fincaanii yoo baakteriyaa dhukkuba fiduun
hubaman infekishiin Ujummoo fincaaniitiif nama saaxilu.
.
Infekishiiniin Ujummoo Fincaanii (IUF);- Infekishiinii ujummoo fincaanii gara gubbaa (kan Kalee) fi
Infekishiinii ujummoo fincaanii gara jalaa/gara godaa (kan afuuffee fincaanii) jedhamuun iddoo lamatti
qoodamu.
.
* Mallatoolee Infeekishiinii Ujummoo Fincaanii:

– Fincaan nama gubuu ykn yeroo fincaanan miirri
akkasii namatti dhagahamuu
-Fincaan nama mudduu
-Fincaan Dafee dafee dhufuu
-Fincaan akka malaa (bifa booraa) jiru fincaanuu
-Fincaan nama ariifachiisuu
.
Kana malees Infekishiinii ujummoo fincaanii kan gara
gubbaa (Infeekishiiniin Kalee) dabalataan mallatoolee
armaan gadii qabaachuu mala:

– Bowwoo (dhukkubii mataa)
– Qaama nama hoo’isu
-Nama lollojjessuu ykn haqqisiisuu
– Nama qorrachiisuu, hollachiisu, ykn haxaxxeessuu
-Cinaacha jalatti dhukkubbiin namatti dhagahamuu
-Nama dadhabsiisuu fa’atu jiraata.
.
*Wontoota Infekishiinii ujummoo fincaaniitiif nama
saaxiluu danda’an keessaa:

-Yeroo dheeradhaaf Namoota tubboodhaan fincaan
isaan baafamaafii ture.
– Ujummoolee fincaanii ykn kalee keessa cirrachi
jiraachuu.
-Namoota qaamni isaani dhibee haalaan ittisuu hin
dandeenye fkn worroota dhibee akka Sukkaraa, HIV fa’a
qaban.
-Uumamaan ujummoo fincaanii sirri hin tahin
qabaachuu.
-Dhiira caalaa durba kan hubu yoo ta’u, durba keessaas
isaan wolqunnamtii saala heddumeessan hubuu
danda’a.
– Akkasumas Opireeshiini yeroo dhihootti ujummoo
fincaaniitiif godhame yoo jiraate Infeekishiinii kanaaf
nama saaxila.
.
*Miidhaawwan IUF yeroodhaan yaalamuu dhabuu irraa
nama mudachuu danda’an keessaa:

-Infeekishiinichaan deddeebi’anii hubamuu
– Haadholii ulfaa irratti ciniinsuun otoo yeroon isaa hin
gahin dhufuu, akkasumas daa’imni guyyaa isaa malee
dhalachuu. Ulfaatinni daa’imaas haalaan xiqqaachuu
danda’a.
-IUF otoo hin yaalamin yeroo dheeraaf dhiifame,
Ujummoon fincaanii akka dhiphatu gochuun fincaan
akka gadi hin baane (fincaan akka nama ukkaamsu)
godha.
– Darbee darbee ammoo infeekishiiniin kun karaa
dhiigatiin qaama keenya keessa tamsa’ee lubbuudhaaf
sadarka sodaachisu irra gaha.
.
* Haala Infeekishiinii kana ittiin dhoorkinu Kessa:
-Qulqullina qaama taa’umsaa eeguu(kessattuu
dubartootaaf)
-Tubboo fincaanii yeroo dheedhaaf ujummoo fincaanii
keessa tursiisuu dhabuu.
-Wol qunnamtii saalaa ofeegannoon hanqate gochuu
dhabuu.
-Wol qunnamtii saalaa booda fincaanuu.
-Bishaan gaha dhuguu.
.
* Namni mallattolee armaan olitti eeraman ufi irratti arge gara mana yaalaa deemuun qorannoo fincaaniif
kan biroo erga taasifameef booda haala Doktorri ykn ogessi fayyaa itti himeen qoricha fudhachuu qaba.

IUF= Infeekishiinii Ujummoo Fincaanii.

FOOLII QAAMAA BADAA FI DAFQA BOBAA HAMAA (By Dr. Nuredin Luke)
*******
Namoota tokko tokko irratti dafqi qaamaa, kessattuu kan bobaa Jalaa, ni baay’ata. Dafqi baay’atu kun
ammoo qaamni keenya foolii badaa akka qabaatuuf sababa ta’uu mala. Kun ammoo ofitti amantummaa
keenya gadi buusuun hariiroo nuti qaamaan namootatti dhihaannee goonu irratti akka of shakkinu godha.
.
Mee hardha, wontoota foolii qaamaatiif nama saaxilaniif haala foolii kan Ittiin hirdhisuu ykn balleessuu dandeenyu tokko tokko ilaalla:
.
Qaamni keenya xannachoota xixiqqoo dafqa maddisiisan (sweat glands) miliyoona sadihii hanga afurii ta’an
gogaa keenya irraa qaba. Isaanis akaakuu lama qabu. Inni tokko(Eccrine glands) gogaa qaama keenya uffisee
argamu hunda irratti kan argamuufi hoo’a qaama keenyaa to’achuuf dafqa haphii akka bishaanii kan
maddisiisu dha. Inni lamataa(Apocrine glands) ammoo googaa naannoo qaccee harmaa, bobaa, qaama saalaa
fi naannoo gurraatti kan argamu dha. Xannachi kun harmaa irratti aanan maddisiisa, gurra keessaatti
ammoo guurii gurraa kan maddisiisu yoo ta’u, gogaa akka bobaa jiraniif ammoo dafqa yabbuu ta’e kan
pirootiiniif kemikaalota biraa qabu maddisiisa.
.
Dafqi yabbuun inni xannacha akaakuu lammataatiin maddisiifamu kun pirootiinii inni qabu baakteeriyoota gogaa keenya irra jiraataniin gara Aasidii ykn keemikaala foolii badaa qabuutti jijjiirama. Sababa kanaaf qamnii naanno bobaa foolii badaa qabaata.
.
Namoota foolii badaa qaamaatiif saaxilaman keessaa:

– Namoota Furdinna garmalee gudda ta’e qaban.
-Namoota yeroo baay’ee nyaata zayitiin itti baay’ate
fayyadaman
– Namoota hedduminnaan foon diimaa nyaachu
guddisan
– Namoota dhukkuba Sukkaaraa qaban.
.
Karaalee foolii qaamaa ittiin hirdhifnu yookin balleesinu:

-Qulqullina dhuunfaa keenya eeguun:
* Qaama keenya bishaan hoo’aa dhaan dhiqachuu.
Bishaan hoo’aan dhiqachuun baakiteeriyoota gogaa
keenya irratti argaman kan dafqi keenya akka foolii
badaa qabaatuuf sababa ta’an xiqeessa.
*Yeroo yeroodhaan rifeensa bobaa keenya haaddachuu.
Kana gochuu dhabuun dafqi keenya akka hin hurkine
gochuun baakiteriyootaf saaxila.
* Saamunaa mana qorichatti gurguraman Kan
baakteeriya hirdhiisuuf fayyadan kan Akka MEDICAM
fa’a fayyadamuu.
* Erga bobaa keenya qulqulleesine booda shittoo ykn
“deodorant” adda adda fayyadamuu.
* Nyaata zayitiin itti baay’ate yeroo hedduu fayyadamuu
dhabuu. Foonii diimaas baay’isuu dhabuu. Kuduraaleef
fuduraalee fayyadamuu.
* Yoo tooftaalee armaan olitti eerameen baduu ykn
hirdhachuu dide dhiheenyatti deemuun Doktora
mari’achiisuun barbaachisaa ta’a.
Ulfaadhaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!

WAYITA ULFAA TARSA’UU GADAMEESSAA (Dr. Guutaa Gurmeessaatiin)
*
Yeroo ulfaa, gadameessi yoo tarsa’u miidhaa inni geessisu guddaa dha. Daa’ima gadameessa keessa jiru dabalatee haadhas miidhaa irraan gaha. Hedduu dhiiguun of wallaaluu, ‘infeekshiniif’ saaxilamuu,gara fuulduraatti daa’ima dhabuu….rakkoo hedduu qaba. Daa’imnis ta’e haati du’aafillee saaxilamu. Yeroo baay’ee garuu tarsa’uun gadameessaa miidhaa du’aa kan inni geessisu daa’ima irratti. Garuu haatis yaalii argachuu baannaan du’atti dhihoo dha. Yeroo baay’ee tarsa’uun gadameessaa kan mul’atu durbatoota duraan yaalii baqaqsanii hodhuutiin (cesarean section) dahan irratti dha. Wantootni tarsa’uu gadameessaaf nama saaxilan:

1. Yaalii baqaqsanii hodhuu kan gadameessaa irratti gaggeefame,
2. Balaa kufaatii ykn balaa konkolaataa,
3. Garmalee dhisamuu gadameessaa :- Garmalee dhisamuu gadameessaa yoo jennu daa’imni sun guddaa ta’uurraan ykn dhangala’aan daa’ima marsee jiru baay’achuun ta’uu mala.
4. Akkasumas uumama gadameessaa wajjin rakkoon wal qabatu yoo jiraate dha.
Yeroo hedduu tarsa’uun gadameessaa yeroo ciniinsuu mudata. Hammeentaan isaa haa xiqqaatuyyuu malee ciniinsuu duras ni mudata.

*Wayita gadameessi ulfaa tarsa’u:

– Dhukkubbii garaa kan duraarraa adda kan ta’ee fi kara qaama saala dhiiga bahu arguu danda’u.
– Sochii daa’imaa hir’achuu ykn dhaabachuutu isaanitti dhagahama. Gara haala qabatamaa biyya keenyaa yeroo ilaallu dubartootni baadiyyaa hedduun isaanii manatti ciniiniinsifatu, manatti dahu. Akkuma argamaa jiru namootni tarsa’uun gadameessaa isaan mudatu kanneen manatti yeroo baay’ee erga ciniiniinsifatanii booda gara mana yaalaa deemani dha. Yoo daa’imni sun gad bahuuf hin dandeenye ta’e ciniiniinsuu fi yaalii yeroo dheeraa booda gadameessi ni tarsa’a. Fakkeenyaaf daa’imni gadameessa keessa jiru/jirtu akkaan guddaa taanaan manatti ykn buufata fayyaatti yeroo hedduu ciniinsifachuun tarsa’uu gadameessaaf saaxila. Yaaliin akkasii kan gaggeeffamu bakka yaaliin baqaqsanii hodhuun raawwatamutti dha. Yoo dafanii bakka yaaliin kun itti kennamu hin geenye gadameessi sun carraan tarsa’uusaa guddaa dha jechuu dha.

Kan biraa akkuma olitti kaasne dubartootni yaalii baqaqsanii hodhuun ( cesarean section) kana dura dahan carraa ciniinfatanii dahuu qabataaniyyuu kan isaan dahuu ykn ciniinsifachuu qaban hospitaala ykn bakka tajaajilli yaalii baqaqsanii hodhuun deesisan itti kennamutti ta’uu qaba. Dubartootni akkanaa manatti ykn buufata fayyaatti yoo ciniinsifatan yaalii baqaqsanii hodhuun deesisuu barbaachisa taanaan hanga Hospitaala gahanitti gadameessi tarsa’uu danda’a.

*Kanaaf rakkoo tarsa’uu gadameessaa hir’isuuf:

– Dubartootni ulfaa hordoffii ulfaa buufata fayyaa naannnoo isaanii jiruttu gochuu!
– Manatti ciniinsifachuu ykn manatti dahuu dhiisuu!
– Dubartootni kana dura yaalii baqaqsanii hodhuun deessan ulfa itti aanan irratti manatti ykn buufata fayyaatti ciniinsifachuu dhiisuudhaan yeroo ciniinsuun isin jalqabu daftanii gara hospitaala deemuu….
Yoo tarsa’uu gadameessaa hir’isne, du’a daa’imaa fi haadholii hir’isne jechuu dha!!
*
NO MOTHER SHOULD DIE WHILE GIVING BIRTH!
Dr. Guutaa Gurmeessaa-

ABBAA SANGAA (ANTHRAX)!!
*
Dhibeen kun kan inni namatti dhufu ‘baakteeriyaa’ “Bacillus anthracis” jedhamuun yoo ta’u, waanta ‘spore’ jedhamu, kan yeroo dheeraadhaaf bakka gammoojja’aa fi hoo’aa ta’e dandamachuun yeroo dheeraaf jiraachuu danda’u qopheessuun, dhibee kana namatti fida! Baay’inaanis ‘baakteeriyaan’ kun beeyladoota kan akka:

1. Loon (Sa’aa ykn Sangaa),
2. Hoolaa,
3. Re’ee (Reettii) fi
4. Gaala keessatti argama!

*Akkamiin namatti daddarba!?
1. Karaa nyaata foon beeylada dhibee kanaan hubamee! (Intestinal anthrax):- kunis foon dheedhii ykn kan hin bilchaanne, kan ‘baakteeriyaa’ kanaan faalame nyaachuudhaan kan dhufu yeroo ta’u, mallatoon isaa:-
– Haqqisiisaa/balaqqamsiisaa dhiigaan makaa,
– Garaa kaasaa dhiigaan makaa,
– Fedhiin nyaataa baduu,
– Hoo’ina qaamaa,
– Madaa’uu arraba gara qoonqoo keessaa,
– Dhukkubbii qoonqoo keessaa fi
– Dhiita’uu miciree ti!
2. Karaa walitti bubu’iinsa madaa nama irraa fi kan gogaa beeylada dhibee kana baatuutiin! (Cutaneous anthrax)
3. Karaa qilleensaa gara soombaatti darbuun, dhibee hamaa fiduu danda’a! (Inhalational anthrax)
*Akkamiin ofirraa ittisna!?
1. Horii manaa (beeylada) dhukkubbii ykn mallattoo addaa agarsiisan mana yaalaatti geessanii yaalchisuu!
2. Foon beeylada (Sangaa) dhibamee (dhukkubsatuu) nyaachuu dhiisuu! Kunis kan nyaataan namatti daddarbuun akka hin qabamneef nu gargaara!!
*

INNI MAAL DADHABEE!?
*
Gaafa yandoo roobu
Qilleensa makatee,
Cabbiin lafa goobu
Mudhiisaa hidhatee,
Kokkee nama qaba
Qorri mataa yaabee,
Sanyii gad-deebisa
Lolaan irraan ba’ee,
Bubbeetu gad bubbisa
Gaara gubbaa taa’ee!!
Garuu …..,
Qececees yoo tiife
Hurrii irraan qabee,
Caamuu illee yoo hafe
Bakakkaan gaggabee,
Duumessaa’ee bada
Roobee caamee roobee,
Rabbi hundaa qaba
Inni maal dadhabee!?

Fayyaan Qabeenya!
Dr. Dhinsaa

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa