Dhukkuboota torbarratti maalummaa, mallattoofi ittisa/yaaliisaa as keessaa argattu?-*Dr. KIYYAA DAAWWITEE (KD)*

1. NAMA GUBACHAA JIRU YOO ARGINE MAAL HAA GOONU?
*

13516305_1334585066569328_8930258253489496649_n
NAMNI MAALIIN GUBACHUU DANDAHAA?

-Bishaan bulluqeen.
-Sibiila hoe qabachuun
-Balaa Ibiddaan
-Humna elektirikaan
-Keemikaalotan ykn
-Dhohinsa balaa uumamaan tahuu ni dandaha.

Karaa kamiinuu haa tahu namni gubate gargaarsa jalqabaa yoo kan argatu tahe balaan irra gahu ni xiqqaataaf.

Nama gubate yoo argitan haala armaan gadii jiruun gargaaraa!!!!!
Bishaan bulluqe, sibiila hoe ykn balaa abiddaan gubate yoo tahe dafaatii haala isiniin hin gubneen bakka gubachaa jirurraa baasaatii kaahaa. Ibiddi akka irraa dhaame mirkaneeffadhaa , Bishaan qorraa waraabaa itti naqaa, uffatni isaa irratti bobahaa jira yoo tahe irraa baasaa, Harka,quba, miilaa ykn morma isaarra wantootni akka qubeelaa fi bareechituu garaa garaa yoo jiraatan irraa baasaa kaahaafi. Isaan kun yoo irra turan booda qaamni isaa yoo dhidhiitahe irra baasuun ni rakkisa. Osoo qubeelaan irra jiruu qubni yoo dhiitahe qubeelaan dhiigni akka gara qubaatti hin dabarre dhorkee tarii hamma qubni cituutti rakkina geessisuu nii dandaha. inni kaanis akkasuma.

Erga kana gootanii akka itti hin qorrinetti qabadhaatii dafaa gara mana yaalaa fudhadhaa. Namni gogaan qaama isaa gubate qorra hin dandamatu waan taheef akka itti hin qorrinetti qabadhaa.

KEMIKAALAAN YOO KAN GUBATE TAHE

Kemikaalli warshaalee adda addaa keessa jiru qaama namaa gubuu ni dandaha. kemikaalonni kunis tarii aciidii ykn immoo beezii tahuu malu. Kemikaalonni kun bifa dhangalahaa ykn immoo daakuu tahanii nama gubuu dandahu.

Yoo kemikaala dhangalahaa tahetu gube tahe bishaaniin baayisaa itti roobsaa yoo dandahame daqiiqaa 30 oliif bishaan itti roobsaa.

Yoo kemikaalli gube sun bifa daakuu qaba tahe jalqaba daakuu sana irraa haxaahaa erga irraa haxooftanii immoo akkuma isa dhangalaa saniitti bishhan itti roobsaa. Osoo daakuun kemikaalaa irra jiru yoo bishaan itti naqxan bulbulamee caalaatti akka gubatu godha.

Yeroo irraa haxooftanis tahe bishaan itti roobsitan ykn naqxan kemikaalichi qaama keessan akka hin tuqne of eeggadhaa isiniinis gubuu dandaha waan taheef.

Akka kana gootaniin osoo hin turiin dafaatii mana yaalaatti fudhadhaa

ELEKTIRIKII FI BAKAKKAAN KAN GUBATEEF
Isaan kun akka ibiddaa gogaa keenya madeessuun caalaaatti keessa qaama keenyaa miidhu fknf kanneen akka onnee, ujummoo dhiigaa fi kan kana fakkaatan. Kanaafuu gargaarsa caalaatti barbaadu .
Dafaatii ibsaa irraa gadhiisisaa. Akka irraa gadhiisistaniin lafaa haa ciisu. Lafa yoo ciise kaarentiin hammi tokko keessaa bahee gara lafaatti seena. You kan gubachaa jiru jiraate akkuma armaan olii san bishaan itti naquu hin dagatiinaa.
Osoo hin turiin mana yaalaa fudhadhaa. Gargaarsa ariifachiisaa barbaachisa waan taheef.

DHOHINSA BALAA UUMAMAAN KAN GUBATEEF
Dhohinsi balaa uumamaa ykn meeshaalee waraanaa gurguddoos tahuu ni dandaha. isaan kun qaama gubuun alatti balaa biro gurguddoo geessisuu ni dandahu. Fknf balaa kana jalaa bahuuf osoo fiiganii cabuu faa dabalata. Kanaaf haala armaan olii irratti dabalataan miidhama biros eeggachaa gara mana yaalaa fudhachuu qabna.

2. Foolii bobaa akkamittiin ittisuun dandahama?

?

Kabajamtoota hiriyyoota koo gaaffii kana namoota hedduutu na gaafate mee akka armaan gadiitti yaada koon siniif hira!!

Fooliin bobaa kan jaqabu naannoo umurii dargaggummaatti waan taheef yeroo baayee fooliin bobaa namoota baayee biratti akka mallattoo dargaggummaatti fudhatama. Garuu foolii babaa maaltu fidaa?
Qulqullina qaamaa

Yeroo dargaggummaa dafqi ni baayyata dafqi kun yeroo yerootti yoo hin dhiqamne baakteeriyoonni bobaa jala jiran haalaan walhoranii akka baayyatan taasisa. Baakteeriyoorni kun yoo baayyatan foolii bobaa keenyaa gara foolii namatti hin tolletti jijjiiru. Dafqi qaama keenya keessaa bahu foolii hin qabu qulqulluudha garuu qaama keenyarraa dhiquu yoo dhiisne yoo ture baakteriyaan foolii itti uuma jechuudha.

Egaa kanaafi namootnis foolii bobaa akka mallattoo dargaggummaatti kan fudhatan.

Fooliin bobaa sababa garbiraa hedduun dhufuus ni dandaha

Foolii bobaa balleessuuf mee waan armaan gadii fayyadamaa

1 qulqullina qaamaa eeggachuu
2 qaama erga dhiqattanii bobaa jala sirriitti hamma qoorutti uffata hin uffatiinaa
3 bobaan keessan qilleensa gahaa akka argatu godhaa uffata bobaa qullaa taasisu ykn immoo yeroo haalli mijatu hunda bobaa keessan qilleensi akka argatuuf kafana baafachuu
4 rifeensa bobaa jala jiru hin haadinaa. Waan hunduu sababa malee hin uumamne rifeensi bobaa jalaa foolii bobaa akka hirisu qorannoo baayyeen ni mirkaneessu.

Gorsa armaan gadii immoo dhukkubsattoota koo ittiin gargaaree ittii gammadanii dhufanii na galateeffatanii jiru isinis mee itti fayyadamaa ilaalaa

Bobaa keessan erga sirriitti dhiqattanii booda alcoholiittin irra deebihaatii dhiqaa. Alkoolii kana amma daqiiqaa 5{shanii} bobaa keessanirra tursaatii dhiqadhaa. Alkoolii kan argattan mana qorichaatiiti malee alkoolii isa dhugamu jechuu koo miti.

3. NAMA DHIIGAA JIRU YOO ARGINE DAFNEE MAAL GOCHUU QABNAA?
(how to control active bleeding) by Dr. KD

Dhiigni dhangalahuun rakkina qaama keenya keessaa madduun ykn immoo balaa alaa qaama keenya irra gahuun nama mudachuu ni dandaha. Sababa kamiinuu haa mudatu garuu dhiigni kamiyyuu yoo dafee hin dhaabanne yeroo xiqqoo keessatti lubuu dabarsuu ni dandaha.

Keessumaa dhiigni ujummoo dhiiga raabsu(artery) irraa dhiigu dhiibbaa onnee irra darbameen waan dhufuuf yeroo xiqqoo keessatti ajjeesuu ni dandaha. Inni kun yeroo dhiigus fagootti facahuu fi baayinaan dhangalahuun yeroo xiqqoo keessatti miidhamaa sana dadhabsiisa.

Nama dhiigaa jiru yoo argine gara mana yaalaa fudhachuun dura kanneen armaan gadii dafnee raawwachuu yoo dandeenye miidhaa qaama irra gahu hirisuu fi lubbuun tursuu ni dandeenya .

1. Miidhamaan dhiigaa jiru yoo meeshaan ittin waraaname ykn rukkutame keessaa hin buqqaane tahe, keessaa hin buqqaasiina. Yeroo keessaa buqqistan dabalee madeessa waan taheef osoo ogeessi fayyaa buqqiseef gaariidha. Keessuma wantootni qara qaban yeroo keessaa harkiftani dabalanii ni madeessu.garuu akka asiif achi sochoee hin miineef of eeggannoon qabaaa.

2. Huccuu argattaniin dafaatii bakka dhiigaa jiru qabaa. Achumaan akka hin dhiignetti hidhaa.

3. Biyyoo ykn wantoota xuraawaa biros dhiiga dhaabuuf itti hin fayyadamiina. Isaan kun jarmiilee dhukkuba fidan gara dhiigasaatti dabaluun booda madaan akka hin qoorree godhu. Dhukkuba adda addaas ni fidu. Fknf dhukkubni tetaanasii karaa kanaan nama qabuu dandaha.

4. Buusaan qaamaa wal darbeera yoo tahe ykn lafeen cabeera yoo tahe akkuma jiruun akka hin sochoonetti qabadhaa malee bakkatti deebisuu yoo yaaltan miidhaa dabalataa uumuu ni dandaha keessumaayyu narvii naannoo sana jiru miidhee guutummaatti hojiin ala gochuu dandaha. Lafeen cabe ykn buusaan waldarbe kan sirrattu mana yaalaatti ykn immoo ogeessa leenjii saa qabuun tahuu mala.

5. marimmaan ala bahee jira yoo tahe akkuma jiruttii hucuu itti uffisaatii garaatti ol maxxansaa hidhaa. yoo bakkatti deebisuu yaaltan gudunfamuu ykn miidhaamuu dandaha. kunis kan deebihu mana yaalaatti tahuu qaba.

6. Dhiigni dhabannaan qaamasaa bakka miidhame akka hin sossochoonetti qabadhaatii gara mana yaalaa fudhadhaa!!

7. Dhiignisaa hidhamee dhaabateera jettanii mana yaalaa deemuu hin turiinaa dhiigni bahe dafee yaala argachuu qaba.

KAN LAFEE CABSUUFI DHIIGA DHANGALAASU ISINIRRAA HAA QABU!!!

5. DHUKKUBOOTA WAL QUUNNAMTII QAAMA SAALAN DADDARBAN BY DR. KD

Dhukkubootni walquunnamtii qaama saalaan daddarban kan jennu dhukkuba yeroo walquunnamtii saalaa qaama nama dhukkubichaan faalame irraa gara isa fayyaatti daddarbani dha. Dhukkubootni kun baayee akkuma tahan sadarkaan daddarbuu isaaniis(virulence) garaagaraa qabu.

DHUKKUBOOTNI KUN EENYU FAADHA

Dhukkubootni kunneenis

Kan qaama saalaa madeessan
Dhitahuu qaama saalaafi mudaamuddii
Kan dhangalahaa qaama saalaa fidanii fi
Dhukkubbii qaama saalaa fidanidha

Isaan kun jajjaboo yoo tahan kanaan alattis dhukkubootni hedduun karaa quunnamtii saalaa daddarbanii garuu qaama keenya bakka biraa hubuu ni dandahu. Fakkeenyaaf HIV karaa quunnamtii qaama saalaa haa daddarbu malee kan hubu guutummaa qaama keenyaati.

Dhukkubootni kunneen jarmoota xixxiqqoo ijaan hin mulanneen daddarbu!!!!!!!

MALLATTOOLEEN ISAANII MAALI

Yeroo fincaahan qaama saalaa nama guba
Madaan qaama saalaarraa fi naannoo isaa yoo jiraate

Dhangalahaan qaama saalaa keessan keessa bahu kan dura beektanirraa adda yoo tahe, yoo baayyate ykn foolii yoo godhate akkasumas bifa yoo jijjiirrate

Dhukkubbiin garaa keessan gara gad aaanu yoo sinitti dhagahame(shamarraniif)

Naannoo qaama saalaatti ykn mudamuddiileen jiranitti yoo sin dhiitahe

Mallattooleen kanaafi kanatti dhihaatan mallattoolee dhukkubichaa tahuu malu.

MAAL GOCHUU QABNA

Namootni mallattoolee armaan olii ofirratti argitan ogeessa fayyaa mariisisuun qoricha gahaafi gorsa ogeessa yoo argattan bayeessa.

Akkamiin ofirraa ittisuun dandahama

Inni jalqabaa quunnamtii saalaarraa of eeguudha. Kun guutummaatti dhukkubicharra nu ittisus garuu quunnamtii saalaa dhiisuun yeroo murtaaheef malee murtoo isa dhumaa tahuu dhiisuu dandaha. Kanaaf mee filannoowwan kanneen dubbisaatii isa sin baasu filadhaa!!

Jaalallee waliif amanamanii jiraachuu. Kana yeroon jedhu jaalallee ykn haadha manaafi abbaa manaas tahuu dandeessu tokko qofaa qabaattanii waliif amanamtanii yoo jiraattan dhukkubichi karaa isinitti dhufu hinqabu. Dhukkubichi abbatu itti deema malee ofii namatti hin deemu.
Kun tahuu baannaan condomiitti fayyadamuun filannoo biraadha.

DHUKKUBICHI NI FAYYAA

Dhukkubni kun baayyinaan ni fayya. Kanaaf yeroon mana yaalaa deemuun barbaachisaadha. Garuu gaafa deemtan hiriyyaa keessan waliin osoo yaalamtan guutummaatti akka fayyitaniif isin gargaara. Garuu ofii yaalamtanii yoo hiriyyaan keessan hin yaalamiin hafte/fe deebihee deddeebihee sin qabachuu dandaha.

6. DHUKKUBA ASMII(ASTHMA) KANA BEEKTUU? (DR. KD)

Dhukkuba asmii kan jennu dhukkuba uujummoo qilleensaa kan gara gadii hubu yoo tahu dhukkubni kun kan uumamu yeroo ujummon qilleensaa kun dhiphatudha.

MALLATTOOLEEN DHUKKUBA KANAA

1- Hafuura kutuu ykn hargansuu cimaa
2- Qufaa
3- Yeroo hargansuu sagalee akka ulullee afuufan fakkaatu dhageessisuu yoo tahu mallattooleen kun sadeen yoo sinirratti mulatan dhukkuba asmii tahuu wan dandahuuf qorannoo dabalataaf gara mana yaalaa deemuun barbaachisaadha.

DHUKKUBNI KUN MAALIRRAA NAMA QABAA YKN MAALTU NAMATTI KAASAA?

ASMIIN NAMARRAA NAMATTI HIN DADDARBUGARUU SANYIIN CARRAAN DARBUUU NI JIRA!!!

Dhukkubni kun kan namatti dhufu YKN namatti ka’u;-

1- Faalama naannoo;- kannen akka awaara, aara fi kknf
2- Tamboo ykn sigaaraa xuuxuu
3- Wantoota allerjii namatti tahan;- kanneen akka urgooftuu garaagaraa,bugugii beeyladoota manaa, dibataa fi qorichoota.
4- Maatii ykn fira dhihoo keessaa yoo namni dhukkuba kanaan qabame jiraate carran dhukkuba kanaan hubamuu guddaadha.
5- Hojii humnaa ykn ispoortii;- ispoortiin fayyuma qaama keenyaaf gaariidha haa tahu malee yeroo ispoortii hojennu hargansuun ni dabala namootni dhukkuba kana qaban immoo ujummoon qilleensa isaanii waan dhiphateef dhukkubicha itti jabeessu ni dandaha.
6- Aarii ykn muddama guddaan ille dhukkuba kana cimsuu ni dandaha.
7- Dhukkuboota allerjii funyaan keessaa fi gogaa irraa;- namootni dhukkuba allargii qaama isaanii bakka garaagaraa irraa qaban carraan isaan dhukkuba kanaan qabamanii guddaadha. Kanaaf namootni dhukkuba akkasiin hubamtan wantota allerji iisinitti tahan irraa of qusachuun dhukkuba kanarraa of eeguun gaariidha.
8- Qorra

DHUKKUBA KANAAN YOO HUBAMNE MAAL GOCHUU QABNA?

1- Maal osoo hojettanii ykn maalirraa akka isin qabe adda baafachuu
2- Wanta inni irraa isin qabe ykn wantoota sinitti kaasan irraa guutummaatii of eeguu;- kanarraa of eeguu dandeenyaan dhukkuba kana mohachuun ni dandahama.
3- Qilleensa gahaa argachuu ykn boqonnaa fudhachuu
4- ogeessa bukkee deemuun qoricha dhukkuba kanaa fudhachuu qabdu.

7. DHUKKUBA GARAACHAA(GASTRITIS) KANA BEEKTUU LAATA? (DR. KD)
Dhukkuba garaachaa kan jennu maalii?
Dhukkubni garaachaa baqqaani(layer) keessa garaacha keenyaa yero madaahu ykn dormommaahu(irritation) mallattoolee mulatan dha.
Dhkkba kana maaltu nutti fiduu dandaha?
Infekshinii ; keessumaayyuu bakteriyaa h.pyloorii jedhamu namoota dhukkuba garaachaan qaban keessa harka 90 ol keessatti ni argama.
Qoricha garaagaraa ; keessumaayyuu qorichoota mataa bohoof, buusaa dhukkubbiif, dhukkubbii yeroo marsaa laguuf jennee fudhannu yoo irra deddeebbin kan fudhannu tahe. Kanaaf qorichoota kana gargaarsa ogeessotaan ala fayyadamuu irraa of haa qusannu. Qorichootni kuni afaan ingiliffaan non stroidal anti inflammatory drugs jedhamu. Fknf ibuprofen, asprin
Alkoolii; alkoolin gosa garaagaraa qabaatus keessma gosootni alckoolii naanno keenya keessatti hojetaman qabiyyen alkoolummaa isaanii guddaa waan taheef carran dhukkba kana fidu guddaadha.
Yaaddoo guddaa(stress)
Sigaaraa xuxuu
kemikaalota garaa garaa liqimsuu; osoo beekanii ykn osoo hin beekiin.
Akkasumas nyaata midheessitootni gosa garaagaraa itti baayatan nyaachuu fi kan biroollee ni iru.
Mallattooleen dhukkba garaachaa maal maali dha?
Namootni baayeen yeroo dheraaf mallatto malee turuu ni dandahu. Mallattooleen mulachuu kan jalqaban yeroo madaan ykn dirmammuun umamu dha. Mallattooleen armaan gadii yeroo isinirratti mulatan garuu dhibee garaachaa tahu malu.
Laphee keessan yo isin guba yoo tahe. Inni kun tarii yeroo nyaattan sinitti cimuu ykn immoo isiniif foyahu dandaha.
Garaan keessan garmalee kan guuteefi kan nyaattan yeroo dheeraa osoo hin sochoiin kan turu yoo isiniiti fakkaate
Ol deebisu ykn hoqqisiisus tahe miira hoqqisiisuu yo isin rakkisa tahe
Nyaata filatee yoo isin guba tahe.
Fedhii nyaataa hirachuu fi kan biroollee iraachuu malu.
Keessuma immoo mallattoolee kana qabaattanii itti dabalattan gar malee yoo sin dafqisiise, hancufni ykn hoqqisni keessan dhiiga yoo makate garaachi keessan baayee madaahee tahuu waan dandahuuf hatattaman mana yaalaa deemun barbaachisa. Karaa ittin namatti dhufu erga hubattanii maarree hamma isiniif dandahame irraa of eegun barbaachisaadha. Mallattoowwan armaan olitti eeraman yoo argitan immoo ogeessa fayyaa mariisisn barbaachisaadha.

 

*Dr. KIYYAA DAAWWITEE (KD)*

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa