MUDANNOO JAALALLEEWWANII–BARREESSAAN SOG@ASTU/Seenaa Oromoo Goshuu

YOOMAN BEEKE AKKA DIIGNU.

A beautiful young African American man and woman photographed on a white background wearing white clothing.

Namni foon uffatee lafa kanarra jiru kamuu akka uumamaattis ta’u akka saayinsiin jedhutti ulaagaa yeroo dargaggummaa nama mudatu keessaa inni tokko jaalaladha. Jaalalli hammaataas gaariis fakkaatee namatti dhufa. Yoo waan yaadan irratti milkaa’anii galmaan gahanii fi galmaan gahumsaa boodas fiixaan bahumsi jiraate; dhandhamni isaa mi’aawaadha.

Akkuma kanammoo yoo haalli kun hunduu hafee waan yaadan dhabanii yookaan immoo waan yaadan erga eegalamee sakaallaan qabee karaatti kuffiise; dhandhamni isaa hadhaawaadha.

Akkuma kana immoo jiruu keessatti dogoggorri waan jiruuf hiriyaan koo kun jaalallee isaa kana miidhee; miidhuu isaatti immoo waan gaabbeef gaabbii isaa kana irraa baratee, garuu ija jabaatee balleessaa isaaf kadhachuu waan dadhabeef walaloo kana barreessee akka inni isheef kennee araarfatuufan barreessef. Innis amma jaalallee isaa kana waliin araaramee jiraachaa jira. Tarii addunyaan jaalalaa akkanaa kan isin quunname kana dubbisaa araaramaa waliin jiraadhaan dhaamsa kooti.

Anis mudannoo hiriyaan koo natti himate irraa ka’ee kunoo gabaabsee bifa walaloo kanaan barreessee kenneef.

YOOMAN BEEKE AKKA DIIGNU.

Galanni kee hin badiin naaf gooteetta

danuu kanan hin dagannee.
Miidhamee watwaadhus dubbachuu

of qusadhee kanan hin lagannee.
Miidhama koo agartee ana gargaaruudhaaf

waan heedduu naaf taatee.
Gaddi kan koo si miinaan hiriyaa kee

duraarraa inni ati addaan baatee.
Osoo nagaan jiraachuun fuuldura kee

garmaamuu anaaf jettee dhiphattee.
Jecha si’iif hin malleen akka nama

balleessee inni ati arrabsamtee.
***
Kun oolmaa kee muraasa kananyoomuu

hin daganne bara baraan jiraatu.
Bara jireenya kootti boqonnaa

na dhowwatee kan keessa kiyya nyaatu.
Maalan godha hundaafuu deebisuuf

aangoo hin qabu amma yeroo kanatti.
Yoon lubbuudhaan jiraadheef

qabadheetan siif dhufa bakka jirtu manatti.
Damma koo! Narraa qabda galata

isa jaalala dhugaa galata onnee guutuu.
Ammaan lubbuun jirutti onnee koo

keessa jirta takkaaf na keessaan baatuu.
***
Ani si miidhu illee amala koo jijjiiree

kan narraa hin malle godhee.
Akka qilleensa birraa oliif gadi bubbisee

yoon ta’us nama gadhee.
Nan yaadadha hin dagadhu oolmaa ati naaf ooltee

kan kaleessaaf dheengaddaa.
Garuu si miidha jedhee takkaaf yaadees

hin beeku kun ta’uusaaf nan gaddaa.
***
Gammachuudhaan guutamnee

akka daa’ima xiqqoo

daandiirra yommuu fiignu.
Bara jireenya keenyaa waliin

jiraannan se’e yooman beeke akka diignu.

Mee akkasittan seenaa kaasa seenaa abboota durii

Waan qajeelummaa malee isa hin qabne xurii

Seenaa abbaaf akaakoo darbees kan akaakilee

Oromoon safuu beeka safuudhaanis jiraata.

Kaan rakkatee dhibamnaan waamee wal wajjin nyaata.

Dhibama tokkoo argee tokko harkaa fuudhee baata.

Tokko daa’ima dhabus kuun guddifachaa laata.

—————————–

Guddaan xiqqaan tuffatu harka fuudhee dubbisa.

Qullaa waliis dhoksuudhaaf fuudhee walitti uffisa.

Alanfatee liqimsa sobee dha’een dabarsu.

Dubbii salphaa ho’isuuf qilleensa ittin afarsu.

Jechaan wal hin waraanu nagaa walitti dubbata.

Gorsaaf yaada isa tokkoo inni tokkon hubata.

Miidhamuu tokkoo argee tokko garaan gubata.

Tokko gaddee yoo boo’u kaan kolfee biran darbu.

Ol qabee lafaa kaasa akka seenaan isaa margu.

Imaanaa walii baata ija hamtuu wal hin argu.

——————————–

Nu dhaloonni ammaa immoo kana hundaamaa dagannee.

Akka namaa dubbannee deebinee horii taana.

Balbala duraan seennee karaa duubaarraan baana.

Wal wajjin nyaanna jennee deebima wal nyaanna.

Imaanaa abbaa gannee faayidaa dhuunfaaf kaanna.

———————————

Kun qaaniidha lammii koo harki akkam harka nyaataa?

Haadhoon haadhoosaa ganee akkamiin diinaaf laataa?

Akkamiin kana goona nu nama moo bineensa ?

Galmeen seenaa banamee waa’ee kee maal odeessa?

Gaafa ati obbaafattu jiruu lafa kanarraa.

Dhalliif dhalli dhala kee hojii keerraa maal baraa?

Yeroo lafarra turte maal fa’aa galmeessitee?

Dhaloota duuba keefoo maal fa’aa barreessitee?

Jedhee osoo gaafate seenaa kee duubaa kaasee.

Yoo qorachuu eegale oolmaa kee golaa yaasee.

Deebii akkamii kennuudhaaf maal naa himaa dhaammatte?

Gocha gaarummaa keetiif wabii eenyuun waammattee?

—————————–

Arraba keen kukkuttee haadhoo kan keen madeessiin.

Gaarummaa isaa dhoksitee hammina isaa hin odeessiin.

Horaa bulaa deebanaa!

13499467_294396577560853_1700309934_oBARREESSAAN SOG@ASTU/Seenaa Oromoo Goshuu
GALATOOMAA !

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa