ABJUU KAN AHIIKAA-DHALOONNI WAA FALA-Ilma Boruu’tiin

Mee abjuu kana naa hiikaa.
====

13528851_1028756033861156_6123991688016535581_n
Qe’ee kabajamaa kara deemtuun ol jettee ilaaluuf ija hin jabaanne natti fakkaata. Qe’e seera uumaa fi uumamaan bulu. Qe’ee coomni keessatti muramu bookni keessaa unatamu. Qe’ee dammaaf aannaniiti. Warra qe’eerra darbee baqataaf dawoodha. Ollaan itti goree nyaatee dhugee gala. Kara deemaan haara itti galfatee darba. Kan garaa jabaatee darbuu dadhabes moggaafamee warra qe’ee fakkaatee bula. Maarree gaaf-tokko bulguun gurraachi tokko qe’ee badhaatuu beelaafi gadadoo hin beekne kana akkuma hawwaannisa midhaan weeraruu irra qubate. Seera qe’een sun ittiin bulu balleessee utubaa dhuunfate. Bodas ilmoo fi ilmoo ilmoo isaatii utubaa dhaalchisee baroota dheeraaf abbaa qe’ee of godhe. Bulgichis ta’e ilmooleen isaa dammaaf aannan qe’ee sana qofa osoo hin taane Ilmaan warra qe’ee kan silaa utubaa warra isaanii dhaalan meeqan isaanii golgoleessani. Warra ollaafis hin tolle. Maarree gaaf-tokko ilmaan warra qe’ee wal ta’anii qe’ee isaanii deebifachuuf lolani. Dargaggoo warra ollaa waliin ta’aniis bulguu biyyaa ari’ani.

Dargaggoo waliin lolan keessaa tokko qe’ee warra isaa deebifate. Warri kaan garuu garaan qe’ee badhaatuu sana isaan kajeele. Sababni isaas waan qe’ee kana keessa jiru bareechanii beeku. Maarree gurbaa warri dur baqatanii as galan qe’ee kanatti dhalchan tokko ofitti waamanii gorsan, qe’een keeti jedhaniis gowwomsan. Innis fakkaattiiwwan isaa walitti qabatee ilmaan warra qe’ee irratti shira xaxee qe’ee dhunfate. Qe’eetti waan dhalatee guddateef afaan qe’ees aadaa qe’ees ni beeka. Kanaanis dhalattoota qe’ee sanii gowwoomsuu yaale. Dargaggoonni ollaa kan qe’e isa dhaalchifte gurba kana ija qabdee qe’ee saamuu jalqabde. Maqaa isaatiin ol seenanii cooma muratu, booka unatu. Baksaa dhuganii gurbicha afaanitti haxaa’anii bahu. Diinqa ol seenanii warqee hammaaru, gumbii buqqisanii fe’atanii isaaf giphiitti qicuuf. Osuma ilaaluu haadha warraa isaa jalaa godhanii, intala isaa jalaa gudeedu. Kaan ni hidhu, kaan adda keessa dhahanii galaafatu. Itti dubbachuuf kan qe’e isa dhaalchise isaani, yoo dubbates baksaan afaanitti isa diban irraa cululuqxi, giphii keessas waa jirti ittiin doorsisu. Osoo qe’een saamamuu, Waan ta’aa jiru osuma beekuu caluma jedhe. Jarri dallaa diigdee boroon seenti inni akka waan homtuu hin taanee fulduraan ulaa cufee baha. Keenyanni diigamee mana abbaa fedhetu seenee baha inni ammas nagaa fakkeessuuf balbala cufee deema.

Ilmaan warra abbaa qe’ee jajjaboo silaa shira xaxanii ari’ataniiru, ijoolleen ammoo afaanuu hin hiikannee namni abbaa kanaa jedhuun dhibe. Osuma qe’een saamamuu, osumaa ormi qe’ee keessaa sirbuu, guyyaan guyyaaf, baatiin baatiif, ganni gannaaf bakka gadi dhiisaa ijoolleen gurguddachuu jalqabde. Kan mataa ol qabatte osuma keessaa rukutanii, qe’een galaana dhalootaa ta’e. Dhaloota seenaa qe’ee san isa durii beeku, dhaloota saamamuun qe’ee isaa isa dhukkubu, dhaloota mirga abbaa qe’ummaa isaaf falmatu. Dhaloota raajiitu qe’ee guute. Dhaloota akka cirracha abbayyaa hammaaraan hin fixne, dhaloota qawwee tuffatee bakakkaatti gamutu qe’ee keessa danbali’e.

Qe’een saamamee oneera, keenyanni isaas laafeera, utubaan isaa garuu hin jigne dhalootatu itti dhaqqabe…

Tasa lukkuun “Qube Generetion” jedhee iyyu tokko hirribaa na dammaqse… maali laata?

Dhalootni waa fala

Silaa…
Jireenyi keenya abjuudha
Guyyaa saafaan abjuu garra
Abjuu keenyat nuuf jireenya
gaafa gadi ciisnu jirraa
Dur….
Bara abjuun sodaatamu
Bara jireenyi qananii
Mammaaksi keenya akkas ture
Abjuu sodaa hirriba hin lagatanii
Amma…
Jireenyatu sodaa qaba
Abjuun gammachuun guutuu
Gaaf gadi ciistu jiraatta
Akka ennaa dhaabattuu hin duutu
Kanaaf…
Kaanee ciifna-baallee ijaa qadaaddannee
Ni kurruufna-jireenyatti dugda laanne!!!

Ilma Boruu

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa