ABJUUF BOOSSAA?- Abonketi Fayissa’TIIN

ABJUUF BOOSSAA?

Two_Types_Of_Dream_by_desEXign

Dur gaafa ani ijoollee sana abjuu baay’een abjoodhan ture (ammas ciiseeman jooraa bulaam isoo). Safuu yaa baay’ina gosa abjuu koo sanaa…! Gaaf tokko tokko qeesii warra ortodoksii taabota Sillaasee isa Somboo waggaatti guyyaa tokko (gaafa ayyaana cuuphaa bakka duraan kaa’anii fuudhanii gadi baasanii harbuu Gurmuu jala kaa’anii qilleensa fudhachiisan) sanaatu na ari’aa bula. Gaaf-gaafii ammoo waangoo (jeedala) ani lagan loon tiksutti hiriyoota koo waliin ari’aa ooletu qofaatti na argatee na nyaachuuf na darara. Guyyaa kaanis gogorrii ani kiyyoo hidhee qabadhetu na harkaa gadhiifatee gaabbiin qalbii na dhabsiisaa bula.

Safuu… kan biraan baay’eetu jiraam. Keessumaa ergan mana barumsaa sadarkaa lammaffaa gahee warraaqsa barattoota Oromoo amaleeffatame kana keessatti qooda fudhachuu eegalee, gaafan hin hidhamiinis hidhaaman bula. Ariisaa poolisii jalaa miliquuf baqachaa, takka takka qabameen ifannaa qorataa yakkaa sana dandamachuuf icciitii dhoksaa, hidhamuufis seennaan kaffaltii gatii shaamaa mana hidhaa isa waajjira poolisii naamusa-eegsisaan (achi keessatti egaa “kaappoo” jedhanii waamu) adabamtootaa inni irree furdaa sun nama gaafatu sana waanan kaffalu dhabee reebamaa, geerarsaa fi sirba hidhamtoota bohaarsuu sanattis rakkachaan halkan bariisifadha.

Hahahahahaha… dhiisimee meeqan himee fixa amma ani? Egaa kanneen hundayyu ganama ka’een hangan danda’ee yaadadhe isan gaafa ijoollee haadha kootiif, ergan dhihoo kana qancaree (umriin bilchaadhee) immoo hiriyoota kootiifin seenessa. Kanumti na’ajaa’ibu immoo gaaf tokkollee abjuu koo himadhee gaggaba oolee hin beeku. Harmeen, “Ijoolleen ofiif iyyu abjuudha. Abjuu maal abjootti? ” naan jetti. Egaa akkan qeesii hin jibbineef akkas naan jetti jechuuf, harmeedhumti kooyyu dhaabii qeesii jibbiti. Hiriyoonni koos gama isaaniin “isuma guyyaa yaadda’aa ooltu raftee dubbisaa bulta” naan jedhu. Keessa keessaas isan abjuun baqadhee jalaa bahe ykn rukkutee kuffiise akka injifannoo qabatamaatti hiriyaan naan hiikes jira. Ani egaa rafee abjoodhee namatti himadhees kanan jedhame kanuma.

Edaa namni biroonis hammuma humna isaa inuma abjootataa bula. Abbaa manaa harka-qalleessa haadha manaa isaa jaalatu tokkoofi haadha manaa isaatu utuu waliin rafanii haati manaa halkan kaatee haala jaarsa ishee naasiseen “busuq…” jettee boossi. Abbaan manaas hirriba keessaa dammaqee ka’ee jaartii isaa sossobachuuf:
Abbaa Manaa; “Maali maal na jalaa taate giiftii koo? Maal dhageesse? Hamtuu maaltu bultii keenyatti aggaammate egaa?” jedhee (gaaffiin sarde).
Haadha Manaa; Abjuun abjoodhe. Abjuu kootiin namicha tokkotu qarshii hedduu natti agarsiisee…
Abbaa Manaa; “Ishoo…. Waaqayyotu hojii qarshii baay’ee sana ittiin argannu nuuf mijeessaa jira ta’a maaltu beeka?” jedhe oduu afaan isheerraa butee utuu isheen waan jettu hin jedhiin.
Haadha Manaa; “Konkolaataa bareedaa gati-jabeessa ta’e tokko keessa na seensifatee na fudhatee deemaa jira tureem…” (boo’ichi ishee daranuu itti caale).

Abbaa Manaa; Achii boodahoo?
Haadha Manaa; Achii booda maal qabaree? Kunoo dammaqee ka’een of biraa isa dhabehoo! (Yaa carraa koo abaaramaa kanaa… wayyoo… wayyoo….! Maal ta’a haati koo gaafa na deesse sana ana mannaa dhagaa gurguddaasaa utuu deesseetti ta’e? (Boo’ichi itti caale).
Abbaa Manaa; Maaloo bareedduu koo namni tokkollee si fudhatee deemee si hin boossisu. Anatu siif jira. Amma hin boo’iin kottuu rafi! Kun abjuudhaam. Abjuuf boossaa?
Haadha Manaa; Anaanuu abjuu ta’uu isaa mitiiree kan na boossisu?

Abonketi Fayissa’TIIN

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa