WALALOOFI GORSA TOKKO TOKKO-Obsee-Obseetiin

TOKKUMMAA
~~\\\\\~~~~~~~
Obsee Obsii’tiin

~~\\\\\~~~~~~~
●Mee laalaa sabakoo
Waan diinni hojjetuu,
Gargar nu facaasuun
Bu’aa inni argatuu,
~~~~~~~~~~~~~
■Takka amantiidhaan
Takka dhimma dhuunfaan
Gargar nu facaasuuf
Yoo fiishkaa afuufan!!
~~~~~~~~~~~~
■Amantiin kan dhuunfaa
Kan namuu nun saamnee
Oromummaa keenya
Kan waliin argannee,
Dhugaa jiruun bullee
Sobaaf shira dhiisnee,
Maaloo tokko taanaa
Oromummaaf jennee,
Diinaaf karaa hin bannu
Gargar faffacaanee,
Maaliif wal kenninaa
Diinaaf dabarsinee?
~~~~~~~~~~~
●Bara dhufaa darbee
Seenaa oddessinaa??
Nuti hoo dhalootaaf
Mee maal qopheesinaa??
~~~~~~~~~~~~
■Koottaa wal gorfannaa
Kaaraatti wal deebisna.
Jaalaalaaf tokkummaan
Daandii tokko deemnaa.
~~~~~~~~~~~~
●Alabaa qabanneee
Bilisummaa faarsaa,
Osummoo deebinee
Waluma arrabsaa!!
Garbummaaf cunqursaan
Akkamiin nu dhiisaa!??
Tokko tawu qabna
Kana furmaanmisaa!
~~~~~~~~~~~~
■Dhagayii sanyii kush
Kan oromoo taatee,
Garbummaanis diddee
Hidda jabeeffattee,
Atoo maaf caldhistaa!??
Hin kaatuu hidhattee!?
Dhimma dhuunfaa keetii
Ofumaaf qabattee,
Wanti hunduu kan tawu
Yoo biyya qabaattee,
Maal abdattee teessa!??
Biyya kee saamamtee!!???

13466247_1758480141077622_5066728412571292122_n

EELAA HIN FAYYINE KUTAA 1ffaa

Guyyaan sun guyyaa baay’ee badaa ture. Aduun dukkanaaf iddoo gadhiiste jirti. Dukkannimmo yeroo isaaf haala mijeefatee jira fakkaata. Halkan keessa 3:00 1987 A.L. H. tti. Dubbiiin akkana turte Tolaa fi Siddiseen haadha manaa fi abbaa manaati. Gidduuttis micoo durbaa caaltuu jedhamtu tokko uumataniru, Caaltuun dhalattee reefu waggaa 1 guutti. Haa ta’u malee siddisee fi tolaan hojii baay’umaa nama boonsu hin qaban ture. Siddiseen inumaa homaa hin hojjettu ture. Manumatti caaltuu kunuunsaa oolti. Tolaan garuu dirqama maatisa bulchuun waan irra jiruuf naannoolee adda addaa deemudhan meeshalee adda addaa gatii salphaadhaan fiduudhan naannoorrattimmoo gati xiqqoo itti dabalee gurguruun maati isaa ykn caaltuu haadha manaa isaa horachaa ture. Egaa hardha Tolaaf jireenyi hin gunneef fakkaata, Tolaan meeshaa gurgaraaf bitee fe’atee magaalaa Asallaa irra gara mojootti osoo imalaa jiruu balaa konkolataatin karaarratti hafe.

Guyyaa kana egaa Caaltuu fi Siddiseen kan guyyaan isaanitti halkan itti ta’e. Jireenyi Caaltuu fi Siddisee ni dukkanaa’ee. Caaltuun dayima xiqqoo waggaati, siddiseen hojii homaayyuu hin qabdu ture. Tolaan immoo du ‘aan isaan biraa boqatee jira. Maaliree mallisani??, Haa ta’uu malee siddiseen erga tolaan boqatee booda waan filannoo hin qabneef caaltuu dugdatti baatattee hojii barbaadutti kaatee. Silas maal gotiree wayi qoonqoon dhumuumoo!? Siddiseen ol kaattee gadi kaattee homaa hojii gaarii barbaaddee dhabde. Silas akkamitti ? Caaltuhoo eessa gootee deemtii? Siddiseen naannoo jiraatturraa fira dhihoos ta’ee nama sirritti beektu hin qabdu. Kanaaf hojii homaa dhabnaan caaltuu dugdatti baattee mana namaa qacaramuuf murteessite, galii gahaa argachuu baannus hanga barri darbutti qoonqoon du’uurra nuuf wayya caaluuko jechaa caaltudhaan akka waan ishiin waan jettuun beektu….. kutaan itti aanu itti fufa…

EELAA HIN FAYYINE kutaa 2ffaa

Egaa Siddiseen waan filannoo dhabdeef hojii mana namaa jalqabdee jirti. Siddiseen caaltuu guddisuuf baay’ee dhamaate, Ibbiddi ishii gubee ijji namaa ishii waadde, cinqamtee rakkatte , ofii ishiitiif gaafin nyaachaa gaafin immoo agabuu bulaa, ofi uffata ciccitaa uffachaa, kophee malee miila qullaa deemaa, uffataa fi waan caaltuu barbaachisu hundaa akka humni ishii danda’ee guutaafi guddiste. Haaluma kanaan guyyaan guyyanaan ji’ini ji’aan ,waggaan waggaan bakka bu’aa waggaan 6 darbe. Amma caaltun guddatteetoo, waggaa 7 guutterti. kanaaf egaa caaltuun barumsa jalqabuu qabdi. Wayi hiree siddisee , barachuuf waan meeqa barbaachisa laata? haa ta’u malee siddiseen caaltuun boru barattee bakka gaarii naaf geessi jettee waan abdattuuf, Rakkadhus beela’uus akkan ta’e ta’ee ishii barsiifachuun qabaa jettee murteessite. Caaltuun m/b naannoo sanatti argamutti jechuunis mojotti jechuudha kutaa 1 barnoota ishii jalqabde. Caaltuun guyyaa barnoota seentee baay’ee gammadde. “Harmee obsi anatu guddatee baratee . siif dabarsa homaa hin cinqamiin” jette caaltuun afaan ishii damma sanaan cabaqaa. Caaltuun umurishii xiqqoo taatus harmeenshi siddiseen da’ummaarra jalqabdee gorsaa fi waan hundaa itti himaa waan guddisteef cimtuu turte. Caaltuun barnoota ishii itti fuftee jirti Siddiseenis amma caaltuun waan mana barnootaa biraa ooltuuf akkasumas immoo caaltuu barsiisuf waan baayyee waan ishii barbaachisuuf hojii biroo barbaadutti kaatee. Garuu ammas hojii ishii gaarii barbaaddde dhabde. Siddiseen hojii humnaa hojjechuu eegalte, iddoo fooqin adda addaa itti hojjetamutti deemtee barellaa fi dhagaa baachu eegalte. Ishiinis homaa isaan hin geenye, kiraa manaa , kafaltii m/ b, nyaatasaanii, uffata isaanii akkasumas waan isaan barbaachisu hunda guutuufi hin dandeenye. Sanumoo siddiseen caaltuun akka cinqamtuu fi akka jalaa rakkattu hin barbaaddu. Guyyaa hojii , hojii humnaa , guyyaa boqonnaammoo qoraan fi kobota gurtee gurguruutti kaatee itti fafa..

EELAA HIN FAYYINE KUTAA 3ffaa

Siddiseen akkana jettiin caaltuudhaan” Caalttuko jabaadhuu naaf baradhu osoon sihi bakka gaariin hin gayin rabbi na hinajjesin jettin yeroo hundaa. Caaltunis ” harmee homaa najalaa hin taatuu, baradheen barumsa koos xumuree akkan gatii dadhabbii kee kafalu abdiin qaba” jettin. Caaltuuf siddiseen haaluma kanaan waggaa 16 lakkoofsisa.

Caaltuun barattuu cimtuu fi moodela m/b itti barattuu turte. Caaltuun takka lama jettee kutaa 10 geesse jirti. Caaltuun kutaa gadi anatti qabxii olaanaa galmeessa waan turteef yeroo gabaabaa keessatti kutaadha kutaattii ykn dabili darbudhaan kutaa 10n geesse. Caaltuun qormaata biyyoollessaa ykn matrikii fudhachuuf shurshuraa jirtii. Yeroon isaas gahee qormaaticha fudhattee xumurtee jirtu. Hanga yeroon qormaataa deebiyu gahuutti harmeeshi gargaarutti kaatee abdiudhaan guyyaa qormaanni ishii itti deebiyuuf eeggachaa!
Egaa fulbaannis gaheera bu’aa caaltuu arguuf siddiseenis caaltuunis muddamaniuru.
Guyyaan gaha hin ooltuu, guyyaanis gahee waraqaanis dhufee hunduu fudhatanii caaltuun qofti hafte. Sababnis caaltuun dhumarra fudhachuu waan qabduuf. Barsiisonni fi barattoonni walitti qabamaniiru caaltudhaaf haamilee kennuuf. Caaltuun waan ajaayibaa barnoota hundaa ‘A’ fiduudhaan qabxii hinegamne 4 galmeessiste. Caaltuun gammaddee of wallaalte, fiigichaan gara manaatti galte, siddiseen hojiidhaa galtee buna danfisaa eegde caaltuu. “Harmee” jette caaltuun itti maramtee, “siif qaqqabeeeraam deesseekoo, amma xiqquma naaf obsi” jetteni.

Siddiseenis gammachuu guddina ililchitee hanga ollaan hundi dhagayee dhufutti. Ollaan hundi baga gammadde siddisee, jedhanii biraa galan. Egaa caaltuun university galuu waan barbaadduuf kutaa 11ffaa fi kutaa 12 ffaa itti fuftee xumurtee ammas qabxii ol aanaa galmeessuun dabarte. Haaluma kanaan caaltuun ingineringidhan university madda walaabutti ramadamte. Caaltuun amma terkaanfi tokko terkaanfattee jirti fakkaataa. Caaltuun yeroon gara university deemtuu gaheera. Harmeekoo amma egaa sirraa fagaachuu kiyya ,yaaddoon keeyyuu na ajjeesuu hinoolu jechaa booyicha eegalte Caaltuun, siddisenis caaltuu koo , tokkiittii koo hin booyiin yeroon kuni yeroo gatii dadhabbii kiyyaa ittiin hojiirra oolchituu fi maqaa abbaa keetii itti waamsiistudha. Sittan ammana dhalakoo anaaf dhiisi saba keef biyya keef akka urjii taatuu, anis akka ija koo duraa fagaattu tasalleen hin fedhu, garuu kaayyonkee galmaa gawuu qaba jetteen ishiinis imimmaan harcaasaa.

Haaluma kanaan caaltuufi siddiseen wal hammatanii isaan lachuu imimmaan harcaasaa gargar bahan. Caaltuu gorsaa fi jaalala harmeeshi akka galaatti onnee ishiitti qabattee gara kampasi, siddisen immoo intala ishii takkitti akka ijaatti ilaaltu gaggeessitee gara manaa oldeebite. Caaltuun egaa karoora ishii galmaan ga’uuf mudhii ishii hidhattee kaaterti. Caaltuun baay’uma namatti hin dhihaattu turte. Hiriyaa dhiiraas ta’ee kan dubaraa hin qabdu. Kophaaa deemti, kophaa qo’atti, kophaa ishiit taa’uu jaalatti yeroo baay’ee. Kanaaf university keessattis akkasumatti kophaashii itti fufte. Caaltuu dargaggoonni baay’een sadarkaa elementarirraa jalqabee hanga hardha university geessuu kanatti baay’ee rakkisu turan. Ishiin garuu osuma barbaaddeyyuu dursa kaayyoo kon galmaan ga’uu qaba jetteet yaaddi.

Jaalala keessa yoon gale kaayyoo ko dagachuun danda’a, kanaaf dursa kaayyoo ko galmaan gayeen dadhabbii harmee kootii hojiirra oolchuun qaba jettee of amansiisti. Kanaaf caaltuun jaalallees tayee hiriyyaa baay’ee itti dhihaattu hin qabdu. Yeroo boqonnaa ishiis qo’annaadhaan dabarsiti, yeroo barnoonni cufamummoo harmee ishii biratti deebitee harmee ishii hojii gargaaruun dabarsiti. Haaluma kanaan Caaltuun barnoota ishii universitiis xumurtee eebbifamuuf guyyaan muraasni hafe. Caaltuun milkooftee eebbifamtee nagaan baatii moo maaltuu ishii qunnama ?? Kutaan xumuraa itti fufa….

EELAA HIN FAYYINE kutaa xumuraa
Caaltuun yeroon bu’aa humna ishii fi dhamaatii harmee ishii mana ormaatti daaraa taatee ishi guddistee fi ishii barsiistee akkasumas maqaa abbaa ishii tasa manaa bahee alatti hafee itti dhugomsitu gaheera fakkaata. Guyyaa eebba ishiif halkan tokkotu hafe. Caaltuun karoora ishii hundaa sadarkaa sadarkaadhan barreessaa turte. Caaltuu eebbi ishii boru. Akkuma hojii qabaatteen dursa harmee ishiif, itti aanseemmoo hojii ishii hojechaa abbaa manaa gaarii heerumtee harmee ishiis gargaaraa ijoollee godhattee jireenya gaarii jiraachuuf karoorfatte.

Caaltuun dhaloota ishiitti akka hardhaa gammadde hin beektu. Gamnachuu guddina waan qabdee gadhiistu wallaalte , olseenti, gadi baatii, ni teessi ni kaati…..wanuma taatuu dhabdee.”Harmee siif qaqqabeera” jette caaltuun ofumaashiif.
💔Garuu hawwin ishii hunduu daqiqaa muraasa keessatti ni jijjiirame. Firiin baroota ishii guutuu itti dhamaatee ofiifis nyaatteee harmee ishiis sooruuf qophooftee cilee ibbidda buutee ta’e. Wanti hunduuu ifarraa gara dukkanaatti jijjiirame. Caaltuun mana fincaaniif baatee osoo hin deebi’in achumatti hafte.

Harmeen ishii manaa yoom bari’eet Caaltuun koo eebbifamtee uffata eebbatiin ijji koo ishii arga jechaa bulte. Caaltuun garuu guyyaa dhumaatiif hanga dhumaatti harmee ishiis kaayyoo ishiis waan hundaa gattee deemte. Caaltuun nama hin beekamneen yoo mana fincaaniitii yeroo baatuu karra duratti ajjeefamte. Ganama barattoonni yoo mana fincaanii seenuuf deemaan caaltuun conqolaatee karra mana fincaanii dura ciisti. Caaltuun harmee ishii dhamaatee ishii guddisteerra abbaa ishii bifa isaalleen hin beekne kan waggaa tokkotti ishii gatee deemee filatte fakkaata. Wayi siddisee 😭 haadha caaltuu💔 haadha takkittii,takkiittii sanuu dhabde. Bari’uun hinooluu bari’ee siddiseen eebba caaltuuf mana keeessa olif gadi jechaaa jirti. Wayi haadha gudii ishii hin berktuu!?? Siddiseen bunas danfistee akka humna ishiitti ollaas waammatte caaltuun amma dhufti jettee balbala gadii eeguu eegalte. Caaltuun garuu akka hin dubbannetti hidhamtee, akka harmeeshi akka lubbuu ishiitti jaalattu San hin arginetti sanduqa keessatti saamsamtee gara mana haadha ishiitti fidan. Caaltuun siddisee gattee hanga dhumaatti sokkitee jirti. Siddiseen yoo boo’aa itti ol qajeelan waan wallaalte, tasuma caaltuu kootuu du’ee jette amanuuf ishii rakkise. Amanuu dadhabdee nama biroo isaan duuba ilaaluu eegalte. Caaltuun hin jirtu, caaaltuuuu…… jettee yoo yaamtu hin dubbattu hin awwaattu…. siddiseen naasuudhaan of wallaaltee kufte. Wanti ta’ee hunduu dhugaa itti fakkaachuu dide yaarabbi maaliif jette siddiseen wayi carraakoo jette haatii caaltuu. Caaltuun siddiseetti EELAA HIN FAYYINE itti taatee. Siddisen erga caaltuun awwaalmtee boodaa kophan ishiitti haftee wayi hiree siddisee. 💔💔


Oboolaan dubaraa barreeffama kana yoo obsaan dubbifattan baruumsa jiruuf jireenyaa Egeree kessanii salphuumattii barachuu daandessan jechuudha.

GORSA DUBARTOOTA HUNDAAF.

Dhiirotaaf kana dubbisuun dhorkaadha.
~namni goorsa sammuutti fudhaatuu nama ilaalchaa gaariifi abdii boorii qabuudha.
namni kamiyyuuu naman qaramaa,namarraa barataa,of ilaalaa jiraata kanaa kanan barreesseef ilaalchii shamarraan hedduun gaa’ilaa isaaniif qaban gadi aanaa waan ta’eefiidha.
kessuumattuu yeroo ammaa kaabajni ga’ilaaf qabnuu waan gadi bu’eefidha.
namni hubaatan goorsaa fudhaata,namni gowwaan garuu gorsaa tuffaata.
shaamarran ilaalchaa kessaan kanaan maadala,warrii herumtaanis ta’ee kan heruumuuf karoorfattanii karaa egaa jirtaanis kun isiinif gaaladha,gaalaa jireenyaati.
======
1~Gonkumaa hin irraanfatiin akka abbaan manaa kee sii fuudhe, waan addaa akka hin uumamneef itti gaafatamummaa fi dirqama kee bahuu qabda.
2~ Dadhabina abbaa manaa keetii maatii kee fi hiriyyaa keetti hin himiin, gara fulduraatti gufuu jireenya kee ta’uu waan danda’uuf.
,3~Gonkumaa sababa tokkoof jettee abbaa manaa kee hin jeeqin,
kun mallattoo wal kabajuu dhiisuu waan ta’eef.
4~Gonkumaa ilaalcha kee fi gamnummaa (mood) fayyadamtee abbaa manaa keetti hin dubbatiin, abbaan manaa kee maalitti hiikkachuu akka danda’u waan hin beeknef.
5~Gonkumaa abbaa manaa kee dhiirota kan biraan hin madaalin,
dhoksaan jireenya isaani maal akka ta’e waan hin beeknef.
6~Gonkumaa hiriyyaa abbaa manaa keetii waliin hidhata uumuuf hin yaalin,isaan waliin jaalala uumuun waan siif hin danda’amneef,
waan isaanitti himamu qabuuf abbaan manaa keeyyuu jira waan ta’eef
7~Gonkumaa nama waa’ee abbaa manaa keetii xiiyyeefatu wajjiin wali hin galiin, namni garaagarummaa nama gidduutti waan uumuuf, waa’ee abbaa manaa keetiif itti gaafatamtuun sii qofa ta’ uu beeki.
8~Gonkumaa abbaa manaa keetti hin qaabamiin yoo inni harka duwwaa ta’ee raakkinni isin mudate, jajjabeessuu irraan kan hafe.
9~Gonkumaa haadha manaa qisaasessituu hin ta’iin, yoos abbaan manaa kee immoo sin olitti qisaasessuu waan danda’uuf.
10 Gonkumaa yaada, falmii fi filannoo uummata irratti abbaa manaa keef hin deebisiin, innumti haa deebisuuti.
akkasumas tarii kan keeyyuu deebisuu waan danda’uuf.
11~ Gonkumaa abbaa manaa kee ijoolle fulduratti hin loliin (wal hin dhabiin), dubartii beektuun kana hin gootu waan ta’eef.
12~ Bareedina abbaa manaa keetii mirkaneessuu hin dagatiin, utuu inni of bareechee xumuree sin gaafatin.
13 Gonkumaa hiriyyaan kee abbaa manaa kee waliin hidhata akka uumtu hin eyyamiin.
15~Gonkumaa yeroo mana fincaani fi yeroo uffataa hin ariifatiin,abbaan manaa kee kanaan waan hin mufanneef.
16~ Maatiin kee yookaan hiriyyaan kee erga heerumtee waa’ee heeruma kee yaada kaasu hin qaban, jecha isaan jedhaniif yeroo kee gubuu hin qabdu, yoo isaan dhiisuun si dirqamsiise dhiisu qabda malee.
17~Gonkumaa yaadni kee qabeenya irratti kan xiiyyeefatu ta’uu hin qabu, yoo qarshii isa ol kan argattu ta’ellee walitti fiduu qabda malee.
18~Hin irraanffatiin abbaan manaa yaadaan dhaggeeffachuu barbaadaati, yaadni kee qabamaa itti ta’uu hin qabu.
Walii galtee gaariin gammachuu jireenya ofiiti waan ta’eef.
19~ Yeroo marii yoo yaadni kee kan Isaa olitti hojjetu ta’e gonkumaa ofii kee isaan olitti of hin madaaliin, kun waliin hojjechuu waan ta’eef.
20~Abbaa manaa kee irratti ol-aantummaa hin fudhatiin, abbaan manaa mataa haadha manaa waan ta’eef.
21~Haati manaa dadhabduun maal-na dhibdee haadha manaati, isheen qaamnumti isheeyyuu akka dhokfamu hin beektu.
22~ Abbaan manaa kee akaakuu ittoo nyaataa gaarii fedhaa?? Haala ittoo nyaata kee foyyeessuu yaali, abbaan manaa nyaatatti waan hin qoosneef.
23~ Gonkumaa abbaa manaa keetiin hin morkatiin(wal hin dhabiin), Yeroo qabdu hunda seeran fayyadami qabeenyi kee akka dabaluuf.
24~ Dhufaatii abbaa manaa keen dura burchuqqoo (baattuu bishaanii) qopheessii kaa’i, akkasumas namni kamiyyuu mana kee yeroo dhufuuf.
25~ Dubartii waa’ee heerumaa ilaalcha gadhee qabdu wajjiin walitti dhufeenya hin uumiin.
26~ Mana dhaabuun kee siif gatii qaba, innis akka ilaalcha mataa keetittidha, of jibbaa jiraachuun garuu gatii hin qabu.
27, Ijoolleen eebba (kennaa) waaqayyooti, kanaaf ijoollee kee jaall’adhuuti sirritti isaan barsiisi.
28~Ati Gonkumaa mana kee to’achuuf dulluma hin qabaatiin, sababa kamiinuu yaada fi bakka atii manaa fi maatii keef qabdu gonkumaa hirr’achuu hin danda’iin.
29~ Haati manaa kadhaannaatti jabaattuun baayyee aboo-qabeettiidha, Yeroo hunda abbaa manaa kee fi maatii keetiif kadhadhu.
Waan dubbistaniif galatooma!!!
Waaqayyoo sin haa Eebbisuu….

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa