GAA’ELA MILKAA’INA QABU QABAACHUUF DHUDHALEE NU BARBAACHISAN SADDETTAN! -Tamasgeen Axinaafuu’tiin

GAA’ELA MILKAA’INA QABU QABAACHUUF DHUDHALEE NU BARBAACHISAN SADDETTAN!

0b5d3a8466472a64055df64f10cd2162

“ Gaa’ela keessatti milkaa’uun nama gaa’elaaf mijataa ta’ee argachuun miti. Nama gaa’elaaf mijatu taanee argamuuni malee.” _Barnet R. Birikner Wagga lamaan dura aniif maatiin kiyya jireenya salphaa ta’e tokkoo geggesaa turre. Waan waliin isaa hin beekamne mana keenya keessatti walitti qabamuun qarshii,humnaafi yeroo keenya saamaa jirachuu isaa barree. Kanaaf imala waan qabnu gurguruu, gargaarsaan nama biraaf gumachuu, akka deebi’ee hojiitti seenuu gochuufi ballesuu yada jedhu qabanne socho’u eegalle. Kana gochuun keenya Murtii jirenyaa kenyatti murteessinee keessa isa baay’ee gaarii turee. Yeroo waan mofa’ee jireenya keessa jiru ballesuu egallu gutumma gutuutti addunyaa haaraa nuf banamee agarra. Waan gatii gudda laannuf irra caalaa yeroo akka qabnu hubanna. Sababa kanaaf yeroo irbaata itti nyaatnuu dheeraa qabanna, matii waliin karaa gubba deemuuf yeroo arganna, akkasumas qarshii baay’ee waan gatii qabuu irratti baasnuu nii qusanna…Fakkenyaaf yeroo bashananaa handaara bishaanitti qarshii ittin dabarsinufaa. Waan hin barbachisne jireenya keenya irra ballesuun waan barbaachisaa ta’eef xiyyefanno akka laannuf nu gargaara. Eegaan nuttis jireenyi dhugaan akka achitti argamuu kalaqannee.

Yeroo hedduu gaa’eelli keenya daandii ta’ee tokkoo hordofa turee. Jalqaba irratti,yeroo wal malee homaa hin qabnee, xiyyefannon keenya akkamiin gaa’ela gaarii ijjarra irra jira. Yeroo waliin jiraaxchaa deemnu garuu jinniin dhuftee jireenya keessatti kuufamaa deemuun gaa’ela milkaa’ina qabuu geggesuuf wantoota nu barbaachisan irra nu faggesaa deemuu. Battaluma kana waa’ee ga’ella kenyaa achi gatnee gatii mana keenyaa yadda’uu eegalla. Gaa’elli keenya fayya ta’uu irra dabtarri qusanoo yeroo sooroma baanuu nagaa ta’uusaf yaaduu eegalla. Nama sire irra ciisu caalaa konkolataa keenya mana gaarajii jiruuf xiyyefanno lachuu eegalla. Wantrootnii rakkina uumann mana keenya keessatti walitti qabamuu waan eegalaniif qarshii,humnaafi yeroo keenya irra caala nu jalaa fudhachuu eegaluu. Sana booda waan gaa’ela keenya geggesuuf baay’ee barbaaachisoo ta’aniif kan irra nuuf hafu waa xiqqoo taatee agarra. Cimdiin oggumaa qabana manni bareedaan, konkolaataan, akkasumas qarshiin ga’aa yeroo soroma baahan itti fayyadaman dabtara qusanno irra qabaachuun garii akka ta’ee beekuu, garuu gaa’ela milkaa’ina qabuu ageggesuu akka hin taanes nii hubatu. Dhudhalee barbaachisoo ta’an kan biroon hedduu akka ta’an nii beekuu. Kana sababeeffachuun qarshii humnaafi yeroo isaanii GAA’ELA MILKAA’INA QABU QABAACHUUF DHUDHALEE NU BARBAACHISAN SADDETTAN haala isaaniif argamsiisu irratti fayyadamuuf.

1) JAAd75e9591b286ede2ae83d7273411a0e4LALAAF AMANAMUU. Jaalalii nama jaallataniif amanamumma qabachuudha. Jaalalli haala filmii nutii yeroo baay’ee kara fodaa TV kenyaa ilaallu fi asoossama waa’ee jaalalaa irrattii barrefamee argamuu eessaf eessatti caala. Mirri nii dhufas nii deemas, garuu murranoon aarsaa dhugaa kaffaluu barabaraan jiratuu jaalala dhugaa jedhama. Bu’aa ba’ii jireenyaa keessatti, jitreenyi toluus baduus jaalalli dhugaan jiraatadha. Yeroo haalotnii qixa qabatanii deemaa jiranitti aarsaa jaalaltii dhugaan nurra barbaadu kanfaluun salphaa ta’uu mala. Jaalaliin dhugaan garuu kan ibsamuu haala hin mijjanee keessatille hammam jaalala sana tursuuf cimnee akka dhabbanee jiruun safarama.

2) WALQUNNAMTII SAALAA ILAALCHISEE AMANAMUMMA QABACHUU! Amanamuuma Walqunamtii saala gaa’ela kessatti qabaachuu jechuun qaamaan walqunnamtii nuun rawwanuu olii. Ijaan,sammuun, onneen akkasumas qalbii keenyaan ejuu dandeenyaa. yeroo nama kanbiraa waliin walqunnamtii saala gochuu hawwinuu, amantaa walqunnamtii saala irratti gaa’ela keenya keessatti qabnuu aarsaa gochaa jirra. Walqunnamtii kee yeroo hundaa kunuunsuun gutumma gutuutti hariyaa gaa’elaa keef laadhuu. Ejuu dhiisuun waan dhufu ilaaluun namuusa qabachuu baruu jechuudhaa. Waanta ija kee,onnee keefin qalbii kee qabuun akka atii ejjitu si godhuu didii.

3) HIRIYAA GAA’ELAA KEEF KABAJA QABADADHU! Hundii keenya dadhibina kan qabni yeroo ta’u hariiroon ammo dadhabina kunneen waan adunya kana irra jiru hundaa ol ifatti baasa. Gaa’ela gaarii ijaaruuf bilokettin baay’ee barbaachisaa ta’ee dandeetti ati nama waa hundaan ga’umsa akka hinqabne ta’uu kee ibsu amntee fudhachuu, doggogora nama hojjetu ta’uu kee beekuufi dhiifama gaafachuu keetii. Anatuu caalaa hiriyaa gaa’elaa kee irratti agarsiisuun walitti mufachuu waan fiduufi hariiroon kee fuldurratti akka hin deemneef gufuu sitti ta’aa. Yoo kanaan miidhamtee jirta ta’eeqalama kee kaasii safiisaan waan hiriyaan gaa’elaa kee sicaalaa dalagdu sadii katabii. Kana shaakaluun akka atii hiriyaa keef kabaja qabatu sigargaaraa. Yeroo barbaachisaa ta’etti irra deebiin dalagii.

4) OBSA/ GARAA DHIIFAMAA! Ergaa namnii doggogora hindalagne hin jiraanne, obsiifi garaa dhiifamaa qabachuun gaa’ela milkaa’ee qabaachuu irratti bakka ol’anaa qaba. Gaa’ela keessatti ciimdiiwwan milkaa’ina galmeessan walii isaaniif obsaafi garaa dhiifama walii isaniif godhu kan dhuma hin qabne qabuu. Doggogora isaanii osoo hin dhoksiin kan amananiifi namnii kamuu doggogoruu nii mala jedhanii yaaduu. Badii yeroo darbee kaasuun wal hin cinqan. Yeroo doggogorii uumamuus doggogora uumameef benyaa fudhachuu ykn haaloo bahuu hin yaadan. Yeroo darbee keessatti yoo hiriyaa gaa’elaa keen midhamtee kan jirtu ta’ee, dhiifama godhiif. Onneekeefi hariiroo keef billisumma laataa.

5) YEROO- Hariiroof yeroon hin kennamu taanaan hojjechuu hin danda’uu. Walitti dhufeenya milkaa’ina qabu nuti jennu yeroo qulqullin qabukan itti yaadamee yoo waliin dabarsinedha. Yeroo qulqullina qabu ammo baay’ina malee kan inni jiraachuu danda’u darbee darbeetii. Hariiroo atii hiriyaa gaa’elaa kee waliin qabdu ammo baay’ee isaa kaaniin ol kan ta’eefi gadiifageenya qabachuu waan qabudha. Kanaaf walitti kamuu ol yeroo kenuufiin barbaachisaadha. Yoo kan siif danda’amuu ta’ee guyyaa guyyaan hiriyaa gaa’elaa keef yeroo adda ramadiif. Bellamnii halkanii ammo lamman keessanii waan miidhu miti.

6) HAQAAFI AMANAMUUMMA– Gaa’ela keessatti dhudhalee kun lameen baay’ee barbaachisoodhaa. Garuu amanamuumman yeroo gafaataa. Ofiitoo ta’uu dhiisuu dandeessa,kutannoo qabachuu dandeessa,obsas qabachuu dandeessa. Ta’uus amanamumman yeroo gaafachuun isaa hin hafu. Amanamummaan qaba kan nuun jedhamnuu torban,ji’aa ykn waggaa booda erga bakka niin jira jenne dubbanne sanatti jiraachuu keenya mirkaneessinee ykn bakka itti niin argama jenne sana genyee yoo argamnedha. Yeroo waan gaafatuuf ammuma kana jalqabii…Yoo Amanamumma irraa deebiin jireenya keetti fiduu barbaada ta’ee irra caalaa ifaajii so gaafataa!

7) WALQUUNAMTII! -Cimdoonnii gaa’ela isaanitti milkaa’inaa argataan hamma danda’aman walquunnamuu. Waa’ee sagantaa ijoolle isaaniif baasanii, Waa’ee waan bituu qabanii fi Waa’aa kanfaltii rawwatanii waliin mari’atuu. Kana qofaan garuu hin dhaabbatanii. Waa’ee waan abdatanii, abjuu,Sodaa Aarii isaanii ibsachuufille wal qunnamuu. Waa’ee jijjirama Ijoolle isaanii irratti argame qofaa osoo hin taane waa’ee jijjirama onneefi qalbii isaanii irratti ta’eelle nii mari’atuu.

8) OFIITUMMA IRRAA BILIISA TA’UU!- Yoo qorannoon hin ibsuuf kan ulfaatu ta’ellle gaa’elli baay’een kan diigamu offitummanii. Qorrannoon akka jedhutti kan ceepha’amuu qabu maallaqa, Of kennu dhabuu,ejjumaa,waliigaltee dhabuu haa jedhan malee sababnii inni guddaan offitummadhaa. Namni offitoon ofii isaa ykn ishee qofaaf waan yaadaa nama biraaf obsa kan hin qabneefi akkamiin akka cimdii gaa’elaa gaarii ta’uu baruu hin danda’aa. Hawaii,abjuu fi jireenya kee hiriyaa gaa’elaakeef qoodi. Sana booda jireenya waliin jiraachuu eegalaa. Qabxiileen armaan olitti ka’aan sona gaa’eelaa jechuun waamuun hin danda’amaa. Kanaaf qajeeltoon kunuunsii waan qabduu irratti baasii.Waan armaan olii cufa galmaab gahuun jireenya kee hundaa Si gafaachuu danda’aa. Garuumoo fudhachuutu irra jirasii.Waan hundaa ol gaa’elli milkaa’inaa qabu waan yeroof akkasumaan jireenya keessatti duukaa fiignu hundaa nii caalaa.Barabaraan nu waliin jiraatas!

12193593_811966472249309_3558065771051423697_n

Kan hiike:Tamasgeen Axinaafuu

Maddaa:http://www.becomingminimalist.com/8-essentials-for-a-successful-marriage/

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa