WALIIN HAA MARI’ANNUU, FURMAATA BARBAACHA-Latii Hambaa Oromoo

WALIIN HAA MARI’ANNUU FURMAATA BARBAACHA.

CLIPART_OF_15195_SM_2

Egaa anis jaba jedhee jalqabuu akkuma hangafoota keenya warra dur Ollaa wajjiin Buna yemmuu dhuganii sana.Oromoon saba waan hundumaan of danda’e akka ta’e addunyaa maratu beeka.Kunis Afaan,Aadaa,Duudhaa,Amantii,Seera,Heera,Mallattoo ittiin beekamu(ODAA),Qabeenya uumamaa kan Uumaan badhaasa godhee biyya keenya keessatti uume,…….fi k.k.f n yoo ta’u hundumti isaanii bu’aa of danda’aa ta’e kannen mataa isaanii qabu,ni laatus.Wantootni kunniin hundinuu iddoo isaanii gad-lakkisan taanaan miidhaa gurguddaa qaqqabsiisu.

Fkn: Mariidhaaf osoo ODAAN jiru muka kan biraa jala taa’u yoo ta’an kun dogoggora guddaadha.Afaan ofii dhiisee kan ormaatti dhimma bahuun salphina.Itti fayyadamuu danda’a;garuu kan ofii dhoksee kan ormaa mul’isa taanaan nama sammuu gateen/maraateen garaagarummaa hin qabu.Akkasumas Aadaa fi Duudhaa isaa,Seeraa fi Heera isaa,mallattoo fi qabeenya isaas akka akka kophee miilatti kaawwatamuutti ofii gadi kaa’a ykn ofii gaditti ilaala yoo ta’e kufaatii carraa ka’umsaa hin qabneedha.”Haaki jedhan waa tufan mammaakan waa himan”jedhu mitiiree Sabni keenya,anis akkasumaan yaada kana hin kaafne. Sababiin ka’umsa yaada koos akka armaan gadiitti yemmuu ibsamu:

1. Taajjabbii /waan taajjabe ibsa isaa gabaabatti.
2. Maal gochuutu nurraa eegama?
3. Xiyyeeffannoo isaa maalirratti osoo ta’ee jijjiiramni dhufuu danda’a?

 Qaama ciminaan hojjatuu fi kan irratti hojjatamu.
4. Kunis gosa qabsoo keessaa isa tokko akka ta’e haa beeknuun dhaamsa.
 “Horii abbaan gaafa cabse ormi ija balleessa.” Anaaf si caala kan afaan keenyaaf quuqamu jira jedhee hin yaadu,yoo jiraates fixeensa ganamaati.

 Of hin garboomsiniitii jalaa bahuudhaaf ka’i.Osoo afaan of danada’aa qabduu kan ormaatti maaliif rakkatta? ,kankees maaliif dagattee lafa keesse? Gaaffii seenaa jalaa bahuudhaaf osoo lafaa kaaftee akkam gaariidha. Iddoo itti si barbaachisuun alatti afan ormaa qabeenya kee godhattee yeroo hundaa dhimma itti bahuu irraa of qusadhu. Ati yoo akka liqimfamu goote silumayyuu liqimsuuf kan yaalaaran danuudhaa haala salphaadhaan balbala argatu waan ta’eef isa saaqameeyyuu cufi kan biraa immoo akka hin saaqamne cufaa gama keen jiru jabeessi!

A. Taajjabbii

Dhala namaa ta’ee erga uumamee gara dachee kanaa dhufee wanta ilaaluu fi wanta dhagahu irraa muraasas yoo ta’ebaay’ee kan gaaffii itti hin uumne qaba jedhee kanan yaadu hin qabu. Anis kanumarraa ka’uudhaan wantan taajjabee yeroo hundaa ciniinsuu dahumsa malee natti ta’aa ture waanan qabuuf dirree marii keessatti ‘ciniinsuun koo in milkaa’a.’ yaada jedhu qabadhee dhufe. Afaan keenya,afaan OROMOO,sirnaa fi seera barreeffamaa kan mataa isaa danda’e akka qabu beekamaadha. Jiraachuun seeraa tajaajila mataa isaa danda’e akkuma kennu,afaan keenya kanaafis sirnii fi seerri barreeffama jechootaa,kan itti fayyadama sirna tuqaalee,duraa duuba yaadaa eeguu fi k.k.f bu’aa mataa isaanii qabu. Garuu seerota kanneen keessaa tokko yoo cabe ergaan darbu ibsa gahaa wajjiin hin darbu. Akkasumas sababa seeraan yaadi hin ibsamneef namni dubbisus miira malee dubbisa. Miidhaawwan kana malees cabuun sirnaa fi seera barreeffama jechootaa fi himoota AFAAN OROMOO gufuu guddaa guddina afaanichaa ta’ee argama.Gufuun kun ka’uu kan danda’u yoo maal ta’e?(yaada mariiti.)

Guutummaa yaadichaa ol kaawwadhee wantan taajjabe keessaa muraasa yemmuun ibsu:

i. Guyyaa tokko mana kitaabaa irraa kitaaba tokko dubbisuuf naaf bitaa jedhee dhaamsaan bichisiifadheen ture. Namni kunis akkuman barbaadeen kitaabicha bitee naaf fide. Anis seenaa kitaabichaa gurraan dhagahe malee ofii koo dubbisee hin argine waan ta’eef akkuma kitaabichi naa dhufeen fedhii guutuudhaan dubbisuuf fudhee taa’e. Tokko jedhee dirra isaa irraa kaasee hamma galataatti obsaan adeemee,sana booda baafata isaa itii fuufee dubbisuu hin dandeenye.Sababa isaa maal akka ta’e tilmaamuu dandeessuu laata? Sababni isaa jechoonni yaadicha barreessaa sanaa ibsan seeraan qubeeffamanii waan hin jirreefidha. Anaaf beelli koo beela ta’ee hafus baay’ee gaddeen kitaabicha lafa kaa’e.kana qofaa miti isheen kun balbala saaqxi jedhee akka fakkeenyaatti fudhadhe malee.

ii. Torbaan darbe kanas obboleessi keenya Barreessaa/Barsiisaa/Faarfataa EEBBISAA BAAY’ISAA kitaabilee lama akka maxxanse karaa miidiyaatiin yemmuu beeksisu;kitaabilee lamaan keessaa tokko dirri isaa(cover page)dogongora qubee tokkoo qaba. Kunis ‘DIRREE’ kan jedhu ‘DIREE’ jedhamee barreeffameera.Isa kanaaf immoo rakkinni kan isaa osoo hin taane kan maxxansitoota mana maxxansa kitaabilee akka ta’e obboleessi keenya ragaa fuula maxxansaaf laatame sana wajjiin ifa taasiseera. Osoo ragaan kun jiruu namoonni baay’een Harka Ulee hin qabanneen reebicha gurguddaa nama kanarraan gahaa akka turan yaadni isaan ‘comment’dhaan ibsan ni mul’isa. Kun maaliif ta’e laata? (Ibsi isaa yaada marii keessatti haa ta’u).
Wallaalumni keenya unurra darbee qaama kan biraa miidhaa gurguddaadhaaf saaxila.
Osoo namoonni sun hin dogoggorre ta’ee rakkinni akkasii uumamaa? Kanaaf hoo furmaanni maali?(yaadota marii)

Qomoodhaan OROMOO ta’ee mariidhaaf ykn seera tumachuuf ODAA dhiisee muka kan biraa jala yoo taa’e(iddoo Odaan hin jirre irraan kan hafe),ilillii fi daraaraa,magariisaa fi k.k.f ‘n ala harka duwwaa irreeffachuuf malkaa yoo bu’e,safuu fi duudhaa isaa gola kaa’ee kan laga gamaa yoo hordofe,….. akkam fokkisa? Akkuma armaan olitti ibsuuf yaale wanti kamiyyuu kan OROMOO kan ta’e OROMOOF hiika mataa isaa danda’e qaba. kanaaf jechoonni afaan Oromootiin barreeffamanis akka ta’uu qabutti ykn akkaataa barreeffamuun isaaniif ta’utti yoo hin barreeffamne(Laafaa,Dheeraa,Gabaabaa,Irra butaa,Qub-guddeessa(Capilization),Hudhaa,Diigala/Jecha tishoo,……) rakkina mataa isaa danda’e qaba. Ergaan seeraan hin darbu. Yaada ifaa ta’e hin kennu. Kallattii yaadichaas in jijjiira.akkasuma immoo hiikkaa jechaas ni jijjiira.kanaaf osoo seeraan barreessuudhaan afaan keenya guddisuu keessatti gahee mataa mataa keenyaa baanee akkam gaariidha.

iii. Yeroo baay’ee Waajjiraalee fi Biiroolee garagaraa keessatti akkuma Afaan keenya Afaan hojii akka hin taaneef garboonfataan cunqurse namoonnis dirqamaanis ta’ee tolaan afaanicha ormaatti dhimma kan bahan argina. Warra hin beekne itti hin murteessinu,garuu osoo beekanii afaan ofii dhiisanii kan ormaatti warri fayyadaman gartuulee garboonftaa irraa adda hin bahan.Warroonni dirqama itti ta’ee wallaalanii itti fayyadaman gara fuulduraatti akka baratan haala mijeessuun fala.Haalichi immoo akkamitti mijaa’uu danda’a?(gaaffii marii) Kanneen barreessuu fi dubbisuu osoo danda’anii kan ofii lafa kaa’anii kan ormaatti rakkataniif sirradhaan gorsa kooti.

B. Maal gochuu qabna? Maal irrattis haa xiyyeeffannu?

“Horii abbaan Gaanfa cabse Ormi Ija balleessa.”akkuma jedhamu nuyi seeraa fi sirna isaa eegnee barreessuu hin beeknu yoo ta’e ormi ittuu quuqama tokko malee dhoqqee itti diba. Yeroo baay’ee yaadi sammuu namootaa keessaa maddee afaaniin dubbatamu yaada”Harree ganama badde kurri kurriin galgala hin galchitu.” jedhuun kan wal fakkaatu yoo ta’u,kun danqaraa karaa kaa’ameedha malee osoo guddaaf xinnaa,beekaaf hayyuu kumaatamaan lakkaa’aman qabnuu jijjiiramni hin dhufu jechuun soba dhugaa wajjiin falmii qabateedha. Dhaloonni qubee qixa baay’een hojiiwwan boonsaa hojjataa akkuma turan,kana boodas ni hojjatu. Galmeen dhaloota qubee seenaa boonsaadhaan kan guuttameedha. Kun onnachiistuu keenya ta’ee ammas dogoggora seeraa fi sirna barreeffama AFAAN OROMOO keessatti uumamu kana fala itti laachuudhaaf dhaloota sadarkaa barnootaa 1-4 keessa jiran irratti ciminaan hojjachuun fala tokko yoo ta’u; warroota qixa adda addaa irra jiraniif hoo ‘maal yoo ta’e falli kun isaan qaqqaba?’ Kan jedhu yaada mariiti.Uumaa dhaloota kana uumeef dursa galata jechaa,dhaloota yeroo ammaa jijjiirama sadarkaa addunyaatti ta’aaru fidaaraniifis galataaf jajjabina kudhaamaa,akkuma kanaan dura afaan keenya afaan ‘Computerized’ta’e akka ta’uuf gaheen guddaan bahamaa ture,bahamaas jiru ammas karaalee miidiyaa fi qixa danda’amu hundaan sirna barreeffama jechootaa fi himoota afaan keenyaa kana dhaloota hubachiisuun dirqama hunda keenyaa akka ta’e beeknee irratti haa hojjannuun dhaamsa kooti. Muummee barattee baateen daangeffamtee cal yoo jette seenaan bor gaaffii si gaafateef deebii si biraa dhabuun quuqama guddaadha.Muummee afaanii qofa barachuun ulaagaa afaan guddisuu nama hin guuchisu. Maaliyyuu baradhu guddina afaan keetiitiif quuqama qabda yoo ta’e muummeen ittiin barattee eebbifamte sin daangessu,nan daangessu,nun daangessu. Fkn an muummee ‘STATISTICS’n eebbifame,garuu wanta ta’amaa jiru kana bira darbuu akka hin qabne isa duraa caala dhimmee gama naa danada’ame hundumaan hojjachuuf asumaan waadaa gala.

Kan xinnoo beektu isa womaa hin beekne hubachiisi,baay’ee kan beektu isa muraasa beeku irratti dabaliif. Waan harkaa qabdu ofii kee qofaaf itti hin fayyadaminii dhalootaaf hiri,beekumsa kee gola hin kaayin adunyaan itti haa fayyadamtuu gad-baasi ogummaa uumaan siif kennetti fayyadamii!
“Dubbiin baay’ateef Harreetti hin fe’an.”

“Ogeessi dubbii hin eegu fuula irraa dursa waa hubata.”yaadi koo ifa jedheen yaada.
Gindillaa baroota baay’eef nurratti fe’ame,garbummaa sirna bulchiinsaa, ofirraa dhabuuf ykn kuffisuuf yeroo akkuma gahe,kana boodas dogoggora uumamaniifis furmaanni nu harka akka ta’e beeknee adeemsa keenya haa saffisiisnuu. Akkuma beekamu qabsoon finiinee yeroo kana sadarkaa idil-addunyaatti beekame kun ulfa tokko qofa kan kan qabu akka hin taane ifadha. Kanneen keessaa kunis isa tokko. Wajjiin haa kaanuu ammas,boris.

HORAA BULAA!
INJIFANNOON GALAA!

Latii Hambaa Oromoo, Oromiyaarraa!

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa