SABA OFIIF MALEE ORMAAF LOLUUN DHAABBACHUU QABA-Dhaamsa Qeerroofi Qarree Oromoof

Ofiif Malee Ormaaf Loluun Haa Gahu!
(Ijoo Dubbii ABO)

 

Waxabajjii 15,2016) Qabsoon walabummaa biyyaa fi bilisummaa ummatootaa argamsiisuuf mootummoota Itiophiyaa sirna loogummaa fi jibbiinsaa tarkaanfachiisan irratti adeemsifamu dhalootaa dhalootatti dabraa har’a gahe. Gaaffileen bara dheeraaf ummatootaan kaafaman, gaaffiin mirga dimokraasii, walabummaa fi bilisummaa har’ayyuu deebii hin argatne. Qabsoon ummatootaa baroota dheeraa kun jijjiirraa hundee argamsiisuu hanqatuu irraas, warreen aangootti dhufan ummatoota hunda tajaajiltuu godhatuun saamaa jiraatuu kanneen barbaadanii ala tahuu hin dandeenye. Nagaa waaraa, dimokraasii fi bilisummaa ummatootaatti kan hin amanne, dantaa murnaa fi ummata murtaawaa kabajsiisuu kaayyoo godhatanii ti kan aangootti ol bahan.

Uumama Itophiyaa irraa eegalee mootummootni biyyattii irratti aangomanii osoo lola hin seenin dabran hin jiran. Biyyoota olla halaalaa fi dhihoo akkasumas walii isaanii gidduu hedduutu adeemsifame. Loloota kanneen keessattis kan namaanis tahe qabeenyaan miidhaman ilmaanii fi qabeenya ummatoota cunqurfamoo ti. Ummatoota cunqurfamoo keessaas Oromoon durummaan kaafama. Kan yeroo fagoo dhiifnee loloota jaarraa walakkaa as adeemsifaman keessatti dirqisiifamaniis tahe fedhiidhaan hirmaatnaa qabaniin kan ilmaan Oromoo dorgomu hin jiru. Lola hunda keessatti baay’inaan akkuma hirmaatan heddumminaan wareegaman. Miidhaan qaamaa fi qalbii irra gahe. Lola keessatti hirmaatuun wareegama baasuu qofa osoo hin taane, lola adeemsifamu mara qabeenyaan utubuun dirqama Oromoo taasifamee qabeenya ittiin saamameera.

Lola Adwaa irraa eegalee mootummootni Itophiyaa hundinuu kan Oromoo hawwatanii fi barbaadan wayta lolaa qofa akka tahe seenaa irraa hubachuutu danda’ama. Lolli wayta xumuramee aangoon isaanii amansiisaa tahutti ammoo karoorri isaanii golgaa Itophiyummaan Oromummaa irratti duuluutti jijjiirama. Saamichaa fi cunqursaa babal’isuun Oromoo deegsuu irratti bobba’ama.

Ilmaan Oromoo loloota hedduu keessatti gootummaa fi of qusannaan alatti lolanii mootummaan Itophiyaa akka injifatu taasisan illee, injifannoo argameen kan badhaafamanii fi muudaman kanneen lola keessatti hirmaatnaa homaatuu hin qabne aangoo mootummaa of harkaa qabani dha.
Gootota ilmaan Oromoo lola Adwaa keessatti gootummaan isaanii akka urjii ifee mul’ate,
Lola Somalee waliin marraa sadii godhame keessatti kanneen seenaa gootummaa galmeessan,
Lola Erteraa waggaa Soddoma godhame keessaatti kanneen Jeneraalummaa fi sadarkaa adda addaatti lolaa fi lolchiisaa turan,

Lola Wayyaaneen Erteraa lolte keessatti kanneen lolanii fi fanjii karaa irraa haxaawaniif irra guddaan ilmaan Oromoo tahan illee, kan ittiin guddatanii fi jiraataa jiran, kanneen aangoo siyaasaa of harkaa qaban tahuu Generaalota Tigrootaa %98 tahan ilaaluu qofti shira bittootni Itophiyaa ilmaan cunqurfamoo irratti hojjatan bareechee agarsiisa.

Mootummootni Itophiyaa wayta aangoon isaanii gaaffii jala seenuu fi mormiin ummatootaa itti jabaatutti, yaada ummatootaa qixa biraatti jallisuuf, akkasumas, mararfannoo hawaasa addunyaa argatuuf diina halaalaa fi dhihoo uummatu. Mootummaan Wayyaanee dura ture, Impeeriyaalizmii, Arabaa fi Erteraa osoo balaaleffatuu umriin bittaa isaa dhumate. Mootummaan Wayyaanees fincilaa fi diddaa ummatootaa roga hunda irraan mul’ataa jiruun muddame Erteraa fi shororkeessitoota maqaa dhahuun ilmaan ummatoota cunqurfamoo lola biraa seensisuuf dibbee lolaa dhaanuu jalqabee jira.

Ilmaan ummatoota cunqurfamoo addatti ammoo ilmaan Oromoo kuma kudhanoota danuun lakkaa’aman har’a Kaaba Itophiyaatti argamu. Kana malees dirqama tajaajiltummaa Wayyaaneen ofitti fudhateen Somaalee keessatti kan argaman kumootaan lakkaa’amu. Hundinuu biyyaa fi ummata hin beekne keessatti maatii fi fira irraa fagaatanii dahannoo keessa jiraatan. Kan dhama’uu fi dararamu, kan beela’u fi dheebotu, kan wareegamuu fi madaa’u, ilmaan ummatoota cunqurfamoo tarree lolaa duraa keessatti hiriirfaman kanneeni. Har’a Ilmaan Tigrootaa ajajoo malee ajajamoo miti. Bakka hamtuu fi wareegama gaafatu irraa fageeffamanii jiran. Maatii waliin baka nagaa jiraatu. Halaala taa’anii ilmaan cunqurfamoo ibidda lolaatti naquu fi fanjii irra oofuudhaan akkuma kumootaan ficcisiisanii aangoo isaanii tikfatan, yeroo ammaa kanas ilmaan cunqurfamoo lola isaan hin ilaallee fi hin fayyadnetti oofuudhaan ittiin umrii bittaa isaanii dheereffatuuf karoora lolaa baasaafii jiran.

Mootummaan faraqaan aangoo irra dhufu hundi humna namaa Oromoo fi qabeenya Oromoo abdatee lola bana. Haa tahu malee as irrattti Oromoon fayidaa maaliif bara baraan mootummoota Itophiyaaf lolaa jiraata? gaaffii jedhu kaasuun dirqii taha.Ilmaan cunqurfamoo lola kamuu keessatti hirmaatan fayidaan argatan himamu tokko illee hin jiru. Kumaatamaan miidhamuu fi qabeenyaa guddaa ittiin dhabuu malee. Ammas marsaa biraaf Mootummaan Wayyaanee ilmaan Oromoo waggoota 25f, saamaa, ajjeesaa, hidhaatti guuruun dararuu irratti argamu Erteraa lolsiifatuuf sossobatuu irratti argama. Akeekni lola Wayyaanee ifaa dha. Fayidaan irraa argatus beekamaa.

Wayta ammaa kana keessa ummatootni Itophiyaa maalummaa Wayyaanee hubatuu irraa of irraa gatuuf qabsaawaa jiran. Gaaffii eenyummaa Kaaba empaayera Itophiyaa fi Kibba Ummatoota Itophiyaa keessatti belbelaa jiru, gaaffiin walabummaa fi bilisummaa Oromiyaa, Ogaadeen, Benishangul,Gambeellaa fi Sidaamaa keessatti finiinaa jiru, mootummaa Wayyaanee hudhee qabeera. Mootummaan diddaa hin bitamnuu ummatootaan sardamaa jiru kun diddaa bakkaa bakkatti guyyuu babal’ataa fi jabaataa jiru kana daandii irraa jallisuu fi of irraa qabbaneessuuf lola karoorfate. Kana malees ajjeechaa duguuggii sanyiin wal gitu Oromiyaa fi naannoolee biraatti raawwateen hawaasa addunyaa biratti balaaleffatamuu irraa yaada addunyaa gara lolaatti jallisuuf lolatu ana baasa jechuun lola uumuuf abbala.

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n hundeeffama isaa irraa jalqabee Oromoon ofiif malee alagaaf akka hin lolle barsiisuu fi hubachiisuu hojii duraa godhatee irratti hojjataa ture. Wareegamni inni mootummoota Itophiyaaf baasu kan walabummaa hin gonfachiifne, bilisummaa isaa hin mirkaneessine tahuu hubachiisuun ofiif akka lolatu barsiisaa ture; barsiisaas jira. Alagaaf du’uun cunqursaa fi saaminsa, tuffii fi salphina of irratti jabeessuu fi itti fufsiisuu akka tahe barsiisuun hidhannoo isaa diinatti akka naannessuuf hojii hin tuffatamne hojjate. Hojiin waggoota dheeraa gaafate, wareegamni adda addaa irratti baafame kunis yeroo ammaa hubannoo argatee ummatni Oromoo, ofiif malee alagaaf lamuu hin wareegamu! sadarkaa jedhuun gahe. Kana irraas har’a ummatni Oromoo bakkayyuutti, diina dura dhaabbatuun mirga isaaf falmataa jira. Barataa, barsiisaa, hojjataa, daldalaa fi qotee bulaa, baadiyyaa fi magaalaatti akka nam-tokkootti yaada tokkoon walabummaa isaaf wareegama baasuu irratti argama.

Gabrummaatti Xumura Gochuu qabna! jechuun fincila geggeeffamaa jiruun kan rifate mootummaan Wayyaanee, lammiilee Oromoo gara jabinaan fixaa akka jiru ifatti beekama. Kumootaan mana hidhaatti guuree irratti roorrisaa jira. Biyyaa baqachiisuun jireenya biyya ormaa hadhaawaaf saaxileera. Fincila teessoo mootummaa Impaayera Itophiyaa raasaa jiru kana qabbaneessuu fi dhaamsuuf kan inni akka malaatti dhiheeffate lola Erteraa waliinii ti. Har’as Oromoon naaf lola, qabeenya Oromoon lola kana utubuun danda’a abjuu jedhuun cidha lolaa qopheessaa jira.

Waan taheef ummatni Oromoo akeeka lola kanaa hubatuun lola isa hin laalle keessatti hirmaatuu lagatuu qaba. Lolli isa ilaaluu fi dantaan isaa ittiin tikfamu, lolaa fi fincila diddaa gabrummaa ti. Walabummaa fi bilisummaa kan isa gonfachiisu lola bittootaa keessatti wareegamuu osoo hin taane, lola fi fincila alagaan hin bulfamu! jechuun adeemsisu jabeeffatuun waan taheef, ABOn ammas irra debi’ee ilmaan Oromoo lola isaan hin laalle keessatti hirmaatuu diduun ofiif akka lolatan hubachiisa.

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa