BIIROON BARNOOTA OROMIYAA, BIIROO BARNOOTAAMOO KAN DHAABA SIYAASAATI?-HANDHUURA OROMIYAATTI MANA BARUMSAA AFAAN OROMOO DHABUUN DU’A LAMA!

HANDHUURA OROMIYAATTI MANA BARUMSAA AFAAN OROMOO DHABUUN DU’A LAMA!-

Nagaan boqodhu Biiroo Barnoota Oromiyaa (RIP)
(Milkeessaa Miidhagaa’tiin)

AFAAN  KEVER

Bara 1998 kutaalee magaalaa Finfinnee kurnan keessatti dhagaan bu’uuraa kaa’ame. Biiroon Barnoota Oromiyaa (BBO)n, manneen barnootaa Oromoo (Afaan Oromoo) kutaa KG dhaa hanga kutaa 12ffaatti kutaalee kurnan magaalichaa keessatti ni banama jechuun Oromoon “daa’ima ani Oromoodha jettu nan guddifadha Finfinnee keessatti” jechuun abdii horatee ture. Sun hunduu abjuu sobaa taatee hafte. Bar tokko immoo Waldaan Misooma Oromiyaa (WMO) anatu manneen barnootaa kana ijaara jechuun maallaqa sooressa irraa guuraa ture. Bardheengaddaa gara ji’a Onkololeessa bara 2007 immoo OPDOn manni barumsaa kutaa magaalaa muraasa keess12006329_892381777509320_8963866351919925330_natti ni banama jechuun duula nafiladhaa gaggeesse. Gidduu kana immoo (waggaa 10 booda) manni barumsaa Afaan Oromoo tokko naannoo Labuutti bara dhufu Fulbaana bara 2009 irraa eegalee hojii ni eegala jechuun BBOn odeessisisaa jira. Waggaa 25 boodaa gaaffii mana barumsaa Oromoo Finfinnee keessatti bardhibbaa oliif ka’aa ture nan deebisa mana barumsaa tokko baneetan jedhe BBOn. Bara dhufuttis manni barnootaa Labuu jedhamte kunis hin banamtu, BBOn ni soba akkuma amalasaa! Oromiyaa keessattis barnoota kan kuffise waajjira kanadha. BBOn waajjira barnootaa miti, waajjira dhaabaati malee. BBOdhaan nagaan boqodhu (RIP) jedhaan.

Qubee Kindergarten!!
(Gammadaa Olaanaa’tiin)

13316940_1188432267848202_4597589801391517525_oManni Barumsaa Afaan Oromoon ijjollee daa’ima barsiisu jiraachuu qaba. Nuti hundeessumati qabna. Maqaa isaas ‘Qubee Kindergarten’ jenna. Kanaafis uummanni Oromoo ‘share’ bitatee akka madda daldala tokkootti yoo gargaaramewoo? Akka Oromia International bank’faa. Uummanni Oromoo Finfinnee keessa jiraataa jiru rakkoo guddaa keessa jira; daa’imni dhalattu marti Afaan jaraatti afaan hiikkataa jirti. Kun ammo boodarra eenyummaa nudhabsiisuuf jira. Rakkoo eenyummaa keenya kana dhabamsiisuuf jiru kanatti dafnee yoo fala hinlaanne; dhaloota dhabuuf jenna; irraa jalaan garbummaan ha13419240_1201160923242003_4762649289666527824_ndnhuuraan jalqabe kun dame baafataa deemee Oromiyaa bal’oo nyaachuu danda’a. Kun rakkoo hamaa fala atattamaa barbaadudha. Oromoo maaf ciiftani? Yoo xiqqaate Oromoon ¼ Finfinnee keessa jiraaatu maati muraasarraa kan hafe maqaan Oromoo ta’us Afaan dubbatamu afaan halagaati…..

 

 

OROMOOF AFAAN OROMOO MAALSAATI?
(Beekan Gulummaa Irranaa’tiin)

DSC03774Oromon Afaan Oromo qaba; Somaaleen Afaan Somaalee qaba; Sidaamaan Afaan Sidaamaa qaba; Afar Afaan Afar qaba. Warri kunneen Maatii Kush Jedhamu. Warri biroo hedduunis akkasuma akaakuu ittiin waamaman qabu.

Afaan meeshaa duudhaan, safuun, eenyummaaf aadaan saba tokkoo ittiin ifatti ba’udha. Uummanni afaan ofii qabutti garagaaramee dubbachuu, dhaggeeffachuu, barreessuu, dubbisuuf qorannoofi qu’annoon yeroo ittiin adeemsifamu akkaataan guddinasaa saffisa cimaa qabaata.

Uummatni Oromoo, uummata aadaa dagaagaa qabudha. Aadaan uummatichaa bifa baay’een calaqqisan keessaas Og-barruun isa tokkodha. Afaan dhalataan Oromoo guyyaa itti dhalatee jalqabee, hanga lubbuun isaa lafa kan irra jiruutti akkaataa itti uummata isaa waliin jiraatu, yeroo gaddaafi gammachuu isaa akkaataa itti dabarsu, aaddaafi uummata isaaf kabaja inni qabu, mataa isaa akkaataa itti naamusaan qabuuf jireenya hawaasummaa keessatti itti hirmaatu murteessa.

DSC03730DSC03728DSC03727DSC03726DSC03721DSC03720

Afaan Oromoo afaanota garaagaraa Afriikaa keessatti heddumminaaf bal’inaan dhimma itti bahaman keessaatti argama Afaanichi afaan dubbatamaa qofa ta’ee suuta suutaan akka inni dhabamu taasifamuuf wanni hingodhamiin hinturre.

Yeroo ammaa kanatti garuu hawaasichi afaaniifi aadaasaa bilisa ta’ee dagaagsuufi guddifachuurratti argama. kana ilaalchisee heerri mootummaa naannoo Itoophiyaa keewwaata 5 lakk 1 qooqni Itoophiyaa kamiyyuu mootummaa biratti beekamtii walqixxee qabaatu “All Ethiopian Languages shall enjoy Equal state recognition” jedha. Carraan heera mootummaatiin argame kun ammoo akka og-barruun saba tokkoo dagaaguufi guddatuuf balbala banee jira. Uummanni Oromoos carraa kana keessatti fayydamaa ta’ee jira. Carraa qubee afaan Oromoo ittiin barreessuuf mijatu kalaquufi bocuu keessatti gootni Oromoo Sheek Bakirii Saphaaloo kan iddoo guddaa qabu yoo ta’u, kanneen akka Hiika Awaajii (Onesmoos Nasibii)fi Aster Gannoo ammoo seenaa guddina Og-barruu keessatti kan hundee gaarii saba Oromoof kaa’anii darbanidha. Sabboontonni ciccimoon akka Prof. Hayilee Fidaafaammoo lubbuu itti dhaban. Har’allee dhaloonni qubee kumootaan lakkaa’amu eenyummaadhuma kana tursiisuuf wareegamaa ture;jiras.

Yoo Afaan jiraate ogbarruun jiraata. Ogbarruun faayidaa hammana hinjedhamne ilma namaaf kenna. Kanneen keessaa muraasni: sammuu gabbisuu, ija banachiisuu, bashannansiisaa barsiisuu, eenyummaa hubachiisuu, bal’isanii akka yaadan gochuu, onnachiisuu, aadaafi duudhaa hawaasaa dhalootaaf dabarsuu, falaasamaafi seenaa duraanii asfiduun jiruu har’aa qajeelchuu, ittiin qaroomanii dorgomaa addunyaa kanaa ta’uufi kan kana fakkaatan fa’iif ooluu danda’a. Maddi barreeffamaa ogafaan hawaasichaa. Ogafaanis oromoo lafa xaa’oo ogbarruun irratti margudha.

Afaan Oromoo gatii guddaan itti kaffalamee as gahe kun Biiroo Barnoota Oromiyaa har’a hojiirra jiruufi dhaaba amma Itoophiyaa bulchaa jiru kana biratti tuffatame; handhuura Oromiyaa magaalaa guddittii Oromiyaa Finfinnee keessaa mana barumsaa Afaan Oromoo tokko dhabne!.

Akka Oromootti rakkoo mana barnootaa Afaan Oromoo dhibuu kanaaf fala yoo hinlaanne gaaffii seenaa jala jirra; halagaan suutuma suuta hiddasaa Oromiyaa marrootti gadiyaafataa jirti. Bilisummaan saba Oromoo gaaffilee kanaafi kana fakkaatan kan deebisu yoo ta’eyyuu rakkoo ija baasee dhufe kana dura dhaabbachuufhar’uma hojii eegaluu barbaachisa.       DSC03726
DSC03774DSC03728

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa