DHALLI OROMOO QABSOO WAYYAANEETTI OF GALMEESSUU QABAA? -Xiinxala Dargaggoo Saphaloo Kadiir | Abdulbasit’n

“HAADHA GUMNITTI…..”

(Goofata Gabaabaa seenaa dhugaa irratti hundaa’e)

 

Waa’ee amma deemaa jiru tan Mootummaan Wayyaanee dargaggoota raayyaa waraana ittisa biyyaatti dabaluuf beeksisa baase tana dhageenyaaniin goofata dhugaa tokko kan hiriyaan kiyya naaf hime yaadadhee isiniin gahuuf yaade. Yeroo goofata kana dhaga’u hedduun kofle. Kofla qofaas miti hayyummaa ummata Oromoos dinqisiifachuun kiyya hin oolle. Waan ifiin jaalattu obboleessaaniis jaaladhuun waanuma dur jiraatii mitiree? (Ani duruu wantaan dhaga’e yoon isiniin hin gayanne wahii naaf taatii silaas)

Barri akka bar-lakkooytuu Awrooppaatti 1998 keessa ture, Akka warra habaashaatti bara 1990 keessa tahuu isaati. Yeroo tan Mootummaa Itoophiyaa fi Eertiraa jiddutti, Tigraay, Baadimmeefi Shiraarotti wal waraansi lolaa gaggaaffamuu jalqabu tahuu isiiti. Akkuma beekkamu waraanni kun akka warra Awrooppaatti Caamsaa 1998 hanga Waxab. 2000 tti kan ture yoo tahu naannoo waggaa lamaaf, walakkaa oliif kan gaggeeffame yoo tahu gama Itoophiyaatiin lubbuun dargaggoota 123,000 olitti tilmaamamuu lola kana irratti wareegamuu ragaatu ibsa. Mee laalaa! Lafa Tigraayiifi Eertiraa jidduu jirtu carrankaa humaa irratti hin fiille kutii taakkuu takkaa hin geenye tana irratti wayyaaneen dargaggoota kuma dhibboota lubbuu gaaga’uu, miliyoota qaama hir’isuuf sababa taate. Dargaggoota biyyattii kan lola kana irratti waraana Eertiraan du’an, macalaafaman kana keessaa harki caalu saba Oromoo tahuun beekkamaa dha. (Sabni Oromoo lafa Oromiyaa bal’oo, badhaatuu, eebbifamtuu tana irraa diina buqqaasuuf guututti yoo dhuman sheenaa qabaree?).

Wayyaaneen akka ammaa kanatti beeksisa sobaa baasuun osoo hin tahin dabbaloota isaanii OPDO hanga gandaatti gad erganii “biyya teessaniif fedhiin if kennaa” jedhanii maatiifi dargaggootaas marii keessi dirqii takkaan mari’achiisaniiti humna waraanaatiif dargaggoota hirmaachisan ture.

Dhimmuma kana mari’achiisuuf, amansiisee dargaggoota baayyee hirmaachisuuf kaabiinee Aanaa keessaa kan sirritti dandeetti nama amansiisuu qaba jedhanii yaadan tokko araddaa baadiyyaa takkatti ergama. Inniis ummata walitti qabee kokkee qaratee mariisisuu jalqabe.

Marii dheertuufi hifachiiftuu, tan seenaa ol aantummaan warra Tigraay dhaadheessuun keessaa calaqqiftu, tan unkaa isiitiin ‘sodaachisuu moo mari’achiisuu’ gaaffii jettu sammuu keessatti nama uumtu eega godhee booda, xumura irratti goolabuufi fedhii ummataa baruuf:

“Eegaa! Haluma kanaan biyyi teenya tan diinni daangaa cabsee waraanaa jiru tun dargaggoota keessanitti haajamte. Nuti akka gaafa Dargii san humnaan fuunee dirree waraana geessuu hin barbaannu. Biyya jechuun immoo haadha. Ilmi yoo haati isaa roorrifamtu taa’ee diina harmee isaatti roorrisu laalu hin jiru. Kanaaf isiniis dargaggoonni keessan haadha isaaniitiif akka lolanii diina isii irraa dhoorkaniif itti amantanii fedhiin ni kennitan moo akkami?” jedhe yoo gaafiin xumuru Kaabinichi, jaarsi tokko harka baasee gaaffii gaafachuuf. Hayyamnaaniif akkana jedhee gaafata.

“Yaa ilma kiyya, biyya haadha teenyaa tami? Daangaa kam cabse diinni?”
“Gara Kaabaati, Bakki amma waraanaa jiran Baadimmeefi Shiraaroo dha” deebi kaabinichaa ture. Jaarsi ammaas
“Baadimmee? Yaa ilma kiyya! Mee Baadimmeen tun garam isiin silaa?” Jaarsi gaaffii biraa.
“Baadimmee jechuun Tigraay keessa. Daangaa Biyya teenyaafi Eertiraa jedduu” jedhe ammaas kaabinichi.
“Tigraay! Jettee ilma kiyya? Hay…! Tigraay tun duuba dargaggoota akka keenyaa kana achii hin qabdu?”
“Maal jechuu keeti?” Jedhee jaarsatti ija babaase kaabichi.
“Ee.. laal maal seete! Ilma kiyya? Tigraay tun ilmaan akka keenyaa kana yoo qabaatte ilmaan san loluu qabaniif beeytaa. Yoo diinni san isaan fixee kan hanga asii dhufu taate immoo, hoggaas keenya kuniis diina asiitti itti dhufe san lolee firraa dhoorkuuf ka’uu qaba. Amma diina Tigraay jiruuf asii dargaggoota keenya kenninee booda yoo dinni kun hanga asii dhufe manguddoofi haawwan qe’etti hafan kun loluu hin danda’anii eenyu diinaan nurraa lola tan jettuu na keessa dhufeehiin……” je’e Jaarsi.

“Ni qabdi turte. Inumaatuu leencoota, gootoota eenyullee caalu qabdi turte. Isaani kan mootummaa nama nyaataa Dargii fonqolche…. ” jechuun osoo hin beekin eega aaree lallabe booda tarsiimoo wayyaanee tan “suuta amansiisi. Yoo amansiisuu dadhabde immoo hanqina hoggansaa qabda.” jettu san yaadatee qabbaneesse dubbii. Xiqqo eega if keessa yaase booda sagaleen suuta jedhee jalqabe. Itti fufe….

“….. Akkumaan reefu jedhe sabni Tigraay yeroo dheeraaf lolanii mootummaa abbaa irree Dargii fonqolchanii, haala amma jirtu kanaan biyya teenya tana ijaaruuf dhumaa turan. Biyyi teenya biyya wal qixxummaan sabaa sablammootaa itti dhugoome, dimokraasiifi nageenyi itti mirkanaa’e akka taatuuf wareegama kan kafalan dargaggoota Tigraay. Addi Bilisummaa Ummata Tigraay (TPLF) biyya teenya tana bilisoomsuuf waggaa 17 guutuu waan dhumaa turaniif ammaaf hin qabdu jechuu dandeenya.” Jedhe Kaabinichi fuula jaarsaa keessa mil’achaa.

“Eega akkas taateefuu gaa….” jedhee jalqabe jaarsi.
“Eega akkas taateefuu gaa! Tana haadha faanaddo ilmaan if dura nyaattee fixxe, tun haadha gumnitti dha, ilmaan if jalaa xuruursitee booda nama isiin heerumuu deemtuhuu waan hubannee, kanaafuu nuti ilmaan keenya haadha gumnaddaa akkanaa tanaaf deemaa lolaa jennee waa hin kenninu. Hin hayyamnu. Ani fixadhe tiyya tanuma.” Jedhee meeshaa isaa sassaabatee yoo Jaarsichi ka’u, kaabinichi waan deebisuufi dhiisu wallaalee afaan qabatee gogee hafe. Ummanni warri walgahee jiru guutuuniis jaarsuma faana ka’anii, sagalee takkaan;

“Ee…! Nuti haadha gumnaa, faanaddoo akkanaatiif ilmaan keenya hin kenninu” jechaa walgahii facaasanii gara mana isaanii galan.

(Qisqisqis…..)

Oromoon marti osoo murannaa akkanaa qabaatanii akkam namatti tola?

Saphaloo Kadiir | Abdulbasit

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa