DHUGAA RARRA’EE HAFE -Asoosama Gabaabaa-Fiixaa Baas Habirootiin

Dhugaa Rarra’ee Hafe!

1508126_1406254016340442_5727990756165465799_nMagarsaa roobaa abbaa niitii lamaa ture.dur nama niitii lama qabu taajjabaa turus haalli kun osoo hin jaalatin isa mudate.waan jibbantu nama dhaala jechuu sanii dhiiro? tahuus inni jalqaba dargaggummaa isaatin caaltuu fuudhee ture.magarsaa fi caaltuun dargaggummaa isaanirraa jaalalaa daangaan ishee hin beekamne wal jaalachaa turan.ibbidda jaalala dargaggummaa gara bultii ijaarutti fidan.jaalalli isaanii erga bultii ijaaran boodas daran itti fufe.tahus kan nama gaddisiisu ilmoo osoo hin argatin gara waggaa kudhanii jaalalan waliin turan.isaan lachuu osoo guyyaa tokko walitti hin aarin waliin jiraachaa turan.achi booda garuu haati manaa isaa magarsaa akka niitii biraa fuudhee ilma argatu gorsuu jalqabde.magaarsaan garuu yaada niitii isaa kana fudhachuun itti ulfaate.galgalaa tokko osoo waliin ciisaa jiranii waliin haasahuu jalqaban. “hi! margaa koo! ati maalif akka hiriyaa keetii ilma dhaltee hin ergattu?” jette caaltun. “yaa caaltuu tiyya! likkii…lakkii! onneen koo jaalala kee harkaa bahuu hin dandeessu” jedhe magarsaan caaltuu qoma isatti qabatee.”margaa koo! mana golgolaawaa kana keessa hanga yoom jiraanna kophaa?” caaltudha.”caaltuu;mana keenya jaalalan ibsanna dhiisi guyyaa rabbi nuuf kenne ni arganna bar” jedhaan magarsaan.tahus boodarra caaltun yoo dirqisiiftu ni hayyame.innis ilmoo argachuu fedhus;yoo ilmaan hiriyaa isaa argu itti dhagahamus, yoo waan kana kaasse bultiin koo ni diigamti jedhee waan yaadef qofa cal’isaa ture.garuu erga isheen isa dirqisiifte booda intala takka fuudhe.ammas inni caaltun ni hinaafti jedhee yaadaa ture.garuu isheen bay’ee isa waan jaalattuuf ofiif itti fuute.magarsaan bultii lama ijaarun isaa asirraa eegalee ture.niitii isaa lameen jidduu jaalalaan waggaa lama erga turan booda jaartiin isaa lammaffaa Biiftuun ulfa godhatte.ammas caaltun haalli ishee kan dur irraa hin jijjiramne.biiftun ji’a sagal booda Birraa deesse.

depictionAmmas magarsaan ofii isaatii abbaa birraa tahee niitiin isaa tan bay’ee wal jaalatan caaltun caaltuu taatee hafuun bay’ee isa yaaddessuu jalqabe.tahus waan godhu ni dhabe.caaltunis caaltuma jijjiiramni bira hin jiru ture.jireenya itti fufan.dhaloota birraa irraa osoo hin turin caaltunis ulfa garaatti godhatte.ni gammadan.waan tahan dhaban.ulfa kana magarsaan caaltuu daran guyyaa fi sa’atii lakkaa’uu jalqabe.isheenis kan guyyaa tokko warra ollaa isheetin walitti bu’anii masheena jedhanii arrabsan san yaadattee harka ol qabdee “galta kee yaa waaqa “ jette.manni isaniis akkumma guyyaan achi deemun ifuu eegale. fuulli isaanis akkasuma ture.abdii addaatin eegaa turan.caaltunis daa’ima garaa qabduuf qophii godhuu jalqabde.qophii isanii keessa tokko maqaa ture.maqaa daa’ima garaa jiruuf baafatanii ol kaayyatan.maqaan sunii moggaasni isaa dhala dhabnii turuu isaniitin wal qabsiisanii”turee”yookiin “turtuu” jedhanii moggaasanii kaayan.caaltu fi magarsaanis abdii guutun dhalachuu daa’ima kanaa eegaa turan.ji’a sagal fixxee guyyaa dhumaa sun yoo gahu ciniinsun caaltuu jalqabe.ciniinsun waan irra tureef gara mana yaalaa geessan.tahus yeroo kanatti caaltun of wallaaltee jirti.gaggaba keessa osoo jirtuu kutaa baqaqsanii yaaluu seensisan.achi booda doktoorri yoo ilaalu ilmoon caaltuu duutee jirti.caatun ammas of hin barre.doktororri dhufee magarsaatti hime.magarsaanis bay’ee rifate.bakka seenu dhabe.wanti hundi abjuu itti tahee hafe.tahus magarsaan doktortichi akka du’a daa’imaa caaltutti hin himne dursee itti hime.ammas dabalee waggaa kudha lamaa oliif dhala malee akka wajjiin jiraachaa turan itti hime.magarsaan waan jiru hunda doktooratti himee sammuu caaltutif eegumsa gaafate.doktoorri biraa ol seene.magarsaan mataa qabtee ofirra gad taa’ee “yaa rabbi maal badiin koo?” jedhe sagalee ol qabee.ammas “mee an caaltuu akkamin godha?” jechaa imimmaan haqachuu jalqabe.yeroo kana namni daa’ima amma dhalattee harkatti qabatee taa’u tokko itti as siqee”abbaa dhiiraa maal taate?” jedheen. magarsaanis “yaaboo niitiin tiyya osoo dhala hin godhatin hedduu turte,achi booda argatee amma kunoo osoo nuti abdiin eegaa jirruu doktoorri akka duute naaf hime” jedhee anaannate.”niitiitu sirraa du’e?” namicha. “lakkii..bar ilmootu du’e.isheen na jalaa maraatti waan godhun wallaale” jedhe magarsaan deebisee.”isheen hoo?” namicha.”isheen gaggabarraa hin wayyoofne” jedhe magarsaan namichaan. “dhiisi tan biraa rabbi isniif kenna! isheedhuma rabbi haa fayyissu!” jedhe namichi magarsaadhan. magarsaa fi namichi wajji haasawa eegalan. achi booda erga waa hunda wajji dubbatan booda namichi magarsaa ofitti waame.magarsaan itti siqe.

13233103_10209384226673436_792360388740051396_nNamichi magarsaatti waan addaa tokko itti himuu jalqabe.”yaa magarsaa kiyya!” jedhe namichi. “reefu osoon hosphitaala kanatti ol deemuu nan fincaana jedhee kararraa gore. magaalaa kana jalaatti;achi booda yeroon bahargamoo tokko keessa gad seenee fincaaniif surree koo gad baafadhu wanti an hin yaadin na mudate. achi booda fincaan koo huurkaa yoo tahee narraa bahe malee fincaan sun eessa akka dhaqe anaaf gaafiidha!”…waan ajaa’ibaa tokkon arge;” jedhe namtichi. magarsaanis afaan wal hanqatee isa dhaggeefataa turee “hayyee mee yaaboo?” jedhaan. namtichis “achi booda sagalee daa’ima takkan dhagahe.yoon itti siqee ilaalu kunoo daa’imni takka xuxxoo itti kennanii, carqii diimaa tokko itti maranii,hanga fuulaa kana uffata irraa saaqanii, muka gaaddisa tokko jala.ishee miila ol dhadhaabdee, xuuxxos aannan itti guutanii bira ciibsan waliin achitti darban argee bar” .jedheen namtichi magarsaadhan. magarsaan hedduu rifatee.ammas bay’ee ajaa’ibsiifatee “achi booda hoo? “jedheen. “yaa obboleessa koo namni tokko lafa san hin jiru, waan godhu wallaalen hedduu rakkadhe. bay’ee sodaadhus suuta itti dhihaadhe yoo ilaalu ilmoo namaa ta’uu bare. achi keessa deddeemee nama tokko dhabnaan ofirraa fuudhee fide.” magarsaanis daa’imni eessa akka jirtu yoo gaafatu namtichi tanuma harkaa qabu tana tahuu itti hime.amma waan hunda wajji dubbatan.magarsaan daa’ima uffata irraa ol qabee ilaalee “ajaa’iba!…duraan maalif dhalan? amma hoo maaf darban?” jedhe magarsaan ija rifaatuu takkaan daa’ima ilaalaa. magarsaa fi namichi osoo taanii taan dubbatanii mala tokko irratti waliif galan. sammuu caaltuu du’a irraa hambisuuf jecha waliin marii jalqaban.achi booda
ilmoo tana caltuuf akka kennan irratti waliif galan.caaltun ammas of hin barre.kanaf yeroo wayyooftu ammas lammaffaa mataan ishee ni tuqama waan jidhaniif doktooras mari’achiisan.irratti waliif galan.achi booda daa’ima fuudhanii garaa caaltuu jala kaa’an.caaltunis yoo dandamattu ilmoon garaa jala jirti waan ta’eef harma ishee itti kennite.daa’imaa fi isheen yoo wal fudhatan magarsaan ni gammade.amma isheenis fayyitee gara manaa galan.jara sadeen malee namni tokko iccitii kana hin beeku ture.caaltuun akkumma ilmoo ishee dhudhungachaa jireenya itti fufte.maqaa lafaa qabdu sanis daa’imni dhiira waan ta’eef “turee” jettee itti moggaafte.magarsaanis iccitii kana ofiif hojjatus caaltuu wajji daa’ima kana dhungachaa guddisuu itti fufan.

10686661_720319731378415_1153400164559476945_nCaaltun waaqa ishee galateeffachun “kan hin dhalin, dhaluu hin qabu” jette. magarsaanis niitii isaa tan qixxee lubbuu isaa jaalatu tana du’aa fi dhibee sammuu irraa baraaramuu isheetif garaa keessatti waaqa galateefate. miidhaga yaadanii,miidhama hin yaadan jedhamus magarsaan rakkoo yeroo saniif morma qabde ofirraa baasuu malee “tan boruu rabbi qabdi” waan jedhe fakkaata.tahus jireenya isaanii haala gaariidhan itti fufan. maatiin magarsaa ganda san keessatti maatii jaalalaa jedhamudhan beekama ture. biiftunis dhiira lama walitti aansitee deesse. caaltunis haadha turee taatee hafte.tureenis guddatee jira. birraanis umrii dargaggummaa eegalee jira.magarsaanis abbaa maatii tahee warra isaa lameen jiddutti jaalala uumuu itti fufe.garuu dubbiin turee akka sammuun isaa yaadarraa boqonnaa hin arganne godhaa dhufe. caaltunis akka agartuu isheetti eeguu eegalte.ittiin dhaadachu turte.magarsaan caaltutti himuuf wal diiggan gaafas inni sodaate sun har’as wanti hambisu akka hin jirre yaadee ture.tahus turee qananii addaa keessatti guddisuu itti fufan. caaltun deebitee garaatti ulfa hin fuune.jireenya itti fufan. amma tureenis umrii dargaggummaa jalqabee jira.magarsaan iccitii jiru kana yoo baase sammuun turee waan miidhamuf dhiisuu filate. magarsaa yaanni wareersuu itti fufe.takka takka kophaa taa’ee yoo yaadu akkas jedha”mee lubbuun du’a fi jiruu qabdi,…arrabaa fi ilkeenuu wal dhahan,…joollee tana jiddutti boru waan tahu hin beeku,…mee akkam abbaa kiyyaatin taha?” jedhee ofiin haasawa. takka takka ammas “dhiiroo amma yoon hime namni dhugaa na se’u ni jiraa?” jedhee rarraafama hin baane keessa jiraachaa ture.magarsaan osoo dubbii kanan rakkachaa jiruu dhukkubni qabe.

Dhukkubni yoo qabu takkumaan afaan isaa wal qabe. dubbachuu hin dandeenye.dhibeen isa qabe itti cimaa dhufe. tahus tureen lakkumma ol guddatuun amala addaa agarsiisaa dhufe. kanaf magarsaan hiree ilmaan isaa kan fuul duraa osoo yaaduu guyyaa dhumaa gahe.magarsaa fuula isaa keessa yoo ilaalan kan du’aaf deemu waan gaabbiin garaa isa nyaataa jiru namatti fakkaata.tahus yeroo namni waa dhaammatutti afaan waan qabamef ciisee imimmaan kukkurfaa maddii isaa lamaanin gad naquu jalqabe.ammas daddeebisee quba cicciiniina.ammas quba harkaa sadii ol qaqqaba ture. tahus dhugaan jiru rarra’ee hafe.osoo hin turiin lubbuun isaa baate.ni awwaalame.

Guyyaa sanirraa jalqabee adeemsi jireenyaa ilmaan isaa irra tahe.caaltunis turee wajji jireenya itti fufte. birraa fi nadhiin haadha isaanii biiftu wajji jireenya itti fufan.tahus du’a abbaa isaanii booda haalli jiru hundi jijjiirame.birraan nama abbaa isaa bay’ee jaalatudha.umrii dargagguummaa isaa keessatti abbaa isaa dhabuun bay’ee itti dhagahamee ture. tureen garuu ammalli isaa bay’ee hamaadha ture.caaltunis itti deebitee hin deenye.biiftun garuu ilmaan sadii qabdi.birraan bakka abbaa isaanii bu’ee jireenya eegalan.

13102767_1154490837929372_4367192282896514050_nMagarsaan qonnaan buladha ture. oorruu bal’oo qaba. birraanis, turee fi nadhii of duukaa buusee qonna seenan. tahus tureen ammalli isaa bay’ee hammaataa dhufe. nadhiinis joollummaa wajji gowwummaadhas ni qaba ture. turee fi nadhiin walitti bu’iinsi isaanii guyyumaan dabalaa dhufe. biraan dargaggeessa bilchaatadha ture.bilchina daran bareedinni isaa fi gaarumminni isaa ajab nama jechisiisa ture.isaan keessaa namni abbaa fakkaatu birraa ture. dhiirina akka birbirsaa, bifaan magaala, rifeensa luucaa fuula gubbaan gad deddeebi’e,ija isaa xixiqqoo uraa lilmee fakkaattu, nyaara isaa kan gaammaa fardaa fakkaatu, ilkaan isaa adii kaarrun miidhage fi deemsa isaa kan yoo miila fudhatu akka waan okkoluu faakkaatu wajji namni abbaa beeku isa bakka fedhetti ni qaba.tahus nadhiin gama tokkoon haadha fakkaatus, hanga tokko abbaas ni fakkaata.tureen garuu dhugaa jirtu waliin wal fakkaata.

tahus birraan ijoollee tana adda eeguun qabsoo biraa itti tahaa dhufte. tureen galgala yoo gale waan jiruu fi tan hin jirres fakkeessee caaltutti odeessa. caaltunis dubbii tureen galgala galgala odeessu kan fudhattee keessi ishee hammaataa dhufe. caaltu fi tureen yoo wajji haasawan “ harmee…an birraa fi nadhiin guyyaa na tumaa oolan,…birraan nadhii dhiisee yeroo hunda ana erga “ jedhee tureen imimmaan gad naqa. caaltunis” ilmoo tiyya narraa si miidhanii?… itti dhiisi!…ati tokkicha,obboleessa hin qabdu jechuu isaaniiti?” jettee turee daran hammeessiti. biiftun garuu waan fedhan yoo himanis hin dubbattu turte. barii bariitu hunda yaa’in isanii dabalaa dhufe.umriin isaniis yoo bakka namaa gahus isaan sanuma.

the-hanged-manAmma guyyaa tokko birraan bira hin jiru ture. turee fi nadhiin waliin oorruu dalaguuf bobba’an. osuma haasa’anii dubbiin walitti bu’an. amma birraan bira hin jiru kanaaf tureen nadhii bubburksee qaama isaa dhiigan balleesse.achi booda haati nadhii biiftun fiigaa dhufte. tureedhan lolte. tureenis fiigee galee caaltuu yaamee fide. akka waan miidhamee fakkeessee. caaltunis fiigaa dhuftee biiftun walitti bu’uun isaanii kan jalqabaati ture. achi booda mana walii hin seenan. jaalalli dur sun badee beela’anis wal biratti nyaatun dhufe. adeemsa keessa dhibamanis wal ilaalun hafe.

Gaarri hin diigamne jidduu isaanii dhufe.tahus birraan mana caaltuu guyyaa tokko hafee hin beeku.isaan walitti harkisuuf rakkachaa ture.inni isaan hundi akka miidhaman hin fedhu ture. tahus jarri addaan fagaataa dhufe. tura keessa yeroo dubbiin isaanii kun dadeebi’u birraan manguddoo biyyaa yaamee akka jidduu ilaalan godhe. manguddoonis jara kana walitti deebisuun waan jabaatef, akka adda baasan murteessan.oorruu isaan maraaf qixxee adda fuudhan.achi boodas caaltun qabsoo ishee hammaataa dhufe.akkas jetti “kiyyaa obboleessa hin qabu tanaaf wal tahanii miidhuu barbaadan” jettee birrattis hammaataa dhufte.

Birraan garuu guyyaa tokko jijjiiramee hin beeku.tahus jireenya itti fufan. ammas tureen kan ganama waaqni dabse. ilmaan abbaa addaan facaasuf cinaachi isaa rafee hin bulle.oorruu erga adda fudhatan boodas dubbii itti fufe. guyyaa yeroo oorruu dhaqe daangaa birraa fi nadhii kan isaatti dabalaa oola. galgala yoo gale caaltuu wajjiin wanti isaan haasawan kanuma ture. “yaa harmee isaan ofii lafa gabbattuu fudhatanii, nuuf bakka humaa hin dhalle nuuf kennanii bar” tureetu caaltun jedha. isheenis “anis nan beeka lafa kana irraa hin nyaatanii hayaa” jechaa wajji haasawan.

13406824_683440355127530_2880966512612186567_nTureen amalaaf dubbii qaba. nadhiin garuu gowwummaadha qaba. dubbiin isaanii itti fufe.amma hanga lubbuu wal balleessu gahan.tahus gosti jiddutti bahuun dirqama ta’e.dubbii isaanii afaan dhabniituma galan. biyyi hundi dubbii isaanii bare. boodarra ganda yaa’ii baasaniifi ittin yaamuu jalqaban.tureen ammas nama arge hundatti waa’ee lafaa fi hammeenya isanii odeessa.ofiifis harkaa miilan waa balleessa.dadhabamee birraa fi nadhii bobbaa fi gala wallaalchisee ture. birraan garuu tureen obboleessa kiyyaa kanaaf garaa itti hin jabaadhu jedha. amma manas wal biraa kaafatan. oorruttis dallawa naannessanii hundi itti jaarate. ammas dubbiin dhaabbachuu dide.midhaana wal jalaa ciran. horii wal jalaa ajjeessan.akki isaan godhan biyya dhibe. tahus tanuma keessa caaltun dhukkubaan qabamte. osoo hin turin duute. amma birraan turee wajji caaltuu awwaalee ture.nadhii fi biiftun akkasuman hafan. achi booda garuu dubbiin fi ilaalchi turee gara nadhii fi haadha nadhiitti deebi’e. birraa dhiisee nadhii wajji qabsoo eegale.

13092194_1024965627584201_9065055828836203604_nHanga lubbuutin wal gahan. birraan akkuma amala isaa namarraa cituu hin beeku ture. tahus nadhii fi haati isaa birraa hanga ijaan argaa dadhabuutti ka’an. birraan turee wajji nutti jira jedhanii waan yaadaniif qabsoo isaan qabuu jalqaban.tahus birraan rakkoon itti heddumaatee ture. tureen qabsoo isaa hin dhaabne. tahus erga caaltun duute booda gandi hundi bakka lamatti bahe. obboleeyyan abbaa birraatis bakka lamatti bahan. hangi tokko turee gargaaru.tureen tokkicha kanaaf roorrisuu barbaadu waan jedhaniif qofa ture. hangi tokko ammas nadhii gargaaran. isaan kun tureen badaadha.obboleeyyan isaa kana fixuu barbaada jechaa turan.tahus dubbiin turee obboleeyyan abbaa bira dabrtee gara gosaatti deemuu jalqabde.ibiddi hin dhaamne qabatee belbela isaa itti fufe.tureen erga caaltun duute booda gara obboleeyyan caaltutti galee qabsoo itti fufe.dubbii isaanii yoo ilaalan dogoggorri turee bira jira ture.garuu inni badii yoo itti muran nama balleessa itti mure san akka waan nadhii faa gargaarutti ilaala.kanaf namni hundi irraa cetee ture.achi booda maqaa eessummaniitin obboleeyyan caaltutii wajji qabsoo as eegale.eessumman gara nadhii faanis osoo hin jaalatin dubbii kanatti dabalaman.gamaa gamanaa wal waraanuu eegalan.lubbuu namaatis badee ture. achi booda gosti ammas yeroo lammaffaf jiddutti bahuuf dirqamte.tahus jiraa gosaa barbaadanii walitti fidan.hayyuun halngee isaa dhufe.

achi booda dubbiin hayyuu oromoo bira geesse.hayyuun jidduu seenee akkas jedhe “ibidda bakka inni irraa ka’e irraa dhaamsuu jalqaban kanaaf jara san nu yaama” jedhe hayyichi. biraa ni yaaman. ni dhufe. haadha birraa fi nadhiis ni yaaman.akkasumas turees ni yaaman. hundi dhufanii caayaa anbaa jala wallin taa’anii dubbii jalqaban.

Hayyichi kun manguddoo gandaa tan jidduu turtes nuu yaama jedhe. hunda walitti qabatee haasawa itti fufan. Hayyichi birraadhan “ boo ati kan eenyuti?” birraanis “kan magarsaati” jedhen.achi booda hunda tokko tokkon maqaa gaafate. ijoollen hundi abbaa tokko itti himatte. hayyuun kun abbaan ijoollee tanaa akka hin jirre erga mirkaneeffatee booda akkas jedhe “ aboo jarana … mee nama gaafa abbaa ijoollee tanaa du’u bira jiru nu yaama” jedhe. jaarsi gurraachi mataa arrii kan hulaa afaan taa’u tokko “abbaa dhiiraa anuu biran jira” jedhe.achi booda abbaan gaaddisaa kun “kootta mee!” jedheen jaarsan.jaarsi ni dhufe “ taa’i” jedhaan abbaa gaaddisaati. jaarsisi gad taa’e. abbaan gaaddisaa “mee abbaan ijoollee tanaa yeroo du’aaf deemu maal dhaammate?” jaarsan.” afaanin waa humaa hin dhaammanne…garuu..!” jedhee dubbii karaatti mure jaarsi. abbaan gaaddisaatis dafee “garuu…hi..?” jedhan. jaarsi ammas “ yaa abbaa gaaddisaa… tan an arge yoo taate
yeroon an ija walitti gad qabuuf deemu magarsaan…quba harka isaa sadii osoo ol qabuu lubbuun baate.” jedhe jaarsi. abbaan gaaddisaatis dubbiin galteefii turte. ijoollen nama afuri isaan keessaa sadiitu kiyya jechudha jedhee yaade garaa isaa keessatti hayyichi.tahus eenyu akka kan isaa hin taane murteessuf rakkatus akkas jedhe “ awwaala abbaa keessanii bakka ni beektanii?” jedhe abbaan gaaddisaa kun joolledhan. “ee ni beekna”. joolleedha. hayyichi ammas deebisee tokko tokko isaanitin suuta itti hasaasee“ deemati awwaala abbaa keessanii san banaatii lafee isaa baasadha fidaa natti waanin gaafadhun qaba” jedhen gurratti hasaasee.

Ammas akkas jedhe “ kan awwaala kana banee lafee fide haqni kan isaati” jedhe hayyuun kun. achi booda tureen fiigee awwaala magarsaa isaa banuuf eegale namni tokko irraa dhoowwe.nama sanis hayyichaatu ergee ture.namni kun dhufee hayyichatti hime. birraan garuu “lafee abbaa keessaniiti?…lafee abbaa keessaniiti?” jedhee bohee gangalate. Nadhiinis lafee abbaa kiyyaa baasurra lafan tureedhaf dhiisa jedhe. ammas dubbiin diddee turetti deebite.tureen yoo itti muran ani obboleessas,haadhas,abbaas hin qabu kana daba narratti muran jedha ture.boohee maraata.namaf hin fudhatu.tahus abbaan gaaddisaa ijoollee taanif waan jiru hunda himanii murtiin garaa dachee waan jirtuuf ofirraa dhiisanii galan.achi booda xiqqo turee ammas tureen dubbiitti deebi’e. ijoolleen tuun ofirraa dhiiftee turte.guyyaa tokko birraa,nadhii fi daraaran oorruu isaanii dalaguuf waliin bobba’an ture.yeroon yeroo omishaati ture.kanaf haati isaanii laaqana mucaa warra ollaa tokkoon ergetee turte. mucaan nyaata yoo fide “birraa…birraa..birraa” jedhee…yaame.”koottaa nyaata nyaadha” jedhee itti hime mucaan.birraanis”achuma…caayaa…gaaddisa maangoo san jala kaa’i dhufnee” jedhee mucaatti dubbatee.mucaa achi kaa’efii biraa kute. tahus tureen yoo hangana dhagahu dafii dallawa gubbaan utaalee bakka nyaanni jiru dhufe. summii itti naqee biraa deeme.achi booda birraan faan dhufanii nyaatuf gad fudhatan.tahus shakkii tokko qabaachuu hin turre.nyaatichi marqaa ture.

thYeroo takka takka kutatanii wal faana yoo afaan kaayyatanii gad dabrsan.lammaffaa yoo harka qoritti deebisuuf ka’an mucaan isaanii xiqqaan daraaran haqqeessan of balleesse.tahus birraan osoo mucaa bishaanif kana kana itti nannaquu ofiifis qabame.hundi isaanii lubbuun isaanii bakka takkatti baate.isaani qooqqifatu namni tokko dhagahee kararraa itti as gore.dubbii yoo argu haadhatti dafee nama itti erge. haatis fiiga yoo dhuftu reeffi ilmaan ishee sadi tahe ciciisa.kam ol qabdee kam dhiifti? eenyuf boochee eenyu dhiifti? tahus isheenis osoo hin turin uffata cirte.maraattee of wallaalte. laalaan onnee ishetti waan hammaatef dandamachuu hin dandeenye.achi booda lafti rooba ture.faanti turee ni mul’atti turte.ammas wal lola isaanii addunyaan hundi ni beekti kanaaf tureenis mana hidhaatti darbame.biiftunis erga dhala ishee bakka takkatti awwaltee booda harkaa fi miila hidhamtee obboleeyyan ishee biratti galte.achitti galtus jarri qabuu hin dandeenye.halkan walakkaa faa baddee yoo barbaadan kunoo muka ijoolleen jalatti dhumte jala teessee imimmaan garaa waa dhalee gad nannaqxi.osuma akkas jettuu lafti isaaniitis lafa harreen irra ooltu taate. isheenis boodarra obboleeyyan jalaa baddee muka ijoollen jalatti dhumte sanirratti of fanniftee lubbuun ishee baate.

Fiixabas Habroo

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa