YAADANNOO FI MUUDANNOO-Caalaa Haa hiluu Abaataa

YAADANNOO FI MUUDANNOO

12239513_961398673933972_3794937773696156027_nYeroon isaa waggaa 12 dura baatii kakan keessa ture,kanin hiriyaa koo waayee waliin kaafnee haasofnee kanaan wal barre. Barri sun bara 2004 ture , mana hidhaa Mooyalee,Godina Booranaa keessaa nu nama afur Dirqiin bahaa jedhanii nu baasan. Nan yaadadha, Caamsaa 04-2004, ture, qormaata biyyoolessaa kutaa 10ffaas akka nuti mana hidhaatii deddeebinee hin fudjanne illee nu dhoorkaniit manuma hidhaa san keessa turre. Ragaa tokko malee himannaa dhuuga nurratti bananiit beellamni keenya guyyaa shantu hafe,namni komaander Halakee jedhaniin shugguxii nubaafatee,” …ammaan tan meesha keessanillee konkolaatan siniif finnaa, sin garuu daddafaatii mooraa kana gadhiisaa deema.” nuun jedhe.

Yeroof nuti barattoota afur turre.
1. Bantii Addunyaa
2. Caalaa Hayiluu
3 Daalacha Goollichaa ( bara 2013 Keenyaa, Naayiroobbitti ajjeefame)
4. Jaldeessa Saaraa ( yeroo ammaa eessa akka jiru quba hin qabu).
FDG bara 2003/4 kaheen wal qabatee kanneen Mooyalee irraa gara Yaa’abal’tti dabarfaman, Kanaa Waaqoo fi Kadir Gaangee, malee kan Mooyaleetti hidhamne barattoota 60 kan caaluu keessaa, nu arfan achitti hambisanii turan.

Kanaa Waaqoo, maan hidhaa Yaa’abal’oo irraa badee Keenyaa,odaa bakka ijoolleen Mooyalee Oromiyaa irraa baqatanii buufatan gahuusaa odeessi nu dhaqqabeera. Barattoonni fi barsiiftonni yeroo sanii Oromiyaa-Mooyalee gadhisanii, gara Mooyalee -KEENYAA jiran, nyaata dhaabanii ijoolleen hidhamte haa hikkattu jechuun qabsoo biraatti turan.

Barsiiftonni yeroo sanii warra haqaa fi qabsaahota cichoo sabboontota turan keessaa kanneen amma wal quba hin qabne hedduun isaanii biyyoota addunyaa kanarraa faca’an, kaanis mooraa baqattoota hedduu keessatti argamu. Kanimmoo abdii kutee biyyatti deebi’ee jireenyasaa gaggeessaa jirullee hedduu dha.
Ammaaf seenaa kana kitaaba ” RAADDEENII FI ICHIMA MOOYALEE” jedhu keessatti bal’inaan seenaa shammarran gootota Oromoo wareegamanii fi kanaan walq abatanii taatewwan dinqisiisoo hedduu gara fuuldurattin maxxansuuf deemaatii garan ijoo dubbii ka’eettan sin deebisa.

Maarree Caamsa 6-2004 erga dirqiin mana hidhaatii baanee, Xalayaan ” jaallan mana hidhaatii bahuu keessan dhageenyerra, haa tahu malee, haala hamtuu murteeffannoo cimtuu godhanne kana keessatti ija keessan arguu barbaanna, yoo dandeessan mooraa baqataa Odaa jirutti koottaa…” jettu jaallan odeessii jidduu lamaan deemanii deddeebisaniin nu dhaqabde. Anuma qofatti kennaniifi hundaaf ergameesaa ammayyuu hin qaabadhu. Ammoo jaalli natti dhihoo jiru quba qaba. Haa tahuutii hundi keenya yeroo tokotti yookin wal argannee garas deemuu hin dandeenye….

Guyyaan kuni magaalaa Mooyalee keessatti guyyaa hiriira balaaleffannoo ABO irratti OPDO’n qindeessitee nama hunda humnaan mana irra deemtee baaftee fi dirqisiifte dha.

Wanti dirqiin nu baasaniif:

1. warri ESMGU ( Yeroo san warri kuni haala gaarii taheen FDG oromiyaa keessatti gaggeefamu hordofaafi gabaasaa turan. ) waan dhufaniif akka isaan dhufanii nun qunnamneef ture.
2. warri Red-cross fi dhaabbileen mirga namoomaf falman afur gara magaalattii waan seenanii nu iyyaafachaa turaniif, isaan qaata bahan jechuuf ture kan dirqiin nu baasaniif….
Haa tahuutii maraataa fakkadheen qofaa koo gara ijoolleen keenya dahatte sanitti qajeele. Odaan kallattii kamitti akka argamte wallaalullee, deemuun dirqama koo ture….
Guyyaa tokkoon booddee Mallasaan qarshii Doolaraa miliyoona 60 baasanii keenyaf malaanmaltummaa kennuun barattootaa 800 caalan dirqiin Mooyalee -Oromiyaatti nu deebisan.

Guyyaa tokkoon booddee ammas imalli keenya dirree WBO’n jiru tahuu qaba jechuun warra dirqiin deebifamne keessaa nama 3 taanee mari’achuun ganama obboroon akka wal garru marii godhanne. Sadeen keenya keessaa ganama bakka jennetti kan argame nuti nama 2 turre. Jaalli keenya tokko maaltu muudate laata? moo nu darbeet deemee? jennee nu lamaan wal gaafanne. Tarii bakak jalqabaaf dhumaa waan walitti dhaammanneef, laata bakka isa dhumaa sanitti nu eegaa laata? jennnes milaamilchaa goone….

Wanuma halleefuu jaalli keenya haala hamtuu keessatti nubiraa hafuu isaa, waggoota muraasa booddee nuuf haalli anjaahuu baatuyyuu inni lafa silaa dhaquu qabna jenne sanii diinirraa bokkisaa akka jiru barre. Booree umrii xobbee saniin guduunfateen dirree dhiirri waacilu keessaa waacilaa jiraachuu gaafan dhagahu ani ofin komadhe. Achi hanqachuu kootti.kuni kitaabicha keessatti maalif kan jedhu kaasa ammaaf irruman darba. Jaalli bporeen natti hin hafin jedhee silaa karaa waliin wuxinne sun isaaf tahuu baatullee,dirree jennetti aragame sun garuu Darara Dhabati…..

Haa tahuutii jaala lammeessoo waliin 1000 km imallee iddoo tokko qubanne haala ittiin gara yaannesan geenyu abbaluu jalqabne, hin taane, Ammoo yeruma kana keessa jaala tokko arganneet isa waliin torbee lama turre. Garaas wal barree, waan hedduus nuuf tahe… guyyaa tokkon utuun achuma lafa dhokannee turre san taaheen walaloo mata dureen ,” SINII WARRI HAQAA” jedhu tokko barreess dubbisaaf. Wanti ajaayibaa jaala kanaan erga wal agarree waggaa 10 darbeera,. guyyaa kaleessa galgala karaa FB kanaan maqaa masoo baafatee, ”abbooo na yaadattaa laata?” naan jedha.

Profile’ isaa keessa seenen waanin ittiin yaadadhu yoo jiraate laale, fakkoon hin jiru. wanti jiru yoo jiraate iddoon jireenya isaa magaalan ani beeku san keessa tahuu isaa qofa. Lakkii obboleessoo si beekuu hin dandeenye dhiifaman jedheen. Achumaan ,”wayiin si qaabachiisuuree?” jedhe. Eyyeen mee na yaadachiisi jennaan, ” SINII WARRI HAQAA” walaloo jettu eessatti barreesitee? ni qaabattaa? waan gaafas galgala haasofne hoo ni yaadattaa?” yoonan shakkii malee eeny akka inni tahe yaadadheen hedduu waliin haasofne. yaadannoo wagga 12 dura tures …. waa meeqa buunee baanee odeessine. Achumaan gaaffii tokko na gaafate.
‘Ilaa mee warroota ati gaafa umrii ijoollummaa waggaa 16 tiin waloo maqaa isaanii hiiktee barreesiteef sunniin hundumtuu yeroo ammaa akkasuma warra Haqaati moo kan sharafame jira? Namoota ati yoos faarsitee hunduu bakkuma gaafasii jiruu? Nma jireenyaan faarsuun nama gaabbisiisa moo nama gammachiisa?”

Gaaffii qormaata jabaa nagaafate jaalli kuni. Deebii gaaffilee isaa deebisuun dura, mee dura walaloo sanin barbaadee dubbisaatii san boodan sitti deebi’an jedheen….


Yaadannoo fi Muudannoo kana kutaa 2ffaa keessattin xummura.
Namni jabana kanaa waan dheeraa dubbisuu jibineerra waan taheefan kutaa 2′ dhiheessuu filadhe.
Guyyaa gaarii!
Ani Caalaa Hayiluuti.

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa