SEENAA GOOTA OROMOO jaal # DAGAA_SHEEK_HAS AN_MAATII-Kan qideesse Aje zenu kadir Fi Jaalataa Lammii Kan naaf dabarsee Jaalataa Lammii Kan barreesse Sabaan-boon Firrisaa

SEENAA GOOTA OROMOO jaal # DAGAA_SHEEK_HASAN_

13418697_1730423350544242_8763439793144867908_nGootni kun Maatii Haadha isaa# Badiriyaa_Abbaa_Awajii irraa dhalate.
kan inni ittiin beekkamu # Dagaa_deenoo jechuudhaan beekama. Jaal DAGAAN kun dhaloonni isaa Godina # Jimmaa Aanaa # Saxxammaa GAATTIRAA Ganda # Doonee jedhamtutti yoo ta’u gosti isaa # Deenoo dha. Dagaan obbolaa dhiiraa-4 qaba obbolaa dubraa-2 qaba walumaa gala ilmaan sheek hasan-7 turani. Dagaan haadhaa fi abbaa isaatiif ilma 2ffaa dha. Hangafti isaa obboleettii Tiruun isaa Aadde # Giddee_Sheek_Hasan kan hanga ammaa kan lubbuun jirtu umuriidhaan manguddoo taatee jirti. Rabbi umrii nuuf haa dheeressu jenna!.

Abbaan goota kanaa haadha manaa tokko qofa qaba. Haadha gootaa Aaddee BADIRIYYAAdha. Jaal DAGAAN nama sirriitti amantaa ofii hordofanuu fi nama karaa gara garaatiin sabaaf waan gaarii godhaa tureedha. Jaal Dagaan ijoollee dhiira lamaaf dubara tokko haadha manaa isaa. AADDE # Mukarramuu_qaasim_Abbaa_Diiduu irraa argate MUSLIIMAA DAGAA. Mifta DAGAA. Abdurazzaaq DAGAAjedhamu. barri dhaloota Jaal Dagaa Deenoo bara 19,57 Akka lakkofsa Itoophiyaattitti yoo ta’u barri wareegama isaa 19,87 baatii ramadaanaa guyyyaa 15 gurraandhala/yekkaatit bultii-10 guyyaa kamisaa waaree booda sa’atii 7:30 irratti umurii isaa waggaa-30tti imaanaa isaa lammii isaatti kennatee hojii fi gootummaa isaa fi jaalala guddoo onnee saba isaa keeysatti dhiisee dachee kana irraa gara dachee rawdaa jannatul-firdawsitti akka godaane Rabbii keenyarraa abdii guddaa qabna!.

Mee seenaa jaal # Dagaa_SheekasanDeenoo bal’inaan hamma odeeffannee fi hamma maatii isaa lubbuun hanga guyyaa har’aatti dachee addunyaa kanarra jiranu irraa arganne walumaan haa ilaalluu nu faana bu’aan affeerraa sabboonummaa fi gootummaa,dirqama oromooti
=====><=====

13344604_683440345127531_2558705718669022986_nDagaan ijummaadhuma isaarraa eegalee hamma gaafa guyyaa wareegama isaatti hojiilee dhalli dhalaaf hojjachuu qabu hunda bu’aa ba’ii baay’ee keeysa dabraa wantootni inni lammii isaatiif jedhee raaw’ataa ture ga’ee isarraa eeggamuu-ol taphataa tureera.Bara sirna nama nyaataa mootummaa dargii sana keeysatti dhalli oromoo hedduun dirqamaan waraana
mootummichaatti akka hirmaachifamaa ture ijaaf gurra keenya duraa dhokataa miti!
Egaa jaala Dagaas dirqisiisuun kun gaafa isa dhaqqabu bara 19,77 keessa waraana dargii sanatti akka makamu dirqameera (ANDANYAA ZUUR) erga dhaqee jaratti makamee achi keessatti gootummaa guddaa agarsiisaa waggoota lamaaf baatilee saddeet jaraa wajjin tureera. Achi keessattis dagaan nama amantaa isaa islaamummaa sirriitti eeggatu yoo ta’u …yaroo saatiin salaataa ga’u yoo maal irrayyuu jiraates jala dabree hin beeku!. gaafa jalqabaatiif yaroo inni salaata magribaa salaatuuf ol ka’u waardiyyootni kaambii sana keeysaa dhorguuf yaalanuyyuu hin dandeenye.

Oromo_Flag_4500x1800@25%_v3

Dagaan erga gara maatiitti deebi’ee akkas nuun jedhe jedhu, obbolaan isaa kan hamma lubbuun jiranu “utuun salaataa jiruu akkan salaata koo addaan kutuuf dhukaasni sodaachisaa mataa koo irraan narra dhukaafamus yoon du’e shahiida(dirqama Rabbi natti kenne utuun raaw’adhuun wareegame) jedhameen waamama waanta’eef addaan hin kutu jedhee murannoo dhaan sodaa tokko malee salaata koo raaw’adheera” jedhe obboleessi keenya dagaan. Achi boodas yaroo heddu erga yaalii taasisanii dadhabanii booda adabbii dhaaf jedhanii yaroo qabbanni ykn qorri jabaatu keeysatti haroo guutuu tokko na geeysanii huccuu
hunda uf irraa baasii seeni naan jedhanii ergan qorra sana hunda danda’ee seenee hamma tokko keeysa turee boodas Raashina (qallaba)isaa fi kan waraanaa torban tokko hunda itti fe’anii/baachisanii himala dheeraas akka himalchiisan dagaan maatii isaatti himeera!

Garuu kanuma hunda waliin hamma achi turetti adabbiilee adda addaa kan isaan adabanu hunda adabamaa salaata isaa guyyaa tokkollee utuu hin dhiisin jarris booda waan godhanu dhabanii ‘kun maraatuu dha’ jechuu dhaan dhiisaniiru.

Erga dirqama isaa waggaa lamaaf baatilee saddeet xumuree gara biyyaatti deebi’e.
Erga deebi’ee jalqaba bara 80 keeysa bultii horate(fuudhe). Erga fuudhees takkaa bultii koo qofaafin jiraadha jedhees jiraatees hin beeku dagaan!

et-olfMadaa qubaa dhukkubsachaa lammiin koo akkamitti akkanatti ukkaamfamee jiraata jedhee sammuu isaatiin wal lolaa tooftaa ittiin naannottii keeysa naannawaa dirqama isaa ba’atu akkuma durii itti fufe innis…
Durumaan utuu gara waraana dargiitti hin makaminiin dura hayyama daldala loonii mootummicharraa fudhate waggaa lamaaf erga daldalee gara waraana sanaa deemuuf dirqame erga waraana dargii keessaa galee hammas hayyama sanaan itti fufe.

Daldala isaatiinis gabaa biyya keeysaa kan akka gabaa guyyaa kamisaa kan ganda saataa goonoo jedhamtu
keessatti argamu. Gabaa guyyaa sanbataa/xinnaa kan sigimootti arraafi irraafi gabaa guyyaa dilbataa/guddaa asuma gaattiraa jiru irraas sangoota bitee gara gabaa aggaaroo, caggoo, toobbaa fi k.k.f erra deddeemee bitee gurguraa ture daldalaa cimaa ykn adda duree daldaltoota naannoo kanaas ta’uu isaa argaa dhageettiin ragaadha. Gaaf tokko gabaa magaalaa aggaaroo kan guyyaa kibxataa keeysatti daldalataa oolee utuu inni gara mana hiriyaa isaa tokko kan naannawa sanitti argamu deemaa jiruu hawaasa
gara gabaa kanaatii daandii gara mana hiryaa isaa geeysu irratti saamamuu, tumamuu fi olii fi gadi fifiigu arge!

“Maal balaan kun?”-jedhee hubatee yoo laalu saamtota naannawa sanii kan yaroodhuma hunda namoota daldalaaf karaa qaxxaamurus ta’ee kan gara gabaa deemuu fi galu achi dhaabbatanii waan barbaadan saamaa warra ture ta’uu hubate!

Yaroo kana tooftaa baafate …maqasii qeensaa(xifir maqorocaa) tokko kiisii isaa keeysaa qaba ture!
Isii kana kiisa isaatii gadi baafatee akka nama shugguxii fayyadamaa jiruu sagalee-llee itti uumee sassagaleessisee harka isaa keeysatti qabatee itti deeme!

stock-photo-flag-of-oromo-liberation-front-close-up-177495749Jarris shugguxii seetee rifatteetti keessaa isa jabaa harka tokkoon qabee miidhee laaffisee “Kottaa fuul-dura koo deemaa hundi keeysan” jedhee jara saamtota kana waamee jarris fuul-dura isaa bu’anii deeman
Adeemsa miilaan daqiiqaa 30 ta’u erga deemanii mana Hiriyaa isaa ga’anii “kottaa cal’isaa deemaa” jedhee yoo karaarra buusu jarris “edaa si’ii daga?” Jedhanii karaa jaraa irra bu’an. ummanni gabaa aggaaroos akkas jedhan. Shiftoota hattuu ija jabaa Dagaa guumaa male eenyutu Nurraa qabee dhaabaa jedhu ture…
Utuma kanaan jiruu dagaan bara 84 gara Adda bilisummaa Oromootitti makame
Gaafa deemuuf ka’u akkas jedhe maatii isaatiin “Ani gabroomee, hacuucamee, lammiin koo tuffatamaa haala
kanaan hin jiraadhu du’een bada malee lubbuun ba’uu dhiisee yoo lafeen caccabee daaraa ta’es hamma na
ga’eera quba koo uf irratti nyaachuun.. nagaan naaf jiraadhaa. Yaa # mukarramuu haadha mana koo ijoollee koo naaf guddisi yoon lubbuun jiraadhe anuu dhufeen si laala yoon du’e jannata keeysatti kottaa achitti wal garraa” jedhee ba’e!

Dagaan nama gaarii ture nama arjaa nama jagna nama alaammatee hin dhabne ta’uus hiyyaafatni seenaa ragaa dhaGaarummaa isaa irraa namootni ganda isaa guutuun gibira lafaatiif yaroo mootummichi hidhaatti guuree turetti Dagaan gara waajjira poolisii gaattiraa deemee tokko tokkoon nama hidhamee kana hamma gibira isaa gaafatee erraa kafalee namoota fudhatee galeera! Dagaan erga gara ABOtti makamees wantoota oromoo boonsan hedduu raaw’ateera Akkuma dhaqeen tilmaamaan utuu waggaa hin guutin
rasaasni diinaa miilla isaa tokko jilbaa gadiin cabsiteetti hiriyoonni isaas gara ospitaala Aayiraa akka inni deemee yaalamu godhaniiru. Ospitaala Aayiraa deemee toora baatilee 5-6 wal’aanamee ennaa xinnoo lukki isaa itti fooyyoftu gara bosona naannawa gaattiraa jiranutti dhufee seenuu dhaan hammas agarsiisa hojii isaa itti fufe!.

oromo_liberation_front_flag_by_shitalloverhumanity-d5rpcz5Bosona kana keessattis waan isa irraa eeggamuu ol raaw’ataa tureera. Konkolaataa waraana diinaa kan karaa iluu abbaa boorii fi kan karaa magaalaa jimmaa irraa bosona # galliga ‘oo jedhamu kana keeysa qaxxaamuranii gara magaalaagaattiraa fi sigimoo naannawaa ishee seenuuf deemanu achi keessatti daaraa bubbeen fuute gochaa tureera gootichi oromoo dagaan deenoo!
Manni isaa fi kan maatii isaa naannawa bosonaa waan ta’eef gara mana isaallee deemuuf danda’eera
Utuu inni mana isaa keeysa jiraataa jiruu waraanni diinaa yaroo tokkoo hanga Afur4
hanga wareegama isaatti itti deddeebi’aa turaniiru. Garuu yaadni diinaa dafees hin milkoofne male!hamma
duraanii utuma uf irraa deddeebisuu utuma hinjifatuu utuma hidhannoo diinaa booji’atee itti fayyadamuu garuu gaafa guyyaan ga’e gaafa hafuurri keeysaa raaw’atte gaafa galmeen jireenya isaa lafarraa cufamte godaanuun dirqama waan ta’eef falmii fi lola guddaa isa xumuraa kan hamma nafsii isaatti geggeeffameen bara 19,87 yekkaatitii 17 ganama keessaa sa’atii 4:00 irraa “yaroo ani mana obbo dagaatti ol seenu obbo dagaan qawwee isaanii ceekuutti hirkifatanii harka tokkoon qur’aana qabatanii madabii isaanii
irraa gara ulaa balbalaa kanatti siqanii taa’anii qara’ujedhan yaroon isaan biraa gadi ba’u jarri tokko meeshaa
gurguddaa baattee caakkaa keessaa gadi natti yaate yaroon isaanittin hima jedhee kara manaa ol deebi’uuf yaalu na qepha’anii gadi nadeebisani!

Namni lama jara keessaa na qabuuf nafaana fiigdii ijoolleen dubraa namni lama (zakuu obboleettii keenyaa fii hindiyyaa shamarreen jedhamtu kan mana keenyatti guddatte) arganii dhagaa fudhatanii jara kana lamaan narraa dhorkani dhagaa itti guuranii kara manaatti yaroo jarri fiigdu diinnis faana buutee kara manaa qajeelte!. Ijoolleen lamaan akkuma mana seenteen huccuu jijjiirrattee utuu jarri kara mana obbo dagaa deemaa jirtuu diinnis argee ‘jara miti kun’ jedhee bira kutee kara mana obbo dagaatti
darbe..

Yaroo jarri ijoollettii lameen barbaadaa ol seentu obbo dagaan silaa dhagahaa jiru (sagalee garaa garaa)
qophiidhaan eeggatanii taa’ani yaroo jarri ulaa manaa ol saaqxu dhaw…dhaw… itti godhanii lafa naqani!
Sana booda diinni bosona boroo mana keenyaa keessa seenee jiru jara lameen kana irraa odeeffannoo eeggachaa kan jiranu yaroo sagalee dhukaasicha jaal dagaan dhukaase dhaga’anu gadi yaa’e. Utuu jarri hin dhufin obbo dagaan deessee keenyaaf warra isaanii waamanii Yaa haadha koo, yaa haadha ilmaan koo eda halkan Abjuu tokko argeen jira… abjuun koo sunis xalayaa wahiitu natti fidamee natti kennamaan argee…guyyaa godaansa kootiiti natti fakkaata jedhe..
Kan ani du’uuf lammii kootiif
kan ani du’us lafa koo irratti
kan ana ajjeesus diina kootii
isaa guyyaan guyyaa kamisaatii harra baqachuun woy taatii jechuudhaan deenii/liqii namaa narra jiru hiyyaafadhaatii narraa kafalaa kootis waan nama bira jiru gaafadhaatii fuudhaa ijoollee
kootiin naaf guddisaa hamma dafaa karaa duraa maqaa ijoollee koo naaf qabaa asii deemaa” jedhe obbo dagaan jedhe obboleessi isaa kan gaafas qaamaan bira jiru # Yuusuf sh.Hasan Deenoo Sana booda waraanni dhufee qe’eetti marsee dhukaasni eegale. Kan dhukaasni eegales sa’atii 4:00 ganama ture.Yaroo jarri sarootaa mana isaa fi qe’ee jara sheek hasan kanatti marsitu akkas jedhe jaal dagaan sagalee isaa ol
fuudhee lallabee “obbolaan koo fi firoottan koo fi maatiin koo hundi fi jaallan koo sabboontotni oromoo dhihoo fi fagoo irraa na dhagahaa jirtanu hundi …Ani obboleessi keessan Dagaan hasan hacuuccaa fi dhiittaa mirga keessanii waanin arguu fi dhaga’uu dadhabeef hamma nafsii kootiitti waan Rabbiin koo na gargaare raaw’ataa tureera hammas nanraaw’adha!.

Yoon hinjifadhe waliin gammadna, yoon hinjifatames akka waan kaayyoon koo du’eetti hin laalinaatii anaan jannata keeysatti wal garraa isinis haqaafi mirga keeysan falmachuu irraa duuba hin deebi’inaa, amaanaa dha… saroota wayyaanee kanaaf harka hin kenninaa, nuti mana jaraa, lafa jaraa, haqa jaraa, biyya jaraa saamuuf miti.

Haqa keenya irraa deebifataarra, mana keenya irraa lolataa jirra, dhiigni keenya xaliila xurii/huuba hin qabnedha, Haqaaf falmanna, dhugaa qabna, adawwii mana keenyatti nutti roorrisu hin sodaannu” Jedhaa ture jette tiruun isaa Aadde ‪#‎giddee_sheek_hasan‬ kan daggala keeysa dhaabattee sagalee isaa halaala irraa
dhageeyse!

Manuma isaa keeysaa goorroo/girgiddaa mana isaa keeysaa dawoo godhatee foddaa fi qaawwa garaa garaatiin harka lamaaniin mirgaa fi bitaa duraa fi duubaan erraa fi jalaan utuu dhukaasu nanaanna’ee utuu diina lafa naquu yaroo sa’atiin waaree booda/zuhurii booda 7:30 taatu diinni walitti labsee humna-llee dabalatee Akka cabbiitti utuu rasaasa itti roobsuu utuu meeshaalee gara garaa fayyadamuun ibidda qabsiisuudhaan dadhabsiiseera!!

Kana keeysa manni isaa fi kan abbaa isaa fi masjidni mooraa jaraa keeysaa tookkoo fi manni midhaanii akkuma midhaan(tuullaa xaafii) guutee jiruun ibiddaan barbadaa’eera. Gootaraan/gombisaan-3 kan xaafii dhaan guuttamee jirus ibiddaan gubataniiru qarshiin 60,000(kuma)ta’us kana keeysa gubateera kan Dagaa manni obboleeysa isaa tokkos gubateera yaroo kana innis rasaasa diinaatiin rukutameera.

Jarri duraan waraana/humna baay’eetu nuun lolaa jira seete ture sababa loltootni sarootaa baay’iinaan dhiigni ishee mooraa/qe’ee sheek # Hasan kana keeysatti dhangala’eef) garuu…yaroo jarri seentee reefka gadi
guuruuf jettu nama tokko qofatu du’ee ciisa!!!. Innis kan biraatiiree?

Odaa Oromoo
Odaa Oromoo

GOOTICHA DAGAA SHEEK HASAN MAATII DEENOOti. tokkocha hamma kumaa qal’aa akka soonsaa hiddaa akka bofaa jagna akka qeerransaa hayyuu goota akkaan sodaatamaa akka leencaa Dagaa sheek hasanoo ti!!. Jaal dagaan yaroo hiriyyoota isaa fi firoottan waliin yeroo haasa’u akkana nuun jedhaa ture jedhan “garaa ofii tiif jedhee kan jiraatu kan saba isaaf hin yaadne nu keeysatti hin dhalatin, kan dhalatee jiru nu keeysaa ha ka’u, gantuu fi yartuu basaastuun jiraachuu mannaa dhiigni isii baqee baduu wayya” jedhee nu gorsa jedha hiyyaafatni seenaa yaroo dheeraa hiyyaafatame. San booda reeffa isaa fudhatanii shubbisaa dhiichisaa gara maayibaasa gandoolee naannoo kanaa magaalaa GESECHAAtti baachisanii akka inni achi bulu godhanii utuu jarri achitti reeffa isaarraa dhiichisaa jirtuu ummatni oromoo kan magaalaa fi baadiyyaa naannawa sanii hiriira ba’ee dhaqee reeffa goota keenyaa nuuf kennaa jedhee yaroo gaafatu didanii achuma bulchanii gaafa 18 ganama Ramadaana 16 gara waajjira poolisii gaattiraatti geessan!

Ummanni magaalaa gaattiraas gandoolee baadiyyaa dabalatee har’as tokkoomee wal gurmeessee ganamaan
waajjirichatti yaa’ee gaafatee itti ciche jarris akkas jette “egaa namtichi kun isa dhiiga jaallan keenyaa dhangalaasee dhugaa turee fi isa hawaasa nu jalaa jallisaa turee fi isa seexana yidduu keenyaaf gidduu hawaasaa seenee waliin nu fixaa ture waan nafseen isaa harka keenya seentee jirtuuf eda harka keenya buleeraa har’a isiniif kenninaa nu eeggadhaa jedhanii saroota OPDO Aanaa kanaa waliin mari’attee reeffa isaa akka ummataaf kennitu murteeysite!

Ummatnis erra deddeebi’ee yaroo waajjirattii gaafatu reeffa isaa argatee fudhatee ulfinaa fi kabajaa guddaa dhaan asuma magaalaa gaattiraa naannoo # gomaaxaa_masalx anyaa jedhamtu naannawa awwaalcha/qabrii muslimaatti awwaalateera! Ilil goota koo tokkocha hamma kumaa lubbuun kee jannata keeysa nuuf haa jiraattu nuti-mmoo amaanaa kee galmaan ga’uuf qophii isin raaw’attan sana
hunda hojiitti hiikuuf kunoo jirra siin jenna leenca koo Abbaa dagaa koo!
Sana booda obbolaan isaa jarri yaadni fi hojiin jaraa walitti dhihaatu sadeen
IMAAM SHEEK HASAN
SULXAAN SH HASAN
RAJAB SH. HASAN
Jarris booda isaa sababa kanaan gara bosonaatii qe’eetti deebi’anii waan obboleeysa jaraa goota keenya jaal dagaa irratti raaw’atame hiyyaafachuuf yeroo dhufanu rasaasa saroota diinaatiin butamaniiru jechuu obbolaan hafan Yuusuf fii aadde Giddee fi aadde Zakuun ragaa dha. Imaam fi sulxaan ganda doonee sana keeysatti boolla tokkotti akka awwaalamanis obbolaa fi namoonni awwaalcha jaraa erratti argaman ragaadha! Sababni boolla tokkotti awwaalamanis yaroo sana boolla lama qotuu dhiisii tokkoon suniyyuu rasaasa diinaa jalaa baqataa jalaa gadi jechaa waan qotamuuf akkas ta’e nuun jedhan!.

Abbaan isaanii erga baqatee gara biraa dhokatee waggaatokko booda mul’atee innis dhibee dhaan wal qabatee
waggoota muraasa dura dachee irraa godaane Rabbi jannata keeysatti wareegamtoota oromoo waliin haa
qananiisu Abbaa gootaa sheek hasan fii ilmaan isaa hunda wareegaman waliin..
Haati jaraas aadde Baduriyyaan sana booda takka bubbultee darsa ishee dachee kana irraa xaxattee
deemteetti Rabbi haa rahmatu haadha gootaa!. Haati manaa isaa ijoollee ishee akka’oo isaanii biratti
dhiistee ganda gellaa jedhamtu keeysatti heerumtee hamma ijoollee 6 horattee lubbuun jirti
Ijoolleen jaal dagaa isheen hangafaa # Musliimaan heerumtee ilmaan lama argattee jirti Ilmi isaa inni lammataa, # Miftaan kara abbaa isaa, wasiillan,akaakayyuu fi akka’oo isaa godaanee boqotee jira
Ilmi dagaa inni sadaffaa, # Adurazzaaq barnoota isaa xumuree asuma magaalaa gaattiraa keeysaa carraa hojii eeggataa jira. Horii fi qabeenyi jaraa marti fi lafti jaraa kan ganda doonee keeysaa gaafa jarri erraa baqatanu irraa eegalee mootummicha wayyaanee seericha qondaalota abbaa hirreetiin saamameera jedha hiyyaafannaan argaa fi dhageettii kanaanis loon gaafaa walumaa galatti-45, faradoon gaammaa-15 hoolotni lakkoofsa hin qabdu midhaan qe’ee jaraatii barbadaa’e tilmaamaan
daawullaa-50oli jedhu jarri lubbuun jiranu.

Manni jaal dagaan gaafa duraa magaalaa gaattiraa keeysatti ijaarrate yaroo sanaaf loltootni wayyaanee akka
dawootti itti gargaaramaa turanii gaafa fedhii guuttattu dhiistee ofumaan galte! manni kun nataa’ee hanga har’aa kunoo jira. ijoolleen isaa (kan dagaa) wasiila isaaniitti gurguratanii wasiilli jaraatu keeysa jiraataa jira fuul-dura masjidul-fathii magaalaa gaattiraatti argama… Egaa gootatu goota qorata mitii Nutis xurree gootaa hiyyaafannee dhalootaaf katabnee keenya jennee akkuma dhamaatii guddaa goone kunoo gargaarsa Rabbiitiin hamma tokko dhalootaaf galmee seenaa keeysa keenyeerra. Qabsaa’aan ni kufa qabsoon itti fufaWaan dubbistaniif galatni keeysan wareegamtootni keenya caayaa jannataa nuuf jiraachuu isiniif waltaanee kayyoo jaraa galmaan gahuu nuuf ha ta’u.

13332751_683440335127532_2328710247233926988_n
Kan qideesse Aje zenu kadir
Fi
Jaalataa Lammii
Kan naaf dabarsee Jaalataa Lammii
Kan barreesse Sabaan-boon Firrisaa
June 10/6/2016

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa