DHIBEE DHALA NAMAA MUDATAN KEESSAA MURAASA-Dr. Gurmeessaa Hinkoosaatii’n Fayyaan Faaya

DHIBEE DHALA NAMAA MUDATAN TOKKO TOKKO

Dhalli namaa yoo fayyaa qabaate lafa yaade ga’uun milkoomina gonfata. Keessumattuu jaarraan amma keessa jirru jaarraa dorgommii waan ta’eef namni dhibee hedduun saaxilamuu danda’a. Dhibeewwan kun salphaatti akka dhabamsiifamaniif ammoo dursinee beekumsa dhimmoota dhibee sanaan walqabatan beekuu qabna. Ibsoonni kanneen gaditti siniif kennamanis salphaatti sadarkaa hubannoo keenyaa akka gabbifannuuf afaan sabaOromoof galuun dhiheessuudha malee tokkoo tokkoosaarratti yeroo dheeraa fudhee qorannoo gadi fagoo hojjedheen miti. Hojjechuu dadhabeefis miti.  Haaluma kanaan dhibeewwan sagal (9) ta’aniif ibsan kanaa gaditti siniif kenne kana waliin yeroo gaarii qabaadha!

1. DHIBEE QAAMA SAALAA DHIIRAA (PREV. POST)

Qaamni saalaa dhiiraa kan dhaabbatu (erection) yoo hormooniin sammuu keessaa gadi lakkifamee ujummoolee dhiigaa qaama saalaa dhiiraa keessatti argaman dhiigaan guutuudhaan dhiibbaa (pressure) uumudha. Haalli kamillee kan kana dangeessu, qaamni saalaa dhiiraa dhaabbatee walqunnaamtii akka hin raawwanne dhorka, osoo fedhii qabuu jechuudha. Yoo fedhii hin qabaanne garuu inni kan biraati malee dhukkuba kanaan walqabachuu dhiisuu danda’a (decreased libido).
Dhibeen kun akkuma umuriin dabaleen dabalaa deema. Giddu galeessaan dhiirota waggaa 40 keessaa 5% yoo hubu, warreen waggaa 70 ga’an keessaa ammoo haga 15% hubuu danda’a.
Dhibee kana kanneen namatti fidan keessaa.
1. Rakkoo xiinsammuu (psychological problems). Kun yeroo hedduu namoota saalqunnaamtii waliin walqabatee miidhama, sodaaa fi kkf qaban.
2. Dhukkuba sukkaaraa
3. Tamboo xuuxuu
4. Dhukkuba narvii
5. Qorichoota adoochan kan akka hashiishii fi kkf.
6. Qorichoota dhukkuba biraa yaaluuf ajajaman kan akka, antihypertensive, antihistamine, antidepressants, etc.
7. Depression ( among psychiatric problem) fi kanneen biroon illee in jiran.
Furmaanni rakkoo kanaa yeroo ammaa qorichoonni garaagaraa jiraatanis yeroo baay’ee sildenafil (viagra) akka ballinaan fayidaarra oolaa jiru beekamaadha. Qoricha kana ajaja ogeessaa fayyaatiin qofa fayyadamna. Midhaawwan cinaa (side effects) qorichi kun qabu keessaa; mataa dhukkubbii, gadteessisuu (diarrhea), garaacha dhukkubsuu (dyspepsia), oldeebisuu (nausea). Fi kkf.

2. FOROFORII (Subhoerric dermatitis)
Foroforiin dhukkuba gogaa kamiyyuu caalaa hawaasa keesatti argama, umurii hundaa huba, takka ni dhufa takka ni deema malee guutummaatti qoricha takkaan hin dhiisu.
1. Shaampoo qabiyyeewwan kana of keessaa qabaniin rifeensa dhiqachuu. Isaanis: Tar, antifungal antibiotics, Zinc pyrithione, selenium sulfide. Hunda isaanii qabaachuu baatus shampoon fayyadamnu tokko yokaan lamaan isaanii yoo ofirraa qabaate gaariidha.
2. Qorichoonni akka steroid scalp lotion fi anti-fungal garaa garaa kennaman ni balleessu.
3. Yoo wal’aannu haga mallattoon isaa badutti qofa ta’uu qaba. Sababni isaas erga nurraa badee booda itti fufanii yaaluun yeroof qarshii fixuu malee akka deebee hin dhufne waan hin ittifneef.
4. Qaama fi rifeensa keenya yeroo yerootti dhiqachuun waan akka zayitaa sebum kan qaamni keenya oomishu kan dhukkuba kanaaf haala mijeessu dhabamsiisuun hedduu gargaara.
5. Dhumarratti mana yaalaa deemnee yoo nurraa baduu dide qorichoota biraa fayyadamuun ni danda’ama.
6. Walumaa galatti foroforiin sirritti yaalamee fayyuu danda’a. Akka deebee namatti hin deebine gochuun garuu rakkisaadha.


3. HIR’INA DHIIGAA (ANEMIA)
Hir’ina dhiigaa jechuun yoo dhiigni diimaan qaama keenya keessatti argamu haga barbaachisuu irraa gadi bu’u jechuudha.
MALLATTOO ISAA
1. Dadhabbii, afuurri cituu, harkii fi miilli dilallaa’uu
2. Mataa dhukkubbii lafti namaan maruu, waa yaadachuu dadhabuu.
3. Dha’annaan onnee oduma taa’anii akka nama fiiguu namatti dhaa’amuu
4. Gurra keessaa namatti iyyuu, dhamdhamni nyaata namatti jijjiiramuu fi kkf.
MAALTU HIR’INA DHIIGAA FIDAA?
1. Dhiiguu kanneen akka dahumsaa, marsaa laguu, kintaarootii fi kkf.
2. Hir’ina viitamin B.
3. Hir’ina elementii ayirenii (Iron)
4. Dhukkuba garaachaa
5. Raammoo garaa (hook worm)
6. Dhukkuba busaa (malaria)
7. Dhukkuba kalee yoo baayyee namarra ture
8. Dhukkuboota lafee (bakka itti dhiigni oomishamu) miidhan.
9. Dhukkubootni biroo kan yeroo dheeraaf namarra turan illee hir’ina dhiigaa ni fidu.
NYAATA KAM NYAANNEE OF WAL’AANNAA?
1. Hundee diimaa
2. Timaatimaa fi loomii
3. Tiruu
4. Kuduraalee fi muduraalee.
5. Damma fi Aannan
6. Nyaata armaan olii kana yoo nyaannu bunaa fi shayii waliin dhuguu hin qabnu. Kunis xuuxamuu iron waan hir’isuuf.


4. Nyaata ilkaan keenya miidhan ( Teeth damaging foods)
1. Karamellaa (Candies)
2. Loomii yoo baay’isnee fayyadamne (Too many lemon)
3. Chiipsii dinnicha irraa hojjatamu ( Frequent potato chips)
4. Buna sukkaaraan yoo baay’isne. (Coffee with sugar)
5. Alkoolii baay’isuu(Too many alcohols) (waan afaan gogsuuf)
6.Dhugaatii sukkaara olka’aa (Sugary drinks) ofkeessaa qaban yeroo dheeraa fayyadamuu
Source: ADA (American Dental Association)

5. Utaalloo ( Common cold) irraa dafnee fayyuuf:

-Boqonnaa gahaa fudhachuu
-Bishaan ashaboon bulbulanii afaan fi gorooroo lulluuqqatanii (gurgle) godhanii tufuu
-Dammaa fi qullubbii adii nyaachuu
-Waan ho’aa funyaan gararraa ykn Adda keenyarra kaa’achuu
-Decongestan kan jedhaman kan funyaan cufame nuu banan mana qorichaa irraa fudhachuu
-Loomii xuuxuu
-Dhangala’aa sirriitti dhuguu
-Yoo rafnu boraatii (pillow) dabalataa mataa keenya jala kaa’achuu
-Waan ho’aa dhuguu
-Yoo funyaan keenya keessaa dhangala’aa baafnu, qaawwa funyaanii lamaan isaa altakkaatti yoo qabne gurri keenya ni miidhama. Kanaaf dabaree dabareedhaan baafachuu qabna.

6. DHIIBBAA DHIIGAA

Akkamiin Ofirraa ittisnaa?
1.ISPOORTII ykn SOCHII QAAMAA. Yoo xiqqaate torbanitti guyyaa afuriif guyyaatti daqiiqaa 30 ispoortii hojjachuu qabna. Ispoortiin hajjannus dirqama kan leenjisaadhaan ykn mana ispoortiitti hojjatamu osoo hin taane; kanneen akka deemuu, wadaroo irra utaaluu, shubbisuu, fi kkf illee ni ta’a.
2.ULFAATINA HIR’ISUU. Haala nyaataa sirreessutiin, sochii qaamaa gochuun hirisuu dandeenaya. 3.NYAATA DHIIBBAA DHIIGAA HIR’ISUUF GARGAARAN NYAACHUU. Nyaanni qabiyyee sodium tiin xiqqaa ta’eefi qabiyyee potassium fi magnesium olka’aa ta’e dhiibbaa dhiigaa ni hir’isa. Nyaatawwan kunnenis kan akka midhaan callaa; qamadii, garbuu fi kkf. Dinnicha ( keesummatti potassium olka’aa waan qabuuf). Fuduraalee fi muduraalee bifa garaagaraatiin qophaa’an. Nyaata coomaa qaban irraa ofqusachuu
4.ASHABOO BAAY’EE NYAACHUU DHIISUU. Yoo ashaboo (sodium chloride) baay’ee nyaannu dhiibbaa dhiigaa olkaasuu irraattti gahee guddaa qaba. Keessumaa namoonni umuriin isaanii waggaa 50 ol ta’an, namoonni dhukkuba sukkaaraa qaban, namoonni dhukkuba kalee qaban, namoonni kana dura akka dhiibbaa dhiigaa qaban itti himame, nyaata ashaboo irraa of qusachuu qaban.
5.ALKOOLII YOO KAN DHUGNU TA’E XIQQEESSUU QABNA. Dhiirotaaf guyyaatti safara lama ( 2 unit ) ol dubartootaaf guyyaatti safara tokko ( 1 unit) ol dhuguu dhiisuu. HUB: safara jechuun kan alkoolii sanaaf murtaa’e jechuudha. Eg. Beer in bottle, …… yoo amma jedhame kanaan qofa fudhatame hamma ta’e dhiibbaa dhiigaa ni hir’isa.
6.YOO KAN TAMBOO XUUXNU TA’E DHAABUU QABNA.
7.HAMMA DANDA’AMETTI DHIPHACHUU (STRESS) HIR’ISUU. 8.HORDOFFII YEROO YEROOTTI TAASISUU. Inni kun kan baayyee barbaachisaa ta’eefi uummanni keenya yeroo hedduu dagatudha. Dhukkubni dhiibaa dhiigaa haga sadarkaa guddaa irra ga’utti yeroo baayyee mallattoo tokkollee hin argisiisu. Kanaafuu “silent killer” ykn “ kan dhokatee ajjeesu “ jedhama. Meeshaan ittiin dhiibbaa dhiigaa safaran baay’ee salphaafii buufata fayyaa hospitaala kellaa fayyaa ….. bakka hundatti argamudha. Dhuunfaatti illee bitachuuf ulfaataa miti. Haa ta’u malee hawaasni keenya bartee dhiibbaa dhiigaa isaa safarachuu waan hin qabneef miidhamee erga dhukkuba biraatti ce’ee booda dhufa. Kun ammoo hafuu qaba.


7. VAAYIRESII TIRUU (VIRAL HEPATITIS)
Dhukkubni hepatitis B (virasii tiruu) mallattoonsaa maalii? Akkamiin daddarbaa? Akkamiin irraa of eeggachuu dandeenyaa? Talaallii qabaa?
Dhukkubni tiruu kan viral hepaatitis jedhamu gosoota vaayiresii shan ( hepatitis A, hepatitis B, hepatitis C, hepatitis D fi hepatitis C virus) kan nama qabu yoo tahu rakkoo tiruu irratti kan yeroo dheeraa kan fidan hep B fi C qofadha. Hep A karaa bishaan faalamee yoo darbu yeroo muraasaa qofa tiru hubee ofumaan deebee kan dhiisudha. Hepatitis D ofiisaan ofdanda’ee osoo hin taane hepatitis B irratti maxxaneeti. Hepatitis E kan jedhamu ammoo kan miidhaa cimaa fiduu danda’u dubartoota ulfaa irratti.
Hepatitis B virusii tiruu kan miidhaa tiruu yeroo gabaabaa (acute viral hepatitis) fi miidhaa tiruu yeroo dheeraa (chronic viral hepatitis) kan namatti fiduu danda’udha. Dhukkubni kun karaan ittiin daddarbu inni guddaa karaa qunnaamtii saalaa fi meeshaalee qara qaban waliin fayyadamuudhaani. Akkasumas haadha irraa dhalatti (yeroo da’umsaa fi gadameessa keessatti), dhangalaa’aa kaamiyyuu qaama dhukkubsataa irraa gara nama fayyaatti faca’uun. Karaan daddarbuu isaa dhukkuba HIV waliin wal fakkaata garuu carraan daddarbuu kan virasii kanaa HIV caalaa baayyee olka’aadha.
Mallattoon dhukkuba kanaa: halluu ijaa gara keellootti jijjiiruu, haalluun fincaanii bifa cocacolla fakkaachuu, dadhabsiisuu, nyaata jibbisiisuu, balaqqamsiisuu, dhagna gubsiisuu fi kanneen birooti.
Of eeggaannoon nuti gichuu qabnu namoota dhukkuba kana akka qaban beekamee fi mallattoo dhukkuba kanaa qaban (haga mana yaalaa deemnee qoorachiifnutti) harka duwwaa tuttuquu fi kanneen birio irraa of qusataa hattatamaan deemnee of qusachuu qabna.
Oduu gammachiisaan dhukkuba kana waliin wal qabatee jiru talaalliin hepatitis B virus haga dhibbeentaa 90 umrii guutuu dhukkubicha namarraa dhorkuu danda’a. Talaalliin kun keessumaa namoota mana yaalaa keessa hojjataniif namoota qunnaamtii saalaa namoota hedduu waliin taasisaniif hedduu barbaachisaadha. Taalaalliin kun namaoota umuriin keenya sadarkaa daa’immanii ol ta’eeg kilinikoota dhuunfaa hedduu keessatti argama. Daa’immaniif garuu akkuma sagantaa talaalliitti kennamaa jira. Yoo tarii osoo talaallii isaa him fudhatiin dhiiga nama dhukkuba kana qabuu waliin walitti buutan, qorichi sa’aa 72 keessatti fudhachuu qabdan (immunoglobulin) ni jira. Inni qarshiin isaas baayyee keenyatti waan ulfaatuuf dursanii talaallii fudhachuutu gaariidha.

8. BALAQQAMA KONKOLAATAA KEESSAA (MOTION SICKNESS)

Namoonni baay’een yoo konkolaataa koran ni balaqqamu. Namoota kana qabaniif waan ittiin of gargaaran:
1. Deemsa eegaluun dura nyaata baay’ee, nyaata zayita qabu, nyaata foolii cimaa qabu fi alkoolii irraa of qusachuu.
2. Zinjibila (ginger) shayiidhaan danfisanii dhuguun ni gargaara.
3. Loomii xuuxaa yoo deemne garaacha keenya tasgabbeessuuf gaarummaa qaba.
4. Konkolaataa keessa bakka sochiin itti xiqqaatu ( kara fuulduraa) taa’uu.
5. Yeroo hunda kallattii fuula duraa irraa itti deemnuun taa’uu.
6. Namooti rakkoo kana qaban wal bira akka teenye fi akkasumas isaan biratti waa’ee waan kanaa haasa’uun akka dafee itti dhufu taasisa.
7. Qorichi dukkuba kanaaf ooluuf sirritti fayyadu waan jiruuf dursanii bitachuudha.

9. FINNISA (ACNE) AKKAMIN OFIRRAA ITTISUU DANDEENYAA?
Rakkoon kun kan uumamu yoo xannachi gogaa sabaceous gland jedhamu kan dhangala’aa akka zayitaa sebum jedhamu kan gogaa keenya akka hin gogne eeguuf gargaaru oomishu haga isarraa eegamuu ol dalagu (overactive) dha.
Akkamiin ifirraa ittisuu dandeenyaa?
1. Nyaata zayita qaban erga nyaannee booda fuula keenya qaqqabuu dhiisuu qabna.
2. Dibata fuulaa (make up) hir’isuun baay’ee gargaara.
3. Dibata baareedinaa (make up) yoo dibannu kan “non-comedogenic” jedhu fi kan bu’aalee zayitaa (oil) baay’ee of keessaa hin qabne fayyadamuu qabna.
4. Fuula keenya guyyaatti ala lama qulqulleeffachuun qaawwi gogaa keenyaa xuraawaa garaagaraan akka hin cufamne taasisuun finnisi akka hin uumamne gargaara.
5. Uffata boraatii (pillow) yeroo yeroon miicuu qabna. Yoo hin miicamne dafqi duraan ture fuula keenyarratti ba’ee rakkoo kanaaf nu saaxila.
6. Fuula keenya akka hin gogne taasisuudha (moisturizing)
7. Yoo shaampoodhaan rifeensa dhiqannu gara fuula keenyaatti akka hin dhufne eguudha.
8. Yoo aduu keessa deemnu waan aduu nurraa ittisu qabachuu.. fulli keenya akka hin gogne waan gargaaruuf.
9. Guyyaa guyyaan sochii qaamaa gochuun fayyummaa gogaa keenyaa fuula qofa osoo hin taane guutummaatti eega.
8. Bishaan sirriitti dhuguu
10. Bilbila harkaa yokaan moobaayila keenya fuula keenya waliin waan waltuqaa ooluuf qulqulleeffachuu qabna.

Dr. Gurmeessaa Hinkoosaa’tiin
Fayyaan Faaya

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa