IMIMMAAN WAADAA!-FIIXABAS HABROO

IMIMMAAN WAADAA!

the_silent_lady_by_salomnsm-d56yqpq

Kaleessi har’a hin tahu. garuu bakka kaleessi madeesse har’i borutti dhallaa ni agarsiisa!Aduunis numa baati barri sun bara dukkanaati yoo jenne tola. barri garuu ani maalin balleesse yoo jedha tahe tarii ati maalif guyyaa akkasii san qabattee nuttiin dhufta ree?. Jennan turre gaafii deebisaan ishee gaafiti jechudha. kan barri jallise barumatu qajeelcha jechuu fedheeti. Obsaan mucaa bara dukkanaa keessa dhalate.guyyaa bara san maqaa balleesse san argee ture.obsaan nama daa’imummaan hadhaa jireenyaa dhandhame ture. Obsaan warra isaatif ilma jalqabaati.abbaan isaa garbii carcar saba isaa fi biyya isaatif quuqama guddaa qaba ture.abbaan obsaa daldalaadha ture.mana suuqii tokko qaba. Achi dura mana suuqii san keessa bulaa hin turre. Garuu erga haadha obsaa fuudhe booda kan suuqii san keessa buluu eegale.harmee fi abbaan obsaa osoo halkan gargar bulan itti dheeratuu dirqamni mana mana isaan bulchuu jalqabe.

Abbaan obsaa nama bay’ee gaarii ture. bay’ee jaalatama.obsaan guyya guyyaa haadha isaati wajji oolus galgala galgala garuu abbaa isaa bira buluu jaalata.inni daa’ima waggaa torbaa tahus abbaa isaa irraa adda bahuu hin fedhu ture.obsaa fi abbaan isaa har’as akkuma dur mana suuqii isanii san keessa buluuf akka dhufan beekkamaadha.manni jireenya isaanii fi bakki hojii daldalaa kun xiqqo addaan siqaa ture.garuu guyyaa oorruu isaa dalagaa oole osoo aduun hin seenin gale.nyaataa fi uffata marxotti daddachasee hidhatee gurmutti rarraafate. Maancaa fi bishaan harka tokkotti qabatee yeroo inni Balbala bahuuf ka’u obsaan”aabbii…ani asin jira…anu..anu..deemuu nan danda’a”jedhe.abbaan isaa waan isa dhiisee deemuf ke’e itti fakkaatee.”koottu korma kiyya!anuu si hin dhiisuu bar!”jedhee abbaan obsaa harka qabee wajji karaa bu’an.mana suuqii isaanii dhaqan.suuqii tana guyya tokko tokko haadha obsaatu gurgura ture.erga achi buluu eegalee abbaan obsaa ji’a lama qofa ture.erga hattuun mana kana cabsitee booda ture.galgala hanga sa’aa sadii gurguree achi booda cufata.obsaa fi abbaan hirriibaf bakka hirriibaa isaanii dhaqan.nyaata nyaatanii rafuuf qophaa’an.ni ciisan.abbaan obsaa taphachiisu jalqabe.obsii”amma booda ati guddatte siitu as bula!..ilma kiyya!”…baruumsa kee jabaadhu naf baradhu.”hayyee korma kiyya! Jedhan abbaan isaa.obsaanis “abbabbiyyee kiyya tole”jedhan.”akkana leenca kiyya as jedhi mee sin dhungadha…xxmma..”jedhee dhungate.abbaan obsaa garaa jala kaayyatee hirriiba itti kutan.tahus halkan keessa namni tokko dhufee balbala itti dhadhahe.”qaw..qaw..qaw.”godhe balbala.”eenyu?” jedhen abbaan obsaa.”anaa..anaa!” jedhee arraata isaa rarraase namtichi.”maali maqaa hin qabduu”abbaa obsaati.”maqallee nan qaba!…dhaabatu si barbaada.koottu siin jedhan” jedhee obbaa obsatti dubbate.”dhaaba?” abbaa obsaati.”eee…fidii koottu nan jedhan” jedhe kiyyan kun.”ana moo?”abbaan obsaa ammas.osoo deebisa hin eeggatin “yaaboo oorrun oole!ammas hanga galgalaa kana mana kana keessan dhaabachaa ture!nan dadhabe ganaman dhufa jedhe jedhiin” jedhe sagalee dadhabbii takkaan namichatti dubbate.namichi ergaa dhufe kun hangas dhageenyan ni use.abbaan obsaa nama kana yoo yaamu sagalee tokko dhabe.kanaf ni kute jedhee dhiisi.

MLKYeroo sun yeroo waraanni bilissummaa Oromoo qabsoo eegalee geggeessa jiru ture.kanaf abbaan obsaa dhaabni jiraachuu amanus obsaa fi suuqii kophaa dhiisee deemuf isa rakkise.dadhabbii osoo hin taane hattuun ammas mana kana cabsiti jedhee yaadee waan tureefi.abbaan obsaa achi booda hin rafne.ciisee garaa isaa keessatti”dhiiroo maalif na barbaadan sa’aa kanan?…duris na numa yaaman har’a garuu…?Halkan kanan maaltu dhalate?”jedhee rakkachu jalqabe.xiqqo booda ammas lammaffaa namni tokko dhufee balbala rukute.eenyu akka ta’e yoo gaafatu”ni banta moo hin bantu?” sagalee jettu dhagahe.”ati kan dhiirti dhagaa borafattee; biyyee nyaachaa ;qorra keessa jirtu ati mana hoo’aa keessa nyaattee dhugdee raftaa?”jedhee itti dubbate namtichi qabsaa’a fakkaatee.abbaan obsaa tole jedhen.tahus nama biraa tahuu fi dhiisuu shakkee hin turre.jechi jaraa itti dhagahame ture.kanaf saffisaan ka’ee dukkana keessa qaqqabataa danqaraa hulaa babarbaade.qabatee keessa as luqqise.hulaa as bane.yeroo inni balbala gubbaa gahu wanti addaa isa mudate.nama lama turan. Tokko afaan qacam godhee qabe.tokko garuu miila isaa lamaan haadan walitti hidhe.achi booda ni kuffisan.isanii wal daddarbaa wacu kana obsaan dhagahe.baaragee lafa fiige. :h..h.ha..abbaa koo..yaa abbiyyee kiyya..wahi..wahi..lakki..lakkii..dhiisaa abbaa kiyya narra hin ajjeesina.rabbii jedha!…hin qalina.rabbii sodaadha…ija kiyya duratti moo?..wahi wahi uuuuu uy yaa abbaa kiyya!”jedhee wawwaata.

Garuu jarri obsaa gurraan hin dhageenye Yeroo inni iyyu obsaas afaan qaban.abbaa isaa haadan harka dugda duubatti hidhanii fuula obsaa dura ciibsan.obsaan afaan qabamus namticha tokko bahuuf wixxifata.nama isa harkaa qabu kana irratti uffata ciree fixe.tahus boodarra laafee ija qofaan abbaa isaa eeguu seene.dubbichi abjus itti fakkaata ture.tahus abbaa isaa maal akka godhuf deeman eeguu jalqabe.osoo inni ija isaa irraa hin lipsatin abbaa isaa morma akka lukkutti irraa muran.dhiiga abbaa isaa galaana yaasan.ablee morma isaarratti dhiisanii hulaa itti gad qabnii biraa bahan.obsanis sagalee abbaa isaa tan yeroo ablee irra kaayan”obsii” jettu san dhageenyan gaggabee kufe.xiqqo turee of maddii arge.dhiiga abbaa isaa ilaalee lafti bal’oon tun itti dhiphatte.bakka seenu dhabe.”yaa abbii kiyya akkamin taha” jedhee wawwaata.sagaleen kannaafatte.reeffa abbaa isaa osoo torba garagalchuu dhiigaa fi imimmaanin qamaa isaa guutuu balleesse.osoo inni booyuu lafti itti bari’e.ganama yeroo itti dirmatan of wallaalee jira.waan tokko hin beeku.namni hundi dhiiga fi reeffa malee maaltu akka tahe nama gaafatan dhaban.tokko tokko waan obsaan abbaa isaa ajjeese itti fakkaata.obsaan garuu haada fe’uma kan harree ittin fe’an kan abbaa isaa ittiin hidhan sanii fi ablee ittiin qalan san fuudhee awwaale akka namni hin agarre.

Obsan keessi isaa jijjirame jira. kanaf nama isatti ol seenu hunda dheessuu jalqabe.haati isaas ganama akkuma dur ciree fiddee dhufte.yeroo fuulletti mana gurgurtaa isanii agartu namni kun ni booha ammas gariin afaan qabatee ala dhadhabbata.ishenis rifaatu keessa miilli ishe bakka dhaabbattu sochaa’u dadhabde.”hii..hii..dhiiroo maaltu ta’e? Hattuun har’as ni cabsite?..yoo akkas ta’e namni maalif booha?” jettee ofiin gaafii deebisaa hin qabne of gaafachaa manatti dhiihatte.tahus yeroo balbala irra geessu abbaa dhiiraa kan marxoo ofitti gad ka’ee dhaabbatun”ni du’e?…obsaa kiyya?…moo abbaa obsaa kiyyaati?” jettee.waan harkaa qabdu darbite.osoo deebisaa hin eeggatin mana seente.dhiiga akka galaanatti yaa’e gubbaa ta’aa kunoo obsan.boochee guggubattus humaa godhuu hin dandeenye.teesse barbadaa jireenya kan kophaa ishee eeggatu yaadu eegalte.manguddon gandaa fi polisonni mootumma dhiiga abbaa obsaa qorachu jalqaban.olii gad deemanis dhiiga abbaa obsaa dhugaan isaa karaa maqee jira.waan hin fakkaanne fakkesan.ajajaan polisii tokko”abbaa obsaa waraanni bilisummaa oromo akka ajjeesse mirkaneffanne jira” jedhe.haati obsatis abbaan obsaa nama tokkon wal dhaba akka hin qabne ija imimmanitin dubbatte.yeroo poolisichi akkas jedhu obsan garuu”sirriidha!…eda halkan dhufanii turan.abbaa kiyya osoo isaanif waan qabu hiraa jiruu ajjeesan?.” jedhe garaa isaa keessatti yaada namticha qooddate.

Obsaa dubbin umrii isati wajji itti ulfaate.murteessu dadhabus “abbaa kiyya ni awwaalla..dhugaa fi dhiiga isaa anatu baasa!”jedhee imimmaan buuse.achuman awwaalan garuu dhugaa isaa hin awwaalle.haati obsaatis abbaa obsaati wajji kan ciisanii wajji koflan sanitti osoo hin deebi’in hafan.haawaasa keessa tokko tokko kan hubannoo hin qabne duuti abbaa obsaa gaafii yeroo maraa itti tatee hafte.yeroo reeffa awwalanii galan caayaa gaddaa jalatti namni waliin haasa’u jalqabe.jarri jaarsolii kan sharaa taziyaa jala gama oliitin tatta’u tokko “hi..abbaa ibsaa dubbiin kun dhugumaa?”jedhe tokko.”dubbii du’a abbaa obsaa jettaa?” jedhen kunis. “eee abbaa ibsaa”. “ yaa abbaa tarree…kun bay’ee ajaa’iba!osoo isanii wajji gubatuu WABO’n ajjeesun garuu…!”jedhee ca’ise jaarsi.”ee bar oromoof qabsoonna jecha qabsa’aa ajjeesun…?” jedhe kunis. ni usan dubbiin dhibdee. du’a abbaa obsaa jara halkan edaa dhufee waame kan dhaaba maqaa dhahatu sanirratti irkisan.namu gara mana isanii galan. obsanis “dhiisi abbaa kiyya jaruma inni jala deddeemu kan maqaa oromoo himatu santu ajjeesse kanaf dhiiga abbaa kiyya..” jedhe ca’ise.

Obsaa fi harmen isaa jireenya hadhaawaa gad liqimsuu jalqaban.haati obsaa oorruu isanii fi mana gurgurtaa isanitin bay’ee rakkachu jalqabde.tahus akkuma jirutti jireenya itti fufan.obsans barumsa jalqabee jira. guyyaa tokko galgala hirriibaf yoo gad ciisan harmee isaati wajji haasa’a jalqaban.”harmee an barumsi na ga’e” jedhen obsaan. “maalif obsii kiyya kutaa shan qofa barattee moo?”jetteen harmeen isaa. “ee harmee dhiiga abbaa kiyyatin baasa!”obsadha. “yoo baratte qofa dhiiga abbaa kee baasuu kan dandeessu ilma kiyya” haadha isaati. jechaa osoo wajji haasa’anuu yaadan fagaatan. haati obsaa osoo mana fi oorruu ammas suuqii jidduu figduu foon fuula isherra sun gad hir’achu jalqabe.obsanis yeroo mara wa’ee abbaa isaa irraa sammun isaa boqonnaa hin fudhanne. umriin isaas dabalaa dhufe. roorron onnee isaa bay’ee guggubuu itti fufte. yeroo mara kophaa jiraachu jalqabe. wanti inni yaadu fi kan namni yaadu wal argachu dide.kanaf kopha isaa bobbo’ee gala.harmeen isaa gammachuu dhabuun isaa bay’ee onnee ishii jeeqaa dhufe. fuulli isaa takka ifee hin beeku.obsan yaada isaa harme isaa dhoksaa dhufe.kanaf harmee isaatin yaadan walitti bu’an. hiriyoonni obsaa ayyaana cufaa mana barumsaaf warra isanii afeeran. obsanis harmee isaa afeere. tahus harmeen isaa osoo gamaa gamana fiigduu affeerra isaa osoo hin dhaqin hafte. hiriyoonni isaa yeroo abbaa isanii waliin gammadanii taphatan arge. abbaa isaa yaadate boohe. bay’ee itti dhagahame. daree keessatti tokkoffaa bahus obsaa hin gammachiifine.miila lafarraa fudhatee fiiga gale.harmen isaa bay’ee rifatte. tahus inni osoo humaa hin dubbatin uffata jijjiiratee balbala irra ga’e.

“obsii kiyya eessa kaate?” jettee harmen isaa itti dubbatte. “yaa.. Ayyoo tiyya..nagayatti..deemen jira. dhiiga abbaa koon barbaada” jedhe obsan. harmen isaa bay’ee rifatte imimmaan buufte. “yaa ilmoo tiyya..yaa agartu tiyya..mana natti hin dukkaneessin” jettee booche. “yaa haadha tiyya obsi! Obsan silla goromsaa dhuga jedhan” jedhe obsan dugda itti gale. haati obsaa balbala qabattee dhaabbatte isa ilaalaa turte. innis kute fagaate. amma imimmaan haqacha; sabbata mudhii ishitti deddeebiftee harkisaa mana keessa ol deebite. obsanis ofduuba garagalee osoo hin ilaalin imala itti fufe. obsan “abbaa koo kan ajjeese jara oromoo sani! Kanaf waraana motummaa seene dhiiga abbaa koo baasa”jedhe kutate. guyyaa muraasa booda waraanatti dabalame. waraana san keessatti leenjii fi tooftaa lolaa hunda barate. raayyaa waraanaa san keessattis waan bay’ee miira isaa tuqu argaa dhufe. guyyaa tokko waraana kanaa wajji osoo deemanii mana nama oromoo tokko bira gahan.waan nyaataniif argachuuf obsaa fi tokko mana kanatti ergan. obsaan maal jedhanii nyaata akka gaafatan waan dhibeef nama isaa wajji deemu kana gaafate. “mee amma ganda kana maal jennee nyaata gaafanna” jedhee obsaan namichaan. namichis”WABO’tu nu erge sangaa irraa fidaa nun jedhan”jennan jedhe obsaadhan. ” maali? isaan nu hin ergine bar; akkas godhuu hin qabnu” jedhe obsaan namichaan. “yaa obsaa hawaasni nu hin fedhu kanaf yeroo mara dukkana nama afaan oromoo beeku wajji waan barbaannu raawwanna maqaa WABO tin” “toftaa kana waa hedduf fayyadamna;waraanna oromoo fi hawaasa wal jibbisiisun isa hangafa”jedhe loltuun kun.waan bay’ee obsaa wajji haasawe.keessaa kan obsaa akka waraana kana dhiisee deemu goote takkaatu jira.loltuun kun namoota bay’ee maqaa WABO tin halkan mana isaatii baasanii akka qalan yoo obsatti himu obsaan dubbii abbaa isaa yaadatee akka galu murteesse. waggaa shan erga turee booda hidhannoo guutuu fudhatee bade.

Harmen isaa deemsa isaa irraa eegalee dhukkubee jira. waggaa tokko ciifte. yeroo kana meeshan gurgurtaa isanii mana suuqii san keessatti bororee hafe. oorrun abbaa obsaas buraanni fudhate. gamaa gamanan dangaa isaa bay’ee cunqursan. haati obsaa waggaa tokko booda fayyite. achi booda alaa manni ishee hundi jijjirame. yaada fi garaan ishes jijjirame. qabeenyi abbaa obsaa hundi harkaa dhume.warri ollaa lafa isanii hanga eelee qofa hambisan. namni itti seenu dhabame. tahus jarri orrun ollaa tokko amma amma mana ishee dhufu. jara keessa tokko ishee dhibamsiisa ture.ishenis garaa laafafi dhufte.waggaa sadi booda isa tokkoon wal fuudhan. jireenya haarawa eegalan. obsanis hidhannoo isaa fudhatee gale. hidhannoo isaa awwallattee mana abbaa isaa itti du’e san dhaqe.

Waraana abbaa isaa ajjeese barbaduu jalqabe. ta’us mana suuqii isanii yeroo dhaqu imimmaan busee boohe. haalli hundi itti jijjirame. bay’ee gubate. obsan ablee fi haada abbaa isaa ajjeesse san as baase. aarii dabalachu isaa ni mul’ata.tahus haada osoo harka isatti maratee dhaabbatu waan addaa tokko arge. haadni kun funyoo fe’uma kan harree itti fe’ani.funyoon kun huddeella ykn bakka eegee harretti kaa’an kanarratti carqii tokko arge. innis eegumsa eegee harreef kan itti godhan ture. carqiin kun maqaa haadha manaa nama ollaa isanii tuqa.innis akka yeroo uffata bitanii dhoosanii hodhuuf deeman kan biraa irraa adda baasuf maqaa ishee irratti barreessan tahu hubate. yaadni isaas offirra deebi’e. waan tokko yaade. ablee sanis fiixa irra cabsee tumtuu dur isa tume bira geesse. tumtichan qara kana naf sirreessi jedhen. namni sibiila tumu kun osoo isa humaa hin gaafatiin “yaa ableen kun kan abaluuti! Essaa fidde?” jedhe obsaan. obsanis “isaatu naf kenne”jedhen. obsan abbaa isaa kan ajjeesse nama biraa ta’uu bare.maqaan carqii irratti argame fi abbaan ablee walitti dhufe. polisota fidee namni sun akka qoratamu godhe. poolisotaf waa kenne dhiiga abbaa isaa akka baasan gaafate. namticha ollaa isanii kana polisonni bay’ee tumanii waa hunda himsiisan. kana booda abbaa obsaa akka ajjeesse amane. hidhatti ol darban. obsan harmee isaa dhokatee kana hunda dalagaa ture. dhufuu isaa osoo isheen hin beekini. amma obsan gamadaa gara harmee isaa qajeele. yeroo galu abbaan qe’ee isanii abbaa biraati. harmen isaa daa’ima deessee jirti. walitti marmanii walitti boohan.”iliiil…ililiil…kan du’e malee kan jiru ni gala”jettee boohaa obsatti maramte. haadha isaatin daa’imni kan eenyuti jechun dhibdus ni use. abbaan mana haadha obsaa galgala ni gale.

Obsa yeroo argu ni rifate. haadha obsaa ni dhokse malee dubbii dhagahe ture.obsan namticha hidhame san tooftan itti dhihaatee maalif akka abbaa isaa ajjeesse gaafate ture yeroo san. ”yaa obboleessa koo ati abbaa kiyya wajji nyaattee maalif ajjeefta?” jedheen obsan. “an..abbaa kee ajjeesuu hin barbaanne tahus abbaa abdiitu…” jedhee cal’ise namtichi.obsan dafee ofirra gargalee ilaale namticha. “abban abdii hi..” jedheen. “ani hin ajjeefne…kan ajjeesse…abbaa abdiiti” “dhagahi waan jiru hunda sittin hima “kan mana suuqii keessan calphses isuma” suuqii san kan cabseef abbaa kee mana baasee akka ajjeesu mala itti fayyadame malee maallaqaf miti ilma koo. “inni nama abbaa kee bay’ee rakkisaa ture. daangaa lafa keessanii bay’ee dhiiba ture.abbaan kee garuu namatti hin himne. abban abdii hinaaffa qabeenya keessani fi oorru keessanif qabu irraa ka’ee abbaa kee qaxara cabse. anis abbaa keetin xuqaa hin qabnu; garuu natti fakkeessee akkan isa jala deemu na godhe. abbaan abdii qaama mootummaa wajjis jira. isaanis abban kee qabsa’a ta’uu barraan akka ajjeessu gargaaran.kana dura nama bay’ee maqaa ABO tin ficcisiise. harka isaatin nama bay’ee ajjeesse.mootummaa biraa kafaltii qaba. jara oromoo kan hawaasa irraa nyaatee hawaasaf qabsa’u kana tooftan ummata jibbisiisuf nama akka isaa bay’ee qaba. inni nama oromoo miti. bakka biraa irra joollumman as gale.kanaf ilma kiyya dhugan jiru kana” jedhe namtichi erga bay’ee dubbate booda imimmaan maddii lamaniin gad lakkise.

obsaanis bay’ee rifate. namticha fuula keessa ija osoo irraa hin lipsatiin ilaala ture.imimmaan gad lakkise. garaa isaa keessatti kan halkan san afaan fi harka walitti na qabe sun si’ii eedan jedhe. obsan waraana seenee qabsoo baratuu isatti gammadus dogoggoran qabsa’ota oromoo fixuuf kayyeeffachuu isaatti gaabbe. bay’ee guggubate.”yaa rabbi baguma olchite..ajaa’iba.. diinni diina keetii anaf michuu kooti jechu isaniti?” Jedhe obsan. ”dhugaa karaa baddeen qabsa’oota oromo miidhuu dhabu kiyyaaf yaa rabbi galta kee jedhe.itti deebise”. abbaan abdii kun kami?” jedhe jaarsan. “eee isuma harmee kee fuudhe sani” jedhe gamaa gamana mimil’ata. jaarsi. ammas deebisee jaarsi kun “ani ableen fi haadni mana kiyyaa bahe; abbaan abdii yeroo san ati oorruu ni fudhatta ;ani ammoo jaartii isaatin fuudha“ nan jedhee rakkoo tana na naqe. obsaan humaa dubbatuu dadhabus ”hayyee” jedhe jaarsan imimmaaniif dubbachuu dadhabee .obsaan kana booda qawwee isaa awwaalaa fudhatee bariisaa yeroo lafti iftu muka guddaa hulaa isanii dura san kore. ganama yeroo bari’u abbaan abdii akkuma aadaa isaa mooyyee gubbaa ta’ee rifeensa filata. harka tokkon dawwitii qabatee harka tokkon ilma isaa kan haadha obsaa irraa dhale qabatee rifeensa filuu itti fufe. obsaan yaada tokko malee kaartaa guutuu irratti fixe. daa’imni isaas akkuma obsaa dhiiga abbaa ishee keessa teessee booche. “hangam qal’atus abbaan mirga rafa ; osoon an jiruu jiraa nu dhaalun fafa” jedhee geeyrare. harmeen obsaa duuti itti heddumattus ilmoo ishee fudhattee galte. eenyu akka ajjeesse eenyu gaafatti ree? tan yeroo abbaa obsaa san yaadattee tanaa wajji waan tokko jettus; obsanis dhiiga abbaa isaa baafatee qawwee isaa fudhatee qabsaa’ota oromotti makame.

FIIXABAS HABROO

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa