-FAYYAANUU QABEENYA!-Dhinsaa Yoonaasii’n

-FAYYAANUU QABEENYA!-
***
Mataa bowwuuf qufaa
Golfaaf garaa kaasaa,
Haqqeef tuftii hancufaa
Badaa dhibee busaa,
Isa kaanuu dhiisi
Yaadni iyyuu dhukkuba,
Miira sammuu qabee
Laphee nama guba!
***
Mataadhaa hin cabin
Kan argattee dhabduuf,
Galata kee jedhi
Fayyaa har’a qabduuf,
Kanan dhabe jettee
Hin nuffin jireenya,
Kanan qabas jettee
Hin lakkaa’in beenyaa,
Isa hubatee beekuuf
Fayyaanuu qabeenya!!

1005424_613407202025673_1094076637_n
# Fayyaa
May 16, 2016

Beekan Guluma Erena
Follow Me

Beekan Guluma Erena

Beekan is writer, editor, researcher and Afaan Oromoo Instructor at Harvard University.
He wrote more than 30 books in Afaan Oromoo and editing many more Oromo books, magazines and articles. Currently, he writes on his site (beekanguluma.org) and gibetube.com on current issues of Oromo people, culture, education and politics in Oromo.
Beekan Guluma Erena
Follow Me

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa