WARRA DHAAMMEEN HAATE! (Lola Marqaa)-Kulaa Jilooti-Jimmaa, Oromiyaa!- Seenaa Sadii walfaana!!

WARRA DHAAMMEEN HAATE! (Lola Marqaa)

Harree Maaliif Afaan Addaatan!?

CaptureDurii dhiirsaa fi niitii turan jedhan. Niitiin tun jaala (sanyoo) qabdi. Jaalii isii kun akka isiin wal argu dhabee baay’ee rakkate; abbaan warraa warraa hin ba’uu qoommii dhabee cinqame. Osuma rakkatuu gaafa tokko abbaan warraa kun horii tisse. Yeroo kana jaalii (sanyoon) kun niitiitti dhaqee taphachaa oolanii aduun dhiyuu geennaan amma abbaan warraalleen galuu ga’ee niitiin abbaa warraa duratti nyaata marqaa ibbidda irra dhaabdee jaala isii waliin tapha xumuraatti rakkatte! Osuma jarii taphatuu abbaan warraa alaa duddubachaa gale. Amma niitiin lafa hin seentuu waaqa hin seentuu waan taatu dhabdee jaala isiitiin siree jala seeni jetteen! Jaalilleen lubaahee qullaa qunqumaa hagoodaan siree jala seene! Abbaan warraa ol seenee taa’ullee niitiin baay’ee waan rifatteef harkii afaanitti gogee bishaanillee itti kennuu dadhabdee mana keessa malaanmalti. Abbaan warraa kun garuu baay’ee waan beela’eef marqaa ibidda irra ejju “isii wanniin kun hin bilchaannee?” jedhee marqaa oowwaa harka itti dhahe! yoo kana marqaan jaarsa harka gubee hobbaafnaan jaarsii ol cehee “lafaa badi!” jedhee harka mana keessa fixatee jennaan marqaan oowwaan harka jaarsaa irraa cehe jaala niitii haa siree jalatti uf dhahe kaan hudduutti ejje! Amma lafti sochoote! Jaalii niitii marqaan hudduu gube oo’ee siree buqqisee jaarsa irraan dhufe! Jaarsilleen waanuu yaa waan wallaalee “isii bineensa akkamitti mana na seene!”jedhee dudda itti gale! Lamaan isaaniituu baqatanii warraa bahan! Warra dhaammeen (daakuun marqaa) haateen gaafasi baate!!


Raajiin uumamaa daawwitii jireenya ilma namaati.uumama madaala addunyaa tanaa eegan keessaa tokko bosona. Fayidaa bosonaa himuun ijoo dubbii tiyyaa miti.Garuu dhimmii Baddaa Baaleetii hanga Booleetti,Yaayyoo hanga kooppenhagenitti, bosona cabootii hanga Angeelaa Meerkiliitti,Tuuttessaa hanga Obaamaa fi Daavid Kaameeruuniitti,calbii hanga Blaadmiir Putiiniitti uummata addunyaa gurra qirqirsu jira:gubamaa fi cirama bosonaa! Dhimma yaaddesaadha. Rakkinnii kun akkuma uummata addunyaa yaaddesse amma bosonuma mataa isaatuu waan yaaddesse fakkaata. Dhiyeenya kana sanyiin mukaa wal geettee mari’atte. Wal ga’ii sanyii muka tana irratti hirmaachuuf carraa argadhee ture.Nuu bannee mala fuudhaa waliin jette. Mala fuudhuun dura maaliin bannee wal gaafatte. Yaadii garaa garaas mana keessaa ka’e.Tokko “nuu sibiilaan (agarraan/xagarraan) banne” jedha,tokko “ibiddaan banne” jedha,kaan “namaan banne” jedha,gariin “nuu namuunuu hin bannee walumaan banne” jedha kaan ammoo “nuu daaraan banne!” jedha. Yaadota ka’an kana keessaa yaada muka lamaa dhageennaan nafii surr! na jedhe. Yaada “nuu walumaan banne” jedhuu fi “nuu daaraan banne” jedhu lamaan.

Mukii quba baasee yaada “nuu waliin bannee” kana kenne Dadhacha.”akkii nuu waliin banneen” jedhee callise yeroo muraasaaf jirma Waleensuu muranii goge of biratti ilaalaa. “nuu yoo gogne gubanna;garuu muramne gogna” itti fufuun “namnaa fi sibiilaan banneen dhugaa garuu namaafi sibiilii qofaa nuu hin muran sukkaya(muka agaraa) malee”jedhee imimmaan of irra gad roobse madaa hin qooriin damee isaa irraa ji’a sadii dura muka agaraa(sukkaya) bocuuf irraa muran hooqqachaa. Dhadachii kan caalaa dubbachuu hin dandeenne kichuu damee isaa muramte yaadate; waan muramteef tilmaame; sukkaya.booyee muka cufa booche. “Nuu sususuka’yaan babbaabanne!”jedhee imimmaan damee tokkittii hafteen of irraa haqaa mataa gadi deebi’ee taa’e. Yaada lameessootti itti fufe Baddanaan; Baddantii ol kaatee “nuu daaraan banne” jette. Yeroo kana gaaddisii qara yaada jalqaba Dadhachiin kaaseen garaan hammaate koblaan(kolfaan) fuulii ife. Baddantii ila waan sooddaan dhiqatte fakkaatti “hin koblinaa tun waan koblanii nitii akka nuu daaraan banne natti isanitti himaa”jette.baddantilleen haa turte malee gadaannisa madaa agaraa inuma qabdi garuu agaraa ykn sukkaya hin himanne:daaraa.”akkii daaraan nu balleesseen umrii ibiddaa nutti dheeressa.daaraan firii mukaati;mukii nyaata ibiddaati garuu akka ibiddii hin dhaamne daaraa keessa suuqan;barbada ibiddaa”jette baddantii. Yoo isiin akkan jette gumiin muka qara yaada baddanaa tuffatu taan cuftii gurra qeessitee dhageeffachuu kaate.Fulleessii fiisse;Burraan qiiqqise;Waaccuun dhaammee gingilfate;Hammeessii haamphee haqate;Dadhachiilleen mataan ol jedhee harree gamaa daaraa gangalattu ilaalaa mataa raase. Baddantii ammallee hin buufanne”adoo daaraan jiraachuu baatee ibiddii hin jiru ture,adoo ibiddii jiraachuu baatee mukii goge bosbosee biyyee gabbisee jirma irraa murame sana jireessa. Ani biyyee ta’ee ati biyyaaf ta’i jedhee fulaa ofii ciisa ture.””garuu daaraan ibidda garaatti baatee harree duddatti baatee sanyii mukaa nyaata” jettee qunqunfattee dubbatte.” Yaa ilmaan mukaa daaraa walaalchatti akkan tolcha daaraan ibiddaa miti mukaa garuu ibidda of se’a.walaala isaa waan isan beettaniin daaraan haga dhalatee tokko dubbate.

Sunillee “daaraa harreen yeroo hunda sii gangalattii sii fi harreen maaf akkana wal jaalattan?” jennaan daaraan”isiilleen waanuma itti fe’an baattii wal fakkaattuun wal barbaaddii, harree maaliif afaan addaatan?” jedhee koblaan biyya fixe jedhan. “Hundumaafuu garuu amma rakkinna keenna beeknee waan jirruuf ani akka muka tokkootti furmaatii ani kaa’u “jettee diqqoo calliste baddantii. Akka waan hiriiba keessaa dammaqxeetti sagalee ol kaastee “yaa ilmaan mukaa cileen ibiddaa qosa sadii:” jette. Tokko CILEE DIIMTUU ibidda qabdu tan waa gubuu dandeettu ati yoo cilee diimtuu(mukkukula) taate sanyii tee hin gubin,lamaffaan CILEE GURRAATTII ibiddii irraa dhaame taa garuu daaraalee hin ta’in atuu ibidda qabaattee waa hin gubduu garuu daaraa taatee ibidda hin gabbisin. Sadaffaan CILEE ADII ykn DAARAA kan ibidda garaatti baattee sanyii ufii gubdu tan adoo dootanillee hin ta’inaa” jettee lallabde. Xumura irratti “dhugaan jirtu tokko” jette Baddantii “marii marsii allaattii dootii lafaa daaraan huuraa haramee ba’uu hin ooluu;ibidallee eegeen isaa daarumaa warruma dhaammeen haatee eegeen isaa baduma!” jettee buufatte mariin sanyii mukaa. Lukkuun badii geette adii baay’atti akkuma jedhan mukii badii gahe daaraa baay’ata yoo jedhe mammaaksa haaraa natti hin fakkaatu.


HORAA BULAA DEEBANAA
Kulaa Jilooti-Jimmaa, Oromiyaa.

Beekan Guluma Erena
Follow Me

Beekan Guluma Erena

Beekan is writer, editor, researcher and Afaan Oromoo Instructor at Harvard University.
He wrote more than 30 books in Afaan Oromoo and editing many more Oromo books, magazines and articles. Currently, he writes on his site (beekanguluma.org) and gibetube.com on current issues of Oromo people, culture, education and politics in Oromo.
Beekan Guluma Erena
Follow Me

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa