AADAAN KEENYA BIYYA ALAATTI-Sabaanboon Firrisaa’tiin

Waan kana nama meeqatu quba qaba laata?

13254382_1720479184871992_3281805086471100382_nArtiin aadaan seenaan ilmaan oromoo addunyaatti akka beekamuuf karaa hundaan ilmaan oromoo jiruu baqattummaa irra jiranu shoora guddaa taphataa jiran kunis maanni yoo jettan. Guyyaa har’aa biyya misiraa magaalaa kaayiroo keessatti agarsifnii aadaa yuniversiti misiraa sayinsiif teeknoolojiitti biyyoota 30 adduunyaa irraa walitti dhufaniin agarsifamee ooleera.agarsisa seena qabeessa kana keessaa biyti keenya oromiyaan akka keessa jirtu kunoo agarsisaaf faayaa adda addaan dorgommii irra olaani jiran.hiree akkanaa argamuu isaatti gammadaa wantoota oromoo mulisuuf calaqisisuu yeroo kamuu itti laafuu hin qabnu agarsisuudha waa ofii mulisuudha bakka xiqqoo argannaan beeksisuudha karaa xiqqoo argannaan enyuun akka taaneef ummata bal’aa aadaaf seenaa duudha biyya qabu ta’u keenya,keessaayyuu ummata safuu ofii beeku ummata adduunyaa kana seeraa gadaaf abbaa tae seeraa adduunyaa kanaa tumamuu umamuu isaatis sababa akka taane fi seera adduunyaan kun kan ittin bulaattu ummata oromootin ta’u isaa hubachisuudha.

Ilmaan oromoo horteen kush oromoon jechuudha akka adduunyaa kana sirna gadaa tumeen adduunyaa kana waggoota 3000n akka dursinu essattu itti himuu ykn akka seenaatti kitaabaan barsiifne barreessinee ummataaf dhiheessuu afaan engiliffaan afaan frenchin afaan arabaatin afaan adda addaatin barreessinee ummataaf dhiheessuun gahee keenyaaf dirqama oromummaa artii oromoo nurra jiru karaa beeknuun haa bahaannun dhaamsa kooti. Carraa akkanaa yeroo kamuu yaalleessinee xiqqessinee ilaaluun nurraa hin jiraatu itti jabaannee iyyaafanne waa keenya mul’isuun nurraa egama.

Oromoonni adduunyaa kana irraa yoo waliin tarkaanfanne wayitti baanaa yeroo wanti akkanaa jiruu oromoota isin biraatif dhaamsa gochuu hin dagatinaa kophaa nyaachuun kophaa mul’achuun nama miidha yeroo kamuu inni kophaa nyaatu garaatu bokokaa inni kophaa mul’atu immoo diinaan galaafatamaa ykn immoo ni booji’amaa keessaayyuu namoonni biyyatti keessa baqatummaan jirtanuu waan ho’aa akkanaa gurra wal buusuu aadaa godhadhaa aadaan oromoo kan hunda keenyaati.
Baga gammanne baga gammaddan nu boonsitan dhugaa dubbachuuf hedduu gammannee jirra adduunyaa kanarratti waa hundaan akka biyya keenya oromiyaatti mul’achuun nama gammachisaa♥♥♥♥♥♥

Egaa Sabaan-boon Firrisaa akkana jedhaa gammachuu isaa ibsataa komii isaas wal faana oofaa mee namni kaan hoo maal jedha laata?Beekan Gulummaa Irranaa Argan Beekan Abdiisaa Tato Shikkilaa Abdiisaa Balaachoo Elemo Abanega Abamecha Olyad Ghali Ture Kokety Oromo Kuulanii Nuuraddiin Kuukkuyyee Abbaakoo Faa AbbaaLeencoo Kaliifaa Sanyii Abbaa Ayyaansaa Kabul Awol Mame Oromia Mame Jimma Milkii Abbaa Diimaa Caaltuu Sabaa Caaltuu Oroomiyaa Biiftuu Oromiyaa Biiftuu Nagoo Urjii Biiftuu Tuulamaa Falmadhu Mirgakee SayidaJamal Birbirsa Seenaa Ibsaa Nagawoo Dura Mohamed Dura Mohamed Hawwi Shashe Tijane Shekedir Hawwii Say NO Biiftu Hussen Ifa’iftuu Biliisumma Dereje Makkoo Billii Kamilo Adam Usman Bayu Urjii Oromiyaa Tiyyaa Seenaa Anoole. Barreeffama kana afferamtanittu.

Sabaanboon Firrisaa

Beekan Guluma Erena
Follow Me

Beekan Guluma Erena

Beekan is writer, editor, researcher and Afaan Oromoo Instructor at Harvard University.
He wrote more than 30 books in Afaan Oromoo and editing many more Oromo books, magazines and articles. Currently, he writes on his site (beekanguluma.org) and gibetube.com on current issues of Oromo people, culture, education and politics in Oromo.
Beekan Guluma Erena
Follow Me

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa