AYYAANA DHALATU JENNEEM—CAALAA HAAHILUU ABAATAA’tiin!!

Ayyaana dhalatantu waa murteessa, garuu kuni dhiiga namni irraa dhuferrayi.

13118918_1065432393530599_4621301156983255459_nNamni Gaafa dhalatuu ayyaana dhalatu qaba, akka dhahaa fi ayyaantuun Oromoo nuuf himanitti. Ayyaana isaa kanaan abboomama,jiraata, du’a,fuudhaa, horees hara horeessa taha. Namni ayyaana malee dhalatu abadan hinuma hin jirre akka ilaalcha Oromootti. Ayyaana kanatu nama masaka jechaa dha. Inni mkaan utuu qabuu kadhaaf gandarra deema akka saree, kaanimmoo immoo utuu kansaa waallee cufti bareeda tahee ijiruu orma dharraha, inni kaanimmoo garaa qofa yaada,garaa hjaalata, lafa nyaataa dhugaatii cufaa nama akkasii hin dhaban, waan garaasaa malee waan biyyaaf tolaa, waan sabaaf hiikaa qabu sammuusaa keessa hin jiru, Inni kaanimmmoo aarii qaba,ni aaraa, waayee isaa, waayee sabasaa, waayee diinaasaa, waallee cufa aarii fi hinaaffaa qaba,Gadantummaan maatiisaatii eegaalee hanga sabafi biyyasaa hedduu isa aarsa,hedduus isa hinaafsisa.

Gariin namaa immoo ayyaana Oduu dhalata,hamattuu taha, jibbba lallaba, jaalala hin beeku, fuutee geessituu taha, hiituu taha, gunduunfituu taha., waliin geessituu,walitti dirtuu;kaanimmoo ganama obboroo hirriiba ka’eellee, jaalala lallaba, jaalalaaf sirba,weeddisa, xiqqaa guddaa jaalata, nama jaalata, uumaa fi uumama cufaaf safuu kenna,safuun jiraata,duudhaa kabaja,duudhaan bula.

Kaanimmoo gadhee,.lugna,dabeessa,sodaataa, namni akkasii ayyaana akkasii dhalateet rakkate jechaa dha. Namni kaanimmoo arjaa, kan gammadu yoo fudhatu utuun taanee, yommuu hammaaree ,guutee kennuu dha. kennuutu isa gammachiisa. gaafa kenne cinaachan ciisee bula, gaafa waan qabu namaaf qoode garaan isa ciisa yookan hin gammadu, Arjaan waallee hin dhabu jedhan. Faallaa kanaattimmoo sassattuu fi dhoqnis akkasuma daangaa malee jira, Silaa kan isarraa hafee lafa guutee hamma tortoree badutti of dura kaahee laala, namaa kennuurra tortorseet gata, namni argatee gammaduutu isaafimmoo gadda, kuni baasuma mitiiree?

Gariin namaa immoo gantuu dha, sobduu, fakkeessituu,m afaan faajjessituu, soba malee hoomtuu afaan hin bahu, waan sobaa qalqalloo hin dhumnetti baattatee deema. Faallaa kanaattimmoo gariin namaa afaan waatii dubbata, dhugaa qofa beeka, kakuu hin beekku,” yaa Waaq, afaan waatii na dubbisi, cubbuu na hanqisi.” jedha. Gariin namaa immoo goota, qeerramsa,qeerramsa kloree irtraan bu’u, ayyaana gootummaa qaba, goota,moo’ataa fi moo’aa dha.

Ammoo namni xawalwaalleenis ganauma ayyaana isaa waliin dhalata. Bar Gadaa Oroo dhaa, bara waallee cufti guutuu,xuxxubaa san, Oromoo kanneen cufaaf malaa fi tooftaa ittiin sabni waliin jiraatu qaba, abbbuufuu amalli isaa bikka jiraatuu haga inni qunnamtiin isaa baldhataa deemu walu8maan deema, namuu waana amala isaa waan beekuf akkuma amala isaatti waliin jiraatu.

Kunimmoo yaaduma ayyaanni dirreedhaa itti dhufee namni kuni waliin hin dhalanne, dhiiga inni irraa dhalate santu xurii dha,yoo waan xuraawaa waliin dhalate, kunis Yakka Waaqaa lafaa warra qaburraa dhalannaan, ilma ykn intala warra abbaa Sadiirraa dhalannaan, warra saglan Namaatiin abaarame ykn saglan abaarsaa warra qaburraa dhalannaan, abadan ayyaana dachaa fi guutuu mo’aa moo’ataa tahee ykn gaarishoo badhaadhaan ni dhalataan abjuun buddeen nyaachu dha.

Yaa Jamaa, egaa kanatu nu jalaa badeet, guyyuu akka adaammii ollaa hagamsaa bobbonya, kan tasuma arguu hin dandeenyu, arginus amanuun nu dhiba, amanuus fallisaa nuuf hin tahu kun hundummoo bakkaa reeqqisuu fi eenyummaa waliin silaa akka sabaatti qaban sana dhabuurrayi natti fakkaata.

Zabana kana arraba qareessummaa malee, garaa bayeessummaan yookin qulqulluummaan waan muldhataa miti, wara afaan qaraatu dhugaa awwaalee, kijibaan goobee argina…. garuu dhugaan yoomillee ni jirti, dudduuftus, quucartus qancartee yookin qallattee hinuma jiraatti, baduu hin taatufiree!. Wanni guddoon hardhaan tana dhabee,ittiin heedduun keenya burjajaa’aa jirruufis, Jaarmiyaa akkasii kan karaa siyaasaa waloodhaa, biyyoolessummaa miira Oromoo cufa keessatti ijaarame, jaarmiyaa hawasasummaa akka sanaan suphame. Jaarmiyaalee amantii, fi walumaa galatti Jaarmiyaalee Oromoo,kan akka Oromootti ittiin masakaman, kan akka Oromoo fi dantaa biyyooleessummaa Oromoo tiksan dhabuun keenya hedduu nu miidhe.

Kan horachuuf abaluu fi abaluutti quba qabuurra hunduu qooda waloo dhaa walfaana bahuutu barbaachisaa dha.Oromoon tumaa Gadaa qabu keessaa tokko waan ‘SAGLAN DIINAA” jedhee tumate qabaachaa ture.
Hundasaa ibsuu baadhullee, Namni dantaa saba sanaa laaqe, cabse, miidhe, itti bu’e, sharafe, ‘ heerri soddomman uumaa amabaa” irratti hin hojjatu.

13055577_1063993977007774_8130034203694387328_nYeruma san dhabamsiisan. Gorsuun hin jiru, obsuun hin jiru, dhoksuunis hin jiru. ..itti fufa,….

Caalaa Haa hiluu Abaataa

Beekan Guluma Erena
Follow Me

Beekan Guluma Erena

Beekan is writer, editor, researcher and Afaan Oromoo Instructor at Harvard University.
He wrote more than 30 books in Afaan Oromoo and editing many more Oromo books, magazines and articles. Currently, he writes on his site (beekanguluma.org) and gibetube.com on current issues of Oromo people, culture, education and politics in Oromo.
Beekan Guluma Erena
Follow Me

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa