BAKAKKAA-Qeeqaafi Taajjabbii haala yeroorratti -Kalaqqii yaadaa!!

BAKAKKAA-Kalaqqii Yaadaa…

fire_tornadoSabni addunyaa kanarra jiraatu gosa baayyee akka ta’e tilmaamuun nun dhibu. Garuu sabni kam isa kam dura akka uumamee beekuun ni ulfaata. Qaroomina saboota dachee kanarra danatanii jiraatanii akka dhageenyeefi ija keenyaan kan hayyoonni barreessan dubbisnee arginetti garuu qaroomina saboota biraafi saba Oromoo wal bira qabnee yoo ilaalle waan akkaatama jireenyaayyu saba Oromoorraa baratame fakkaata. Isas maalifan jedhee beektu? Yoo baruu feetan dubbii kana gadii mee dubbisaamee !

Yeroon gocha hawwaasakoo keessatti raawwatamu ija qalbiin ilaalu waa tokkon shakka. Shakkiiyyuu miti dhugaadha. Innis maali seetan jiraachuu waaqayyoon sabni hunda dursuun bare saba Oromootin jedha. Uummati Oromoo kallattii arfaniin faffaca’ee, qubsumaanis walirraa sissiqee yeroo jiraatu haalli jireenyasaafi safeeffannaa inni uumaafi uumamaaf qabu baayyee wal fakkaata.

Oromoon waaqaafi uumama waaqni uume haala gaariin kabajee jiraachuun beekama. Fakkeenyaaf namoonni baayyeen adduunyaa kanarraa jiraatu ofiisaa qofa jireenya gaarii jiraachuuf uumama akkasaa kan biraa adamsa. Ofii jiraachuuf uumama xiqqaa jireenya dhowwaa. Oromoon dhugaa garuu kana hin godhu. Isaafis fakkeenya xiqqaa kaasuun fedha.

Al tokko tokko dargaggoonni naannoo tokko keessa jiraatan wal waammatanii bosonatti seenuun bineensa adamsuun aadaama duraan jirudha. Garuu innis seera mataasaa danda’e qaba. Egaa yoo waa’ee seera adamoo kaasne mata dureenkoo gara biraatti deema waan ta’eef inni guyyaa biraaf nuuf haa tahuu. Yeroo dargaggoo, hiriyaa ykn namni dhuunfaa wal waammatee gara adamootti qajeeluun bineensa adamsuu eegalu sana akka carraa ta’ee yoo milkaanii waan adamsuu ba’aaniif argatan ni ajjeesu ykn ni waaranu. Garuu akka tasaa bineensi adamsamu sun fiigee yoo harka ba’ee adamsitoonni sunis faana fiiguunsaanii oola hin qabu. Bineensi sun fiigee utuu isaan fiigsisuu yoo tasa mana namaa seene mana sana keessatti bineensa sana ajjeesuun akka aadaa Oromotti safuu cabsuudha. Yoo adamsitoonni didanii duukaa mana seenan illee, abbaan ykn haati manaa bineensa manasheetti baqate ol ittistee ofii gad baatee adamsitoota sana fuuldura goruun ‘dura naan ajjeesa. Bineensa lubbuu baatee manakootti baqate hinxuqxan’ jechuun mormii dhageessisu. Adamsitoonnis safuu kana safeeffatanii jifuu eeboosaanii samiitti ol galagalchuun gara bosonaatti achi deebihuu. Taatee kanarraa egaa safuu uummatuchi uumamaaf qabu waa heedduu baruun ni dandaa’ama.

fire-tornado-hungary-2011_32888_600x450Har’as mata duree BAKAKKAA jedhu kanaan safuu Oromoon bakakkaaf qabu hamman beekun isiiniif hiruun barbaade. Yoo isinnitti toleef dubbisaati isinis yaada itti dabalamuu qabu itti heda’a.Akka abbootiin keenya jedhanitti Bakakkaan qanccee waaqti jedhu. Jechama kanaaf yaada dabalataa kan ta’u, afoola Oromoo naannoon itti dhaladhee guddadheerra waa isiniif qooduun barbaada.

Nan yaadadha gaaf tokko tiifuu bookkaa keessan ijoollummaa koottin Akkookoo waa gaafadhe. Afaan ijjoollummaa sanaanan gaaffii danqaraa kana isheef dhiheesse. “Akkoo bakakkaa maaltu darbataa?” Isheenis gaaffiikoottu baayyee hin cinqamne afaanumarratti akkas naan jette ” yeroo seexanni waaqatti arraba baaftu innimmoo itti darbata” naan jette. Isheen akkan ishee gaafachuu dhiisuuf gabaabsitee naaf deebiste. Animmoo nan dhiiseeree ammas akkasin jedheen “maalif seexanni waaqatti arraba baaftii? Maal waaqayyommoo ishee ajjeesuu dadhabee bakakkaa itti darbataaree? Bakakkaanoo namafaa manafaa mukafaa rukutahoo takkaa isaa seexana dhahuu hin argine ani ” ittin gaafan jedhu. Yeroo kana akkoonkoo nyaara gudunfamaan “callisii rafi mucaa xinnoonana waa’ee bakakkaa bokkaa keessa hin dubbataniiti booda yeroo bookkaan caamu na gaafadhu” naan jette. Anis keessakootti maalif waa’ee bakakkaa bokkaa keessa dubbachuun dhorkaa ta’ee laata jedhee utuman yaaduun hirribni na fudhattee baddee. Garuu ergan dammaqee waa baayyeen akookkoorra qalbii ijoollummaan waraabbadhee.

thAkkuma beekamu uumaan samiirra jiraata. Dubbii kana namni mormu jira jedhee hin yaadu. Abbootiin yeroo jedhanis uumaan kaninni itti gammaddu yoo uumamni harkasaatii gammadee jiraatedha jedhu. Uumaan (waaqayyo) sababa gammachuu uumaamaaf kennuu barbaaduuf dacheen kun magariisaan gonfamtee, biqilaan daraaree, margis margee ijaaf qalbii akka hawwatuuf Uumaan bokkaa roobsaa. Yeroo kana humna faallaasaa ta’e (HOORUSIIFI SEET) kan gammachuu uumamaa hin barbaanneemmoo dhagaa ykn cabbii bokkaatti makuun ykn obonboleettii kaastee biqilaafi mana akkasumus mukeen addaa addaa jijjigsuun uumama mancaasuun gammachuu mulqiti. Waaqayyos uumamasaa warra qajeelaaf dirmmachuuf bakakkaa gad darbatee humna gammachuu uumamaa jibbu kana haleela Jedhu.

Afoolli kun duuchaamatti waa tokko nutti agarsiisa. Innis, BAKAKKAAN harka uumaa keessa ba’uusaati. BAKAKKAAN waqtii gannaati kaninni bu’u. Akka Akkoonkoo natti himtetti, waaqayyo bakakkaa kan darbatuuf nama heera uumaa cabses ittiin adabuufis ni ta’a naan jette. Isas akkasiin naaf ibsite.Yeroo namni gocha hamaa irra deddeebi’ee dalagu waaqayyo ni rukuta. Fakkeenyaaf qomoo tokko keessa yeroo gochi safuu cabsu jabaa rawwatamu jalqaba bakakkaan maasiisaanii ykn dallaa loonii utuu loonni keessa jiranii itti bu’a. Qomoon kun yoo dafee bare; irreefatee waaqa araarfata. Yoommo sirrachuu didee ammas itti fufe qomoo sana keessa nama rukuta ykn utubaa manaati bu’a. Isa lammaffaa kanarratti egaa qomoon sun walitti ya’uun maal akka yakke marihata. Innis seera qaba. Qomoo naannoo sana jiraatu keessa akka angafaaf quxusutti sanyii 9 (sagal ) walitti dhufuun korma qalanii dhiibaafachuun waaqa dhiifama gaafatu. Gocha kana booda waaqayyos ni dhiisaaf isaanis gocha waaqni isaan irratti jibbe ni dhiisu.

severe-weather-weather-250420_1024_768Yeroo roobaa Bakakkaan yoo tasa bu’eef of eegannoo godhamuu qabus Akkoonkoo akkasitti natti himtee. Roobni roobaa jira ta’ee atimmoo mana keessa jirta taanaan sibila guddaa itti fayyadamamu warreen akka qottoo, maarashaa , gasoo, buttoo fi gajamoo isaan kana keessaa tokko manaa gadi baasii oobdii ykn balbalarra ka’i. Yoommoo daandii bosonaa keessa utuuti deemtuu bokkaan roobe ta’ee muka takkaa bakakkaan rukute yoo arggatte itti gorii jala dhaaphu. Yoo isa dhabdemmoo muka jiidhaa dameensaa dheeraa ta’e naannoo jirurraa ilaaliiti itti gori. Yeroo gortummoo callistee utuu hin taane dhagaa lafaa fuudhiiti muka jala jurtu sana imimmaanessi naan jette. Yeroon imimmaanessuu (mukicha dhiigsuun) maalif barbaachise jedhee gaaffu maal naan jette seetan? Anaanis dubbichi na dhibe mukicha dhagaan rukutanii dhiigsuun ‘asin jira’ jedhanii waaqatti miiskolii godhachuudha jechuudha jedhee hiikkadhe isheen garuj akkas jette ‘Akkas gochuun uumaa safeeffachuudha’.

Qabeenyi bakakkaan rukutee safuu akkamii qaba? Isaafis deebiin kunootti. Qabeenyi bakakkaan rukute yoo nama ta’e; lubbuun keessa jiraate mormaa gad awwaaluun ykn lolaa keessa gangalchuun nama sanatti foyyessuun ni danda’ama. Yoommoo kan du’e ta’eef nama sanaaf hin bo’amu. Du’isaa yaada waaqaa waan ta’eef isatu fudhate jedhama. Warra du’aa (doogayii) yoo dhaqanis nibo’u utuu hin taane “Isaa baga” jedhama.
Yoo kan bakakkaan rukutame muka ta’eef qoraanni muka sanaa hin bobeeffatamu. Bobeeffachuun safuu cabsuudha. Didanii qoraansaatti fayyadamnaan ibiddatu mana qoraanni sun seene seena jedhama. Yoo akka carraa ta’ee beeladi manaas bakkakaan rukutamte beellada sanaaf tasa hin gaddamu. Isaafis Baga Jedhu. Yoo beellada sana keessa lubbuun jiraateef horiin sun qalamuun nama naannoo sana hunda foonnishee akka qorrichummaatti wal ga’a.


1459756603218Barreessaa Lalisaa Indiris Adam.
dhidhiibba@gmail. Com

Beekan Guluma Erena
Follow Me

Beekan Guluma Erena

Beekan is writer, editor, researcher and Afaan Oromoo Instructor at Harvard University.
He wrote more than 30 books in Afaan Oromoo and editing many more Oromo books, magazines and articles. Currently, he writes on his site (beekanguluma.org) and gibetube.com on current issues of Oromo people, culture, education and politics in Oromo.
Beekan Guluma Erena
Follow Me

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa