TOKKUMMAA-Herrega ajaa’ibaatiin

TOKKUMMAA!

.
Tokkoof tokko lamaan
Kutaa herregaatti
Kumaaf kumnuu tokko
Dirree tokkummaatii

__
Herregaan herregnee
Qooda kudhan taanu
Tokkummaan hidhamnee
Maaliif tokko hin taanu?

__
Kudhanoo kudhani
Iddoo kudhan jira
Tokkommoo tokkuma
Maaltu addaan hira!

__
Wanta sagal qabnee
Kudhan hin gadhiisnu
Isa tokko dhaabes
Wal jalaa hin buqqisnu

__
Tokkummaan furtuudha
Kufanis wal kaasu
Dhibbatti wal hirraan
Galma wal hankaaksu

Sabboontuu Mokonnon’

Beekan Guluma Erena
Follow Me

Beekan Guluma Erena

Beekan is writer, editor, researcher and Afaan Oromoo Instructor at Harvard University.
He wrote more than 30 books in Afaan Oromoo and editing many more Oromo books, magazines and articles. Currently, he writes on his site (beekanguluma.org) and gibetube.com on current issues of Oromo people, culture, education and politics in Oromo.
Beekan Guluma Erena
Follow Me

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa