-QABSOO KAAYYOON SEENAN KEESSAA MAALTU NAMA BAASAA? -Dr. Gasharee Abdiisaaa’tiin

-QABSOO KAAYYOON SEENAN KEESSAA MAALTU NAMA BAASAA?

Yeroo baay’ee namoonni keenya “sababa hojii na dhoowwaniif qabsoo keessaa ba’e, qabsoon ilkaan itti buqqifadhe ari’a keessaa hin qabdu naan jedhan, hololatu hojii na dhoowwe, maqaa na balleessan…maal maal” jechuun sababa hojii siyaasaa dhaabuu isaanii tarreeffatu. Gariin ammoo “jaarmiyaa duraa keessatti hojii na dhoowwanii jennaan jaarmiyaa haaraa ijaare ykn jaarmiyaa biraatti makame, maqaa waan na xureessaniif maqaa koo falmachuufin…maal maal” jedhu! Namni tokko gaafa saba isaatiif hojjechuuf muratee ka’u gufuun heddu akka isa mudachuu malu beekuu qabaata. Osoo saba ofiif hojjechuun (keessumattu warra siyaasa hojjetaniif) waanuma gufuu malee bakkaan ga’amu ta’e nuti hundi yoona saba keenyaaf waan guddaa buufna ture. Garuu dubbiin akkas miti, namoota gufuu heddu bira darbantu san godha! Mee yaadan armaan olitti barreesse irratti waan natti dhaga’amu tokko qapxiiwwan 10n lafa kaa’uu yaala.

1) Namni kamuu hojii saba isaatiif bu’aa buusa jedhee yadu tokko nama biraatti mufateef dhiisuu hin qabaatu dura itti amanee hojjeta taanaan saba ofiif hojjechuun dirqama ofiiti malee oolmaa nama biraatif oolu miti waan ta’eef. Eenyutu maaddii isaa mufatee namaaf dhiisee deema?

2) Kaayyoo ofii godhatanii waan hojjetan tokko namni nama dhoowwuu hin danda’u. Ciminni nama tokkoo kan tilmaamamu warreen hojii nama dhoowwanuu hojjechiisuu danda’uudha waan ta’eef.

3) Namni waa hojjetee nama hojjechiisuuf ka’e tokko yaada wal-fakkaataa nama hundarraa eeguu ykn namni hundi akka isa deeggaru eeguun dogoggora gaafa akka namni hundi isa hin deeggarre ykn yaada ykn adeemsa isaa hin hubanne baru wareeree hojii waan dhiisuuf.

4) Asitti hojii waan na dhoowwaniif garas deeme jechuunis cimina namaa hin agarsiisu bakka itti hojjetan jijjiiruu caala akkaataa itti hojjetan jijjiiruutu bu’aa buusa waan ta’eef. Suuqii qofa bakka gabaan itti baay’atutti banachuun bu’aa buusa. Dhugaaf hojjechuun garuu bakka haalli hin mijannettiyyuu jiraachuu qaba
5) Kaleessa anatu hojjetee ari’aan ga’e ari’a garuu hin beektuu taa’i naan jedhan kanaafin…jechuunis badaa gaarummaa hin qabaatu namni kaleessa hin turre ari’a yaada kan kee caalu qabatee waan as ba’uu maluuf. Hojii namaa seenaanuu hin dagatu.

6) Maqaan namaa xuraa’eef jaarmiyaa ofii dhiisanii ba’uunis fafa sababa namni maqaatu na bade jedhee mana ofirratti hin diigneef. Inumayyuu keessa taa’anii qulqullummaa ofii falmachaa mana ofiis jabeeffachaa deemuudha falli.

7) Waan ofii hojjechuu dadhaban (haalli namaa mijachuu didee ykn dadhabbina irraas kan ka’e) akka namni biraa hin hojjenneef guufu dura naquun jallina qofa miti dhadhabbina cimaadha. Bakka ani hin jirre araddaan hin margiin kan jedhe harreedha malee nama miti.

8) Hojii keenya keessatti namni dadhabbina keenya nutti himeef qofa diina godhachuu hin qabnu qofaa deemanii galmi ga’an hin jiru waan ta’eef. Yaada namaa kan ofiitiin wal simachiisanii hojjechuutu ogummaa guddaadha.

9) Saba ofiif hojjechuun machiin ta’u hin qabaatu. Waa’ee saba ofii dhukkubsatanii yoo ta’e malee machaa’anii hojjetu taanaan rafanii ka’aniitu dagatu waan ta’eef.

10) Namni mana tokko ijaaru citaa wal hin saamu!

Beekan Guluma Erena
Follow Me

Beekan Guluma Erena

Beekan is writer, editor, researcher and Afaan Oromoo Instructor at Harvard University.
He wrote more than 30 books in Afaan Oromoo and editing many more Oromo books, magazines and articles. Currently, he writes on his site (beekanguluma.org) and gibetube.com on current issues of Oromo people, culture, education and politics in Oromo.
Beekan Guluma Erena
Follow Me

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa