GUYYAA YAADANNOO HAADHOLII ILAALCHISEE HAATI GALAANA/GALATA HAADHOOLII OROMOOF

GUYYAA YAADANNOO HAADHOLII ILAALCHISEE
HAATI GALAANA/GALATA HAADHOOLII OROMOOF

Haati ofii galaana, galaanni bal’inaa fi gadi fageenya qaba akkasumas albuuda guuramee hin dhumnee, qabeenya gati jabeessa heedduu of keessaa qaba. Haati ofii xiqqoo hin qabdu, haati ofii qabernyaan hin madaalamtu,Haati ofii haadha biroon hin dorgomsiifamtu. Haatis akka galaannaa badiif gaarii dalagnuuf garaa balleettiidha, keessi ishee gadi fagoo alboodota qarshiin hin argamne kanneen akka gorsaa, gargaarsaa, jaalalaa,qabeenyaa, jireenya, ulfinaa,kabajaa,garramummaa hoomtuu hin madaallee of keessaa qabdi. Kanaaf haati galaana/isas nii caalti. Galaanni yaa’ee hin dhumu akkasuma waa’een ishee himamee hin dhumu.

Olmaa haadha keenyaa gatii isaa of irraa baafnee hin fixnu, ji’a sagal guutuu garaattii nu baattee gadameeesaa ishee keessaatti nu kunuunsaa, miixuu dhukkuubii hamaa sana miixattee addunyaa kanatti nu fidde, eenyuun gadiyyuu akka hin taaneetti halkaniif guyyaa oliif gadi joortee nu guddiste. Haadha ibsuuf himamees ta’e seeneefamee hin dhumu, ganama kaatee laga buutee bishaan waraabdee, qoraan cabsitee, nurraa dhiqxee, nu nyaachistee mana barumsaatti nu ergitee, wanta himamee hin dhumne mara nuuf gootee nu guddifte…akkuma galaanaa dhaagaaf mukatti bu’aa gaariif gadhee keenya danda’aa nu guddifte. Galaanni akkuma yaa’ee hin dhumne jaalaallii fi eegumsi haadha keenyee hanga yoomiitti illee nurraa hin hafu.

Barumsaaf yoo qe’ee irraa fagaanne, biyya irraa yoo fagaannee, fuunee maatii godhanee ishee irraa yoo adda baane illee tasa nurraa hin nuffitu. Haati amala abbaa keenyaa isaa gaariis gadhees dandeessee amala daa’imman ishee hunda dandeessee tokkittiin akka kumaa qofaa ishee wanta namni gareen hin goone raawwatti.

Haati maatii ishee ofii ishee caalchistee, ofii agabdee, ofii beeloftee, osoo dhukkubuu dhukkubbii ishee ciniinnattee dhokfattee ilmaan ishee guddisuuf, olmaa isaanii bareechuuf , gammachuu isaanii arguuf xaarti. Ooo yaa haadhaa namni barreeffama kana dubbisaa jirtu tarii haadha kee of biraa hin qabdu ta’a garuu dhugaan jirtu bor nus tahe haati hunda keenyaa darbuun ishee hin hafu. Eeyyeen hunduu dura keenyaa du’a qabna, garuu haati kee yoo si bira hin jiraanne illee jaalalli ishee, kabajni ishee, ulfinni ishee, fooliin ishee yeroo hunda baka jirtutti, ba’uuf galuu kee maratti yaadannoo tahee si waliin jiraata.

Ajaa’iba waanti akkana namatti tolu jiraaree, haadha kee of biraa du’an dhabdus kan isheen rifeensa kee sukkuumaa si guddistu, kan isheen si gorsitu, kan isheen adda irra si dhungattu, reebichi ishee durii sun umurii kee guutuu alaala guuraa jiraachuun gammachuu akkamii akka inni namaaf kennu himuun narraa hin eegamu. Maaree Galaana waraabanii akk hin xumurre wa’ee haadholiis dubbatanii hin xumuran.
.
Carraa kanatti fayyadamee haadholiin hundi keessaattuu armooliif hawwaan ilmaan Oromoo martuu baga guyyaa guyyaa mara caalu guyyaa haadholii geessan jechuun fedha. Haadholiin Oromoo goota, gaafa abbaan warraa ishee dirree qabsoo deemu eebbistee, galaa qopheessitee mirgaan gali jettee ergiti. Gaafa abban manaa isheef ilmaan ishee badii tokko malee hidhaman ganamaaf galgala osoo hin nuffiin nyaata baattee mana hidhaatti deddeebi’uun jajjabeessiti.

Haati ilmaan Oromoo dandeessuudha gaafa abbaan manaa ishee humna isaan hojjetee maatii isaa akk hin gargaarreef uggurtiin alagaan irra gahamu, akka inni abdii hin kutanneef jajjabina taatif, hamilee itti horti, humna qabdu guduunfattee abbaa manaa isheef golgaa taatee diina irraa eegdi. Haati Oromoo gara balleettiif dandeessuudha mana ishee lafa dhiphoo irratti ijaaramte keessatti nama hunda garaa bal’attee keessumsiisti, quufsitee gammachiiftee keessummaa ishee gaggeessiti. Amala ilmaan isheef amala nama hundaa dandeessee maatii isheef waardiyyaa taati, rakkoon hangam jiratu iyyuu ilmaan ishee akka amilee hin cabneef,akka namaa gadi hin taaneef, akka cimaniif hanga dandeessu mara kuftee kaati. Haati Oromoo rakkoof roorroon itti jabaatu illee guyyaa tokko amilee cabdee ilmaan ishee amilee cabsitee hin beektu.

Yeroo hunda jajjabinaaf abdiitu fuula ishee irraa mullata. Bor akka har’aa mitii jabaadhaa jettee dhaamsa namaf dhaamti. Diinni bulee ka’ee madaa ishee babalisuus dhukkubbii ishee kukkulfataa onnee namatti bitti , humna godhadhaa, duuba hin deebi’inaa irra aantuu jettee hamilee nuu laatti galaa ishee isa hin dhumne nuu galaafti. Waaqni haadholii Oromoo umurii haa dheeressu. Warra darban waaqni gammachuu isaan lafa irratti dhaban waqa irratti haa kennuuf. Lubbuu isaanii haa qananiisu, boolla isaanii daadhii haa guutu, ekeraan isaanii aara galfii haa argatuu.

Ilaamee yaa haadhoolii keenyaa waaqni hawwiif feedhii keessan hunda isiniif haa guutu, hamaan isin hin argiin, gaariin isin hin darbiin, umuriif nagaa isiniif haa kennu. Waaqni imimmaan keessan bara dheeraa isin irraa qoorsee gammachuu isin haa goonfachiisu. Manaaf lafa dhabdan qabeenyaa diinni isin saame mara isiniif haa galchu. Dhiiraa dhalaa gammachuu keessan barbaacha mana bahan gammachuuf mo’ichaan isiniif haa deebisu. Kan gammachuu barbaacha mana ba’anii harka diinaaf harka firaatti miidhaman waaqni bakka isiniif haa buusu. Gorsaaf amilee keessan nurraa hin qusatiinaa! Jajjabinniif amileen keessan qorsa keenyaa nurraa jin hambifatiinaa! Nu duratti bulaa.

BAGA GUYYAA HAADHOOLII GEESSAN
SANYII BALAACHOO IRRAA
GALATOOMAA!

Beekan Guluma Erena
Follow Me

Beekan Guluma Erena

Beekan is writer, editor, researcher and Afaan Oromoo Instructor at Harvard University.
He wrote more than 30 books in Afaan Oromoo and editing many more Oromo books, magazines and articles. Currently, he writes on his site (beekanguluma.org) and gibetube.com on current issues of Oromo people, culture, education and politics in Oromo.
Beekan Guluma Erena
Follow Me

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa