SEENAA AARTISTIIFI WEELLISAA ABDULLAAH- Nama seenaa gaarii qabuuf sabasaaf gumaacha jabaa taasise!!

WELLISAA YOONUS ABDULLAAH: NAMNI DAGATUUS SEENAAN ISA HIN DAGATU.

13122888_1055675697860579_5853273361263733271_oWellisaa Yoonis Abdullaahi kan dhalatee guddate Baha Oromiyaa, lafa seena qabeettii biqilchituu Afran Qalloo magaalaa Dirree Dhawaa, naannoo Qabri Joollee jedhamutti. Yeroo ijoollummaa isaa akkuma ijoollee Oromoo asiif achi burraaqaa kan dabarse yoo tahu yoo umriin isaa barnootaaf gahu mana baruumsa Jadiidaa kan magaalaa Dirree Dhawaa keessatti argamutti barate. Yoo umriin isaa dargaggummaa guutu garuu xiyyeeffanoon isaa hojiifi hoojum, barnootaafi hojjata biraa irra gara artiitti yakkatte. Hogga kana inniis fedhiifi dandeettiin isa keessa jiru hunda caalaa wellisuu tahuu hubannaan Bara 1960’moota gara aartii seene.

Barri 1960’moonnii bara dukkanaa, bara cunqursaafi miidhaan gabrummaa Oromoofi Oromiyatti hammaatte ture. Yeroon san kan sabni oromoo wal arguufi waliif dhiiguu dhoorkame, afaan oromoo dubbachuus tahee ani Oromoodha jechuun yakka hamaa turteedha.

Sabni bal’aan ganfa Afrikkaatti hangafaa, baayyinaan garbaa, kan bal’ina lafaa daran badhaadhinaafi gabbina dachii isaatiin dureessaa, Oromoon biyyuma isaa irratti mirga jiraachuullee dhabee, waa hojjachuu dhiisii waa nyaachuufi qilleensa harganuuf illee warra gabroonfattoota habashaatiin dhorkame ture. Yeroon kan habeenoo gabrummaatiin oromoo ijji jaamtee, afaan fi aartiin sabaa dhukkubsatanii du’aaf sakaraatan, aadaafi seenaan Oromoo fuula ardii kanarraa du’anii awwaalcha seenuuf xiqqoo hafeef ture. Dimshaashumatti barri san bara hadhaawaa bishaan lagaa summiin laaqame, qilleensi Oromiyaa gaasii summaa’aan faalame, mirgaafi hireen oromoo ukkame, bara sabni hiddi dhalootaa hayyuufi gootaa, qaroofi qaraa kun holqa gabrummaa dukkana’aa keessatti akka xuuxillaa saree adabfamaa ture waan taheef ijji oromoo wal arguu dhiisii lafa arguufuu yeroo dhoorkamee dha.


13198565_1055675667860582_5200645159757446686_oBara qaroon Oromootaa jaamtee, banamuuf mitii waa mil’achuuf illee hin qooyne, bara billiqii ibsaatiis dhabuun lafti Oromiyaa dukkanooyte kana keessa quuqamtoonni sabaa gootoonni sodaa malee lubbuu if kannanii dukkana cillimii tana nurraa saaquuf ibsaa, akka lafa agarruuf immoo qaroo ijaa nuuf tahan baayyee keessaa tokko wellisaa hangafaafi seena qabeessa Yoonis Abdullaahiiti. Onnattoota sabaa kan wayta afaan Oromoo raadiyoo cabsa jedhamu sanitti raadiyoo caphsuu miti raadiyoo badeehuu kan tolchuu danda’u akka tahe mul’isan, kan if laatanii afaaniifi aartii saba Oromoo jiraachisanii nuun gahuuf hojiin mirkaneessanii dha. Warreen gaafas qabsoo isaanii walleef weedduun jalqaban keessaa baayyeen isaanii kufanillee kan akka Wellisaa Yoonis Abdullaah immoo warra lubbuun jiruu dha.


Yoonis Abdullaahi wellisaan hangafni hangaftootaa magaalaa Dirree Dhawaatti gara addunyaa aartii yoo seenu kallattiin hawwisoo hangafa biqilchituu aartii, kunuunsituu afaan Oromoofi gaaddisa hayyoota danuu, tan bara 1962 hundeeffamte Hawwisoo Afran Qalloo seene. Hawwisoon Afran Qalloo yeroo sanitti damee lama kan qabdu yoo tahu Urjii Bariisaafi Biiftuu Ganamaa jedhamuun moggafamte yaamamti ture. Wellisaa Yoonis Abdullaahiis miseensa hawwisoo Biiftuu Ganamaa tahee hayyoota sabaa kan akka Abuubakar Muussaa, Usmaa’il Mummaad, Hassan Aliyyee (Jarman) fi k.k.f waliin carraa wal arguu milkaa’ee hojii sirbaa jalqabe. Gaafasii jalqabee guddina aartii, walleef weedduu, aadaa, seenaafi afaanii danuu hojjachuun waan baayyee ummata Oromoof gumaache.


13115965_1055675721193910_1455528851539147093_oWellisaa Yoonis Abdullaahi yeroo hawwisoo Afran Qalloo keessa turetti sirboota baayyee kan sirbe yoo tahu isaan keessaa sirbi jaalatamaafi beekkamaan:
“Hin yaadinii hin yaadinii, ×2
Yaanni namaan badaa
Maal akkana yaaddaa…. ×2
Silaa siiniin badaa……..” jedhu kan walaloo isaa hayyichi dandeettii danuu waloofi gaazaxeessaan Abuubakar Muussaa barresse faa sirbaa ture. Sirbuma kana eegas wellisaa kabajamaan Dr. Ali Birraan irra deebi’ee sirbuun ni beekkama.

Hawwisoon Afran Qalloo tuuta sabboontoota baayyee waan taateef bu’ura hundee qabsootiis akka taate seenaarraa hubanna. Hawwisoon Afran Qalloo hojii adda addaa hojjachuu yoo jalqabdu gabroonfattoota nafxanyaatiif yaaddoo tahaa dhufuuf yeroo itti hin fudhanne. Hojii aartii qofa osoo hin tahin hojii qabsoofi warraaqsaas hojjachuun qaanqee ka’uumsa qabsoo Oromoo tan taate hawwisoo tun tuuta quuqamtootaafi gurmii sabboontoota Oromoo tahuu hubate mootummaan yeroo sanii Hawwisoon Afran Qalloo facaasuuf kaayyeeffate. Hawwisoon kun garuu hojii isii daddaaqaatuma itti fufte. Yaaliin hawwisoo tana diiguu osuma taasifamaa jiruu sabboontoonni ammaas harka maratanii hin teenye.

Hidhamaa, biyyaa ari’amaatiis kaayyoo ganamaa san galmaan ga’uuf haaluma adda addaatiin ummata isaanii biraan dhaqqabuuf qabsoo itti fufan. Osuma kanaan jiranii hawwisoon Afran Qalloo hojii isaanii hawaasa Oromoo garsiisuufi dadammaqsuuf gara biyya Jibuutii deeman. Yeroo kana wellisaa Yoonis Abdullaahii biyyatti yoo deebi’ees shirri nafxanyootaa sossoo’uu akka hin dandeessifne waan hubateef Jibuutii irraa gara biyya Soomaliyaa, Maqdishoo deemee hayyicha qaroo gaazaxeessaa Ayyuub Abuubakar waliin wal qunname.
Hayyichi sabboonaan, gootichi abbaa afaan Oromoo gaazaxeessaa Ayyuub Abuubakar, Bara 1967 keessa tamsaasa raadiyoo Maqdishoo hundeessee hojjataa ture. Raadiyoon kun yoo jalqabu daqiiqaa 15 afaan oromoo, daqiiqa 15 afaan amaaraatiin kan dabarsu yoo tahu daqiiqaa 15’nan afaan oromoo Ayyuub, daqiiqaa 15’nan amaariffaa immoo nama Geetachoo jedhamuutu dabarsaa ture. Hundeeffama tamsaasa raadiyoo kana keessatti Ayyuub Abuubakar waliin hayyoota gahee guddaa gumaachaa turan keessaa Sheek Dr. Mahammad Rashad, Abdoo Husseeniifi kkf akka ture himama.

13133228_1055675557860593_6287541113505749861_n
Yoonis Abdullaahiis bara 1968, yeroo jalqabaatiif sirba isaa Raadiyoo Maqdashoo irratti dhiheesse. Yeroo sanitti sirboonni raadiyoo irratti dhihaatan marti waraabamanii kan dhihaatan osoo hin tahin kallattiin yeruma san sirbamaa qilleensarratti kan tamsaasamu ture. Bara 1968 sirbi Yoonis yeroo jalqabaa tamsaasa raadiyoo Maqdishoo irratti kallattiin dhiheessee gurra ummataatiin gahe:
Obsi mee itti dhiisii
Guyyaa fidaa bar isiisii,
Guyyaan guyyaa bar inninuu
Kee bareediinni qaaliinuu..
Na boochise kee amaliinuu…..” kan jedhu yoo tahu kana malees sirboota baayyee hojjachuun qilleensarraan gurra ummata keenyaan gahaa ture. Wellisaa Yoonis Abdullaahi yeroo sanitti wellisaa hangafa akka isaa wellisaa Abdullaah Arusii waliin sirboota raadiyoorratti kan dhiheessaa turan yoo tahu eega Abdullaah Arusii ajjeefame booda garuu hanga tahe tokko kophaa isaa dhiheessaa ture.

Yoonis Abdullaah nama afaan isaa jaalatuufi hedduu kabaju sabboonaa eenyummaa saba isaa jaalatu akka tahe hojiin isaa ni ibsa. Wellisaan kun baroota dheeraa Soomaliyaa keessa kan jiraate yoo tahu afaan Oromootiin ala afaan Soomaalee tokkollee osoo hin sirbine nama turee dha. Biyya afaan oromoo hin beekne keessatti namni tokko gara afaan biyyatti seenuuf malee namoota san gara afaan ofii fiduun baayyee ulfaataa ture. Yoonis immoo gara afaan Soomaalee seenuu irra Biyya Soomaaliyaa keessa taa’ee warra afaan Soomaalee malee afaan biraa hin dandeenye akka afaan Oromoo sirban nama taasisee dha. Haaluma kanaan welliftoota Soomaalee dubartoota 8 yadaloofi walaloo hojjatee itti laachuun afaan oromootiin sirbisiisee afaan Oromoos barsiise ture. Dubartoota san keessaa Dunoo, Hiboo Ahmad (Nuuraa), Faaxumaa Qaasim, Aashaa Abdoofi kkf tuquu ni danda’ama.

Wellisaa Yoonis Abdullaah sagaleessaa qofa osoo hin tahin nama dandeettii walaloo sirbaa barreessuu, yadaloo sirbaa yadaleessuufi meeshaa muziiqaatiis taphachuu kan danda’uudha. Kanarraa ka’uun yeroo afaan Oromoo dubbachuun baayyee rakkisaa tahe sanitti sirboota baayyee sirbe. Yoonis wayta weellisaa ture sirboonni isaa kallattiin tamsaasa raadiyoo irratti waan dabraa tureef hedduun isaa carraa sagaleen kuufamuu hin arganne ture. Sababa kanaaf sirboota isaa keessaa kan kaasetiin waraabamee kuufame muraasa qofa. Sirboota inni sirbe irra caalaa immoo welliftoota deebisanii kan sirban yoo tahu isa caalaa immoo kan irra deebi’anii sirbaniitu irra hedduu ittiin beekkama ture. Welleelee Yoonis Abdullaah danuu keessaa kan hedduu beekkaman muraasni:
“Booyi yaa onnee gubattee,
Taan namaan naanee jaalattee
Tanaafuu cinqii mudattee…
Akkanat cinqamuun wallee dilii tiyyaa,
Mee dafi na furii gooytaa cinqii tiyyaa..
An humaa cinqamee tahe kophaa kiyyaa,
Taniin wal jaalanneen baane biyya biyyaa..”
Kan jedhu yoo tahu sirbi kun wellisaa Adnaan Mohammad’iin kan sirbe ture.
Sirbi Yoonis kan biraa immoo sirba:
“Arkee humaa humaa x2
Eega horii taate jaalalti namaa
Rabbii malee namni ni jijjiirama….”
Jedhu yoo tahu sirba wellisaa Wagaayyoo Dagginnatuu sirbaa tureefi
“Waa dhaban yaadinii ni eegganna hiree
Gooytaan nuuf kennaa ka akka namaan jirre,
Tattaafadhuu.. ×2
Hiree tee eeggadhuu…..” fi kkf baayyee keessaa kan hedduu beekkamanii dha.
Sirboonni weellisaa Yoonis Abdullaahii kan lakkaawamee dhumuu miti. Sirba dhimma jaalalaa, hawaasummaa, jiruuf jireenyaa ibsu qofatti kan daanga’ee miti. Saniifuu yeroo bilisummaa Oromootiif nama dadammaqsuufi kakaasuu dhiisii ani Oromoo dha jattee himachuufi afaan Oromootiin wellisuu mitii waliin haasa’uunuu adaba lubbuu nama adabsiisanitti, wayta dhimma walabummaa oromoo dubbachuu dhiisii jecha qubee ‘O’ tiin jalqabu kan biraatuu dubbachuuf yoo jalqaban habashootaafi mootummaan isaanii nyaara namatti bututti, Yoonis immoo zaraaraa Xoophiyaa jala taa’ee biyya Soomaaliyaa Maqdashoo taa’ee raadiyoo keessaan sirboota warraaqsaa bookkisee diina naasisaa ture. Sirboota warraaqsaa tamsaasa raadiyootiin gurra ummata Oromoo gahe keessaa muraasni:
“Bilisummaan bilisummaan
Gaariidha yaa obboleyyan
Ka’aa hirriibaa…..
Dachii teessan masnoo teessan,
Kan irra taa’u adawwii teessan….”
Kan jedhu isa tokko. Gaafa sirba kana jalqaba sirbu mootummaan Xoophiyaa aaree Yoonis du’a itti murteeffamee rabbummaan kan jalaa baasee lubbuu isa eewale akka tahe afaan isaarraa dhageenyee jirra. Haatahuu Yoonis sirba kana qofatti daanga’ee hin hafne.
“Yaa dachiin dubbattuun dubbattuu,
Dardara keen dammeessituu
Bilisummaan mi’ooytuu
Ka’aa barbaadaan jattuu…” kan jedhu yoo tahu, kan biraa immoo,
“Bilisummaan aananii
Nama beekuu dhugaa
Kan bilisummaa hin beekne
Firra taa’ee mugaa
Rakkoon nurraa haftii bal’oon numa dhuftii
Walii nu haa fiduu dirree bal’oo irrattii
Waan tokko dalagu tokko taa’ee nyaataa
Ifitti eeguun rabbiin yoom jaalataa” sirba jedhu jalqaba Welliftuu soomalee Dunoo jedhamtutti kennee wellisiise.
“Waraabessii osoo jirruu
Kan goggogee nurra ciisuu
Waliigalaa yaa Oromoo
Sodaan tun haa nurraa haftuu..
Oromoon saba keenyaa
Oromiyaan biyya teenyaa
Waliigallee haa eeggannuu
Yaa aboo lafti teenyaa
Kan gabrummaa jaalatee
Gammachuu waan arkatuu
Harka isaa hin eeginii
Mirguma kee aara hin baatuu” sirba jedhuus sirbee kan hidhamee, akeekkachiisaan bahee kan ture akka tahe dhageenyee jirra. Kana qofaa miti weellisaa Yoonis Abdullaahii sirboonni warraaqsaa kan sirbe. Gama biraatiin barnoonni furtuu jireenyaa, fonqolcha gabrummaafi qartuu ssammuu ilma namaa akka tahe yoo walleen ibsu:
“Yaaboo barnoota haa barannuu” sirba jedhuus yeruma san kan sirbe yoo tahu gaafasiifi as jidduu walakkaa jaarraa tokko kan tahuu dha.

Eegaa kabajamtoota hordoftoota keenya seenaan wellisaa hangafaafi seena qabeessa keenya Yoonis Abdullaahi warra dur irraa qabsoo saba kanaa karaa danda’an maraan finiinsaa turan kan arra lubbuun jiran keessaa isa tokkoo dha. Yoonis yeroo ammaa biyya keessatti deebi’ee Oromiyaa keessa kan jiraatu yoo tahu, Yoonis abbaa ijoollee afurii dhiira 3 fi dhalaa 1 qaba. Wellisaan hangafni kun umrii isaa dargaggummaa tan itti fiigee bahu, arihee qabuu danda’utti ummata Oromootiif hojjachuu irratti dabarse. Dhugaa dubbachuuf Yoonis sirboota isaa keessaa kaaseetiin baasee tokko illee gurgurate hin beeku. Afaan, aadaa, seenaafi aartii oromoo jiraachisuuf humnaa, qabeenyaafi beekumsa isaa duguugee gumaachaa waan tureef ifiif arra umrii jaarsummaatiin rakkatee jiraachaa jira. Hojii danuu kana nuuf hojjatee arra immoo umrii isaa dulloomte tanatti saba oromoo danuu lakkaa’anii hin dhumne kana biraa waan ittiin jiraatu dhabee, biyya teenya Oromiyaa bal’oo san keessatti goojjoo daasaa tan mataa jalatti qabatu malee dirretti jireenya hamaa keessa jiraachaa jira.

Eegaa! Yaa ilmaan Oromoo, “Namaatu seenaa dagata malee seenaan nama hin irraanfatu” akkuma jedhamu san nama ija nuuf ture kan waan baayyee Oromoof hojjate, osoo inni lubbuun jiruu kan oromoon dagate Wellisaa hangafaafi qabsaawaa Yoonis Abdullaah haa gargaaruu jechaa, TV’n OBS welliisaa seena qabeessa kana bakka jiruu barbaadee nuuf dhiheessuu isaaf guddaa galateeffachaa. (Gaaffiif deebii OBS wellisaa Yoonis Abdullaah waliin taasise link kana tuquun argattu:
http://www.obstv.net/… )

Ilmaan oromoo immoo bakka jirtan maraa wellisaa ija nuuf tahee kana amma nuti faraqaa teenya ija haa taanuuf, qabsaawaa afaan Oromoo jiraachisaa aartii keenyaa kana sumuniif shilingii ergineefi, arra waan dandeenyuun gargaarree akka inni afaan saba guddaa kana jiraachisetti haa jiraachifnu jechaa barruu koo goolaba. Warri wellisaa Yoonis Abdullaahi qunnamuu barbaaddan immoo gara TV OBS’n qunnamuu kan dandeessan tahuu gamanumaan isiniif ibsa.

Hubachiisa!

Warreen Wallisaa Yoonis Abdullaayii argachuu barbaaddan

Lakk. Bilbilaa +251 924905459

ykn Lakkoofsa account Bank: Oromia International Bank

acct no. 530704/11000146

20150927_132453-1-1Galatoomaa.
Barreessaan:Saphaloo Kadiir | Abdulbasit
Caamsaa, 2016.

Beekan Guluma Erena
Follow Me

Beekan Guluma Erena

Beekan is writer, editor, researcher and Afaan Oromoo Instructor at Harvard University.
He wrote more than 30 books in Afaan Oromoo and editing many more Oromo books, magazines and articles. Currently, he writes on his site (beekanguluma.org) and gibetube.com on current issues of Oromo people, culture, education and politics in Oromo.
Beekan Guluma Erena
Follow Me

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa