WALIIGALTEEN NAMA GAMMACHIISA, GAMMACHUUN KAN DHUGOOMU GARUU YOO HOJIIN MIRKANAA’E QOFA-Saphaloo Kadiir irraa!!)

WALIIGALTEEN NAMA GAMMACHIISA, GAMMACHUUN KAN DHUGOOMU GARUU YOO HOJIIN MIRKANAA’E QOFA.


logo_offNatti toleen gammade. Akka gammachuun koo hin turre immoo duraanuu haasidaatu tarree dhaabbaataa dhufanii na harkaa balleessan. Haalli gammachuu koo jijjiiru tokko osoon anuu gammadee hin quufin dhufee na harkaa diigee gaddan na duraa laaqe. Gaddi duraanuu dhihana kiyya (keenya) waan taheef aniis osoon hin dhibaa’iniin gadda koo simadhe. Anaafi gammachuun halaalumatti wal beeyna malee dilas waliif firummaa hin qabnu ture. Firri kiyya yeroo dheeraa kan nan ganne, nan daganne gadda waan taheef gammachuun yeroo mara keessummummaa dhuftee narraa galti. Arraas keessummaan gammachuu (tan waliigaluu jaarmayaalee qabsoo Oromootiin dhufte) simachuu malee osoon waliin hin waarin “Hatuutni alaa dhufee kan manaa baafate” jechaa gaddi maakmaakaa dhufee gammachuu too ari’e. Aniis hedduu dallaneetiin gadda eega gaafaan gadaaf gandaas dhabee irraa jalqabee naaf firoome simachuuf dirqame. “Wanti hin beeyne nama hin beektu” ja’an mitiiree? Waa ana qofaa miti. Oromoo hundaaf eega gaafa weerara Minilikiin gadaafi gandaas dhabnee gaddaan haguugamne kunoo hanga arraa gadda waahelfannee waliin jiraanna. Ammaas hanga gadaafi gandaas deebifannuu teenya gadduma. (Wanni na gaddisiise guddaan waliigaltee Jaarmayaalee qabsoo Oromoo kana jajjabeessuufi eebbisuu caalaa namoonni gariin seenaa kaleessa dabrame as shoorooysuun akka waan gatii hin qabneetti laaluufi olola diigamiinsaa hafarsuu isaaniiti)

Haatahuu garuu gammachuuf gadda natti dhaga’ame kanarra dhaabbadhee yoon yaadaan dubbii achi laalu nama rifeensa gama tokko filee, gama tokko haadee boonu natti fakkaachuun hin oolle. Yeroo biraa daran gaddaafi gammachuun walitti laaqamtee akka loon funyoon mataa seeneetti lafti naan martee “Yoo ni boonna jenne kopheen miila miila, yoo ni boonya janne immoo namaatu nu laala” falaasama jedhu keessa na galchuu hin oolle. Dur irraa maaliif akka tahe beekuu baadhuus yeroo baayyee gammachuu KG 80 gaddi gaddi KG 20 caala. Arra garuu waan madaalli gammachuu irra caaleef, waaniin itti gadde (boruuf bulfadheen waanumaan itti gammade irraan isinitti hima. Kabajamtoota hordoftoota kiyya nagayaas hin daganne, ashamaa harka fuudhe, akkam jirtan? Ani immoo…….! Mee waa’ee nagaya kootii boodaan isiniif himaatii amma gara dubbii ijoo kootti haa dabruu.

Akkumaan mata duree barruu kiyyaa irratti ibsuuf yaale gammachuun koo waa’ee dhaabboolii siyaasaa Oromoo waliin qabsaa’uuf waliigaltee irra ga’uu irratti kan xiyyeefatee dha. Eegaa akkuma beekkamu faffaca’uun dhaaboota siyaasaa Oromoo ana qofa osoo hin tahin baroota dheeraa saba Oromoo bal’aaf dhukkubbii mataa tahee akka ture wal naman gaafachiisu. Dhaabboonni siyaasaa oromoo akka foon godootti qaanxawanii turuun isaanii hawwii bilisummaa dukkaneessuu daran hamilee saba Oromoo masheensee, hawaasa guutuu faffacaasee tokkummaaf hamuunsisaa ture. Tokkummaan waliigaltee mallatteessuun isaanii gaaffii ummata oromoo baroota dheeraa ture waan deebiseef baayyee kan nu gammachiise akka tahe mamiin qabu.

Eeyyee! Bishaan dur laga tokko keessa dibaa gangalchaa ture guyyaa keessaa gargar faffaca’ee jirmaa mitii birinkillee qaraa siiysuu dadhabee ture amna fagoo booda laga tokkotti deebi’uun isaa kan nama gammachiisuufi akkuma dur san kullooda gabrummaa akka gangalchuu danda’uuf kan abdachiisuudha. Jecha ifaatiin yoon isiniif ibse, dhaabni siyaasaa amma tokkume kun kaleessa tokko ture. Sababa dhaabni kun addaan diigameef umriin gabrummaa nurratti dheerattee, shiraaf sharriin nurratti wal geeysee, hidhaaf ajjeechaan nutti miila fuudhaa turte. Arra immoo dhaabni kun deebi’ee tokkoomun isaanii sababa nu gammachiiseef qaba. Gammachuun keenya immoo ammallee hir’uudha. Waliigalteen isaanii kan nu gammachiisuus garuu gammachuun kun kan dhugoomuufi siranu yoo hojiin mul’ate qofaadha.

Akkamitti hojiin dhugoomuu danda’a kan jedhu immoo waaniin ani himu osoo hin tahin waan sabni oromoo xiqqaaf guddaan marti tilmaamuu dha. Kana qofaas miti. Dhaaboonni keenya kun wayta waliif galan kaayyoo bu’ureeffataniitu jira. Kaayyichiis tokkoofi tokkoodha. Bilisummaa Oromoofi walabummaa Oromiyaati. Walabummaaf bilisummaaniis kan argamuu danda’u waliigaltee qofaan osoo hin taane qabsoo hadhooytuu, cichaafi murannoon guutamte qofaani. Kana jechuun akkuma xuriin gabrummaan dhiigaan nu haguugde ammaas dhiiga qofaan dhiqamti, dhiiga qofaan qulqullooyti. Akkuma gidaarri gabrummaa lafeen nurratti ijaarame ammaas lafee cabsuu qofaan diigama. Dhaadannoo baroota dheeraaf qabnu “Oromiyaan dhiiga ilmaan isiitiin ni bilisoomti!” jedhu san ammaas nuuf bu’ura dhugaati. Eega Oromiyaan bilisoomte booda hoo? gaaffii jedhuuf deebiin ifaafi ifa. Akkuma hoggantoonni dhaaboota siyaasaa kanaa jedhan “Eega Oromiyaan bilisoomtee booda akkuma siyaasaa biyyoota addunyaa maratti dhaaboonni siyaasaa kanneen filannoof dorgomanii, kan ummataan sagalee caalmaan laatameefii dorgommii injifate immoo yeroo hanga laatameef san carraa biyyattii bulchuu ni argata.” Kan jedhu deebii dhugaa tahuus, anaaf garuu “Mee dura kurupheen foon haa taatu” kan jedhu deebii dha. Sababniis, hiraata hin beekkamneef qircaa (qaccee, qaaraa) hin muratan.

Bilisummaa fiduufiis tahee gabrummaa waggoota dheeraa gateetii saba guddaa kana irratti raramtee turte tana fonqolchuuf tooftaafi adeemsi amma booda itti deemamu murteessaadha. Bilisummaa fiduuf akka dhaaba siyaasaa gamtoomeetti waan hojjachuu qabaniifi akkamitti akka hojjatan itti himuuf dandeettiis tahee aangoo hin qabu. Haatahuu garuu akka Oromoo tokkootti, eenyullee osoon bakka hin buune rakkoo mudachuu maluufi yaada furmaata tahuu danda’u irraa xiqqo tartiibeessuun barbaada. Asirratti wanti hubatamuu qabu garuu rakkoo mudachuu malu tilmaamuun abdii murachuufi hamilee wal buusuuf osoo hin taane gaafa rakkinni nu mudatu furmaata hatattamaa kaayachuuf kan nu fayyadu akka tahe beekuu dha.

RAKKOO MUDACHUU MALU:

1) Akkuma amma dura waggoota dheeraa tahama ture waliigaluufi gargar diigamuu qofarratti maraammartoo dhawachaa turame kana boodaas qabsootti seenuu daran faca’uufi diigamuu qofa irratti daanga’uu malu shakkii jedhuun hawaasni riphisuu malu.

2) Waliigalteen dhaaboota siyaasaa kanaan dura taasifamee agoobara tokkummaa (ULFO) jalatti ijaaramuun ni yaadatama. Ijaaramuun isaanii immoo bu’aan inni qabsoo irratti buuse tokko waan hin turiniif, ULFO’n eega jaaramee booda garuu akka yaadame ijaaramuu caalaa faffaca’iinsaaf waan kaayyeeffame fakkaata ture. Ammaas gariin namaa ijuma saniin ilaaluu malu.

3) Yeroo dhaaboonni qabsoo siyaasaa oromoo waliigaltee uumu diinni keenya wayyaaneen gar-malee sodaan weeraramuun beekkamaa dha. Sodaachuun isaanii immoo nahanii aangoo irraa bu’uuf ykn Oromiyaa gad lakkisuuf murteessuu osoo hin tahin tooftaafi adeemsa ittiin kaayyoo kana fashaleessu baafachuu irratti xiyyeeffata. Kanaaf adeemsi diinaa yeroo duraa caalaa hammaachuu mala.
Akka fakkeenyaatti yoo kan yaadannu tahe diigamiinsaafi faca’iinsi dhaaba siyaasaa Oromoo ijaaramuu ‘ULFO’ duraa fi booda garaagarummaa guddaa qaba. Sababni eega ULFO’n ijaarame booda qoodiinsi baayy’ateef diinni diigamiinsa irratti humna guutuun hojjachaa waan tureef akka tahe ni beekkama. Ammaas rakkoon akkasii mudachuu mala yaanni jedhu qalbii namoota garii keessatti yaaddoo uumuun hin hafu..

4) Shiroota kanaan dura mooraa qabsoo oromoo keessatti mudachaa ture, kanneen eega jala bultii bilisummaa geenye haareyatti holqa gabrummaa keessatti nu deebisan san ammaas qabsoo oromoo mudachuu mala jedhanii qabsoof onnachuu caalaa shakkiin guutamuun hawaasni hirmaannaa warraaqsa qabsoo irraa ricicuu malu.

5) Hoggantoonni dhaaboota siyaasaa Oromoo warruma dur irraa osoo waliin jiranii dhaaboota qabsoo oromoo biraa kan isaanii ala ture ifitti makuu irra dhaabuma tokko akka foon godootti gargar hiratan waan tahaniif arra bu’aa ummanni oromoo barbaadu san fiduuf wabii hin qaban shakkii jettuun xaxamanii geengoo qabsoo keessaa miggatti utaaluu malu.

7) Muuxannoo baroota dheeraa irraa akka hubannutti dhaaboonni siyaasaa Oromoo qabsoo biyya keessaa irratti xiyyeeffachuu caalaa biyyoota alaa maadheeffatee kaayyoo ganamaa galmaan ga’uuf kaka’uumsa horachuu caalaa bu’aa namoota dhunfaa sassabuu qofa giddugala godhatee adeemsa qabsoo qancarsaa waan tureef, ammaas akkasuma jedhanii yaaduufi shakkuu maluu.

✔ FURMAATA TAHINNAA LAATA?

1) Dhaaboonni siyaasaa waliigalan kun dhuguma saniin bilisummaafi walabummaa oromoofi Oromiyaaf yaadan taanaan hanqinoota kanaan dura gabrummaa hamtuu jalatti nu hidhaa turan irraa of qulqulleessuun kallattiin gara qabsoo seenuu qaban.

2) Bu’aan ummata Oromootiif kan dhufuu danda’u qabsoo hidhannoo qofaan waan taheef gamtaan dhaaboota siyaasaa kun hatattamaan humna isaanii ijaaranii jijjiirama afaanii osoo hin ta’in qabatamaan fiduuf kutannoon ka’uu isaanirra jiraata. Ummanni Oromoos yeroo ammaa nama qabsoo isa gargaaru malee nama ba’aa gabrummaa jalatti isa hidhu eenyuuf illee araarama hin qabu waan taheef karaan ittiin ummata oromootti araaramuunii dandeessan jijjiirama qabsoo qabatamaa galmeessuu qofaani.

3) Ummanni oromoo baroota dheeraa dhaaba biyyoota faranjii keessa naanna’u fi afaanumaan qabsaa’uu malee dhabee, hamilee caphee dhaaba murannoofi kutannoon qabsaa’uuf abdiin eeggachaa ture. Waggaa dheeraaf harka addarra kaayatanii dooyatti eeganii dhabnaan harka duwwaa mootummaa qawwee harkaa qabu dura dhaabbachuuf dirqamanii, aariin ka’anii qabsoo finiinsaa turan. Kanaaf jaarmayaaleen amma tokkooman kun yeroo gabaabdutti ummata Oromoof dirmatanii maqaa kaleessaa mogga’eef san ofirraa haquufi shakkii ummata keessaa buqqaasuu qaba.

4) Qaawaa diinni harka dhaaboota Oromoo keessa galfatee ittiin diddiigaa ture arra sirritti itti dhimmamuun qaawa mara duuchuuf hojjachuutu isaanirra jiraata. Tarsiimoon ittiin qaawicha duuchan maal akka tahu ani tilmaamuu irra gahee miseensootaa irra dandeettiifi gahuumsa hoggantootaa irratti kan hundaa’ee waan taheef hoggantoonni dhaaboolee kanaa tooftaa rawwii ammayyaawaafi saffisa qabuun irratti hojjachuu qaban.

5) Hawaasni dhaabni qabsoo Oromoo waan Oromiyaaf qabsaa’e hin fakkaatu jedhanii komaachaa turan. Kanaafiis ragaan ABO Ameerkaa, Awrooppaafi Awuustiraaliyaa jechuun moggaafatanii biyyootuma alaa keessa shirshir jachuu malee waan Oromiyaa dagatan fakkaatu jedhee yaadaa jira. Kanaaf dhaaboonni siyaasaa amma gamtooman kun akkuma kanaan dura ABO kutaa Minissootaa, ABO kutaa Melboornii, ABO kutaa…… jechuu dhiisee kallattiin gara mooraa qabsoo galuun dirqama. Kan qabsaa’amuuf Oromiya malee biyya faranjii akka hin tahin eenyulleen ni beeka waan taheef keessattuu hoggantoonni dhaabichaa biyyattii jalatti siquun biyya keessatti haala hojiin ijaarsaa itti hojjatamu irratti hojjachuu qaba. (Oromoon ABO kutaa Waashington, kutaa Toroontoo….fi k.k.f osoo hin tahin ABO Oromiyaa fi daangaa Oromiyaa irra jiru qofa abdata)

6) Ummanni Oromoo bal’aan akkuma kanaan dura tokkoomuu dhaabbiilee siyaasaa oromoo hawwaa turee waan tokkoomu dhabnaan ifumaaf ka’ee qabsoo hadhooytuu gaggeessaa ture, amma abjuun isaan kaleessa qabaachaa turan milkaa’uuf hubatee hamileefi jaalalaan harkaafi onnees banee dhaaba gamtoome kana simachuuf qophaa’uu qaban. Wasn qaban mara lubbuu hangaa lukkuu dhaabooti tanattiin dirmachuutu irra jiraata. Waan biraa hin baddinii warroonni waggaa dheeraa waliin oodaa turan waltajjii takka irratti waliin argamuunuu nuuf waan guddaadha.

7) Dhaaboonni siyaasaa gamtooman kun marti qamni hoggansaa guutuun gootoota umrii isaanii qabsoorratti dabarsan waan taheef dadhabuun isaaniif haqa. Dhaloonni qubee yoomillee kabajaaf jaalalli gootota abboottii keenya kan caphanii, baqanii qabsoo asiin gahan kanaaf qabu baayyee guddaadha. Harreenuu ba’aa ilmoo irratti saplifatti waan taheef isaaniis kana hubatanii qabsoo irratti bututaa turan sirnaan ilmaan dhaalchisuu qaban. Kana jechuun isaan kana booda harka maratanii qabsoo keessaa haa ba’an jechuu osoon taane akkuma sirna gadaa keenyaa durii sanitti gorsoota ol’aanoo ta’anii Aduulummaan hogganuu qaban. Yoo kun tahuu baate immoo ummanni Oromoo qabsoof hamilee horachuu caalaa muusuun gombifamanii muuguun isaanii beekkamaadha. Sababniis, namni ifiif dimookraasummaafi walabummaaf qabsaa’u yoo qabsoofi aangoos dhaloota boodaan dhufu dhaalchisaa hin deemne nama waan ifiifuu itti hin hojjanne nama hojjachiisuuf deemu fakkaatti dubbiin.

Eegaa kabajamtoota hordoftoota keenya ani yaada koo goolabe. Kana booda warra qabsoon jijjiirama fidee bilisummaan wal argu nu haa taasisuun jedha. Ilmaan Oromoo marti gaafiin baroota dheeraaf dhibee sammuu nutti taatee turte tan faffaca’iinsa keenyaa waan deebii argatteef kana booda qabsoo irraa rincicuuf wanti sababsannu tokkolleen hin jiru jedheen hubadha. Jarmayaaleen Oromoo woliigaltee irra gayuun qabsoo Oromoo boqonnaa haarawa ceesisa jennee amanna. Kanaaf waliin hojjachuuf murteeffachuun jarmayaalee Oromoo eebbifamuu fi jajjabeeffamuu qaba. Goolabe. Waan na faana turtaniif guddaa galatoomaa.

“Sabni Oromoo waliigallaan gaaraafi tulluu fedheehu ni jigsa!”
“Oromiyaan dhiiga ilmaan isiitiin ni bilisoomti!”

Barreessaan: Saphaloo Kadiir (Abdulbaasix)

Email: ak23873@gmail.com

        saphalookedir@gmail.com

Facebook: www.facebook.com/saphaloo

Mobile: +254707482480

 

Beekan Guluma Erena
Follow Me

Beekan Guluma Erena

Beekan is writer, editor, researcher and Afaan Oromoo Instructor at Harvard University.
He wrote more than 30 books in Afaan Oromoo and editing many more Oromo books, magazines and articles. Currently, he writes on his site (beekanguluma.org) and gibetube.com on current issues of Oromo people, culture, education and politics in Oromo.
Beekan Guluma Erena
Follow Me

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa