TORBA WALIIF GALLEE, TORBA DIIGAMUUN HAADHAABBATU-Tokkummaan keenya Haajabaatu!!

Torba waliif Gallee, Torba Diigamuun Haa Dhaabbatu

Barbaaddu Walii Galaa Barbaaddu Kan diigdu yoo ta’e bakka isin buuneerra jettanii maqaa akka nu hin xureessine!!

Ummatni Oromoo Dhaabbilee siyaasaa, Dambii ittiin bulmaataa qabaachutu irra jiraata.Seenaa bara dheeraa keessatti ummatni Oromoo sabni bal’aan maqaa dhaabaa ABO jedhu qofaan beekamus, yeroo asi dhihoo kana keessa garaagarummaa yaadaa dhaabbilee siyaasaa jiddutti uumameen maaqaan dhaabbilee siyaasaa hedduu ta’eera. Inni kuni karaa tokkoon heddummaachuu baay’ina ummata oromoo ibsus, karaa biroon gabrummaa bara dheeraaf nu saaxileera. Ummatni oromoo seenaa bara dheeraaf gaafa xiiqii, gaafa morkaa biyyaa alaaf keessatti ABO dhaan dhaadachaa, abdachaa qabsoo finiinsaa ture. Erga garaagarummaan yaadaaf, fedhiin dhuunfaa miseensotaaf, hoggantoota jidduutti hammaachaa dhufee garagar bahanii ummatni Oromoo akka waan harka mirgaa dhabeetti ofi ilaalaa ture. Gargar bahiinsi isaanii Mootummaa woyyaaneef bara gammachuu, bara aangoo dheereffachuu yoo ta’u ummata oromoof gadda guddaa ture. Haata’uu malee dhaabbileen siyaasaa kuni maqaa ABO, KWO, ADO, fi ABOT jedhanii itti fuufan. Bara maqaa tokkoon socho’aa turan, injifannoolee boonsaa galmeessaniiru.

Diinota irratti tarkaanfii ajjeechaa kan fudhataa ture irreef gaachanni ummata oromoo WBO’n sammuu ummata oromoo keessatti seenaa bara baraa ta’eera. Erga gargar bahanii bu’aan argame maali jennee yoo wal gaafanne ummatni Oromoo deebii gahaa qaba. Ummatni oromoo kan durii caalaa akkuma ilmaan isaanii barataa faayidaaf miidhaa mootummaa gabroomfataa kana hubachaa dhufaniin qabsootti finiinaa dhufe. Bara 2014 labsiin maaster pilaanii qindaawaa magaalaalee naannawa finfinnee gaafa labasamu mormiin barattootaan jalqabe akka abidda saafaayaa Oromiyaa guutuu keessa naannawe. Gaafa sana mootummaan woyyaanee akka durii dhoksaa hidhuu, ajjeesuu dhiisee guyyaa adiin haadha, abbaa, barataa, barattuu, xiqqaaf guddaa rasaasaan akkaye. Eegaa gaafa xiiqii akkuma dhiigni dhiigaaf birmatu, ummatni Oromoo WBO narra hin gortuu? naaf hin birmattuu osoo jedhu, irbaata raasaasaa ta’e. Haata’uu malee, wereegama malee sababa injifannoon hin dhufneef, ummatni oromoo biyya keessaa guddaaf xinnaan ka’ee maaster pilaanichatti gufuu hin sochoone ta’ee qabe.


Osoma waa’een maaster pilaanii oliif gadi jedhu ummatni Oromoo mormii sadaasa 12, 201 magaalaa Gincii keessatti eegale walirraa fuudhee akka bubbee birraa Oromiyaa naannessuun biyyaattii xoophiyaa jedhamtu duwwaa godhee oliif gadi raase. Gaafa kanas mootummaan faashistiin daa’imman, manguddoota, barattoota, barsiisota, hojjattoota osoo hin jedhin akka qalamee itti dhukaasee dhiiga lolaase. Gaafa kanas ummatni oromoo irreef gaachanni qabnu WBO dha jedhee yaa WBO narra hin gortuu? ABO’n nu haa bulchu jedhee, Alaabaa ABO oromiyaa keessa waliin gahe.


Yeroo kanatti dhaabbileen siyaasaa duri maqaa ABO’n turan ibsa ejjannoo haa baasan malee, akka durii sani mudhii sinnaara guuttatanii saree manatti nama nyaattu, ilmaan Tigiree gadi hin deebisne. Iyya Oromoo oolan ykn hafan. Erga garagar bahanii akka walitti deebi’aniif ummatni keenya gaafii walirraa hin cinne dhiheessaa ture. Dhuguma yoo dubbanne dhaabbilee kana kan hogganan du’a oromoo osoo argan kan callisan, eenyuun bulchuuf kan jedhus gaafii cimaa ture. Dhaabni KFO biyya keessaa qabsaayaa ture. Miidhaa mootummaan bulguun ummata keenya irratti raawwataa jiru, isaani fuuldura taa’ee halkan guyyaa osoo hin jedhin sodaa malee ummataaf ibsee wereegama qaqqaalii kafalaa ture. Hiriira baatiiwwan darban keessa oromiyaa keessatti gaggeefamaa tureen wal qabatee tarkaanfii mootummaan woyyaanee ilmaan oromoo irrati fudhachaa ture paartiin KFO adda dureen mormaa ture. Kanumaan wal qabatee hoggantootni paartii kanaa kan akka Baqqalaa Garbaa, Dajanee Xaafaa, Baqqalaa Nagaa ukkamfamanii sirna mootummaa sanaa jala jiru. Eegaa hogganaan saba ofiitiif ni morma, ni hidhama, ni wereegama , kanaaf fakkeenyi hoggantoota paartii KFOti.


Eega gara dhaabbilee hafan kan akka ABO, ADO, KWO, fi ABO tokkoomeetti yeroo dhufnu, maaltu isaan ijaaraa akka isaan diigu beekuun nama dhiba. Yeroo hedduu dhaabbileen kuni waliif galuuf yaalaa deebi’anii gargar bahan. Ani akka kootti,paartiin tokko kan dhaabbatu ummataaf. Du’a ummata ofiif hunduu ni gadda. Hanga fedhe faayidaa dhuunfaa, garaagarummaa dhaabaa qabaadhus duutiif cunqursaan saba koo ni dursiti, garagarummaa yaadaa sana na dagachiifti. Gaafa sabni koo na dhaqqabi dhiiga koo lolaasaa jiruu jedhe, ollaaf soddaa fira qabu waameen hanga danda’een birmadhaaf. Kanarraa kan hubannu hangana osoo waliif hin galin turuun du’a ummata oromoo garagarummaa dhaaba isaanii dursuu, faayidaa dhuunfaa isaanii dursuus ni fakkaata.

Haata’uu malee turanii bulanis ammas dhaabbileen siyaasaa kuni akka walii galaanitti itti fuufanii maqaa tokkoon ni socho’uu laata? Yoo isaan ammas deebi’anii gargar bahan ummatni oromoo maal gochuu qaba? Ammas halaalarratti isaan abdataa?
Akka isaan torba diigamaa torba hin ijaaramneef ummatni oromoo maal gochuu qaba?
1. Ummatni oromoo dimokiraasii uumama adunyaan ittiin bultu “Sirna Gadaa” qaba. Haata’uutii sirna gadaa kana bakkaaf yeroo barbaadamutti itti fayyadamneerraa? Ummatni oromoo gaafa nama araarsu, gaafa dubbii hiiku akkaataa seera gadaatiin socho’a. Namni walii galtee diigee adabamuu qaba. Waadaa nyaate, ittiin bulmaata sirna gadaa oromoo diige, waan ta’eef dhiifama yeroo hedduun booda hawaasa keessatti akka hin hirmaatne qoqqobbiin irra kaawama, hawaasa bakka akka hin buune dhoowwama. Gama dhaabbilee keenyaatti yeroo deebinu dhaabbileen kuni yeroo hedduu ofumaa waliijaaru, yoo fedhan wali diiganii gargar bahu.. Erga kuni ta’ees halaalarra dhaabbatanii ummata oromoo bakka buuneerra jedhu. Ummatni oromoo dambii ittiin bulmaataa dhaabbilee siyaasaa kana ittii hogganu qabaachuu qaba, Kan waadaa sabaa diige adabamuu qaba. Sana Booda saba kana maqaa qofaan bakka bu’eera jedhee akka hin ololle ummatni oromoo ofirraa dhoowwuu qaba. Torba diigamaa torba ijaaramuun alaagaaf kolfa ta’uu dha. kuni hafuu qaba.
2. Namni afaan tokko dubbatu, namni saba tokko bakka buune jedhu akkamitti haasawee waliif galee hin hojjatu?. Akkamitti waadaa walii galtee deebi’iee diiga. Erga diigee boodas akkamitti deebi’ee saba kana bakka bu’a jedha. Dhaabi waadaa sabaa diige, hawaasaan jibbamuu qaba, miseensa horachuu hin qabu, miidiyaalee garagaraa irratti affeeramee ergaa akka hin dabarfanne ugguramuu qaba. kana kan jedheef namni mana tokko ijaaru citaa wali hin saamu akkuma jedhan… Erga kaayyoon isaanii Oromiyaa bilisoomsuu ta’ee iyya ummata cunqurfamaa dhagahanii waliin hojjachuu qabu., Garaagarummaa isaani jidduu jiru dhiisanii, du’a daa’immanii, barattootaa, haawwaniif abbootii yaaduu danda’uu qabu. Dubartiif haawwan oromoo safuu tokko malee karaaf malkaatti gudeedamaa jiran ilaaluu qabu, hubachuu qabu. yoo kana hin taane maali ree ummata oromoof jechuun?


Kanaafuu ummatni oromoo dambii ittiin bulmaataa akka qabaatnu hayyootni oromoo afaniin qofa osoo hin taane keeyyata ittiin bulmaataa baasuu danda’uu qabna. Sirna gadaa afaan qofa osoo hin taanee barreesinee keewwata isaa ittiin bulmaata saba oromoo gochuu qabna. Dursa bilisummaaf qophaa’uun asiin eegala. Osoo oromiyaan bilisoomtee, dambii ittiin bulmaataa malee caluma jennee fifnfinneetti deemuu hin qabnu.
Walumaa galatti hayyootni oromoo, abbootiin seeraa, xiinxaltootni siyaasaa oromoo fuulduree oromoo ijaaruu qabu. Bulchiinsis, ofiin ofi bulchuun kanumaan eegala. Ummatni Oromoo kan abbaan fedhe maqaaf baay’ina isaan dhimma dhuunfaa itti bahee, sooromee biraa deemu ta’uu hin qabu. Numatu numaaf numa.


Horaa Dagaagaa
Gadaan Gadaa Bilisummaati.
Barreessaan Beknan Rabira

Beekan Guluma Erena
Follow Me

Beekan Guluma Erena

Beekan is writer, editor, researcher and Afaan Oromoo Instructor at Harvard University.
He wrote more than 30 books in Afaan Oromoo and editing many more Oromo books, magazines and articles. Currently, he writes on his site (beekanguluma.org) and gibetube.com on current issues of Oromo people, culture, education and politics in Oromo.
Beekan Guluma Erena
Follow Me

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa