EEBBA OROMOO UUMMATA OROMOO GUJII —Oromoon wal eebbisa!!

#‎EEBBA‬ ‪#‎OROMO‬ ‪#‎GUJII‬

12745523_1655399641377199_8201051901468316092_n
Yaa Waaqa
waaqi abba
Waaqi Ardaa
Kan Me’ee Bokko’o
Kan Dibbee Dhugo’o
Kan Garba Aanno’o
Waaqni Gujii gurraacha
Ati nuuf dhaga’i
Kan dhageette nuuf owwaadhu!
Tani olii olitti nu hanqadhu
Tani Gadi gaditti nu hanqadhu
Tani dalga lamaan achumatti
nu hanqadhu,
Barri naga,
Bariin naga
Jaarsi naga
Jaartiin naga
Kan fuudhu naga
Kan heerumtu naga
Gooroon Oromoo
teenna hundi naga
Ollaan naga
Obaan naga
Uchumti naga
Eee isinilleen
ilmaan teenna
Aadaa teenna
Gadaa teenna
Afaan keenna
guddisna jettaan
Isinilleen gugguddadha
ilaaf gurra isiniif bannee
banadha oli lata!

Gadaan quufa gabbina
Badhaadhina misooma
Tani ‪#‎Bilisummaati‬ hayyeen!

Keebar Oromoo

Beekan Guluma Erena
Follow Me

Beekan Guluma Erena

Beekan is writer, editor, researcher and Afaan Oromoo Instructor at Harvard University.
He wrote more than 30 books in Afaan Oromoo and editing many more Oromo books, magazines and articles. Currently, he writes on his site (beekanguluma.org) and gibetube.com on current issues of Oromo people, culture, education and politics in Oromo.
Beekan Guluma Erena
Follow Me

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa