Qarri Qeerroo Oromoo Akka Hin Doomneef Dafnee Haa dirmannu!-Boruu Barraaqaa’tiin

Qarri Qeerroo Oromoo Akka Hin Doomneef Dafnee Haa dirmannu!

Boruu Barraaqaatiin
qeerroo-kai
‘Gabrummaa hiddaan buqqifan, dadhabnu ilmaan itti guddifna’jedhan Janaraal Waaqoo Guutuu. Dhugaa dha. Abbootiin keenya qabsoo bilisummaa Oromoo dargaggummaan eegalan fidanii sadarkaa kanaan gahaniiru. Guca qabsichaa dhaloota haaraatti dabarsaa gariin jalaa boqotaniiru. Gariinis har’a dullumaan qabamanii abdii qaban qeerroo jalaa ol dhufaa jiru irra kaayyataniiru. Gariin ammoo lakkii nuti har’ayyuu dullumatti harka hin kennannu jedhu. Dhugaan hin haalamne garuu, abdiin qabsoo ummata Oromoo yeroo ammaa dargaggoo (Dhaloota Qubee) akka tahe kan wal nama hin gaafachiifne tahuu isaa ti.

Caasaa fi hoggansi qeerroo kan abdii ummata Oromoo tahe yeroo ammaa kanatti maal fakkaata laata gaaffiin jedhu kan namoota hedduu ti. Oduun rifaasisaan gidduu kana dhagahame ammoo gaaffii bara dheeraa kana namuu haaromsee akka kaasu hiree uumeera. Yaaddoo fi shakkii duraan tures aguuggii irraa soqolee ifatti baaseera. Namni Girmaa Xuruneh jedhamu kan Qeerroo biyya keessaa hogganaa ture jeedaloo kal’oo hoolaa uffate tahuun isaa har’a guyyaan geenyaan mirkanaaweera. Namni kuni fi fakkaattonni isaa tokko tokko dirqama diinaa guddaa fudhatanii qabsaahaa Oromoo of fakkeessanii maqaa ‘Qeerroo Bilisummaa’ jedhuun nu qabaa nu gadhiisaa jechaa bahani. Girmaa Xurunee kun waan sochii qabsoo Oromoo akka dhahamutti qajeelchuu fi dargaggoota jajjaboo basaasee rukuchiisuu bira dabree ‘Tsere Shibbir Gibre Hayil’ keessatti illee miseensa muummee tahee akka Wayyaaneef hojjechaa jiru qorannoodhaan irra gahameera. Qabsaayonni quuqamoon waa’ee nama kanaa dhiheenyatti hordofan yaaddoo qaban yeroo dheeraaf saaxilaa turani. Garuu qaama itti gabaafamu biratti amanamaan namticha kana caalu waan hin jirreef tahee hin beeynuutii, gurra isaan dhagahu dhaban.

‘Qeerroo Bilisummaa’ fi ‘Sagalee Qeerroo’ maqoota jedhaman yeroo dheeraaf argaa fi dhagahaa turre. Odeessa maqaa ‘Sagalee Qeerroo’ jedhuun bahus bara hedduuf quba qabna. Odeessi caasaa kana irraa dhagahamu kijibaa fi gurra guddisii qaanfachiisaadhaan kan guutame waan taheef wanti kun ummata biratti gaaffii uumaa jiraate. Gaafa barbaadan konkolaataa diinaa buna Oromoo saamee deemaa ture shan idda takkatti gubnee barbadeessine jedhanii gabaasu. Garuu ragaa fidaa yoo jedhame hin jiru. Yeroo kaan ammoo warshaa qabeenyaa investera Wayyaanee tahe Shaggar keessatti guutummaatti gubnee daaraa goone jedhu. Shaggaruma keessa tahuu isaa nutti himu, garuu ragaa suuraa dhiheessan hin agarru. Miidiyaa kan biraa waan kana dhagahee gabaasus hin dhageenyu.

logo-qeerroo-oromiyaa31
Gaafa fedhanis qonnaa investera Tigree hiktaara kuma hangas guutummaatti barbadeessine jedhu. Kanaafis ragaa yoo dhiheessan takkaa hin agarre. Magaalaan Jimmaa fincilaan raafamaa oolte, magaalaa Naqamtee keessatti Qeerroon FDGdhaan dachii garagaleche, Qeerroon Lixa Shaggar diinota meeqatama irratti tarkaanfii laalessaa fudhate, qondaalota tikaa abaluu faa jedhaman Qeerroon magaalaa Finfinnee keessatti du’aan adabe fi kkf jedhanii gabaasu. Lakkii raga fidaa yoo jedhaman waraqaa muka silkii irratti maxxanfamte tokko lama wayii suuraa kaasanii agarsiisu. Akka gabaasaa isaaniitti Oromiyaan guutuun eega gaafa ‘Qeerroo Bilisummaa’ jaaramee qabee fincila Toophiyaa keessatti mul’atee hin beeyneen dachii raasaa ooltee bulti. Akka itti gabaafamutti waan diinni guyyaa lama keessatti darsa isaa xaxatee Oromiyaa gadhiisee bahaa jiru fakkaata. Akka bulluqa gabaasa jara kanaatti Oromiyaan bilisoomuuf torbaan tokko caalaa isiitti hin fudhatu ture. Garuu gabaasaa sobaa akkasii kana waggaa 7 caalaaf guyyaa guyyaatti odoo wal irraa hin cinne dhagahaa yoona geenye.

Tarkaanfiileen fakkeenyaaf kaafaman kun osoo dhugumaan fudhatamaniiru tahee oduun isaa waan ‘Sagalee Qeerroo’ fi miidiyaa isatti dhihoo qofa biratti murtaahee hafuuf hin qabaatu ture. Fincilli Oromoo baatii shanan dabraniif geggeeffamaa ture akka itti gurraa ija miidiyaa maraa hawatee bal’inaan gabaafamaa ture ni yaadanna. Sababni isaas ragaa suuraa fi viidiyootiin kan deeggarame dhugaa qabatamaa waan tureef qofa. Miidiyaan ‘Sagalee Qeerroo’ jedhamu gaafa hundeeffame irraa qabee akkuma waan sochiin ‪#‎OromoProtests‬ fakkaatu Oromiyaa keessatti waggaa hedduuf geggeeffamaa turetti nu gowwoomsuun beekama.
Sochiin maqaa Qeerrootiin godhamu dabree dabree akka jiru hin haalamu. Dargaggoonni Oromoo sabboonoon kan kumoota kudhanootatti lakkaahaman sochii kana keessaa haqaan qooda fudhachuuf tattaafataa yoona gahuun dhugaa dha. Garuu wanni miidiyaa irratti maqaa ‘Qeerroo Bilisummaa’ tiin gabaafamu kun dargaggoota jaarmaya kana jalatti of beekaniifuu waan liqimfamu hin taane. Isaaniifuu oduu biyya biraa itti fakkaata. Dhimma kana irratti gaaffiin ummanni biyya keessaa fi alatti kaasaa yoona gahe beekamaa dha. Maaliif nu gowwoomsuu? Maaliif sobuu? Maaliif gurra guddisuu? Maaliif dhugaa jiru qofa nutti hin himanii? Qabsoo keenya haqaa maaliif sobaa fi gurra guddisiidhaan balfanii diina gammachiisanii? Kunniin gaaffiilee ummataa keessaa hanga tokko. Ummanni taajjabbii, gaaffii fi komii itti dhagamu bara dheeraaf ibsachaa ture. Iccitiin dubbichaa garuu ar’a guyyaan isaa geenyaan saaxilameera. Edaa diinatu jaarmayaa maqaa qabsoo Oromootiin sosso’utti harka naqatee of harkaa qaba. Qabsoon ummata kanaa akka hin milkoofne luka jalaa dhahuu fi busheessuuf jecha duula qorqalbii hamaa fi gadi fagoo nurratti geggeessaa ture.

oromiyaa_hd.originalKaayyoon duula qorqalbii kanaa inni guddaan akka ummanni Oromoo waan ‘Qeerroo’ jedhamu irraa abdii muratu gochuu dha. Qeerroon sobduu dha, kanaafuu eega dargaggoon keenya sobduu taatee homaa abdii hin qabnu jedhee akka hamilee caphu taasisuu dha. Keenya jiruun gabrummaa Waaquma irraa nuu murtoofte jedhee abdii muratee jilbeenfatee bara baraan akka bitamuuf gochuu dha. Ummanni dhaloota haaraa jalaa ol dhufaa jiru irraa abdii murate ammoo eessayyuu gahuu akka hin dandeenye beekamaa dha. Kan diinni gochuu barbaades kanuma. Qabsoo Oromoo haala kanaan kolaasuu barbaadani. Osoma akkasitti ummata sobaa jiraniiti ture kan #OromoProtests dhoowee akka danbalii galaanaa irratti irraan bahe kijibdoota liqimsuudhaan addunyaatti of labse.

Kan nama gaddisiisu garuu qaamni hoggana qabsoo Oromoo kan dhimma Qeerroo kana harkaan qaba jedhu waggoota kana hunda wayta shirri diinaa mooraa qabsoo keessatti ija baasee shiramu tarkaanfii calallii caasaa fudhachuu hanqachuu isaa ti. Kan biraa hafnaan kijibni hanga gaaraa guddatu maqaa qabsichaatiin yoo buufamu xiqqoo illee itti qaanfachuu fi balaa wanni kun boru qabaatu xiinxaluun hin turre. An gaafan miidiyaa SBO irra turee fi boodas dubbataa ABO (Shanee Gumii) tahee hojjechaa ture yaaddoo kana hogganoota ol’aanootti kaasaan ture. Waan namaaf hin amanamne akkasii ol tuulanii kijibaan gabaasuu manna odeessa dhugaa qabdu xiqqishoo kan ragaadhaan deeggaramtetu injifannootti nu geessa jedhee yaada qoodaafiin ture. Barri bara teknooloojiiti waan taheef odeessota tarkaanfii hogganoota Qeerroo dhufaniif ragaa suuraa yookiin viidiyoo itti dhiheeffachuun maaliif ulfaata jedheen irra deddeebi’ee gaafachaa ture. Garee tarkaanfii baanamu sana fudhatu (dhuguma tarkaanfii san fudhachuun danda’ameera yoo taheef) isaan keessaa namni tokko dirqama suuraa yookiin viidiyoo kaasuu fudhatee ragaa san waliin odeessa kana miidiyaatti erguu ni danda’a ture jedheen falmaa bahe. Deebii garuu itti hin arganne.

Amma kan dabre dabree jira. Kana booda tarkaanfii barbaachisu fudhachuun dirqama. Caasaan Qeerroo Oromoo xaliilawuu qaba. Barri Qeerroon Oromoo diina qabsaayaa fakkaatee qabsicha hudhee ajjeesuuf mindeeffameen hogganamu raaw’achuu qaba. Barri odeessi Qeerroo irraa maddu sobduu fi gurra guddiftuu dha jedhamee balfatamu jijjiiramuu qaba. Yeroon Dargaggoon Oromoo beekumsaa fi murannoo mataa isaatiin wal gurmeessee jaarmayaa jabaa walaba tahe jaarratee Oromoof qabsaayu dhugoomuu qaba. Jaarmayaa dargaggoo jabaa kan hogganni isaa dhiigaa fi lafee abbootiitiin kakatee qabsoo Oromoo galiin gahuuf warraaqu arguu hawwina.

fincila-diddaa-gabrummaaWalumaagalatti qarri qeerroo keenyaa akka hin doomne yeroo hundumaa kan tiksuu qabu ummata. Qaroon qeerroo Oromoo hanga jaamutti callisanii taa’anii laaluun of ganuu dha. Qeerroo dhugaan wareegama baasee akka baatii shanan dabaranii sanitti seenaa isaa dhiigaan galmeeffatutu Oromoo bilisa baasa. Kana irraa kan hafe tuullaa sobaan diina injifachuun hin danda’amu. Gurra guddisiidhaan of himanii ummata ofii gowwoomsuu fi afanfaajjessuunis amala qabsaawummaa hin garsiisu. Akka Oromootti wal jaalanna, waliif dhaadanna, waliin dhaabanna yoo taheef dhugaa jirtu qofa walitti himaa deemuu qabna malee sobaan wanni wal amasiifnu hin jirtu.

Dhumairratti, dargaggoonni Oromoo muratoon kan hoggana diinni mataa keessan irratti jaaree hojjechiisaa ture jalatti hamileen keessan akka malee tuqamaa ture amma baga dhugaan keessan mul’ate. Didhaa sana hundaa jalatti diddanii cichitanii saba keessaniif hojjechaa yoona gahuu keessaniif ummanni Oromoo fi Oromiyaan isin galateeffatu, isiniin boonu, hegereef illee abdii isin irra kaayyatu. Kanuma waliin eega namni isin hogganaa keenya jettanii jalatti hiriirtanii deemaa turtan diina tahuun mirkanaahee, galmeen maqaa keessaniis harka diinaa jira jechuu dha. Kanaafuu of eeggannoo jabaa mataa keessaniif gochuu hin dagatinaa. Ilmaan Oromoo dhugaaf dhaabbattan hundi haqa qabdu. Haqa qabdaniin of irratti hirkattanii jaaramtanii qabsoofnaan injifannoon waan hin oolle. Kana gochuuf ammoo daandii qajeelaa fi kaayyoo Oromummaa xaliilawaa tahe irratti haarayatti jaaramuuf haa warraaqnu.

Boruu Baraaqaa’tiin

Beekan Guluma Erena
Follow Me

Beekan Guluma Erena

Beekan is writer, editor, researcher and Afaan Oromoo Instructor at Harvard University.
He wrote more than 30 books in Afaan Oromoo and editing many more Oromo books, magazines and articles. Currently, he writes on his site (beekanguluma.org) and gibetube.com on current issues of Oromo people, culture, education and politics in Oromo.
Beekan Guluma Erena
Follow Me

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa