SEENAA JIREENYAA EEBBISAA BAAYISAA – Beekan Gulummaa Irranaa’tiin –

SEENAA JIREENYAA EEBBISAA BAAYISAA – Beekan Gulummaa Irranaa’tiin

12249948_1086640098035678_8994986475951491922_nEebbisaa Baayisaa barreessaa, barataa, qorataa fi ogeessa xiin-sammuuti. Bara 2009 ALA Yuunivarsiitii Diillaa irraa gosa barnootaa Baayoloojiidhaan digiriin eebbifamee, manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa Finfinnee keessa jiran keessaa tokko keessatti ramadame. Mana barumsaa keessatti ramadamee barsiisaa turekeessattis hojiiwwan gurguddoo hojjeteera. Wantota qulqullina barnootaa miidhanirratti qorannoo innitaasiseef, akka magaalaatti badhaafamee qorannoofi qo’annoof beekamtiin kennameeraaf. Hojii barsiisummaatti dabalee gama ogbarruun hojii gurguddaa hojjeteera. Hojii barsiisummaa waggoota muraasaaf ergahojjetee booda bara 2013 xiin-sammuu Gorsaa (Counselling) dhaan M.A eebbifame. Akkuma eebbifameen waajjira Ilaamee jedhamutti qindeessaa dhimmoota ogbarruufi qunnamtiiwwanii (Literature and Communication Officer) ta’uun ramadameera. Amma ammaattis waajjira kanarraa hojjechaa jira.

Miiltoo00
Akka lakkoofsa addunyaatti bara 1986 abbaasaa Barsiisaa Baayisaa Abeetuu Aagaafi harmeesaa Aadde Birqii Lamuu Lubaarraa, godina Wallagga Bahaa aanaa Limmuu ganda baadiyyaa Bariisoo Dangee jedhamtutti dhalate. Yeroo ammaa kana aanaan Limmuu jedhamu sun bakka lamatti qoodamuun aanaalee lama ta’ee jira: Aanaa Limmuufi Aanaa Haroo Limmuu. Gandi Eebbisaan keessatti dhalate egaa aanaa har’a Haroo Limmuu jedhamu keessatti argamti. Dhalatee waggaa tokko utuu hinguutiin ture abbaansaa mana barumsaa Bariisoo Dangee jedhamtu sanarraa jijjiiramee ma na barumsaa Dagam Sillaasee (amma Makkaannisa Addaamoo jedhama)tti jijjiiramee maatii waliin kan achi deeme. Hamma umuriin Eebbisaa barnootaaf ga’utti mana barumsaa sanaa barsiisaa turuudhaan bara 1992 gara magaalaa guddoo aanaa Limmuu—Galiilaa—jedhamtutti jijjiiramuun maatiisaa fudhatee deeme.

Eebbisaan mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Limmuu kanmagaalaa Galiilaa keessatti argamutti bara 1993 tokko jedhee barnootasaa eegale. Bara 2000 qurumsa kutaa 8ffaa qoramee hamma xumurutti mana barumsaa sanatti barateera. Barataa sadarkaa tokkoffaa yeroo ture barataa qaxalee ta’uurra darbee barumsa isaa biratti hojii og-barruu inni hojjete ol-aanaa ture. Walaloowwan ajaa’ibsiisoo barreessuudhaan waltajjiiwwan adda addaa irratti dubbisuun beekama.

POWER OF VISON
Ejjennoon inni barnootasaaf qabu cimaa ta’ullee, barataa kutaa 8ffaa ta’ee dhukkuba taayirootoksikoosisii jedhamuun qabamuusaarraa kanka’e akka yaadetti barnootasaa itti fufuu hindandeenye. Bara 2001 fi 2002 mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Limmuutti barumsasaa yeroo barate, miidhaan dhukkubni kunisarraan ga’e hamaa ture. Qorumsa biyyoolessaa kutaa 10ffaa xumuree, manni barumsaa qophaa’insaa aanaa sana waanhinjirreef, gara aanaa ollaa—Giddaa Ayyaanaa—deemuun magaalaa ayyaanaatti waggoota lamaaf barnoota qophaa’inaa baratee xumuruun qorumsa biyyoolessaa kutaa 12ffaa fudhate.

Waggoota lamaan magaalaa Ayyaanaatti barate keessatti dhukkuba hamaan dararamaa kanture Eebbisaan, yeroo baay’ee dhukkuba du’aaf sodaachisuun rakkachaa tureera. Maatiinsaa hispitaalota adda addaa geessanii yaalsisanis, dhukkubnisaa garuu baramuu hindandeenye.Bara 2005 barnoota digirii jalqabaaf gara Yuunivarsiitii Diillaa yeroo deeme, maatiinsaa waa’ee dhukkubasaa yaaduun yaaddoo guddaadhaan ture kan geggeessan. Akkumasaan yaadda’an ta’ee, Eebbisaan barnootasaa semisteera 1 qofa baratee dhukkubni sun itti cime. Torban sadiif mooraa yuunivarsiitii keessa ciisee wallaanamus, sadarkaa sodaachisaarra geenyaan barumsasaa addaan kutee gara maatiisaatti deebi’uuf dirqame. Yeroo sana ulfaatinnisaa kiilogiraama 37 qofa akka tures yaadannoo Eebbisaafi maatiisaati.

MIILTOO

Gara maatiisaatti deebi’uuf magaalaa Naqamtee yommuu ga’u, abbaasaa waliin achitti walarguun altokkoofi isadhumaa gara mana yaalaa dhuunfaa tokkoo deeman. Achittis doktera tokko haasofsiifnaan mallattoolee dhukkubichaa gaafachuun dhukkuba tokkotti shakkee gara Finfinneetti barreesseef. Abbaan Eebbisaas mucaasaa afaan du’aarra ga’e fudhatee Finfinnee gara laaboraatorii Arshoo deeme. Achittis qoratamee dhukkubichi yeroo jalqabaaf Taayirootoksikoosisii akkata’e beekame. Dhukkubni kun kandhufu yeroo xannachi taayirooyidii kanmorma namaa keessatti argamu hormonii taayiroksiinii hamma barbaadamuu ol maddisiisuudha. Dhukkubnisaa erga baramee booda qorichi yeroo dheeraa ajajameefii maatiisaa bira turee akkayaalamu itti himamee abbaasaa waliin gara maatiitti deebi’an.

Guyyoota sana yeroo yaadattu harmeen Eebbisaa—Aadde Birqii Lamuu—yaadannooshee akkanatti ibsiti.
Guyyaa tokko galgala mana taa’ee utuu taphatuu kufee ofwallaale. Isa booda namoonni sireedhaan baatanii gara mana yaalaa Galiilaa geessan. Lubbuun waan keessa jiru hinfakkaatu ture. Firoonniifi hiriyyoonnisaa achituran hundi akkawaaninni du’eetti boo’u turan. Achumaan balbala mananni keessa ciisuurra jilbeeffadhee, harkakoo waaqatti balliseen akkana jedhee kadhadhe: Yaa Waaqayyo! Mucaankoo barumsa jaallata. Adaraa barumsa Yuunivarsiitii isajalqabe xumuree digiriisaa akkuma eebbifameen fudhadhu. Eebbifamee utuu’ani hinargiin ilmakoo hinajjeesin! Kadhannaankoo dhaga’amee mucaankoo eebbifamuurrayyuu darbee, dhukkubicharraa guutummaan guutuutti fayyee kunoo digiriisaa lammaffaa hojjetee jennaanan arge. Galanni Waaqayyoof haata’u…

Dungoo Jireenyaa

Yaalii isaaf taasifameen fayyee waggaa tokkoo booda gara barumsasaatti deebi’e. Bu’aa ba’ii hinirraanfatamne gurguddoo keessa darbee bara 2009 Yuunivarsiitii Diillaadhaa yeroo eebbifamu namoota dhukkubanni dhukkubsataa ture beekaniif dhugaa hinfakkaatu ture.

Dandeettii ogbarruu inni qabu mucummaasaatii kaasee kanhubate abbaan Eebbisaa—Barsiisaa Baayisaan—yeroo Eebbisaan kutaa 11ffaatti galmaa’u isa waliin Giddaa Ayyaanaa deemuudhaan Saayinsii Hawaasaatti akkanni galmaa’u taasisee ture. Eebbisaanis torban tokko erga baratee booda, hiriyyoonnisaa isa waliin turan Saayinsii Uumamaatti waan galmaa’aniif isaanbarbaacha deemee achitti barumsa eegale. Sun jireenyasaa keessatti dogoggora guddaa inni’uume akka ta’e har’a nidubbata. Gatii isa baasisus har’a garuu gara kennaasaa uumamaatti deebi’uun ogbarruurratti hojjechaa jira.

Finfinneetti hojii mootummaa hojjechaa utuujiruu bara 2010 barreeffama fiilmii ogeessota afaaniin ilaalamee ajaa’ibsiifatame—Eebicha—kan jedhamu barreesse. Gaafa haalli mijateef hojjechiisuuf hamma har’aatti kaa’ee jira. Ganna bara 2011 kitaabasaa jalqabaa kan bara 2013 maxxanfamee uummata qaqqabe—Miiltoo—barreesse. Kitaaba barreeffame kanas gumaacha/gargaarsaa/ hayyoota Oromoo fedhii ogbarruu guddisuuf qaanqeen inaafafaa barreeffamaa itti qabate tokko tokkon galma ga’uu danda’aeera.

EBISA COVER

Miiltoon maxxanfamee Sadaasa, 2013 Finfinnee, naannoo Kiiloo Ja’aatti bakka keessummoonni kabajaafi hirmaattonni sagantaa argamanitti haala ho’aadhaan eebbifameera. Sirni eebba Miiltoo xaboota waltajjii haalaan nama hawwataniin kan miidhage yoo ta’u, keessummaa addaa ta’uudhaan kitaabicha kafana keessa baasuun kaneebbisan barreessaa angafa, gaazexeessaafi ogeessa fiilmii kan ta’an Obbo Dhaabaa Wayyeessaa turan.
Obbo Dhaabaa Wayyeessaa haasaa guyyaa sana taasisan keessatti, walumaa galatti ogbarruun Oromoo eessaa ka’ee har’ammoo haala akkamiirra akkajiru dubbatan. Itti fufuun Miiltoo dubbisanii akka xumuraniifi kitaabicha haalaan akka ajaa’ibsiifatan dubbatan. Kitaaba gorsaa kan hojiif namoota kakaasuufi booree namatti horu akka ta’e ibsanii, namoonni hundi akka dubbisan waamicha taasisan.

Kitaabicha ilaalchisee yaada qeeqaa kan dhi’eesse barreessaafi barsiisaa Tafarii Nigusee, gabaabaatti waa’ee Miiltoo ibse. Macaafa Qulqulluutti aansee kitaabota Afaan Oromoodhaan barreeffaman keessaa kitaabanni jaallatu akka ta’e ibsuudhaan, dogoggora qubee darbee darbee mul’atuufi iddoo tokko tokkotti yaadota gaggabaabsuun alatti rakkina homaa akka irratti hinargiin addeesse. Hirmaattota sagantichaa keessaa tokko kan turan Dokter Balaay Guutaa—pirezidaantiin Seeminaara Makaana Yesuus—haasaa gabaabaa taasisaniin, Miiltoon miiltoo namoonni jireenyasaaniif barbaadan akkata’e ibsan. Pirezidaantii Waldaa barreessitoota Oromoo kanta’an, barreessaa Gaaddisaa Birruus ogbarruu Oromoo ilaalchisanii wantota bu’uraa dubbataniiru.

Miiltoon erga maxxanfamee harka uummataa ga’ee as namoonni dhuga ba’umsa gurguddaa kennuun jaallatamummaasaa mirkaneessaniiru. Kitaabicha ilaalchisee Eebbisaan karaawwan adda addaa dubbiftoota kumootaan lakkaa’amanirraa yaadota ajaa’ibsiisoo fudhateera. Maxxansi jalqabaa dhumee, maxxansa lammaffaa keessa deebi’ee bal’isuudhaan, dogoggora muraasa ture sirreessee maxxansiisee jira.
Eebbisaan kitaabasaa itti aanummoo Kallattii jechuun barreessee maxxansiisee uummataan ga’eera. Kallattiin bifa adda ta’een yaadannoo dhuunfaanni ofiif barreesse ta’uunsaa kitaabichi xiyyeeffannoo namootaa akka’argatu taasiseera. Yaadonni ajaa’ibsiisoon Eebbisaan kitaabicha keessa kaa’e jireenya namaarratti dhiibbaa fiduu kandanda’an ta’uusaanii namni Kallattii dubbise kamiyyuu ragaa ba’a. Har’a Kallattiin guutummaa Oromiyaa keessa faca’uun uummata barsiisaa jira.

EEBBISAA BEEKAN

Kitaabota qabiyyee xiin-sammuu ofkeessaa qaban qofa miti Eebbisaan kan barreessu. Dandeettii kalaqaa addaa akka qabu hojiin inni ittiinargisiise seenaawwan gaggabaaboo 10 kalaquun kitaabanni keessatti barreesse—Anaa fi Amerikaa jedhama. Kitaaba kana keessaatti Eebbisaan seenaawwan ajaa’ibsiisoo kanaltokko dubbisuu yoo’eegalan lafa nama hinkeessifne barreesseera. Kunimmoo ogbarruu Oromoo guddisuu keessatti shoora ol-aanaa akkaqabu beekamaadha. Keessumaa, qaawwa gama asoosama gaggabaabaadhaan qabnu cufuu keessatti ga’eensaa guddaa akka ta’e beekamaadha. Eebbisaa Baayisaa ammallee kitaabota maxxansiisu hedduu kanqabu yoo ta’u, quuqama guddina ogbarruu Oromoof qaburraa kanka’e boqonnaa malee hojjeta.

Kitaabota mataasaa barreessee maxxansiisuun alatti hojiin guddaan Eebbisaan ittiin keekamu innitokko barreeffamoota afaanota biroon barreeffaman hiikuudha. Hamma ammaatti kitaabota afaan Ingiliziin barreeffaman hedduu hiikuun dhi’eesseera. Akka fakkeenyaatti kaasuuf, kitaabnisaa yeroo dhi’oo dura maxxanfamee saba keenyaaf rabsame Jireenya Kaayyoon Hoogganamu kanjedhu eeruun nidanda’ama. Dr Riik Waareniin barreeffamee maxxanfamuun addunyaarratti jaallatama addaa kangonfate kitaabni The Purpose Driven Life jedhamu sabni keenya dubbisuuf carraa akka’argatu taasiseera. Kitaabni jaallatamaan Dr Maayelsi Munroon barreeffame kan The Principles and Power of Vision jedhamu guutummaatti Eebbisaan Afaan Oromootti hiikee xumuruun yeroo dhi’ootti maxxanfamee uummata keenyaharka ga’a.

Itti dabalees, aadde Tsahaay Tolasaa, sabboontuu Oromoo kan mootummaan Dargii waggoota 10f mana hidhaa turse haadha manaa luba Guddinaa Tumsaa, seenaa jireenyashee guutummaatti kan qabate kitaabni inni Afaan Ingiliziirraa hiikes maxxanfamee uummataaf rabsamuuf qophiirra jira.Kana qofa miti, kitaaba namicha beekamaa Kenet Hagen jedhamuu Amantii jechuun…jedhee afaan keenyatti kanhiike Eebbisaan qabsoon inni’ogbarruu keenyaaf taasisaa jiru ol-aanaadha. Kitaabotanni maxxansiisuuf qopheesse hunda tarreessee fixuun ulfaataa ta’ullee, Eebbisaan kitaaba seenaa jireenya Niilsen Mandeellaa Afaan keenyatti hiikee, gulaalee akkaqopheesse garuu utuunhinibsiin hindarbu. Qorumsa addunyaalessaa Afaan Ingilizii TOEFL jedhamu qoramee qabxii gaarii fiduudhaan dandeettii afaanicharratti qabu hojiin argisiiseera.

10506663_820050791361278_5320377640443191572_o

Kitaabota mataasaa barreessuufi kanisaan kaanii afaan biraarraa hiikuutti dabalees, walaloowwan hedduu barreessee ofharkaa qaba. Walaloowwan isaa keessaa tokko barruulee SIIFSIINiif yeroo dhi’ootti kaninni gumaache Utuu Barreessitee…kan jedhu dandeettii inniwalaloof qabuuf ragaadha. Barreessaa Eebbisaa Baayisaa ilaalchisee wanti nama ajaa’ibu wantiguddaan, hamma ammaatti barumsa og-barruu koorsii tokkollee kanhinfudhanne ta’uusaati. Akkuman olitti ibse digirii tokkoffaasaa baayoloojiin, digirii lammaffaammoo xiin-sammuu gorsaan hojjete. Leenjii addaa utuu hinfudhatin dandeettii addaa uumaan isaafkenneen og-barruu Oromoof hammakana hojjechuunsaa, nama og-barruuf dhalate akka jennu nutaasisa.
Dandeettii guddaa inniqabu kuneessaa dhufe? Isa kanaaf gumaacha guddaa kantaphate maatiisaa ta’uu hinoolan. Abbaansaa Yuunivarsiitii Maqaleerraa Seenaadhaan digirii jalqabaa kanfudhate yoota’u, jalqabaa jalqabee Eebbisaa gara addunyaa ogbarruutti jajjabeessaa akkature Eebbisaan ofiisaa ragaa ba’eeraaf. Kitaabota gaggaariii biteefii, akkanni barreessuu shaakalu sirriitti irratti hojjeteera. Gama biraanimmoo, harmeensaa Aadde Birqiin ofiishee hamma kutaa 8ffaa duwwaatti kanbaratte, dheebuu barnootaaf qabdu ijoolleesheen dhugoomfachuu waanbarbaadduuf, ijoolleesheerratti hojii guddaa hojjechuusheef sadarkaa ijoolleenshee har’a irra jiran nihubachiisa.

12027636_1058008867565468_3695959694940690192_n

Maatiitti aansee, dandeettii Eebbisaan qabuuf shoora olaanaa kantaphate, hariiroonni Macaafa Qulqulluu waliinqabu akkata’e namoonni ijoollummaasaatii kaasanii isa beekan ni’eeru. Barataa sadarkaa tokkoffaa yerooturee eegalee yeroo dheeraa bakka tokko taa’ee dubbisuun beekama. Sunimmoo hamma har’aattiyyuu dandeettii dubbisuu addaa akkaqabaatu taasiseera. Baay’ee barreessuurra baay’ee dubbisuutti amana. Kanaafuu, kitaabota baay’innisaanii amanuuf nama rakkisu dubbiseera, dubbisaa jiras.
Eebbisaan fuuladuraafis nama mul’ata guddaa qabudha. Nama fageessee fagootti yaaduudha. Kanas leenjiiwwaninni carra adda addaan namootaaf kennurratti hubachuun nidanda’ama.”Ija ilaalu hundakeenyatu qaba, ija’argu garuu kanqabu muraasadha” jechuu baay’isa.

12049422_1067325973300424_832989471910521522_n

Walumaa galatti, dandeettiinni ogbarruuf qabu hubachuudhaan waajjirri innikeessaa hojjetu—Ilaameen—haala barumsaa isaafmijeessee ji’oota muraasa dura Yuunivarsiitii Finfinneetti digirii lammaffaa Ogbarruu Afaan Ingiliidhaan akkabaratuuf heyyameef. Eebbisaanis tokko jedhee barnoota ogbarruu eegale. Yeroo dheeraa booda ammagara kennaasaa akka dhufeefi gammachuudhaan barachaa akkajiru dubbata. Namni utuuleenjii ga’aa hinfudhatin Miiltoo, Kallattiifi Anaafi Amerikaa barreesse, leenjiifi barnoota ga’aa yeroofudhatu maalbarreessuuf akkajiru walumaan garafuuladuraatti kanarginu ta’a. Akka’ogeessa xiin-sammuutti gorsuufi leenjisuudhaan, akkabarreessaatti kitaabota ajaa’ibsiisoo barreessuudhaan, akkabarsiisaatti waltajjiileerratti barsiisuudhaan, akkanama afaan hiikuutti, kitaabota gaggaarii nuufhiikuudhaan, akkabarreessaa xabaatti fiilmii nuufbarreessuudhaan, akka qorataa (researcher)tti rakkoolee adda addaa qorachuufi furmaatasaanii barbaaduudhaan…nama dandeettii hedduuqabu kanaqabaachuuf gammachuun nuttidhaga’amuun nita’aaf. Fuuladuraaf waanguddaa irraa’eegna.

Kaayyoonkoo seenaa Eebbisaa Baayisaa jalqabaa hammadhumaatti barreessuu utuuhintaane, odeeffannoo waliigalaa uummanni Oromoo beekuu qabu kennuu waanta’eef, asumarratti gabaabsuun naaf ta’a.
Adoolessa 13/2014 (ALA)tti, durbee Dassee Gammachuu Hirphaa jedhamtu waliin gaa’ela dhaabbatee amma ishee waliin magaalaa Finfinnee jiraata. Abba mucaa tokkootis. Kitaabonnisaa kan daran nama oonnachiisaniifi wal’aansa sammuu ta’anii dhaloota tajaajilaa jiranidha!

Kitaabonni Eebbisaa Baayisaa barreessicha biraafi manneen raabsaa Oromiyaa keessaafi biyya alaa kanatti ammoo Borofa.com jedhamuun niargama.
IMG_0951Beekan Guluma Erena
Harvard University
Email: beekanguluma@gmail.com
Face book: Beekan Gulummaa Irranaa
Twitter: @beekanguluma
Skype: hayyuubeekan1
Website: www.beekanguluma.org
Tel. No +1 (617) 319 44 98

Beekan Guluma Erena
Follow Me

Beekan Guluma Erena

Beekan is writer, editor, researcher and Afaan Oromoo Instructor at Harvard University.
He wrote more than 30 books in Afaan Oromoo and editing many more Oromo books, magazines and articles. Currently, he writes on his site (beekanguluma.org) and gibetube.com on current issues of Oromo people, culture, education and politics in Oromo.
Beekan Guluma Erena
Follow Me

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa