LEENSAA GUDDINAA TUMSAA: QEERRITTII MUL’ATA ABBAA DHUGUUMSITE.

LEENSAA GUDDINAA TUMSAA:
QEERRITTII MUL’ATA ABBAA DHUGUUMSITE.

Kutaa 1ffaa

13076773_1051868124908003_7665966547273050560_nGoonni kan du’ee dabre qofaa miti. Kan hojii fakkeenyummaa taatuufi bu’a qabeessa tahan sabaaf hojjatan, kan lubbuun jiraniis goota. Arra seenaa gabaabduu tokko hayyittii teenya lubbuun jirtu, tan hojiilee danuu saba isiitiif hojjatte takkaa waliiniin wal isin barsiisa. Leensaa Guddinaa Tumsaa, hundeessituu dhaabbata Guddinaa Tumsaafi kan biroo tahuun hojii danuu isiin gumaachite keessaa muraasa tuqeen isiniin gahuuf yaala. Hanga xumuraatti na faana bu’aan afeerraa kooti.

gudina
Luba Guddinaa Tumsaa qabsoo Oromoo ijaaruu fi jabeessuu, afaan oromoo dagaagsuu, Oromiyaa fi Oromoo mul’isuu keessatti hayyoota qooda olaanaa bahan keessaa tokko turan. Guddinaan goota miidhaa sabaa onnee irraa jibbuufi mootummaa saba oromoo miidhu kamuu kan balaaleeffatu, hayyuu mul’ata guddaafi kaayyoo qajeelaa qabu yoo tahu qabsaa’oota jajjaboo qabsoo oromoof warraaqaa turan, kanneen bilisummaa Oromoo arguuf xiiqiin hojjatan, warreen walabummaafi guddina ilmaan oromoo osoo hawwanii, hawwii qofa osoo hin tahin warraaqsa finiinsaa turanii dha.

Osuma sabboontoota fakkaatoo isaanii waliin sochii warraaqsichaa finiinsanii mootummaa galaafamaafi balaafamaa Dargii harka bu’uun waan saba isaaniitiif hojjataniif, mirga saba bal’aa kan waggoota baayyeef ukkaamamaa ture waan gaafatan qofaaf qabamanii galaafataman keessaa isa tokko ture. Isa qofaa miti. Obboleessi isaa sabboonaan, goota sabboonummaa leellise, leenci onnee qeerreensaa Baaroo Tumsaatiis nama qabsoo Oromoo keessatti gumaacha guddaafi daaddaa hin qabne laachaa turTumsa_blogee, booda lubbuu isaa takkittii oromoof laatee wareegamee dabree dha.
Eegaa! “Ilmoon leencaa leencuma, dameen odaa oduma malee dambii wahii taatiiree?” Gonkuma odaan dambii hin tahu. Kan jecha kana mirkaneessite dhalli leencaa, dameen latiinsa gootootaa, Sabboontuun onnee qeerreensaa, qaroo sammuun qaroominaan badhaate, jaalattuufi quuqamtuun fooniif dhiiga isii Aadde Leensaa Guddinaa, abbaa isii goota kutataa du’a hin sodaanne, Guddinaa Tumsaafi Harmee isii adde Tsehay Tolosaa gidduu argamte. Maatii isii qofaaf osoo hin tahin sammu qabeettii, amala toleettii intalaa taatee ergama dhiiga Oromoo keessa jiru baadhattee saba isiitiif gara ardii tanaa dhufte. Dhuftees maatii sabboontootaafi onnattoota keessatti guddina jireenya isii jalqabde. Mul’anni abbaa isii keessa ture, kan eenyulleen amantii kamuu hordofuus saba isaatiif waan gaarii hojjachuu qaba jedhu san Leensaa keessattiis akka biqiltuu odaa margee guddina isii waliiniis akeekni isiis daran guddachaa, mul’anniis dagaagaa deemuu jalqabe.

Lensa+Gudina+German+President+Gauck+Visits+9jWhignOY2Ml
Gaafa abbaan isii Guddinaa Tumsaa mootummaa Dargiitiin bara 1979 qabamee gara mana hidhaa geeffamu Leensaan gashaantii waggaa 17 turte. Abbaan isii yeroo baayyee qabamee hidhamee akeekkachiifamee gad lakkifamaa ture. Guddinaa Tumsaa akka ajjeefamuus osuma beekuu garuu du’a sodaa falmii mirga namoommaa kan dhiisu hin taane. Guyyaa tokko immoo haadha mana isaa waliin mana amantaatii gara mana isaanii osoo galaa jiranii humna waraana mootummaa Dargiitiin fuudhamanii achi buutee tahan. Osoo baayyee hin turiin harmeen isii Aadde Tsehay Tolosaas qabaman. Luba Guddinaa Tumsaa torbuma qabame keessa mootummaa nama nyaataa dargiitiin kan ajjeefame tahuus garuu du’uun isaa maatiif ifatti kan beekkame bara 1991 keessa akka ture himama.

7048950953_09c91199c8_zSababa qabamee dhabamuu abbaa isaanii kanarraa ka’uun miidhaa biyya keessa yoo turan irra gahuu malu shakkuun obboleessa tokkoofi Obboleewwan durbaa lamaa waliin biyya ormaatti baqattoota ta’an. Leensaaniis biyya Jarmaniitti baqattummaan galtuus garuu biyyi Jarmanii kun harka diriirsitee, fuula hiiktee hin simanne. Jarman nyaara guurtee, fuula hiitee oodaa simachuun kun Leensaaf hin taane. Jireenyi hadhaa’ee Awrooppaa isii jibbisiifnaan, Jarman teessee biyya Amerikaatti kolugaltummaa gaafatte. Kuniis yeroo tokkotti kan milkaa’uuf hin taane. Jireenyi garuu itti fufe. Isiiniis yaalii isii ittuma fufte. “Deddeebi’ii keessa haadni dhagaa mura” akkuma jedhamu san yaalii dheeraa booda milkaa’eefii gara biyya Ameerkaa galte. Wanni hin dabare hin jiru, barri rakkinaa saniis akka qocaatti tirachaallee tahu dabruu hin oolle. Dhawaatumaan shorroqaa dabre.

13119015_1051868148241334_6511612493361440793_n
Baqattummaan hangam gubduufi hifachiiftuu akka taate tan hubatte Leensaan, akkuma Dr. Ali Birraan “Miila taha malee garaan biyyaan bahu” jedhe san qaamaan biyya Ameerkaa teessee garaafi qalbiin biyya isii Oromiyaa yaadaa turte. Qaamaan jireenya gaarii keessa jiraattuus qalbiin isii saba isii kan gabrummaan gubdu waliin gubachaa, kan hoongeen beelaa yarachiiftu waliin yarachaa, kan dhibeen araraaftu waliin araraafamaa eega turtee booda yoo humni mootummaa dargii raafamu guyyaan abjuuf hawwii ganamaa itti hiikamuufi yaadannoon mul’ata abbaa isii itti dhugoomuus dhihaachuu hubattee, galaa imalaaf tahu guduunfachuu jalqabde. Halkan hammaatee dheeratuus bariin hin oolu waan taheef, aduun duumessaan golgamtuus akkuma tahe tahee bara 1991 mootummaan Dargii aangoo irraa barbadaa’e.

Itti FufA…

FB_IMG_1440625676163Barreessaan: Saphaloo Kadiir | Abdulbasit
Teessoon:
Email: ak23873@gmail.com,
saphalookedir@gmail.com
Facebook: http://www.facebook.com/saphaloo
Mobile no: +254707482480

Beekan Guluma Erena
Follow Me

Beekan Guluma Erena

Beekan is writer, editor, researcher and Afaan Oromoo Instructor at Harvard University.
He wrote more than 30 books in Afaan Oromoo and editing many more Oromo books, magazines and articles. Currently, he writes on his site (beekanguluma.org) and gibetube.com on current issues of Oromo people, culture, education and politics in Oromo.
Beekan Guluma Erena
Follow Me

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa