LEENSAA GUDDINAA TUMSAA: QEERRITTII MUL’ATA ABBAA DHUGUUMSITE.

LEENSAA GUDDINAA TUMSAA:
QEERRITTII MUL’ATA ABBAA DHUGUUMSITE.

7048950953_09c91199c8_zGoonni kan du’ee dabre qofaa miti. Kan hojii fakkeenyummaa taatuufi bu’a qabeessa tahan sabaaf hojjatan, kan lubbuun jiraniis goota. Arra seenaa gabaabduu tokko hayyittii teenya lubbuun jirtu, tan hojiilee danuu saba isiitiif hojjatte takkaa waliiniin wal isin barsiisa. Leensaa Guddinaa Tumsaa, hundeessituu dhaabbata Guddinaa Tumsaafi kan biroo tahuun hojii danuu isiin gumaachite keessaa muraasa tuqeen isiniin gahuuf yaala. Hanga xumuraatti na faana bu’aan afeerraa kooti.

gudina-tumsa1Luba Guddinaa Tumsaa qabsoo Oromoo ijaaruu fi jabeessuu, afaan oromoo dagaagsuu, Oromiyaa fi Oromoo mul’isuu keessatti hayyoota qooda olaanaa bahan keessaa tokko turan. Guddinaan goota miidhaa sabaa onnee irraa jibbuufi mootummaa saba oromoo miidhu kamuu kan balaaleeffatu, hayyuu mul’ata guddaafi kaayyoo qajeelaa qabu yoo tahu qabsaa’oota jajjaboo qabsoo oromoof warraaqaa turan, kanneen bilisummaa Oromoo arguuf xiiqiin hojjatan, warreen walabummaafi guddina ilmaan oromoo osoo hawwanii, hawwii qofa osoo hin tahin warraaqsa finiinsaa turanii dha. Osuma sabboontoota fakkaatoo isaanii waliin sochii warraaqsichaa finiinsanii mootummaa galaafamaafi balaafamaa Dargii harka bu’uun waan saba isaaniitiif hojjataniif, mirga saba bal’aa kan waggoota baayyeef ukkaamamaa ture waan gaafatan qofaaf qabamanii galaafataman keessaa isa tokko ture. Isa qofaa miti. Obboleessi isaa sabboonaan, goota sabboonummaa leellise, leenci onnee qeerreensaa Baaroo Tumsaatiis nama qabsoo Oromoo keessatti gumaacha guddaafi daaddaa hin qabne laachaa turee, booda lubbuu isaa takkittii oromoof laatee wareegamee dabree dha.

13076773_1051868124908003_7665966547273050560_nEegaa! “Ilmoon leencaa leencuma, dameen odaa oduma malee dambii wahii taatiiree?” Gonkuma odaan dambii hin tahu. Kan jecha kana mirkaneessite dhalli leencaa, dameen latiinsa gootootaa, Sabboontuun onnee qeerreensaa, qaroo sammuun qaroominaan badhaate, jaalattuufi quuqamtuun fooniif dhiiga isii Aadde Leensaa Guddinaa, abbaa isii goota kutataa du’a hin sodaanne, Guddinaa Tumsaafi Harmee isii adde Tsehay Tolosaa gidduu argamte. Maatii isii qofaaf osoo hin tahin sammu qabeettii, amala toleettii intalaa taatee ergama dhiiga Oromoo keessa jiru baadhattee saba isiitiif gara ardii tanaa dhufte. Dhuftees maatii sabboontootaafi onnattoota keessatti guddina jireenya isii jalqabde. Mul’anni abbaa isii keessa ture, kan eenyulleen amantii kamuu hordofuus saba isaatiif waan gaarii hojjachuu qaba jedhu san Leensaa keessattiis akka biqiltuu odaa margee guddina isii waliin akeekniis guddachaa, mul’anniis dagaagaa deemuu jalqabe.

13119015_1051868148241334_6511612493361440793_nGaafa abbaan isii Guddinaa Tumsaa mootummaa Dargiitiin bara 1979 qabamee gara mana hidhaa geeffamu Leensaan gashaantii waggaa 17 turte. Abbaan isii yeroo baayyee qabamee hidhamee akeekkachiifamee gad lakkifamaa ture. Guddinaa Tumsaa akka ajjeefamuus osuma beekuu garuu du’a sodaa falmii mirga namoommaa kan dhiisu hin taane. Guyyaa tokko immoo haadha mana isaa waliin mana amantaatii gara mana isaanii osoo galaa jiranii humna waraana mootummaa Dargiitiin fuudhamanii achi buutee tahan. Osoo baayyee hin turiin harmeen isii Aadde Tsehay Tolosaas qabaman. Luba Guddinaa Tumsaa torbuma qabame keessa mootummaa nama nyaataa dargiitiin kan ajjeefame tahuus garuu du’uun isaa maatiif ifatti kan beekkame bara 1991 keessa akka ture himama.

Tumsa_blogSababa qabamee dhabamuu abbaa isaanii kanarraa ka’uun miidhaa biyya keessa yoo turan irra gahuu malu shakkuun obboleessa tokkoofi Obboleewwan durbaa lamaa waliin biyya ormaatti baqattoota ta’an. Leensaaniis biyya Jarmaniitti baqattummaan galtuus garuu biyyi Jarmanii kun harka diriirsitee, fuula hiiktee hin simanne. Jarman nyaara guurtee, fuula hiitee oodaa simachuun kun Leensaaf hin taane. Jireenyi hadhaa’ee Awrooppaa isii jibbisiifnaan, Jarman teessee biyya Amerikaatti kolugaltummaa gaafatte. Kuniis yeroo tokkotti kan milkaa’uuf hin taane. Jireenyi garuu itti fufe. Isiiniis yaalii isii ittuma fufte. “Deddeebi’ii keessa haadni dhagaa mura” akkuma jedhamu san yaalii dheeraa booda milkaa’eefii gara biyya Ameerkaa galte. Wanni hin dabare hin jiru, barri rakkinaa saniis akka qocaatti tirachaallee tahu dabruu hin oolle. Dhawaatumaan shorroqaa dabre.

Lensa+Gudina+German+President+Gauck+Visits+9jWhignOY2MlBaqattummaan hangam gubduufi hifachiiftuu akka taate tan hubatte Leensaan, akkuma Dr. Ali Birraan “Miila taha malee garaan biyyaan bahu” jedhe san qaamaan biyya Ameerkaa teessee garaafi qalbiin biyya isii Oromiyaa yaadaa turte. Qaamaan jireenya gaarii keessa jiraattuus qalbiin isii saba isii kan gabrummaan gubdu waliin gubachaa, kan hoongeen beelaa yarachiiftu waliin yarachaa, kan dhibeen araraaftu waliin araraafamaa eega turtee booda yoo humni mootummaa dargii raafamu guyyaan abjuuf hawwii ganamaa itti hiikamuufi yaadannoon mul’ata abbaa isii itti dhugoomuus dhihaachuu hubattee, galaa imalaaf tahu guduunfachuu jalqabde. Halkan hammaatee dheeratuus bariin hin oolu waan taheef, aduun duumessaan golgamtuus akkuma tahe tahee bara 1991 mootummaan Dargii aangoo irraa barbadaa’e.

German+President+Gauck+Visits+Ethiopia+K4SCN_moam5lLeensaa Guddinaatiis bara 1991 akkuma Dargiin jigee, miilli biiftuu bilisummaa dimimmisuu malee ifee lafa hin gahin, osoo biyyi shoorarkaa wal waraansaa irraa hin tasgabbaa’in miilli isii gara ‘Oromiyaa’ imala jalqabe. Imalli isii kun hawwiifi mul’ata isiin qabaachaa turteef ragaa bahee kan dhugoomsuuf qofa osoo hin taane kan qabatamaan mirkaneessuuf akka tahe dhugaa mamii hin qabnee dha. “Abbaan koo abbaa yaada gaariifi mul’ata qabeessa dha. Nutiis mul’ata isaa yaadannoo godhannee itti fufsiisuu qabna.” dhaaddannoo jettu tan qabdu Leensaan Guddinaa, saba isii kan miidhaa hamtuu keessa jiran furmaata hatattamaatiin dhaqqabuuf dhaabbata gargaarsaa mara galeessaafi addunyaaleessa, moggaasa yaadannoo maqaa abbaa isii Guddinaa Tumsaa’ tiin bara 1992 hundeessite. Dhaabbanni Guddinaa Tumsaa (Gudina Tumsa Foundation, GTF) dhaabbata mit-mootummaa dhalaataa biyyaatiin hundaa’ee, mootummaa Xoophiyaatiin galmaa’e dhaabbata hangafa akka tahe ragaan ni mul’isa.

04_38_Bjoern08_18Dhaabbata GT kaayyoo gaariifi mul’ata dhugoomaa kan qabu yoo tahu, irra jireeysa ummata Oromoo naannoo balaa hoongeetiin yeroo baayyee miidhaman jireenya isaa fooyyeessuuf hojjata. Haaluma kanaan piroojektoota baayyee naannoo Fantaallee, Karrayyuu keessatti, dubartoota Lixa Shawaa, Sulultaafi Finfinnee irratti hojiilee bu’a qabeessa hojjachuun hawaasa biratti jaalatamummaa guddaa argatee jira. Dhaabbanni GT ittiin qajeelfama bu’ura guddinaa qindaawaa mul’ata gad fagoo Luba Guddinaa Tumsaa qaban irraatti hundaa’uun kan qajeelfamu yoo tahu, hirmaannaa hawaasaa cimsuun jireenya isaanii fooyyeessuu, manneen barnootaa ijaaruun barnoota idileefi ga’eessootaa babal’isuu, aadaa, seenaafi hogbarruu Oromoo guddisuufi kkf irratti kan hojjatuu dha. Haaluma kanaan dhaabbanni kun hundeeffama isaatii hanga ammaa hojii adda addaa hawaasa Oromootiif hojjatee jira. Hojiilee san keessaa manneen baruumsaa sad. 1ffaafi giddugalafi sad. 2ffaa ijaaruu (fknf, Matahaaratti Mana Baruumsa Daandii Guddinaa) Giddugala Oomishaafi gurgurtaa Dubartootaaf hundeessuu (Finfinnee, Gullallee), giddugala barnoota ge’eessootaa ijaaruu, manneen kitaabaa, tajaajila bishaan dhugaatii, kiliniikoota fayyaa ijaaruu, eegumsa naannoo, dhaabbata maxxansaa hundeessuu, kitaaboota aadaafi afoola oromoo maxxansuufi hojiilee biroo baayyee irratti hojjatee bu’aa daaddaa hin qabne hawaasa oromoof gumaachee jira dhaabichi kun.

Bundespräsident Joachim Gauck (M) trifft am 18.03.2013 in Addis Abeba in Äthiopien Vertreter verschiedener gesellschaftlicher Gruppen, die nicht zur Regierungspartei gehören. Links neben Gauck steht Lensa Gudina, Tochter des 1979 ermordeten evangelischen Geistlichen Tumsa Gudina. Das deutsche Staatsoberhaupt hält sich zu einem viertägigen Besuch in Afrika auf. Foto: Wolfgang Kumm / dpa +++(c) dpa - Bildfunk+++

Walumaagalatti dhaabbanni Guddinaa Tumsaa, dhaabboolii gargaarsa mit-mootummaa adda addaa waliin kan hojjatu yoo tahu hundeessituun dhaabbatichaa Leensaan, qaama dhimmi ilaallatu waliin hariiroo uumuun hawaasa oromoo rakkoo garagaraa qaban deeggarsa adda addaa akka argatan taasisaa turte. Dhaabbata Guddinaa Tumsaa bakka bu’uuniis Leensaan biyyoota alaa baayyeetti afeeramtee hojii dhaabichi hojjachaa jiru ibsaa turte. Kana malees hundeessituun Dhaabbata GT, aadde Leensaan mul’ata abbaa isii qofa osoo hin tahin dandeettii addaa abbaan isii qabu kan biraas kan dhaalte tahuu hojiin isii ni mirkaneessa. Abbaan Leensaa, Guddinaa Tumsaa hayyuu dandeettii hogbarruu guddaa qabu akka tahe seenaa isaarraa ni hubanna. Dandeettii hogbarruu keessaa dandeettii walaloo afaan oromoo inni qabu akka fakkeenyaatti kaasuu ni dandeenya. Walaloo Guddinaa Tumsaa barreesse keessaa mata duree “ATTAM YAA OBBO BARIISAA” jedhuun gaazexaa Bariisaa kan yeroo san afaan oromootiin maxxanfamuuf barreessee dha. Mee walalicha sarara muraasa isin yaadachiisuu hoo?

(BARIISAA VOL.1, NO.2, BITOOTESSA 3, 1968)
“ATTAM YAA OBBO BARIISAA”

“Baga nagaan galte yaa Obbo Bariisaa
Koottu waldhungannaa maddi walii keessa
Walarguun firootaa jireenya mi’eessaa
Deemtee turte jedhuu biyya fagoo keessaa
Baay’inni firootakee eessaa fi eessaa
Jedhee siif katabaa Qees Guddinaa Tumsaa
…….” jedhee jalqabee walaloo dheertuu dubbisan hin quufamne, tan ergaan isii yoomillee nama keessaa hin dhumne faa barreessaa ture.

Leensaa Guddinaatiis dubree dandeettii walaloo barreessuu guddaa qabduu dha. Dandeettii walaloo qabdu kanatti fayyadamuun walaloo dhama qabeessaafi ergaa seena qabeessa qaban baayye barreessite. Walaloo Leensaa Guddinaa barreessiteefi Wellisaan keenya hangafni Dr. Ali Birraan ittiin wellise keessaa walaloo sirboota lamaa isaanii kan armaan gadii kana ilaallu.
Leensaa Guddinaa dubartii barnootaaf kabajaafi ilaalcha addaa qabduufi ilmaan Oromootiis akka baratan hawwii guddaa qabdu tahuu mana baruumsaa bu’uruu qofaan osoo hin taane, nama kakaasuufiis walaloon akkanatti ibsiti:
“Barnootaa barnootaa ammaas barnootaa
Kana tahuu qaba kaayyoon Oromootaa
Barnoonni dhugaa of-irraa egalaa
Aada hubachiisee seenaas ni xinxalaa
Of-tuffii balleessaa,
Hammilee kufte kaasaa
Ija jaame banaa sammuu bilisomlomsa”
Jechuun walaloo bara dhibbatti ergaan isii hin moofooyne sammuu keenya keessatti sumuddee, onnee keenya keessatti barreessite.

Walaloon biraa Leensaan barreessitee kan biraa walaloo ulfina, kabajaafi badhaadhina afaan oromoo qabu ibsitu, afaan ofii mul’iftuu eenyummaa ofii, calaqisaa aadaaf seenaa, bu’urri bilisummaa afaan ofii akka tahe qofa osoon taane hayyoonni waa beekaniis kan hin beekne barsiisuu akka qabuus walaloon akkanatti labsiti hayyittiin, hidda hayyuu irraa magarte.
“Galmaa aada keenyaa,
Eegaa seenaa keenyaa,
Kallacha tokkummaa, hundee bilisummaa
Afaan Oromo hundee Oromummaa…

Gurratti mi’aawaa yaa’aan sagalee kee
Cirracha bishaaniitii baayyinni jecha kee
Kan rafe dammaqsa weedduuf walaloon kee
Lakkaa’ameen dhumu hibboof maakmaaksikee” jechuun walaloo ergaa gad fagoo qabduufi akka aananiitti laphee nama qabbaneessitu nuun geessi hayyittiin oromoo, aadde Leensaa Guddinaa.

Tumsa_gudinaKabajamtoota dubbiftoota keenya, Seenaan Leensaa Guddinaafi hojiilee dhaabbanni Guddinaa Tumsaa hojjatan barruu gabaabaa kanaan kan himamee xumuramuu miti. Arraaf garuu hubannoof akka tahu, kan hin beeknees akka baru jedhee barruu garagaraa irraa kaniin walitti funaane qindeessee haala kanaan isiniif dhiheessuuf yaale. Leensaa Guddina hayyittii lubbuun jirtu waan taateef dogoggorri barruu gabaabduu koo kana keessatti yoo mul’ate akka na sirreessitu kabajaan gaafadha. Kan kanarraa hafe seenaa maatii Leensaa kan akka seenaa abbaa isii Guddinaa Tumsaafi adeera isii Baaroo Tumsaa fuula dura qindeessee kaniin isiniif dhiheessu taha. Arraaf immoo hanganuma naaf guddifadhaa jechaa, Leensaa Guddinaatiis umrii isii waaqayyoo nuuf haa dheeressuu, jedhee eebbisaa dubartootaas tahee dhiirri Oromoo hojii sabaaf tahu kan akka Leensaa kana akka nuuf hojjatan gamanumaan afeeraan dhaamsa koo goolaba. Horaa bulaa!

20150927_132453-1-1Barreessaan: Saphaloo Kadiir
Teessoon:
Email: ak23873@gmail.com,
saphalookedir@gmail.com
Facebook: http://www.facebook.com/saphaloo
Mobile no: +254707482480

Beekan Guluma Erena
Follow Me

Beekan Guluma Erena

Beekan is writer, editor, researcher and Afaan Oromoo Instructor at Harvard University.
He wrote more than 30 books in Afaan Oromoo and editing many more Oromo books, magazines and articles. Currently, he writes on his site (beekanguluma.org) and gibetube.com on current issues of Oromo people, culture, education and politics in Oromo.
Beekan Guluma Erena
Follow Me

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa