OLF vs EPLF vs TPLF (1991 – 1992)-Xiinxala Siyaasa Oromoo bara Darbee

OLF vs EPLF vs TPLF (1991 – 1992)

12994292_10208154606817201_1833085081159504901_n
Seenaan waan dabre irraa baranii laafina jiru fooyyeffachuuf nama gargaara. Haala yeroo bara 1991 ture bifa armaan gadiitiin xiinxalee isiniif dhiheesse. Sababni seenaa kana kaaseef, dadhabina fi jabina keenya beekuun qabsoo keenyaaf faayidaa qaba jedhee waan yaadeefi.


Kufaatii Dargii irratti, walgahiin araaraa bara 1991 ji’a Caamsaa keessa magaalaa London’tti godhame, kan Herman Cohen Ameerikaa bakka bu’ee geeggeesse irratti, dhaaba ABO sadarkaa 3ffaatti EPLF fi TPLF’tti aansanii sadarkaa gadi aanaatti Dargiin lolanii kuffisuu irratti qooda kennaniifii, garuu akka dhaaba biyya hogganuutti itti quufuu dhabuutu mul’ate. Sababa saniif, hirmaannaan ABO walgahii san keessatti baay’ee xiqqaa ta’uu isaa komii hoggantootni keenya yeroo san dhiheessan ragaadha. Fakkeenyaaf, gabaasa New York Times kan Caamsaa 29, 1991 maxxase akka himutti, dubbataan dhaaba ABO yeroo sanii kan turan Dr. Diimaa Nagawoo, “moggaatti nu dhiisuu keessantu nutti dhaga’ame; hundeen rakkoo hin furamne waan ta’eef, gara fuula duraatti walitti bu’iinsi dhalachuutu mala” jedhee dubbate jedha. Kanarraa wanti hubannu, jalqabuma walgahii sanirratti walii galuu dhabuu fi ABO’f bakki kennamuufii male akka hin kennaminiftu mul’ata. Yeroo sanitti haalli Ameerikaan dhaabota sadan kana itti xiinxalte, dhaabni EPLF Eertiraa kophaatti baafachuu fedhii guddaa qabaachuu isaa, ABO’n Oromiyaa kophaatti baafachuuf fedhii qabaachuu fi TPLF garuu Itoophiyaa guutuu bulchuuf fedhii agarsiisuu isaati. Yeroo sanitti fedhiin Ameerikaa, biyya san tasgabbeessuuf, dhaaba hoggantummaa isaa baldhisee akka walii galaatti biyya san bulchuuf fedhii qabu gargaaruudha. Ulaagaalee TPLF qabdu keessaa kan Ameerikaa fi warra dhihaa gammachiise inni biroo, caasaa fi walqunnamtii Mallas Zeenawiin waraana isaa waliin qabu ture.

Kan kana ibsu, gabaasuma New York Times kan Caamsaa 29, 1991 irratti maxxanfame, Herman Cohen, Mallasiin yeroo dinqisiifatu akkana jedhee ture, “London taa’ee walqunnamtiin inni waraana isaa waliin qabu, kan baay’ee dinqisiifamuudha.” Kanarraa wanti hubatamu, yeroma sanuu hariiroon Mallas warra dhihaa waliin uumate gaarii ta’uu isaati. Hedduu faarsuu eegalan. Walgahii London irratti Mallasiin hogganaa godhanii muudan. Ameerikaan gargaarsa gooteefii, waraanni Mallas Caamsaa 28, 1991 Finfinnee seenee akka qabatu goote. Karoorri Mallas yeroma sanuu ABO akka moggaatti qabuuf deemu ifa ture. Akka hogganaatti yeroo warra dhihaatiif waadaa seenu, dhimma warra Eertiraa ilaalchisee, “hireen Eertiraa ummata Eertiraatiin kan murtooftu, nuti refirendamii goodhuudha” jedhe. Dhimma Oromoo ilaalchisee garuu wanni inni Ambaasaaddaroota warra dhihaa gaafate, “ABO’n Oromiyaa walaboomsuuf (kophaatti biyya of dandeesse godhuuf) refirendamii akka hin gaafanne” jedhe. Akka akeeka jaraa irraa hubadhetti, TPLF yeroma sanuu waa hunda dhuunfatee jira. Gama diplomaasiitiin waa hunda harkatti galfatee hariiroo cimtuu uumatee jira. Dhaaba EPLF kan Isaayyaasiin hogganamus dura hin dhaabbanne, “hiree keessan isintu murteeffata” jedheen.

Hanga biyyi Itoophiyaa siyaasaan tasgabbooftutti mootummootni dhihaa dhimma Eertiraa kana waggaa lamaaf akka turu, Isaayyaasiin gaafatanii innis fedhii agarsiisee ture. Walgahii Waxabajjii 16, 1991 Finfinneetti godhame irratti Isaayyaas mootummaa cehumsaa keessa seenuu akka hin barbaanne hime. “Akka taajjabdootatti ilaala malee qaama mootummaa cehumsaa tahuu hin barbaadu” jedhe. Wanti kanarraa hubatamu, Isaayyaas yeroo sanitti, Wayyaanee (TPLF) gargaaruuf malee dhimma Itoophiyaa keessa seenuu hin barbaanne, Eertiraa kophaa baafachuudha karoorri isaa. Akka tilmaama kiyyaatti yeroo sanitti dhaabni keenya garuu dadhabina tarsiimoo siyaasaa qabaachaa ture. Hoggantootni TPLF garuu tarsiimoo yeroo sanitti barbaachiftu jijjiiratanii deemuu danda’anii jiru. Kaayoon TPLF’illee duraan Tigraayiin kophaatti baafachuuf ture. Garuu tarsiimoo siyaasaa fi hoggana cimaa qabaachuu isaaniitiin yeroo gabaabduu keessatti haala yeroo waliin deemanii of jijjiiranii as bahuu isaaniiti. Kuni ammoo yeroo sanitti gama diplomaasiitiin hariiroo warra dhihaa waliin uumuuf waan isaan gargaareef, gargaarsallee jararraa argachuu danda’an. Osoo ABO’n yeroo sanitti hoggana siyaasaa jabaa qabaatee, moggaatti hin baafamu, yoo baafames of baraaruuf tarkaanfii barbaachisu fudhata ture. Wanti hubatamu yeroo sanitti Mallas warra dhihaa fi Isaayyaas waliin waliigaltee cimaa qaba. Wanti Mallasirraa hafe yoo jiraate, akkuma armaan olitti tuqe, Dr. Diimaa Nagawoo akka walitti bu’iinsi ta’uuf deemu walgahii London irratti dubbate, walitti bu’iinsa san salphisuuf waraana ABO balleessuun karooruma jiru ta’uu ifatti mul’ata. Walgahiin Adoolessaa 1-5, 1991 Finfinneetti godhamee Chaartarri mootummaa cehumsaa kan ABO’nis keessatti hirmaate dhaabate. ol’aantummaa Wayyaaneetiin biyyi hogganamaa ABO’fis aangoon hanga tokko kennameef. Mallas akkuma armaan olitti tuqe adeemsa isaa keessatti yaaddoo kan itti tahe, WBO dha. Aangoo hanga fedhe ABO’n argattus karoorri isaa WBO balleessuudha. Humna waraanaa malee akka humaa fiduu hin dandeenye beeka.

Sababa kanaaf, koroorri baafame filmaanni godhamuuf waraanni mooraatti galuu qaba kan jedhu. Taajjabdoonni yookaan warri ragaa tahee garee lamaaniifuu dhaabbate warra Wayyaanee (TPLF) gargaaraa ture. Jarri dhaabni keenya akka walabaatti amanee fudhate kun, kanuma London’tti Mallasiin perezidaantii godhanii muudan, kan waraana Wayyaanee gargaaranii Finfinnee akka seenu godhan, kan ABO moggaatti qaban, kan hoggantootni keenya beekanii komataa turan. Dhumarratti hoggantootni ABO osoo haala deemaa ture ijaan arganii WBO mooratti galchanii karoora Mallas jalqabarraa lafa kaayatee deemaa ture bakkaan gahan. Waraanni Mallas WBO qawwee irraa guuranii moraatti galchaniif kaan ajjeechaan kaan hidhaan waraana kuma hedduu daaraa godhe. San booda hoo dandamachuuf tarkaanfiin godhame maali? Hogganootni keenya dogongora dabrerraa baratanii jiruu? Itti fufa…

Barreessaan Ferhan Abdulselam.

Beekan Guluma Erena
Follow Me

Beekan Guluma Erena

Beekan is writer, editor, researcher and Afaan Oromoo Instructor at Harvard University.
He wrote more than 30 books in Afaan Oromoo and editing many more Oromo books, magazines and articles. Currently, he writes on his site (beekanguluma.org) and gibetube.com on current issues of Oromo people, culture, education and politics in Oromo.
Beekan Guluma Erena
Follow Me

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa