NAGAAN GALI JEDHAA !Roobeeraa Hinsarmuutiin

NAGAAN GALI JEDHAA !
6a00d8341c652b53ef01538eab3c5e970b-800wi

Burraayyuurraan bahee
Amboon qaxxaamuree
Karaa tokkee darbee
Geedoo keessa uree
Biyya Abiishee Garbaa
Beenaa Horroo deemna
Kan hin beekne bartu
Nuyi duruu beekna
Yoo feetan cororsaa
Cumboofi qorii nyaachaa
Lapheerraa isin teenyaan
Aannan itti unachaa
Biyya magariisa
hunda magarsitu

WHITE goodbye
Hiyyeessaaf sooressa
maraaf dabarsitu
Barbaadnaan baaqelaa
Yoo feetan atarii
Fincaa’aa—–shaambuudha
Kan hin beekne bari!
Gara gabaa lagaa
gama karaa gutaa
Cororsaa yoo feetan
Na wajjiniin kutaa
Nyaachuu feenan damma
Yookaanis shukkaara

12900044_550801668432028_1638703465_n
Wanti namadhibu
karaanshee awwaara
Biyyaa amartiifi nashee
Ibsaatu irraa madda
Garuu uummtni ishee
Ibsaa dhabee gadda
Konkolaataaf namatu
Dabaree wal baata
Rakkinni daandii ishee
Garaa nama nyaata
Biyyaaf ibsaa kenna
Bishaanshee hidhamee
Rakkoon isheen qabdu
Hin dhumu himamee
Mara biqilchiti

goodbye_1920
maaltu irraa dhabamee
Namatu isa miidhe
Uumaan badhaafamee
Yeroo deemuuf ka’u
Garaan na raafamee!
Guyyaa gaafa ayyaanaa
Wal geenya Hoomaatti
Damma bulbulannee
Taphanna Coomatti! !
Nagaan gali jedhaa! isin na eebbisaa
Yoo gaaffii qabaattan isiniin deebisa.
Irra deebiin. ..

12122629_1639063766352636_7464982918329705343_n

Roobeeraa Hinsarmuu

Beekan Guluma Erena
Follow Me

Beekan Guluma Erena

Beekan is writer, editor, researcher and Afaan Oromoo Instructor at Harvard University.
He wrote more than 30 books in Afaan Oromoo and editing many more Oromo books, magazines and articles. Currently, he writes on his site (beekanguluma.org) and gibetube.com on current issues of Oromo people, culture, education and politics in Oromo.
Beekan Guluma Erena
Follow Me

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa