DHIPHINA SAMMUU- Dr. Gurmeessaa Hinkoosaatiin

DHIPHINA SAMMUU

Dhalli Namaa dachee kanarra jiru jiraachuuf jecha uumama kana faana wal’aansoo walqabaa oola. Kana keessattis kufuuf ka’uu hedduutu jiru. Nuti ammoo akka Oromootti dhiphina sammuu kan nutti ta’e hedduu qabna. Isaan kana keessaa hayyich keenyaa dhaloota qubee kan nuun jechaa jiru itti aannee haalaallu. Kanaafis furmaata kan jedhu qabxiilee ajaa’ibsiisoo armaan gadii nuuf ergeera.

demot 21

1. NAMA WALIIN WALITTI DHUFEENYA QABAADHU. Namni qofaa jiraatuu fi yeroo gammaduuf gaddu nama waliin haasa’u hin qabne carraan rakkoo sammuu qabaachuu isaa olka’aadha.

maxresdefault
2. WAANTOTA SI DHIPHISAN ADDA BAASII BEEKI. Wantootni nu dhiphisan tokko tokko kan dhabamsiisuu (avoid) dandeenyudha. Kanneen qaama jireenyaa taa’aniifi dhabamsiisuun hin dandahamne immoo dursinee itti qophaa’uufi of to’achuun furmaata.

life-stress-people-quotes-image
3. HAWAASA KEESSA JIRAATTUUF BU’AA BUUSI. Namoota naannookeetti argaman gargaaruu fi jireenya isaanii jijjiiruun gahee ati addunyaa kana keessatti qabdu sitti argisiisa. Jijjiiramuu, gargaaramuu fi fayyadamuu ollaakeetii, hawaasa keetiif sababa yoo taatu, ofiikeetti gammadda.

Fun-Definitions-Stress
4. FEDHIIKEE NAMOOTA MURAASATTI HIMADHU KAN ISAANIIS DHAGGEEFFADHU. Kunis namootni fedhii siin walfakkaataa qaban akka jiran sitti argisiisuudhaan qaama hawaasaa akka taate sii mirkaneessa. Namoonni akka keetii akka jiran sii mul’isa. Qaama hawaasaa ta’uun ammoo dhiphina sammuu hedduu namarraa ittisa.

fmimg6493921766290846052
5. BOQODHU. Hammam hojiin yoo sitti baayyate illee boqochuuf yeroo qabaadhu. Yeroo hirribaa akka salphaatti ilaaltee ofirraa hin hanqisiin. Hirribni gahaan fayyummaa sammuu irratti gahee guddaa qaba.

6. WAAN KEESSA JIRTU SIRRIITTI HUBADHU. Yeroo baay’ee namoonni dogoggora yeroo darbee yaaduufi rakkoo fuulduratti itti dhufutti yaadda’uu malee waan amma kana keessa jiran hin yaadan, hin yaadatanis. Waa’ee guyyaa har’a keessa oollee, waa’ee aduu har’a baatee dhiitee, waa’ee waan harra hojjechaa oollee yoo yaadne miidhama keenya nuuf hir’isa.

choose-thought-quotes-stress-quotes-Thought-For-The-Day
7. FAYYUMMAA QAAMA KEETIIF OF EEGGADHU. Rakkoon sammuu fi miidhamni qaamaa kunneenii yeroo baay’ee walitti hidhata. Kanaaf ispoortii hojjachuu, nyaata sirriitti nyaachuu, muuziqaa jaallattu dhaggeeffachuu fi waliin shubbisuu, haga dandeessetti fayyummaa qaama keetii eeggachuun sammuu kee nagaa taasisa.

Tip-Stress-Quote-image
8. WAAN HAARAA HOJJACHUU YKN BARUU YAALI. Jireenya kee keessatti yoo waan haaraa bartu yokaan hojjattu, jireenyi kee irra deddeebii ta’ee sin nuffisiisu. Miirri fiixa ba’umsaa, mo’ichaa, gammachuu fi ofitti amanamummaa waan haaraa baruu keessaan argamu.

quote-Andrew-Bernstein-look-closer-at-the-stress-in-your-117848_2
9. GARGAARSA GAAFACHUUF DUUBATTI HIN JEDHIIN. Namoonni hedduun gargaarsa gaafachuun mallattoo mo’amuu yokaan kufaatii, dadhabina itti fakkaata. Kun tasumaa dhugaa miti. Kanaaf rakkina kam keessattillee gammachuudhaan gargaarsa gaafachuun mo’amuu osoo hin taane injifachuudha. Rakkoo sammuun dhiphachuu kana illee taanaan gargaarsa gorsaa gaafachuun furmaata guddadha.
13124651_1290631464298022_5962319228642435623_n
GALATOOMAA

Beekan Guluma Erena
Follow Me

Beekan Guluma Erena

Beekan is writer, editor, researcher and Afaan Oromoo Instructor at Harvard University.
He wrote more than 30 books in Afaan Oromoo and editing many more Oromo books, magazines and articles. Currently, he writes on his site (beekanguluma.org) and gibetube.com on current issues of Oromo people, culture, education and politics in Oromo.
Beekan Guluma Erena
Follow Me

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa