YAA WAAQ MEE NURRAA QABI!! –

YAA WAAQ MEE NURRAA QABI!!

kitten in prayer
Yaa Rabbi nurraa qabi bulguu isa dhiiga bare
Abjuu du’a waliinii, diina lammii darare
Hantuuta cidha sirbuuf saree galaana seente
Haadhoo lamaan waljibbu, kan diinni qarshiin bitte

626c67a8f65af8568895ea7632cd2354
Qoosaa diina waliinii,fafakkeessituu jaraa
Mana golfaan olseeneef gantuu warra abbaa garaa
Waraabessa oobdii seene, leenca lukkuun oofamuu
Kolfa abjuu keessaa, addunyaadhaan durfamuu
Adaamii ollaa agamsaa, gooltuu Waaqnii abaaree
Garbummaa sammuu keessaa, isa nutti marmaaree

deargod
Mana jibbaan goolame, bittaa warra masaanuu
Baqa dhiittaa halagaaf dacheerra ol godaanuu
Barataa mirgaaf falmee rasaasaan ajjeefamuu
Diina gamaa as seenee abbaa biyyummaa falmuu
Uummata xiqqoof bicuu saba guddaa dhiphistu

Made for God
Bayyaannattee si’anaa Oromoo gidirsituu
Duguuggaa sanyii fiduun budaa ishee nama nyaattu
Dhala namaa fakkaattee, sammuu hinqabne maraatuu
Yaa Waaq mee nurraa qabi kan daangaa keenya cabse
Halkan guyyaa carraaquufi kan nu nyaate adamsee
Yaa Waaq-mee Nurraa Qabi!!!

Beekan Gulummaa Irranaa’tiin

Beekan Guluma Erena
Follow Me

Beekan Guluma Erena

Beekan is writer, editor, researcher and Afaan Oromoo Instructor at Harvard University.
He wrote more than 30 books in Afaan Oromoo and editing many more Oromo books, magazines and articles. Currently, he writes on his site (beekanguluma.org) and gibetube.com on current issues of Oromo people, culture, education and politics in Oromo.
Beekan Guluma Erena
Follow Me

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa