FAAYIDAA DUBBISUU-Dhalli namaa maaliif kitaabota dubbisuu qaba kan jedhuuf fallisaa kunooti.

F A A Y I D A A D U B B I S U U!!

benefits-of-reading-books_52d551f4ccf5c_w1500


“Inni ‘Maannew’ jennaan
Ani maal inniin jedhe
Afaan keenya waldhabe
Akka qadaada qabee”
…..jedha uummanni naannoon ani itti dhaladhee yeroo Nafxanyaa naannoosaa qubatte qeequ.,…..

Yaa Uummata Oromoo, har’a waanan dubbisaa ooleef faayidaan dubbisuun dhala namaaf qabu maali? Kan jedhu siniif qooduufan dirqame. Gorsi dhimmi faayidaa dubbisuurratti ani kanaa gaditti siniif dhaamu kun akka singargaartu abdiin qaba….Waliif akka dabarsitanis nan abdadha!!!

readingvisual
Dubbisuun jireenya. Barataa, daldalaa, qotee bulaa, jaarsa, oogganaa siyaasaafi amantiilee taanus hindubbinu taanaan akki itti addunyaa kana ilaaalluufi injifachuu dandeenyu baay’ee gadi bu’aa ta’a. Namni hindubbine yeroo baay’ee nama hamataafi odeessituu ta’uusaa argitu. Kun mallattoo nama barruuwwan garaagaraa hindubbineeti!!Egaa dubbisuun jireenya kan jennuuf, jiruufi jireenya dhala namaa keessatti dubbisuun iddoo ol aanaa qaba jechuudha. Namnis hanguma dubbise jiraata. Amaleeffannaa biyyoota ambaa keessatti dubbisuun akka aadaatti ilaalama. Kanaafuu har’a dubbisaa bor geggeessaa (to day reader tomorrow a leader) jedhu. Dubbisuun Ogummaawwan barbaachisoo bu’aa qabeessummaa egeree dhala namaa murteessanidha. Barattoonni barruuwwan hin beekne gargaarsa malee, saffisa barbaachisaa ta’een dubbisanii, muuxannoo barbaachisaa akka irraa argataniif waa’ee dubbisuu beekuu qabu. Keessumattuu sabni Oromoo aadaa dubbisuu horatee dararama sabasaarra kaleessa tureef har’a deebii kennuuf kitaabota addunyaarratti barreeffamanii jiran hedduu isaanii sakatta’anii kan dhuunfaasaa barreessuutu isarraa eegama.

Reading-Books
Ogummaa dubbisuu gonfachuun afaan dhalootaafis ta’ee, afaan alagaa cimsachuuf nu gargaara. Fakkeenyaaf kitaabilee barnootaa yoo fudhanne kunis sirna barnootaa karaalee /dhaabbilee/ mootummaa fi miti mootummaa ta’e keessatti bifa barnootaatiin barreeffamoota dhiyaatan akka hubannu taasisa. Namni (barataan) yeroo hunda dubbisuun dhimma barnootaa keessatti barataa cimaa/hayyuu/ta’uuf kan isa dandeessisu ogummaa addaa gonfachuu danda’a.


Dubbisuun haala jireenyaa kamuu keessatti faayidaa guddaa qaba. Ogummaawwan afaanii warreen biroofis akka bu’uuraatti ilaalama. Yaada kana hyyoonni Bright and McGregor (1972) “the major language skill that enables learners to grasp ideas, facts, concepts and thoughts is reading.” Jedhu. Keessumattuu kan akka bara keenyaa ammayyummaafi takinoolojiin baldhinaan saffisaa jiru keessatti ta’iiwwan addunyaa karaan ittiin argatan karaan adda ta’e dubbisuudha. Faayidaa dubbisuu ilaalchisee Sesnan (2003) “Reading is one of the basic skills which every one accepts is essential for survival in the modern world.” jedha. Yaaduma kana kan jabeessu Irwin (1967) skills in reading are most important so as to enable students to understand the social and economic situation of the world and their environment. Akkuma hiika dubbisuu hayyoota kanaan kennameetti barnootis ta’e jirrenyi dubbisuun ala galma ga’insa hinqabu.

Benefits-of-Reading
Ogumni dubbisuu sadarkaa barnootaa gadaanaati ka’e xiyyeeffannoo guddaan itti kennamuu qaba. Yaada kana Namid (2005: 7), “At primary level all teachers must be teachers of reading.” jechuun cimsa. Kanaafuu barataan sadarkaa gadaanaatti mala dubbisuu hunda to’ate yeroo sadarkaa olaanaarra ga’u nimilkooma. Jalqabbii gaariin xumuraaf aggaammidha. Dubbisuun odeeffannoo adda addaa karaalee barruulee garaagaraa maxxanfamanii bahan argachuuf gargaara. Kana jechuunis, barreeffamni/kitaabileen/ adda addaa hayyoota garaagaraatiin, dhimmoota jiruufi jireenya dhala namaatiin wal-qabatee yeroo yerootti bahaa oola. Kana hubachuuf immoo dubbisuun lafee dugdaati.

pregnancy-reading2
Addunyaan irra jiraannu kana irratti guyyaa guyyaan wantoota nama ajaa’ibsiisaniifi wantoota nama gaddisiisantu raawwatama. Kun immoo naannoo keenya qofaatti waan hin taaneef hubachuun baay’ee rakkisaa ta’a. Kana hubachuuf warri ogeessa galaalchaa ta’an karaa barruutiin dubbistoota biraan gahu. Dubbisaa cimaan arga yaadaatiin addunyaa daawwachaa oola.

benefits-of-reading
Faayidaan dubbisuu kanbiraan bashannanaafidha. Kunis, kitaabileen garaagaara kanneen akka asoosamaa, baacoo, walaloofi kan kana fakkatan kaayyoo bashannansiisuutiif kan barreefaman nijiru. Aartiin Oromoo kunis bashannansiisaa barumsa dabarsuu waan danda’uuf dubbisuun ergaa isaa argachuu dandeenya. Yeroo akkasiis yaadaan addunyaa gaddaa keessaa baanee gara addunya tasgabbii qabuutti baqachuuf ta’uu mala. Barbaachisummaa Ogummaa dubbisuu ilaalchisee, Harris (1970) Mueller (1983:202) keessatti, “ Reading ability is recognized as centrally important, since without it very little academic learning can go on” jechuun ibsa.

Urval av de böcker som har vunnit Nordiska rådets litteraturpris under de 50 år som priset funnits

Ogummaa dubbisuu horachuun amantiiwwan hordofnu marti kitaabilee madda amantichaa ta’an waan qabuuf, kanneenis dubbisuun maalummaa amantichaa mirkaneefannee hordofuufis ta’ee dhiisuuf dubbisaa cimaa ta’uun baay’ee barbaachisaadha. As keessatti seerawwan kitaabichaallee addaan baasanii beekuuf; wantoota kitaabicha keessatti dhorkaa ta’aniifi eeyyamaman addaan baasanii hubachuuf kitaabicha dubbisuun adda baafachuun danda’ama.

READING
Ilmi namaa seenaawwan adda addaa keessa darbee dhaloota har’aa qaqqabe. Ta’iiwwan darban kana ammoo hayyoonni seenaa barruuwwan garaagaraa qopheessuun dhaloota si’anaatiif dabarsu. Ta’iiwwan darban kana hubachuuf immoo kitaabota seenaa yeroo durii kaasee keessa darbe irratti barreeffame dubbisuun hubatama.
Ogummaa dubbisuu horachuun madda ofii beekuuf gargaara. Fkn. Lammii Oromoo kan ta’e tokko eenyummaasaa beekee dararaamaafi dhiibbaa isaaf lammii isaarra ture mirkaneeffachuuf barruuwwan seenaa uummata Oromoo maal akka tureefi maal irra akka jiru mirkaneeffachuuf kitaabolee seenaa Oromoo irratti xiyyeeffatu dubbisuun baay’ee barbaachisaadha. Walumaagalatti akkuma oduun soorata gurraa ta’e, nyaanni immoo soorata garaa, arguun soorata ijaa, dubbisuunis bilchina sammuu namaaf!


Uummata Oromoo Dubbisuun aadaa keenya haata’u!…Sammuun dubbisuun qophaa’e jijjiirama fiduuf barri itti hindheeratu!

Sammuun hindubbisne akka kuufama bishaanii iddoo tokko ciisee ajaa’uuti!!

IMG_2386Beekan Guluma Erena
Harvard University
Email: beekanguluma@gmail.com

Face book: Beekan Gulummaa Irranaa
Twitter: @beekanguluma
Skype: hayyuubeekan1

Website: www.beekanguluma.org

 

 

 

Beekan Guluma Erena
Follow Me

Beekan Guluma Erena

Beekan is writer, editor, researcher and Afaan Oromoo Instructor at Harvard University.
He wrote more than 30 books in Afaan Oromoo and editing many more Oromo books, magazines and articles. Currently, he writes on his site (beekanguluma.org) and gibetube.com on current issues of Oromo people, culture, education and politics in Oromo.
Beekan Guluma Erena
Follow Me

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa