ONESMOOS NASIIB EEGA OROMIYAATTI DEEBI’E…!

ONESMOOS NASIIB EEGA OROMIYAATTI DEEBI’E…!

Kutaa 3ffaa

Onesimos NesibOnesmoos Nasiib gulaala maxxansa Macaafa qulqulluutiif jecha yeroo lamaffaaa biyya Awurooppaa bara1899 dhaqee eega deebi’e boodaas Eertiraa magalaa Asmaraa keessa qubatee hojii isaa itti fufe. Hanga bara 1903 hayyama gara lafa dhaloota isaa, Oromiyatti deebi’uu arkatuutti hojii barsiisummaafi hojii maxxansa kitaabootaas hojjachaa, wangeelaas lallabaa ture. Osuma haala kanaan jiruu, hayyama Oromiyatti deebi’uu argatee dhuma bara 1903 ji’a muddee Ertiraa irraa ka’ee ji’a Eblaa, bara 1904 ti umrii isaa ganna 35’ti biyya isaati gale. Oneesmoos lafa lixa Oromiyaa, Wallaga yoo gahu mootiin wallagaa Kumsaa Moroodaa teessoo mootummaa isaa Najjoo godhatee biyya bulchaa ture waan taheef garuma isaa qajeele. Hayyuun beekkamaan kun gara isaanii yoo dhufu ummataafi mootichiis gammachuun simatanii, akeekaa fi kaayyoo inni deemuun jaalatanii, mana jireenyaatiifi mana barnootaas jaaraniifii qubsiisan. Ummanni oromoo yeroo sanitti amantaan afaan isaan hin beekneen wixineeffamte humnaan waan irratti raraniif, kitaaba hogbarrufi macaafa qulqulluu afaan isaaniitiin barreeffame argachuu isaaniitiif ummanni oromoo jaalala guddaa mul’isanii harka lamaaniin fudhatan. Hawwii fi fedhii ummanni barnoota barachuuf qabu kuniis Oneesmoos daran gammachiisee, kan duraan karoorfate caalaa hojjachuuf fedhii dachaa keessatti uume.

Keessattuu wayta Oneesmoos macaafa qulqulluu afaan oromootiin dubbisuufi faaruu amantaas afaanuma oromootiin faarfatu, ummanni oromoo hedduu ajaa’ibsiifatan. Mana amantaa yookaa bataskaana ortodoksii habashaa keessatti afaan oromootiin kitaabni amantaa dubbifamuufi faarfachuu dhiisii dubbachuunuu akka yakkaatti laalamaa waan tureef, afaan oromootiin mana amantaa keessatti fayyadamuu danda’uu fi barnootaas ittiin barachuun hedduu waan itti toleef Oneesmoosiifi garee isaatiis mootichaafi ummataaniis mirgaafi kabajaan daangaa malee laatameef. Kumsaa Moroodaa Oneesmoosiif ilaalcha gaarii, jaalalaa fi ulfina qabaachuu irraa kan ka’e teessumma kabajaa laateefi gaafa ayyaana ummataa isa maddi akka taa’uu fi waltajjii irratttiis ummataaf akka haasawa taasisu carraa laataaf. Kana malees mootichi tajaajiltoota kanneefi ijoollee isaatiis barnootatti ergee, Oneesmoos ummata isaa akka baruumsa ammayyaatiin karaa qabsiisuu fi dheebuu wallaalummaa baasu amaanaa itti dhaaman. Inniis haala mootichi fi ummanni Oromoo itti simatanii fi qubsiisan kana ilaalchisee hiriyoota isaa Siwiidiin jiraataniif yoo xalayaa barreessu:
“Gama ummataatiin wanni sodaannu hin jiru, lafti nuuf banaa dha. Aangawaan tajaajilaa isaa waliin, abbaan ilmaa waliin, obboleessi obboleessaa waliin, hiriyaan hiriyaa waliin tahanii akka isaan barsiisuu qabnu dirqama nutti laachaa jiran. …..” jachuun barreessee akka ture ragaan seenaa ni mul’isa. Ummataafi mootiin oromootiis fuula ifaan waan simataniif, Oneesmoos hojii jalqabuun isa hin rakkifne. Galee ji’a afuritti haala hunda mijjeeffatee barattoota 20 galmeessuun magaalaa Najjoo keessatti barsiisuu jalqabe. Waggaa tokko keessatti, ji’a waxabajjii, bara 1905’ti Oneesmoosiifi Asteer Gannoo walitti barattoota 68’tiin gahan. Haaluma kanaan Oneesmoosiifi waaheeloonni isaa sanyii m baruumsa ammayyaa facaasuun, unkura barnoota idilee afaan oromootiin lafa oromoo keessatti yeroo jalqabaaf habaqaalanii kunuunsuu jalqaban.

www.pinterest.comOnesmoos Nasiib nama gaarii qofa osoon taane, namoonni nama gaarii akka tahaniifiis nama fakkeenya tahu, akkasumaas nama dhugaan saba isaa onneerraa jaalatuu fi gar malee kabajuu, nama ilaalcha ammayyaawaa, sammuu bilchoo fi surrii baruumsa baraneen qaramte qabu tahuu daran, nama oromummaa isaatiin boonuu fi ummanni isaas akka eenyummaa isaaniitiin boonan taasisuuf roga maraan gorsaa fi yaada gumaachaafi ture akka tahe seenaan isaa ni mirkaneessa. Hojiin isaa sirna baruuf barsiisuutiifi wangeela lallabuu qofatti daanga’ee kan hafe osoon hin ta’in, hawaasa isaa keessa sodaafi shakkii malee naanna’uun, ummata fi gareelee hojii ogummaa harkaa adda addaa irratti bobba’an kan akka suphe-dhooftuu, goga-duuyduu, wayya-dhooftuu fi tumtuu faa osoo hin tuffatin bira taa’ee gorsaa fi yaadaan jajjabeessuun ogummaa isaaniitiis akka fooyyeeffatan, akkasumaas eenyummaa isaaniitiin akka boonuu qaban gorsa ture. Amalli isaa kun isaa fi hojiin isaatiis yeroo gabaabatti ummata oromoo biratti beekkamtii fi jaalatamummaa guddaa argachuu kan isa dandeessise tahuu ragaan seenaa ni mirkaneessa.

Mootiin Wallagaa Kumsaa Moroodaa, kitaaboonni Oneesmoos kun jalqaba ummata oromootiif kan ija bane, bu’ura barnoota ammayyaa kan tahee fi barnoonni inni kennuus ummata isaatiif gaarii akka tahe waan itti amaneef, kitaaboonni lakkoofsaan baayyee ta’an fe’amanii akka gara wallagga dhufu taasise. Kitaabni kun iddoo namoonni itti walitti qabaman hundatti lallabamee dubbifamuun warri dubbisuu hin dandeenyees akka dhageeffatan taasifamaa ture. Kana malees daldaltoota Finfinnee dabalatee kutaa biyyattii irraa gara wallaggaa dhufun waa shammadatan maraaf, kitaaboota muraasa irra buusaa (akka eebbaatti) bilisaan kennamaaf ture. Tooftaan kuniis kitaaboonni Oneesmoos kutaa Wallaggaa qofa osoo hin tahin irra jireeysa kutaa Oromiyaa mara dhaqqabuun nama baayyee bira akka gahu taasifamaa ture. Oneesmoos ummanni oromoo akka if dagachuu hin qabne gorsuun, afaan oromootiin barsiisuufi afaanuma oromootiin wangeela lallabuun isaa yeroo gabaabatti beekkamtii fi jaalatamummaa kana mara isaa gonfachiisuu qofa osoon tahin hirmaattoota mana amantaa ortodoksii hir’isuun bataskaaniis waan duwwateef qeesoota habashaa, leelliftoota afaaniifi aadaa saba sanii akkasumaas humna waraana nafxanyootaa Wallagga jiraatanitti aariifi hinaaffaa guddoo uumee, shira irratti yaaduu jalqaban. Kumsaan Maroodaatiis hammeenya yaaduu garee habashootaa kana hubatee, wayta qubsuma jireenya fi teessoo mootummaa isaa Najjoo irraa gara Naqamtee jijjiiratu Oneesmoosiis shira jaraa kana jalaa eewaluuf if wajjiin fuudhee gale. Kumsaa waliin akkuma Naqamtetti galeen ammaas duubbee abaada mana isaatti mana barnootaa xiqqaa banee barsiisuu jalqabe. Haa tahuu garuu afaan oromootiin barsiisuufi wangeela lallabuun kuniis mootummaa Impaayara habashaatiin waan uggurameef hojii itti fufuu hin dandeenye.

Imaammataa fi kaayyoon warra habasha ijoon ummata oromoo ukkaamsanii, jaamsanii bituufi, gabroomsuun lafaa fi qabeenya oromoo irratti abboomuu waan taheef, sabni oromoo akka if tahee aadaa, seenaa, afaanii fi eenyummaa isaa guddifatee jiraatu gonkuma hin barbaadan. Kan hawwii fi fedhiin habashoota kun akka yaadanii fi tilmaamanitti galma gahuumsa hanqisee jalaa doomsaa jiru ammoo hojii Oneesmoos tahuu hubatan. Yeroo sanitti Oneesmoos, habashoota wallagga jiraatan qofa osoon taane akkuma biyyaattuu nama Oromoo baruumsa ammayyaa baratee sammuun isaan caaluu akka tahefi hojiin isaa ummanni oromoo amantii fi afaan habashaa akka jibbani fi fuulletti morman taasisuuf akka deemaa jiruus baran. Qeesoonni habashaa akeekaafi ergamni isaan afaan, amantii fii aadaa saba tokkoo qofa dagaagsuuf, kan oromoo immoo dhabamsiisuuf hojjachaa jiran sochii fi hojii Oneesmoosiin jalaa maxaxaa jiraachuu barraan garaan akka nama mukulkula liqimseetti waadame. Keessattuu kitaabni Onesmoos dhiibbaa hamaa uumaa jiraachuu hubannaan tarkaanfii irratti fudhachuuf karoorfatan. Karoora isaaniitiis galmaan gahachuuf, bulchaa Arjoo kan ture aangawaa habashaa ol’aanaa fi ajajaa waraana naannoo Wallaggaa yeroo sanii, Ras Damisee Nasiibuutti iyyanaa dhiheeffatan. Kanarraa ka’uun fincilaa fi mormiin ummata oromoo hamaan dhoohuu shakkanii waraanni nafxanyootaa baayyeen dabalataan akka gara Wallaggaa seenu eega taasifamee booda, mana murtii ol’aanaa dhaddacha Ras Damiseetti dhiheeffamuun himanni qeesootaan irratti baname. Oneesmoosiis ji’a mudde bara 1905 keessa humnaan qabamee dhaddacha Ras Dammisee duratti dhaleeffamuun ragaan itti dhiheeffame.

Qeesoota habashaatiin himannaan Oneesmoos irratti baname kun kan roga amantii qofa irratti xiyyeefatu fakkaata ture. Garuu dubbiin sanii miti. ‘Waatoo jala waatu jira’ jedhamu gubbaarra amantii fakkeessanii, amantaa warra faranjii fide tan jattu dahoo godhachuun kan himatan haa tahuu malee, aaraafi mufiin qeesootaa fi leelliftoota habashootaa guddaan gumaata kitaaba inni saba isaatiif taasisuu, afaan oromootiin barsiisuu fi ummanni oromoo akka if baranii eenyummaa isaanii leellifatan taasisuu isaatiif akka tahe beekkamaa dham Hojiin Oneesmoos hojjatu marti afaan oromootiin tahuu daran, ummanni afaanuma isaaniitiin barachuu, macaafa qulqulluu dubbisuu, wangeela lallabuufi dhageeffachuun kun tarsiimoon afaaniifi amantaa ortodoksii habashaa tan ol aantummaa saba tokkoo dhaadheessuun afaan oromoo hundee irraa jibbituu fi balfitu tan ummata oromoo afaan oromoo qofa beekan irratti humnaan raraa jiran tun akka daftee lafa hin qabanneef gufuu tahuu waan hubataniif himannaa irratti banan ture. Himannaan dhaddachatti dhihaateef yakkamaa taasiftee murtii biraa irratti fudhachisuuf gahaa tahuu baatullee, Oneesmoos wangeela akka hin lallabnee fi afaan oromootiin akka hin barsiifnees ugguramee, gara Naqamtee akka deebi’uuf manni murtii gad lakkise. Gama biraatiin, Raas Damisseen, mootii wallaggaa Kumsaa Moroodaaf xalayaa: “Macaafni qulqulluun kan ummata balleessuufi gara kufaatii geessu waan taheef raabsamuu hin qabu…” jettee akeekkachiiftu erguu madditti, Oneesmoos kitaaba afaan oromootiin barreeffame kana akka ummataa raabsuu waan deeggareefi hayyameef doorsiftu ergeef ture. Himannaan qeesoonni Oneesmoos irratti bananuun murtii uggara barsiisuu fi wangeella lallabuu irra keessisan kun shira jalqabaa eega biyya seene irratti fudhatame tahuus qeessoota habashaa waan garaa hin gahaniif dararri kana qofatti kan irraa goolabamuu hin turre.

Qeesootaafi aanga’oonni habashaas achirraa jalqabanii kan rafanii bulaan hin taane. Shirri biraa kan qeesootaan Oneesmoos irratti raawwatame bataskaana keessaa lallabanii abaaruu fi balaalleeffachuu ture. Dureen phaaphaasii bataskaana ortodoksii Naqamtee, Abuna Maati’oosiin, adooleessaa 1906 maqaa Oneesmoos tuquun abaaree ture. Abaarsi isaanii kun humaa irraa taruu baatullee garuu hordoftoota amantaa ortodoksii biratti akka jibbamu godhuun bakka arganitti maqaa isaa yaamaa arrabsuu, jala deemanii dhagaa itti darbachuu, qabeenya isaa saamuu, manaa jireenyaa fi raga barnoota isaa jalaa gubsiisuun akka balaaf saaxilamu taasisee ture. Kanarraa ka’uun, Raas Damiseen, Oneesmoos shoorarkeessaa akka tahe Minilikiifi abboottii taaytaa ol aanaa habashaatiif Finfinneetti gabaase. Oneesmoosiis qabamee gara finfinnee geeffame. Ammaas murtiin isatti laatame akka warri qeessootaa eeggatee fi Raas Damiseen gabaase hin taane. Minilikiis murtuma wal fakkaataa dadhacha Raas Damiseetiin itti laatame fakkaattu itti murteessee gad lakkise. Afaan oromootiin barsiisuu dhaabee akka daldalaa yookaa qotee bulaa tokkootti hojjatee akka jiraatu itti murteessuun gara Naqamtee deebi’e. Sababa kanarraa, Oneesmoos ijoollee isaatillee akka hin barsiifne dhoorkame. Murtiin habashoonni itti murteessan kun isaafi hojii isaa irrattiis dhiibbaa uumuu daran jireenya isaatiis hubuu hin oolle.

Hojii oneesmoos afaan oromootiin hojjatu akka daftee ummata keessa babbal’attu kan gahee guddaa taphate mootii wallagaa, Kumsaa tahuu waan baraniif hariiroo isaan lamaan jidduu turte hidda muruun hojiin Onesmoos akka goggoogu taasisuuf ammaas warraaqsa jalqaban nafxanyoonni. Aangoo Kumsaan Maroodaa duraan dhimma naannoo isaa irratti mirga murteeffannaa xiqqo qabaachaa ture guutumatti harkaa fuudhanii mootummaa irraas fonqolchanii Wallaga dhunfatanii dhagaa tokkoon simbirroo lama ajjeessuuf karoorfatan. Nafxanyoonni duruma irraa galii guddaa albudaafi qaneenya naannoo konyaa Wallaggaa kan Kumsaan bulfamu irraa argamu guddaa waan taheef harkatti galfachuuf hawwaa waan turaniif, deeggarsa inni Oneesmoosiif taasisu kana sababa godhachuun mootiin mootota Absiiniyaa akka Kumsa aangoo irraa fonqolchee isaan irra kaayu gaafatan. Haa tahuu malee hawwiin isaanii guutumaa guututti milkaa’uuf baattullee, xiqqo raasuu hin oolle. Aangoo irraa fonqolchuu hin baddin malee dinniina xumuraa itti laatamee, taaytaan mirga murteeffannaa irraa mulqame. Kana malees, hariiroo Oneesmoos waliin qabuu akka dhaabu akeekkachiifamee, Kitaaboota Oneesmoos kan duraan ummataaf raabsamees nafxanyaa habashaatiin dirqisiifamee akka funaanu ajajni laatame. Ummata oromoo kan Oneesmoos gargaaraa turan keessaa namoonni gariiniis guuramanii hidhaman. Yeroo kana Kumsaaniis balaa isatti as deemaa jirtu kana sodaatee Oneesmoos irraa fagaachuuf dirqame.

F0C59043-DEC4-4DD3-8C24-6CB518C0DCE0_w640_r1_s_cx0_cy4_cw0Haaluma kanaan Oneesmoos waggoota itti aanan hedduuf osoo saba isaatiif hojjachuu danda’uu, barsiisee ummata isaa xurii wallaalumaa irraa dhiquu danda’uu, osoo afaan isaa guddisuu fi dagaagsuu hawwuu sababa tokko malee uggaramee, waan barate barsiisuuf mirga dhabee sodaa yaaddoo biyya irraa ari’amuu fi shakkii lubbuu dhabuutiin jiraachaa turee, Bara 1916, Lij Iyyaasuun carraa yeroo gabaabaaf aangoo irratti bahuu yoo argatu, Onesmoosiis uggurri irraa kaafamee, hayyamni Wangeela lallabuufi afaan oromootiin barsiisuutiis laatameef. Oneesmoosii fi waaheeloonni isaatiis carraa Lij Iyyaasuun laateef kanatti gammaduun, Oneesmoos mana baruumsa dhiiraa, Asteer Gannoo fi Liidiyaa Dilboo ammoo mana baruumsa dubartootaa Naqamte keessatti bananii barsiisuu jalqaban. Oneesmoosiis hojii isaa saffisaan balbal’isuun mana barnoota dhiiraa Najjoo keessattiis dabalataan bane. Manni barnoota Naqamtee fi Najjoo saffisaan guddachuun, hojiin barnootaas hanga tokko dagaaguu jalqabe. Afaan oromootiin barsiisuu fi kitaaboonni Oneesmoos ammaas haareyatti Wallagga keessatti bal’inaan raabsamuu fi itti fayyadamuuniis jalqabame.

Du’a Minilik booda waggoota muraasaaf habashoonni barcuma teessoo mootichaa dhaaluun nuun mala ja’an, carraa aangoo milkaa’uuf waan ori’aa turaniif, eega Iyyaasuun aangorraa bu’e boodaas carraan afaan oromootiin barsiisuu kun hin dhoorkamne ture. Kanaaf tajaajiltoonni wangeela lallabaniifi bu’ureessitoonni mana barnoota afaan oromoo tahan Oneesmoos faan boqonnaa gaarii fi haala mijjaawaa argatan. Haaluma kanaan manni barnootaa babal’achuun wal qabatee sadarkaa tokkoffaa keessatti afaan oromoo qofaan kennamuu itti fufe. Bara 1924 komishinii ‘pelpis stoke’ kan baha afrikaa daawwate akka gabaasetti, mana barnoota wangeelaa garii keessatti ittiin qajeelfamni afaan oromoo qofa akka taheefi afaan habashaa, amaariffaan kaarikulama barnootichaa keessatti akka hin dabalamin akka ibsee ture ragaa seenaatu mirkansa. Naannoo Wallagga keessatti manneen barnootaa wangeelaa marti qajeelfamni afaan oromoo qofaan hanga dhuma bara 1940’ti laatamaa akka ture ni ibsama. Kanumarraa ka’uun gaafa weerara xaaliyaanii bara 1936 -1941’ti Finfinnee dabalatee irra jireeysa lafa oromoo keessatti qajeelfamni barnootaa afaan oromootiin akka laatamuu hayyamamee turu ragaan seenaa ni mul’isa. Kana malees, professor Gene Gragg, hanga dhuma jaarraa 19ffaatti haala ajaa’ibsiisaa taheen afaan oromoo naannoo Wallaggaatti afaan barruu akka tahee fi mannni barnoota wangeela sadarkaa tokkoffaas afaan oromootiin akka laatamuuf hojiin Oneesmoos hojjate gahee bakka bu’umaa hin qabne akka gumaache ibseeti jira.

Hojiin Oneesmoos lafa oromoo keessatti qofa osoo hin tahin guutuu Impaayera Xoophiyaa keessatti bu’ura barnoota ammayyaa yeroo jalqabaaf hundeeffame akka tahe seenaan ragaa baha. San dura kaka’uumsa namoota dhunfaatiin naannoo gariitti barnoonni al-idilee laatamaa haa turuu malee, Impaayara Xoophiyaa keessatti jalqaba labsiin barnoota hawaasaa Minilikiin bara 1906 ture ifatti kan labsame. Bara 1908’ti, manni barnoota ammayyaa kan jalqabaa maqaa Minilik II’tiin “Degmawi Miniliki timirt bet” jedhamu Finfinnee keessatti baname ture. Oneesmoos, Asteer Gannoo, Daani’eeliifi lammiin Eertiraa Gebre-Ewostaati’oos ja’amuun bara 1898 Boojjiitti manni barnoota idilee akka jalqabame ragaan seenaa ni mul’isa. Manni barnootaa ammayyaa Oneesmoos Najjoo keessatti hundeesse akkuma biyyattiituu kan jalqabaa tahuu daran, mana barnootaa meeshaa deeggarsa barnootaa gahaan guutame akka tahees ragaan ni mirkaneessa. Oneesmoos Nasiib eega gara oromiyaa deebi’ee hojii barsiisuu, wangeela babal’isuu fi lallabuu caalaa, yeroon dheeraa fi humni bal’aan cunqursaa fi himannaa warra habashaatiin kan jalaa qisaasame tahuu daran ammaas, uggura afaan oromootiin kitaba maxxansuu irra kaayamee ture waliin, hojii maxxansaa tokko osoo dhiheessuu hin danda’in hafeeti ture.

img_0831Onesmoos Nasiib osuma ummata isaanii dhabsuu wallaalumaa irraa baasuuf, dukkana doofummaa irraa ibsuuf ciniinnatee fiiguu tasa dhibamee itillee irraatti kufe. Dhibeen itti cimee osoo siree irra ciisuu immoo gaafa wayyaa ofirratti dhaga’e wangeelaas lallabaa turee boodarra umurii isaa wagga 75’tti gaafa Dilbataa, Waxabajjii 21, 1931’tti du’aan addunyaa kana irraa boqote. Guyyaan fuula addunyaa kanarraa hanga dhumaatti shilimse barii Dilbata waan tureef, gariin namaa Onesmoosis Wangeela lallaba ja’anii eegaa akka turan ni himama. Oneesmoos Nasiib, Abbaan Gammachiis, Hiikaa Waajii hayyuun sabaaf quuqamu, hundeessaan barnoota ammayyaa haala kanaan fuula addunyaa irraa godaanee achuma magaalaa Naqamtee keessati awwaallamee. Oneesmoos Nasiib abbaan hojii danuu du’un addunyaa boqotuus hojiin isaanii bara baraan yaadatamaa kan jiraattufi oromoo mara biratti kan mul’attu waan taheef kabajaafi jaalalaan onnee isaanii keessatti awwaalamee jiraata. Oneesmoos Nasiib goota jaarraa hoongawaa, bar-dhibbee dukkanaawaa, bara oromummaa fi afaan keenyaas walumaanu shira nafxanyootaatiin qilee keessa bu’e sanitti, saniifuu afaan oromootiin ifa barnootaa sabaaf gumaache tahuu, hojiin isaa yeroo san bira dabree hanga arraa kan mataa ol nu qabachiise akka tahe dhugaa dagatamuu miti.

Oneesmoos Nasiib yookaa Hiikaa Waajii hayyuu yeroo mara laphee ilmaan oromoo keessatti yaadatamu tahuun, yeroo ammaa siidaan yaadannoo awwalcha isaa magaalaa Naqamtee keessatti ijaaramee jira. Siidaan yaadannoo isaa iddoowwan hambaa seena qabeessa magaalaa Naqamtee qofa osoon tahin Oromiyaan qabdu keessaa tokkoo dha. Eeyyee!, namni sabaaf waa gaarii gumaache du’ee mataan biyyee seensifamullee, maqaafi hojiin isaa gaariin bara baraan kaafamaa, faarfamaa jiraataa mitiire? Kanaaf Onesmoos Nasiibiis Oromoo qofa biratti osoo hin tahin, Kitaaba Waaqeffannaa Luteraanii kan warra Ameerikaa keessatti akka qaalluu yookaa qulqulluutti (saint) galmeeffamuun, bara baraan gaafa Waxabajjii 21 yaadatamee kabajamaa kan oolu tahuu seenaan ni mirkansa. Kana malees Oromiyaa keessattii, Waldaan Makaana Yesuusii mana barumsa Wangeelaa(seminary) isaani kan Finfinnee yaadanno Onesmoosiif maqaa isaatiin kan moggaasan tahuun ni beekkama. Namni seenaa hojjate mataan baduus, maqaan hin badu jachuu kanunaatu mirkaneessaa mitiiree?

Eegaa kabajamtoota dubbiftoota keenya seenaa Onesmoos kutaa sadiin qoodnee isin biraan gahaa turre kanarra waan danuu akka barattaniifi hubannoo gaarii argattaniis abdii qabna. Namni oromoo tahe kamuu amantaa barbaade keessa jiraatee ummata isaatiif gumaata sabummaa gumaachuu akka danda’uus seenaa hayyicha kanaarraa kan hubannee jirru natti fakkaata. Kuni ammoo nuti dhaloonni arraa haala kaleessa itti qarooleen oromoo sabaaf waa gumaachaa keessa dabraanii turan san irra haala fooyya’aa keessa kan jirru tahuun keenya beekkamaa dha. Haa tahuu malee hojii keenyaa fi haala keessa jirru kana yoo kan waliin madaallu tahe dachii samii addaan jiraachuu keenya dhugaa dirree jiru fi namuu ragaa bahuu danda’uu akka tahe beekkamaa dha. Kanaafuu, namni oromoo tahee saba isaatiif dhugaan quuqamu marti gaafii ‘laata an saba kiyyaaf roga kamiiniin waa gumaachuu danda’a? Maaliin dhaloota na boodaa dhaalchisee, mataa kootiifiis seenaa hojjadhee dabruu qaba?’ tan jattu akka if gaafachuun irra jiraatu dhaamsa gabaabaa isiniif kaayaa, Oneesmoos nasiib fi goottan sabaaf waa gumaachanii dabran mara ammoo biyyoon itti haa salphattu, waaqayyoon jannata haa laatuuf jachaa, barruu kootiis kanumaaniin goolaba. Waan hanga xumuraatti na faana turtaniif galatoomaa, Horaa Bulaa!!


Hub: Seenaan kun kitaaba kiyya ‘QOODA GOOTAA’ jedhu kaniin barreessee harkaa qabu keessaa kan fudhatamee dha.

FB_IMG_1440625676163Barreessee dhiheessaan:
Saphaloo Kadiir | Abdulbasit
Teessoon:
Email: ak23873@gmail.com or
saphalookedir@gmail.com
Facebook: www.facebook.com/saphaloo
Mobile no: +254707482480

Beekan Guluma Erena
Follow Me

Beekan Guluma Erena

Beekan is writer, editor, researcher and Afaan Oromoo Instructor at Harvard University.
He wrote more than 30 books in Afaan Oromoo and editing many more Oromo books, magazines and articles. Currently, he writes on his site (beekanguluma.org) and gibetube.com on current issues of Oromo people, culture, education and politics in Oromo.
Beekan Guluma Erena
Follow Me

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa