GUYYAA SEENAA GUDDAA

GUYYAAN GOOTOTA GUYYAA WAADA KEENYA ITTI HAAROOMSINUU DHA!!

[Saphaloo Kadiir irraa]

gootota-oromoo-kan-barayyuuJirra jirtuu kabajamtoota jaalatamtoota ilmaan oromoo qaqqaalii? Baga Guyyaa Gootota Oromoo kan Bara 2016’tiin isin gahe jechaa barruu gabaabduu kana waa’ee kabaja guyyaa goototaa ilaalchisee isiniif qopheesseen jira, hanga xumuraatti na faana bu’aan afeerraa kooti.
Oromiyaan biyya uumamaan badhaatuu, biyyee gabbattuu, qabeenya gurguddaa akka kuufama albudaa danuun faayamteefi beekkamtuu dha. Kanaaf immoo biyya akkana bareeddu tana adawwiin akka itti baayy’attu, diinni hiriiree nyaachuuf gorora cophsaa hamammootu baayyee akka tahe beekkamaa dha. Oromooniis duruma kana waan beekaniif sirna gadaa keessatti sadarkaa guddaafi cimaan Raabaa Doorii jedhamu raayyaa ittisa biyyaa tahee daangaa biyyaa, sirnaa gadaafi ummata Oromoos eegu taasifatan. Saglan yaa’ii (caasaa gurguddoo saglan biyya bulchitu) keessaa tokko Abbaa Duulaa kan taheefiis kanumaafi. Miseensi sadarkaa Raabaa Doorii jiru tokko tooftaa waraanaa mara baratee gahee irraa eegamu bahuuf yeroo mara qophii tahee akkuma miseensa raayyaa humna waraana biyyaa tokkootti kan beekkamu tahuu isaa seenaatu ibsa. Gaafa Oromiyaan if dandeessee, ulaagaa biyyummaa guuttattee jiraachaa turte sanitti daangaa Oromiyaa eeggachuuf, alagaan biraa akka biyyattii hin weerare dhoorkachuuf, alagaa daangaa biyya teenyaa seenuuf wixxifattu waliin Raabaa Dooriin bakka adda addaatti, yeroo adda addaa wal waraansa gaggeessaa akka turan seenaatu ifoomsa. Kanaaf goottan Oromoo qabsoo Oromiyaa irratti kufuun kan jalqabame arraa miti jechuudha.

Gaafa gita bittoonni nafxanyaa lafa Oromoo, Oromiyaa weeraruuf duula oromoo irratti banan saniis gootoonni Oromoo baayyeen bakka adda addaatti diina dura dhaabbachuun injifannoo boonsaa galmeessaa akka turan seenaatu hima. Fakkeenyaaf Oromoon Arsiifi Ituuttiis waraana Minilik yeroo garagaraa injifatanii akka turan seenaatu dubbata. Minilik eega yeroo meeqa oromoon caphe booda tooftaa Oromoo Oromoo irratti jaaruu, Oromoo qabatee Oromoo cabsuu (kan akka Goobanaa Dacee qabatee) fi gargaarsa meeshaa waraana ammayyaa faranjoota irraa argateen fayyadamee malee laaftumatti kan Oromiyaa dhunfate hin turre. Oromoon eega Oromiyaan harka alagaa jalatti kuftees birmadummaa biyya isaanii deebifatanii, bilisummaa ummata oromoo milkeessuuf gurmuuniis tahee bifa bittinaa’een takkaa qabsoorraa rafanii hin bulle. Eeyyee! Goottan Oromoo qabsoo walirraa hin cinne taasisaa turan ammaas taasisaa jiru, hanga kaayyoon ummata oromoo galma geessuttiis goonni oromoo ni qabsaa’a.

AGGO2012_1Qabsoo bifa adda addaan godhamaa turte kana keessattiis dur irraa jalqabee kaayyoo isaanii galmaan gahuuf gootonni oromoo baayyeen kufanii jiran. Gootota akka Oromiyaan harka diinaa jalatti hin kufne eeguuf wareegaman kan akka Bakar Waaree, Leenjisoo Diigaa, Mucee Ahmad Mucee, Yaayyaa Alii Sireefi kkf irraa jalqabee hanga ammaatti gootoota wareegaman qofa yoo tilmaamne miliyoota meeqa caalu. Oromiyaa bobaa ajooytuu alagaa jala baasuuf hanga arraa gootonni Oromoo qaqqaaliin dhiiga facaasanii, lafee cabsanii, foon kukkutanii, lubbuu isaanii takkittiis aarsaa laatanii dhiigaan seenaa galmeessaa hanga arraatti qabsaa’aa turan, fuula duraas hanga Oromiyaan bilisoomtuttiis wareegama qaalii kafaluun itti fufa.

Gootoota kana mara yaadachuufi hojii isaanii wal yaadachiisuu akkasumaas wa’ada isaan lafa kaayan san haaroomsuuf bara 1980 irraa jalqabee wagga waggaan Ebla 15 ‘Guyyaa Gootoota Oromoo’ itti yaadatan tahee Adda Bilisummaa Oromootiin murtaa’ee ilmaan oromootiin kabajamaa, yaadatamaa as gahe. ABO’n Ebla 15 Guyyaa Goototaa tahee akka yaadatamu murteessuun sababa if danda’e qaba. Sababa murteeffamuufi kabajamuu guyyaa goototaa, Ebla 15 ilaalchisee booda itti dhufna, amma yaada warra kabajamuu guyyaa goototaa kana hubannaa hir’uu qaban ykn roga hin taanetti jallisanii hubatan xiqqo irraa dubbachuun barbaada. Namoonni gariin kabaja guyyaa yaadannoo goototaa kana akka ayyaana dhaaba tokkootti hubatan ykn akka ayyaana miseensootaafi deeggartoota ABO tiin qofa kabajamuufi kabajamuu qabuutti hubatan. Warri akkasitti yaadan dhunfaa kootti yeroo baayyees naqunnamanii juru. Dhugaa dubbachuuf guyyaa kana akka kabajamu kan murteesse ABO tahuus, waan inni murteesse qofaaf warri akkasitti hubatan kun baayyee dogoggoranii jiru. Jarri akkasitti yaadan irra baayyeen miseensa dhaaba siyaasaa biraa akka tahaniis qabatamaan ni beeka. Inumaatuu warrii ayyaana guyyaa goototaa kana haareyatti moggaafachuu kajeellaa qabuus hin dhabamu. Namni tokko dhunfaa isaatti ABO deeggaruu dhabuu mirga qaba. Dhaaba fedhees haa deeggaruu. Garuu guyyaa gootota oromoo dur irraa qabsoo oromoo irratti kufan marti itti yaadatamuu kana faalleessuun tahuu hin qabu. Sabni gootota bilisummaa saba isaatiif jecha lubbuu takkittii lagoo hin qabne kenneef dirqama yaadachuu qaba. Kun addunyaa mara keessattuu kan beekkamuu dha.

Warri bilisoomuu qofa osoo hin taane guddina qaroomaatiin fiinxee addunyaa gahan, kan akka Ameerkaatuu guyyaa gootota isii itti yaadattu fi kabajju qabdi. Itoophiyaaniis “Yearbanyuch matasibiya” jechuun kabajatti. Wayyaaneen (TPLF) faan guyyaa gootota isii itti yaadattu qabaachuu bira dabartee harree gaafa qabsoo keessa jiran galaafi rasaasa itti fe’acha turaniifuu siidaa yaadannoo tarree gootota isii waliin ijaarteefi jirti. Nuti garuu siidaa yaadannoo goottan qaqqaaliif ijaaruu dhiisii goototaa kabajuufi yaadachuuf biyya teenya keessatti mirgaafi hayyama dhabne. Wayyaaneen haala kanaan yaadachaa Oromoon akka gootota isii hin yaadanne OPDO nu dirte. Kanaaf biyya teenya keessatti gootota keenya yaadachuun akka yakkaatti ilaalama. Eeyyee! OPDO’n gootota waan hin qabneef guyyaa gootota itti yaadattuus hin qabdu. Miseensa isii kan dhukkubsateefi sammuun dhiphatee du’e malee kan qabsaa’ee du’e waan hin jirreef gootota yaadachuus tahee kabajuus baayyee sodaatti. Kanaaf akka ilmaan oromoo biyya keessatti guyyaa goototaa hin kabajanbe waardiyaa wayyaanee taatee Oromiyaa keessa teessi. Nuti Oromoon akkuma diina danuu qabnuufi gabrummaan umrii dheertuu nurra turtetti gootota qabsoo irratti wareegamaniis baayyee qabna. Ji’a Mudde 2015 hanga ammaatti yeroo ji’a shan hin guunne keessatti gootota gabrummaa didanii fincilaniifi mirga isaanii falmatan 300 oliitu qawwee diinaatiin nurraa wareegame. Fuula dura hanga oromiyaan walaboomtuttiis gootoonni baayyeen akka wareegamuuf jiraatan beekkamaa dha. Kanaaf ilmaan oromoo biyya keessa jiraatan sababa gabrummaatiin gootota keenya yaadachuuf carraa dhabaniis kan daangaa diinaatii ala jiran immoo marti bakka takkaa kabajachuutu nurra jiraata. Sababa hubannaa dhabaatiin akka waan ayyaanni kun kan dhaaba tokkoo qofa taheetti fudhachuun nurra hin jiraatu. Akkuma gootoonni keenya ija wal qixxummaatiin nu ilaaluuf wareegaman guyyaan yaadannoo isaaniitiis ilmaan oromoo maraaf wal qixa guyyaa jabaadha. Guyyaan yaadannoo goototaa oromoo ayyaana gootoota wareegamtoota dhaabaa tokkoo osoo hin tahin ayyaana gootota saba tokkooti. Kanaafuu guyyaan goototaa kan oromoo maraati. Eenyulleen kabajachuufi yaadachuu qaba.

EBLA 15 MAALIIF GUYYAA GOOTOTA TAHEE? GUYYAA GOOTOTAA HOO MAALIIF KABAJANNA?

AGGO2012_1Eega Oromiyaan sirna gita bittaa nafxanyootaa jalatti kufte irraa hanga ammaa bifa bittinaa’eefi gurmiiniis oromoon qabsoo adda addaa gaggeessaa akka turte olitti tuqnee jirra. Qabsoon bifa adda addaa qabattee tarkaanfachaa turte walakeessa bara 1970’moota keessa bifa gurmii akka qabaattu taasisuuf sabboontoonni ilmaan sabaa walitti dhufanii ABO (Adda Bilisummaa Oromoo) hundeessanii, ilmaan Oromootiis tuuttoo walitti qabanii Oromiyaa walaboomsuuf, ummata Oromoos bilisoomsuuf qabsoo hidhannoo jalqaban. Qabsoon ABO’n hogganamtuus sirna qabattee bittinaa’iinsa oromoo san haqaartee bifa ajaa’ibsiisaan finiinuu jalqabde. Osuma haala addaatiin tarkaanfachaa jiranii walakkeessa bara 1978 irraa kaasee haga dhuma 1979’tti haalli rakkisaa tahe tokko ABO mudata. Yeroon kun goolabbii lola mootummaa Somaliyaafi Xoophiyaa jiddutti taasifamaa tureeti. Mootummaan Dergii kan humna waraanaatiin hogganamuufi sadarkaa addunyaaleessaa tahuu hin baddin malee sadarkaa Afrikkaatti sodaatamu kun ol aantummaa isaatiin waraana Ziyaad Barree eega injifatee booda humna isaa gara ABO deebisuutti deebifate.

Dargiin, humna waraana ABO qaccee reefu biqilaa jiru dhabamsiisuuf humna waraana isaa awwaannisa san irratti bobbaasee duula wal irraa hin cinnee irratti bane. Waraanni Bilisummaa Oromoo biqila qaccee tahuus awwaannisa Dargii kana jalaa dandamachuuf duula cicimaa seene. Waraanni leenjii waraanummaa gahaa fudhatee, meeshaa waraanaa ammayyaa hanga funyaaniitti hidhate warannii Dergii, waraana reefu ijaarame kan baayyinni isaa muraasaa, kan leenjii fi meeshaa waraanaa gahaa hin qabne WBO irratti yoo lola banu ABO’n ni hafti kan jedhee hin jiru. Biqila reefu margu hoomaan awwaanisa gammoojjii wayta irra qubatu eenyuutu balaa irraa dandamate deebi’ee ayaa taha je’ee shakkaree? Tahuus garuu dubbiin waraana Dergiifi WBO faallaa taate. WBO’n (Waraanni Bilisummaa Oromoo) kan gootota onnee ibiddaa muraasaan ijaarame waraana Dargii kan baayyinaafi humni isaa gita hin qabne waliin lola seenee afaan qabachiise. Hanga fedhe baayyatuus, hangam gaafa qara qabaatuus hoomaan gafarsa garee leenca yoom mohaatee beeka? Leencoonni Waraana Bilisummaa Oromoo hoomaa gafarsa waraana Dargii gatii isaa kenneefi if irraa qolatee. Leenci kudhan gafarsa kuma yoo ajjeesse yeroof humni isaa laaffachuun hin oolu waan taheef WBO’niis yeroof humni isaa bututee, qunnamtiin isaa addaan cituun shakkiin dhaabni kun ni faca’uu hin oolu jedhu nama baayyee keessatti umee turullee, qabsoon haqaa yoomillee ni injifatti waan taheef wal waraansa hadhaawaafi ulfaataa booda duula Dargii eega of irraa deebisan. San booda gootonni WBO walitti dhufuun Amajjii 1, 1980 ayyaana guddaa injifannoo ayyaaneffatan.

Baruma 1980 keessa humna ABO haarayatti cimsuufi injifannoo gama waraanaatiin argamees itti fufsiisuuf eega mari’atan booda caaseeffama isaaniis bal’ifachuuf akka barbaachisu murtii irra gahame. Haala mijjawaa kanatti fayyadamuun hoggantoonni ABO biyya keessaa fi alaa jiran qaamaan walitti dhufanii dhimma jaarmaya dhaabaa irratti murtii tokkorra gahan. Humna horachuufi tumsa argachuuf mootummaa Somaliyaa irratti hojjachuun barbaachisaa tahuufi Moqaadhishootti waajjirri ABO akka banamuu qabuus irratti waliigalame. Haaluma kanaan hogganoota ABO keessaa jilli miseensa nama 10 qabu tokko kan Dura Bu’aa fi I/Aanaan Dura Bu’aa dhaabbichaas keessatti argaman tokko ijaaramee akka gara Moqaadishoo imalan murtaa’e. Jaallan jilaaf gara Soomaliyaa imalaaniis: Jaal Barisoo Wabee (Magarsaa Barii), Jaal Gadaa Gammadaa (Damisee Tacaanee), Jaal Abbaa Xiiqii (Abboomaa Mitikku), Jaal Dori Bari (Yigazu Banti), Jaal Falmataa /Umar/Caccabsaa, Jaal Faafam Dooyyoo, Jaal Irra’anaa Qacalee (Obbo Dhinsaa), Jaal Dhadacha Boroo, Jaal Daddacha Muldhataa, Jaal Marii Galaan faa dha.

Jaallan ergama dhaabaa fudhatanii imalaa jiran kun amna isaanii itti fufuudhaan gammojjii Ogaadeen bakka Shinniggaa jedhamu yeroo gahan haalli isaan hin eegne tokko mudate. Hambaa humna waraana Somaliyaa kan biyya saamuu fi jeequ ‘shiftoota’ iddoo san maadheeffatee jiru harka osoo hin beekin seenan. Shiftoonni kun jila ABO kana maqaa amantaan gargar foo’anii gatuuf yaadanii “Warri kiristaanaa taatan gam tokkotti, warri islama taatan immoo gama biraatti bahaa” ja’aniin. Jaallan dhaloota irraa onnee gootummaan guutteen dhalataanii sammuu oromummaan dheengiyyamte qabatanii guddatan, jaallan ganamaan jechaafi gochi isaanii jaalala sabaatiin badhaafame kun garuu deebiin isaan laatan “Nuti Oromoodha, amantiifi gosaan adda hin baanu, Duunuus waliini, baanuus walumaani” tan jettuun gargar fooyamuu didan. Shiftoonni uffata irraa baasanii, harkaafi miila walitti hidhanii, rarraasanii cafaqanii gar malee dararaniis deebiin gootota oromoo takkuma. Eeyyee! Hidda dhalootaa kan ganama rabbiin obbolummaa dhiigaaf lafeetiin walitti hidhe yeroo ilmi namaa amantiif kutaan addaan foo’ee ajjeesuuf yaadu sodaa lubbuuf jedhanii akkamitti adda bahiinsa tole jedhanii fudhaturee? Shiftoonni Soomaalii kuniis jaallan hogganoota ABO kun addaan wal baasuu diduu isaanii hubannaan Ebla 15, 1980’tti bakkuma takkatti, yeruma takka ajjeessanii feerdoo (boolla) tokkotti awwaalaman.

Jaallan qaqqaaliin surriin sammuu, foon onnee, lafeen qaama utubde, hiddi dhiigaa qaama keessa marsuufi foon qaama isaanii uwwise marti Oromummaa dhugaa qulqulluu irraa ijaarame kun akkuma yeroo fayyaa amantii, gosaafi kutaan addaan hin baanu nuti tokko ja’anii tokkummaan dhaadachaa, gamtooma leellisaa turan san eega wareegamaniis reeffi isaanii feerdoo takkatti ciracha gammoojjii Ogaadeen uwwifame. Goottan dhugaa irratti dhugaaf wareegaman kun gammoojjii Shinniggaa keessatti awwaalamaniis garuu sammuu teenya keessatti dhaamsaafi wa’ada cimaa kaayanii, onnee ilmaan oromoo hunda keessatti siidaa yaadannoo guddaa jaarratanii dabran. Namni kaayyoo takkaaf bahe qabriin isaaniis takka tahuu mirkaneessan. Tokkummaan ummata Oromoo amantiifi gosaan, kutaafi lagaan kan adda hin baafne tahuus jaallan keenya qaqqaaliin ciracha Ogaadeen keessatti Ebla 15, 1980 dhiigaan mallatteessanii nuuf mirkaneessan. ABO’niis sababa kana irraa ka’uudhaan gootota Oromoo dur irraa jalqabee warra Oromoof je’ee wareegame mara ittiin yaadachuuf, Elba 15 Guyyaa Gootota Oromoo jedhee moggaasee.

Kanaaf Ebla 15, 1980 irraa eegalee Guyyaa Gootota Oromoo tahee waggaa waggaan kabajamaa fi yaadatamaa as gahe. Garuu maaliif kabajna? Kun gaafii eenyulleen if gaafachuu qabuudha. Gootoota yaadachuuf guyyaa kana walitti dhufnee faarsinee, dhaadheessinee, dungoo qabsiifnee, wacnee, dhiichifnee addaan galuu qofaa miti kan kabajnuufi gootota yaadannuuf. Kaayyoo gootonni Oromoo kaleessa wareegamaniif haaroomsuuf, dhaamsa isaan dhaloota arraatiif kaayan wal yaadachiisuuf, tokkummaa jaallan keenya qaqqaaliin Ebla 15 dhiigaan cirracha Ogaaden irratti barreessan san yaadachuu qofa osoon taane hojiin mirkaneessuufi kaayyoo sabboontoonni Oromoo dabran wareegamaniif tan dhiiga isaaniitiin irbuu nu naqan san galmaan gahuuf waadaa seenne guyyaa itti haaromsuu dha. Gootoonni keenya durii hanga ammaa Oromiyaa bilisoomsanii oromoo abbaa biyyaa taasisuuf kaayyeeffatanii qabsootti seenanii tokkummaa faarsaa, akka tokko taanee diina injifannuus wa’ada nu seensinaa wareegaman. Nuti immoo ilaalcha siyaasaa, amantii, gosa, kutaafi lagaan wal qaanxeessinee irbuu goottan kaleessaa cabsaa jirra. Wareegamtoonni Ebla 15 bara 1980 Ogaaden keessatti Islaamaafi Kiristaanatti addaa bahuu diddaaf utubaa tokkummaa Oromoo qabatanii, faajjii tokkummaa ibsachaa boolla takkatti galan. Nuti ammoo arra osoo kaayyoo takka qabnuu ilaalchoota xixiqqaafi faaydaa dhunfaa keenyaatiif jecha dantaa sabaa diignee, bakka dhibbatti hiramnee irbuu goottan kaleessaas nyaachaa jirra. Kun nuuf fafa gurraattii dha.

Gabaabumatti kabaja guyyaa goototaa kan baranaa wanti adda godhu baayyeedha. Barana sochiin warraaqsa dhaloota qubee waan tokkummaa kaleessaa san yaadatan namatti fakkaata. Tokkummaan cimee, onneen muugdee turte onnattee kaabaa kibbaa, bahaa dhihaa qeerroon biyya isii falmachaa jirtu tokkummaa fi gootummaa kaleessaa mirkaneessaa jiru. Ilmaan oromoo harka duwwaa mootummaa abbaa irree kan meeshaa lolaa mataa mancetti hidhatee jiru dura dhaabbachuun akka muka bubbeen raaftetti hungufuun hidda isaa cicciruu danda’anii jiran. Kun tokkummaa akka jaallan irratti waraagamanii san deebi’uu isii kan nuuf mirkaneessu qofa osoo hin taane jala bultiin bilisummaas dhihaachuu nutti mul’isa. Haaluma kanaan irree tokkummaa cimsannee bakka takkaa yoo hiriirre harka duwwaa qabsooynuus yeroo dhihotti injifannoo cululuuyxuu akka galmeessinu nuuf mirkaneessa. Garaagarummaa tokkummaafi diigamuun qabdu nutti mul’isee tokkummaan keenya qofti hidhannoo guddoo akka tahe asxaa nutti agarsiisee jira. Kanaaf guyyaa gootota baranaa yoo kabajnuus kallattii fuula duraa tilmaammachuufi akkamitti dafnee akka galma geenyu mari’achuu irratti xiyyeeffachuun gaarii dha jedheen yaada. Kaayyoo kaleessa goottan nu dhaalchisan galmaan ga’uuf, yeroo gabaabatti gumaa dhiiga goottan keenya bilisummaan baasuuf kan wa’ada keenya itti haaroomsinuufi ilaalcha tokkummaa daran dagaagsinee injifannoon bilisummaa oromiyaa badhaasuuf kan itti if qopheessinu tahuu qaba. Guyyaa Goototaa kabajachuufi gootota yaadachuun daandii isaan saaqan irra hanga xumuraatti imaluuf guyyaa wa’ada Oromummaa itti haaroomfannuu dha. Kanaaf barri baranaa kan injifannoo dachaa nuuf haa tahuu jechaan dhaamsa koo guduunfa, isiniis hanga dhumaatti na faana turuu keessaniif galanni bilisummaa dha. Galatoomaa! Horaa Bulaa!!

FB_IMG_1440625676163

[ #Saphaloo_Kadiir | Abdulbasit ]
Ebla, 15, 2016

Beekan Guluma Erena
Follow Me

Beekan Guluma Erena

Beekan is writer, editor, researcher and Afaan Oromoo Instructor at Harvard University.
He wrote more than 30 books in Afaan Oromoo and editing many more Oromo books, magazines and articles. Currently, he writes on his site (beekanguluma.org) and gibetube.com on current issues of Oromo people, culture, education and politics in Oromo.
Beekan Guluma Erena
Follow Me

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa