BULCHITOONNI IMPAAYERA ITOOPHIYAA EENYUU?

Bulchooti Impayera Itophiyaa Eenyu?

Ibsaa Guutamaa’ Irraa
13043705_1172862696091208_5007672124035906606_nWaa’ee mootummaa Itophiyaa yoo haasofnu moototaa fi ummata gargar baafnee ilaallu malee fakkatii qulqull arguu hin dandeenyu. Ummatichi hojjetaa cimaa fi kan Waaqa sodaatu. Kan qananii bulchootaa dafqaa fi dhiiga saaniin eeganii; hogbarruu, ogina fi hojii harka misomsuun seenaan akka hin irraanfanne ol kaa’an isaan tahaniyyuu, mootota saaniin takkaa akka bilisaa fi abbaa biyyaatt ilaalamanii hin beekan.Hooda waabeekota biyyoota alaafi sadoo isaaniinuumameefiin tahitaan moototaa kan hin tuqamne tahe. Kanaanis bulcha fi bu’aa biyyattiin laachuu dandeessu halagaa waliin hirmatan.Ummati akka jarri itt himanitt, barbaachisummaa mootii, amantee fi biyyaa du’uu fudhatan. Karaa fagoo, kan itt himangaaffii malee fudhata fi du’aafii, falfalli irra marfamuu utuu hin barin dhufan.Akka moototi saanii bulchaa fi bu’aa biyyattiin argamsiiftu humna halagaa waliin hirmatan hin barre.Halagooti kunHabashaa boonaa fi boontuun kan garaa saaniitii tuffatan turani. Akka dhugaa deemaa jiru irrra golgamaniif moototis boona sanani jajjabeessu. Habashaan murnoota wayyaba lamatt hiramu, Amaaraa fi Tigrawayi.Bara hedduuf murna Amaaraatu bulcha keessatt qooda fudhata.Si’ana murna bucuu Tigrawaayitu kooricha Hirmata.


Moototi dhaloota biyyaa tahan kan angoorra turan hamma kilillee jara alaan sirbuu dandahanitt. Kililleen akkasi ummataan ifatt hin dhagahamani.Namooti alaa jalqaba Teedros aangoo akka qabatu tolchanii ajaja diduu yoo eegalu aangoo irraa finqilachisan.Yohaannis Masiriigargaaruu fi Minilik ol ka’aa jiruubakka saa buusuuf jedhamee Matammaatt gorfame achitt hafe.Iyyaasuun gochaan walaba tahuu agarissuu saaf,keessaayyuu Somaalota imepriyalistoota ofirra ittisuuf socha’aa turan gargaaruu yaale jedhamee finqilcha finnaa shira jara angoo hirmatuun qophaaween gara galfame.Jarumti kun Tafarii gargaaruun bakka saa buusan.Bara Xaaliyaaniin mo’amtesjaalbiyyoota biyya saanii walaba baaasan irratt Britaniyaanfiddee irratt feete. Akkasumas Oromoo isa irraa akka oolchitu qondaaloti olhaanoon see utuu iyyanii diddee jala galchite. Dulluma keessa Tafariin (Haayila Sillaaseen) dhiibbaa keessaa gad qabuu dadhabuun kalchoota saa jara Dhihaan gatame.Mangistuu guddifataan saa, isa hafee ofuu gargaaruu waan dadhabeef deemuutu irra ture. Wayyaaneen kan simatameef saba bucuu keessaa tahuun dhaloota biyyaa irraa fudhatama waan hin arganneef aanga’oota olhaanoon salphaatt dorsifamuu dandaha;kanaaf simatame. Halagaan walirratt hirkachuun saa kanneen isa duraa caalaa ifaa dha. Hangaa tajaajila saa hin hanqisnett ummati bulchu akka itt hin kaane eegumsa ni kennuuf. Hariiroon wal irratt hirkachuu jara alaa waliin qabu kanneen isa duraa caalaa ifaa dha.


Hoodaa fi sammu dhiqaa gargaarsa alaan diriirsaniin,ummati hoomaankan aangoott olbahe hundaf akka sarmu taasisan. Finnichi wagoota kuma sadiif jiraate yoo jedhaman kan mame hin turre; hardhallee kan sanatt amanan jiru. Garuu bara warraaqsa iyyaatii kana dhugaan ifatt afamtee jirti. Amma kan ummata ukkamsee qabuu dandahu hooda utuu hin tahin aangoo qofa. Akkuma dur kan murnooti fedha qaban hooda homishuu fi hojitt hiikuu gargaaran turan, si’anas fedha qabeessoti alaa kan sobaa fi daguu homishanii dhossuu gargaaran jiru. Manguddoo Habashaa tokko, “zawudii” fi qawween akka empayrittii walitt qabaa jiruu fi yoo qawween harka bu’ee fi innis hin jirre ummati bulcha keessatt qooda hin fudhachifamu taanaan rakkinatu umama jedhee gorse.Gartuu golgaa duubaa abdatee gorsicha hin fudhanne.Garuu jarri waan gataniif bulchi Habashaa ilkaan sosso’e tahee hafe.


Barri kun bara beekumsi ilmoo namaa hedduu guddate waan taheef salphaatt nama gowwoomsuun hin dandahamu. Hunda yoo tahuu baatanillee baqqanni hawaasaa moototaa addunyaan walqixee teknolojii iyyaatii argatan jiru. Fakmishoon damboobsa malbulchaa kan duriin walfakaataan amma hin hojjetu. Qoteebulooti Habashaa sodachisa hamajaajiinamantee hin qabnee, gulummaa fi niitii kee sirraa fudhatuu fi amantee kee mancaasu” sitt dhufaa jira jedhun ittisaa fi boojuuf hiriirfama turan. Kun hundi si’ana sababa hiriirsuuf nama ittiin kakaasan tahuu hin dandahani. Moototi Habashaa Galmistaanni tokko, Ortodoxii Kopt kan dhuunfaa taheef hin jiru; gareen adda addaa hawaasicha keessa akkuma Ortodoxiin jara kaan godhe loowanii galaniiru. “Gabri Musilimaa” laaqichi addatt waan hin mullaneef si’achi akka meeshaa dorsisaatt dhimma baasuu hin dandahu.Of harka tursuu hatahuu gaddhiisuun lafa kolonootaa rakkina kanneen dhimma itt bahaa turanii, moototaa fi warroota bu’aa keessaa argataniitii (harcaatuu NafxanyaaFinfinneen faaya handhuuraa bareedina Oromiyaatii.Jiraattoti Eenyu akka isbulchu utuu hin tahin seeran bulbaata barbaadu.Magaalattiin magaalaa godaantuutii.Erga ijaaramtee lubbuu fi qabeenya saaniif nageenya argatanii hin beekanii.Oromiyaan yeroo hin beekamnee kaasee seeran bulummaan beekamuun hunda caalaa abdachiisaa dha.


Afrikaanoti karisummaan hanga yoonaa waan hin beekamneen tumsa alaa walitt guuruufsababa hin tahu.Keessattuu, Oromoon amantee kamiiyyuu keessa haa tahanii danda’uu fi obsaan beekamoo dha.Hawwaa fi boonni gatii hin baafne qotee buloota Habashaatt hudumame yeroon irraa waan darbeef namoota kolonii akka gadgaloo fi dabeessotaatt ilaaluuf sababa hin qabani.Suduudaan ilaaluufcarraa waan argataniif mootota saanii soba buusisuu dandahu.Isaan dhaloota Afrikaa taraa keessaa tokkumaa.Ifaajjee yeroon itt darbe kolonoota too’annaa jalatt hambisuuf yeroo fixuu irra, Habashaan ummata saanii bilisoomssuuf jabaatanii yoo qabsaawan wayya. Yeroo Biyyi Habashaa baduuf dorsifamaa jiru kana, biyya fi mirga ummatoota biraa irratt ija babaasuunofumaa dhama’uu dha. Birmadummaan kolonotaa birmadummaa koloneeffataa akka fidu mamiin hin jiru.Amaarri kanneen Wayyaanee fakkaatan akka itt qabu dudhaan beeka.Beekumsi yoo deebi’eef ummatoota kolonota ofii akka obbolaa Afriikaanotaa fi olloota barabaraatt ilaaluu eegalu.


Surraan dhimma hin baasne laalaa roorrisaan nama irraan gahu jalaa nama hin baasuu. Boonni guddina teknolojiin, bulcha nagaa fi demokraatawaa fi homishaawa irraa malee, seenaa bara kuma sadiyii hardhaaf dhimma hin baafne himachuun miti. Kummi sadii caalaattu silaa seenaa Oromooti.Seenaa keenya maaf himattus namaan hin jennu.Utuu gatii baasaaf tahe Oromoon seenaa piiramidii Kuusaa ka’ee hanga jigaa Zimbaabwee himachuutt gad taaha ture. Jarri sun barasaaniif malee hardhaf dhimma hin baasanii.Hundu si’ana ummata addaa jala jiru, nuti hoduu saaniitt hafne.Boona konkaa malee mishooma maalii nuuf qabu? Amma kan dhimma baasu nageenyaa fi dandeettii hoomishuu dhaloota ammaatii. Barri kaan keenya gaga’amtoota, kaan keenyammoo dabsataa godhe ni sokkee. Yoo nagaan jiraannee misoomuu feena tahe hundi keenya eenyummaa walii beeknu qabna.Tokko tokkoon keenya waan ofii taane malee waan kanneern biroo akka taanu fedhan miti. Barri ammaa bara dammaqinaatii. Oromoon akka turett itt fufuu hin sarmu.Yeroon amma jiru waan dansatt jijjiiramuu qaba.Dansi waan isaan tahuu fedhanii.Laalaa wal irraa hin citne jala jiraachuu irraa du’a filataa jiru.Kan isaan waliin dubbachuu barbaadu waa’ee ashkaroota gaaddisoota kolonii darbanii fi kanneen amma ashakrii tahuuf foolatanii utuu hin tahin, waa’ee warraaqsa fi warraaqxota saanii hardhaa qofa itt kaasuu qabu.


Waant halle akka jirutt hafuu irratt giti bulchituu fi kalchooti saanii waan dandahan hunda godhaa dhufani. Kanneen isaanii kalchan gara caaluu Awuropaa fi Amerkaniin dudhaa bara imperiyalism itt fufuun,Oromiyaa akka naannaa dhiibba itt godhatan seerawaatt too’achuu gargaraniin. Biyya keessatt bulchi harka waljijjiiruun yeros fedha impriyalistootaa hardhas fedha korporeeshina saba qari’aas hin jijjiirre. Akkasitt fedha Wayyaanee fi kan saanii walkeessatt foo’amee qabsoo bilisummaaf gargar baasuun rakkisaa kan tahe.
Wayyaaneen diinagdee fi gabaa empayeraa gaddhiisaa isaanii gochuun, gargarsa karaa hallee lolata, malbeekii, bulchaa fi bajeta biyyaallee kan dabalatu argateef malee Oromiyaa of jalatt too’achuu hin dandahu ture. Kanaaf diingadeen harka keettota halagaa yartuu fi korporeshinoota sabgidduu fi dureeyyii abbatokkee keessatt cunqeeffame.Ummatooti buqqa’uu fi bulchabadiin deeganii jiru.Bonni walirraa hin citne beelatt geessee jira.Hiyyuma kanaan dura argamee hin beekne gahuyyuu dhaaboti horoo Itophiyaan siinsa dachaan guddachuu see hodeessu. Sun bulchabadaa fi roorroo mirga ilmoo namaa irra gahu golguuf kan godhamaa jiru.


Ummati kana caalaa roorroo fi ba’aa irratt fe’ame baachuu hin dandeenye.Birmadummaa fi abbaa biyyummaa saaniif ka’anii ijajjani.Keessaammoo mormiin Oromiyaa guutummaa irra lola’e mootummaa seera hin qabnee fi garee saa qofa utuu hin tahin ummatoota empayerittii fi ummata addunyaa mirga ilmoo namaaf dhaabbatan hunda malalchiisee. Haleellaan mirga irratt tolfame qullaadhaabbannaan, gareen bulchichaa utuu hin hafin kun “fokkuu dha” jedhanii akka gibira baasota saaniin hin komatamne iyyuutt ka’an. Sana kan tolchan yeroof yaada namaa tamsaasuuf malee keessaa US fi Eunutuu Oromoo fi ummatoota biraa irratt fixiqaccee itt fufa jiru waliigaltee ittisaa fi michoomaa mootumichawaliin gochuun yeroo itt hin fudhanne. Dhuguma, daa’immanii fi dubartoota ulfa ajjeesuu saatiif utuu hin tahin akeeka waldhaa qabaachuu saanii saaxiluu saaf Wayyaaneett aaruu hin oolee.Naahoo ergamtuu saanii irraa bu’aa xinnoo naanichaa argatanii jedhanii lubbuu namaa fittee irra jiru, giroo dhabuu taha.Billaacha ijoolleen ariituuf dubbiin waa’ee du’aaf jireenyaati; ijoollettiif garuu taphaa.Kanaaf “Billaachaa nafaa, ijoollee tapha jedhamaa”. Gargaarsi Wayyaanee kennan Oromoof akka sabaatt dhumiisa tahuubeekuu qabuu. Wayyaaneen daa’imaa fi namoota baratan foo’ee akka Oromoon hoggansa hin baafanneef egeree hin qabaannett ajjeesaa jiraa.Namooma jedhame karaa dandahamee hundaan dhaabbachiifamuu qaba.


Akkuma jennee mootummaan Itophiyaa ummata saanii fi kolonoota kophaa moo’anii hin beekanii. Yeroo halle harki alaa isaan masaku jira. Kanaaf cunqurfamootii fi kanneen koloneeffaman kan lola gaggeessan, tuutaa halle dhuunfatoota Habashaa fi deggertoota alaa of keessaa qabu waliinii. Tuuti sun bulchaa empayera Itophiyaa isa dhugaati.Oromiyaa keesatt akka jedhamu, nama xaranga’aa tokkotu ture. Xaranga’ichi qabeenya namoota biraa hatuu fi saamuun jiraataa ture.Al tokko sangaa ollaa hatee qalatee nyaatee.Iyyi iyya dabarsi jennaan, nammi yaa’ee sangaa yeroo barbaadu namichi sodaatamaa waan tureef fana balleesuuf gara inni isaan masaku qofa dhaqu turani.Yero biraa sangaan kee argamee jedhamee gaafatamnaan “kan qalatee nyaate waliin barbaadaa oolee attamittin argadhaa” jedhe jedhamaa; namichi hatuu coraa saatu itt himee.


Gaaga’amtoota balaa Itophiyaa irras sanatu gahe. Qaamota sabgidduu,kan balaan sun deggersa isaanii malee hin dhaqabnett iyyataa jiru. Jarris waan gaaga’amtoota mararfatan fakeessaa hamma dandahame faana fixaqacee balleessuu yaalu.Imimmaan sobaa isaan lolaasaniin eenyuu gowwoomfamuu hin qabu; qabsoo ofii irratt hirkatanii fedha saanii ija hin qabne irraa mucuceessuu yaaluu dha.Kana malee isaan mootummaa dhaa mootummaanis isaanii.Yoomuu of tuffachuu miti.Isaan kana caalaa karoorfataa jiruu; harka Afrikaatiin Afrikaa rukutuuf carraaquu.Kanaafis keettoo keessatt dhimma bahu.Akka ummataatt baraaramuuf hanga yoonaa qabsaawaa as geenye. Guddinni baaqulleessaa addunyaa mandara tokko godha nuun jedhuu;sana misoommi waan fiduu dandahuuf dhowwuu hin dandeenyu. Garuu qabsoo hunda haammataa goonuun qooda keenya keessaa argachuuf tattaafachuu qabna.Harka kennuun du’a; kanneen sana duunee haa eegnu jedhan dhageeffachuu miti.


Kanneen birmadummaaf lolatan jalqaba of irratt hirkachuu qabu. Akka Oromoon jedhutt “Kan malli kuffise waraanni kokkee kuta”. Kanneen jibba qaban irraallee malbeeki qayyabannoo argamsiisuu ni dandaha. Jaarraa lamaan dura Lord Palmerison “Sabooti fedha dhaabbataa malee ibantaa dhaabbataa hin qaban” kan jedhe, hardhas yaada jara Dhihaaf dhimma baasaa jira. Kanneen amma cuqurfamaa jiran annisaa fedha jedhame kanaa qayyabatanii imaammata malbeekii saanii akka sana gargaarutt yayyabachuu qabu. Haa tahu malee homtuu murannoo fi dudhama manii duubbee cimaa barbaachisu irra durfannoo kan qabu hin jiru. Murni dhoofsisa saba Oromoo ilaalu irratt qooda fudhatu hundee gadi fagoo sochii Oromoo amma deemaa jiru keessaa qabaachuutu eegama. Kan waan qaban gad dhiisanii fi baqattooti eenyuufuu irbuu saanii fiixaan baasuu hin dandahani. Murna hundee gadfagoo qabu qofatu kan jedhu bakkaan gahuun hariiroo dansa murnoota fedhaa hundaf mirkaneessuu dandaha. Aanga’ooti Wayyaaneett rakoo hin qallee kanaaf gaddhiisisuun dandahamuu qaba.Sana malee qabsoon hanga isaan ajjeesuu balfanitt yk Oromtichi inni dhumaa gocha itt haanuuf harka adda irratt qaxaamurfate gad buusutt qabsoon itt fufa. Injifannoon gaga’amtootaaf! Oromiyaan ni birmadoomti!
Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutamaa- Ebla 2016

Beekan Guluma Erena
Follow Me

Beekan Guluma Erena

Beekan is writer, editor, researcher and Afaan Oromoo Instructor at Harvard University.
He wrote more than 30 books in Afaan Oromoo and editing many more Oromo books, magazines and articles. Currently, he writes on his site (beekanguluma.org) and gibetube.com on current issues of Oromo people, culture, education and politics in Oromo.
Beekan Guluma Erena
Follow Me

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa