HOJIILEE ONESMOOS NASIIB GUMAACHE: Kutaa 2ffaa

HOJIILEE ONESMOOS NASIIB GUMAACHE:
Kutaa 2ffaa

Onesimos NesibOneesmoos Nasiib hayyuu hojii baayyee guddina afaanii fi saba oromootiif hojjate akka tahe dhugaa dhokatu miti. Kan amantaas tahee kan amantaan alaa yookaa hojii hogbarruu sabaa kan guddinaafi dagaagina afaan oromoof tinnisa laatan kan hangana hin ja’amne gummaachanii jiran. Keessattuu, bara 1885 hanga 1898 ti waytii haala ajaa’ibsiisaan kitaabootaa baayyee maxxansee dha. Waggoota 13 keessatti kitaaboota torba gara afaan Oromootti hiikee maxxanse. Gumaata inni afaanii fi saba oromootiif laatan laatan keessaa tokko galmee jechootaa afaan Siwiidiin gara afaan Oromoo hiiku (Oromo – Swedish dictionary) kan hiikkaa jechootaa kuma 6 ol qabu dha. Kana malees bara 1894 kitaaba hogbarruu “Jalqaba Barsiisaa” ja’uu maxxansee ture. Irra jireeysi qabiyyee kitaaba kanaa hojii Aster Gannoo yoo tahu, fuula 174 kan qabuufi kuufama jechootaa 3600 dabalatee, Weedduu ykn faaruu tiiysitee, Ururuu (faaruu sossoba daa’imani), Weeddu Jaalalaaa, Makmaaksa, Durii-Durii, Hibboo,Tapha Ijoollee, Weeddu Ateetee, Geerarsa, Weedduu Cidhaa fi kkf baayyinaan 79 tahan kan hammatu akka tahe raga seenaatu addeessa.

Oneesmoos kitaabni gara afaan Oromootti hiike kan biraa kitaaba xiqqa faaruu amantaa ‘Galata waaqayyoo Gooftaa Maccaa’ jadhamu yoo tahu, bara 1886 Mankullotti mana maxxansaa mishinarariitti maxxanfame. Kitaabni kun yeroo lammafaaf fooyya’ee bara 1894 irra deebi’amee maxxanfamuu isaa ragaan seenaa ni mul’isa. Kitaabni faaruu Galata waaqayyoo gooftaa maccaa ja’u kun gaafas irraa jalqabee waggaa dheeraaf mana amantii wangeelaa keessatti fi hordoftoota amantaatiif tajaajila kennaa kan ture tahuu ni himama. Kitaabni Oneesmoos maxxanse kan biraa kitaaba gara afaan Oromootti hiike ‘Kakuu Haaraa’ kan jadhamu yoo tahu, kan maxxanfame bara 1893 ti. Hojiin guddaafi hangafni Oneesmoos gumaachan keessaa kan ittiin beekkamu fi Aster Gannoo waliin hojjatan akkuma olitti tuqne, Macaafa Qulqulluu afaan oromootti hiikuu dha. Macaafni qulqulluun guutumatti eega gara afaan Oromootti hiikamee xumuramee booda bara 1899 biyya Siwiizlaandiitti maxxanfame. Oneesmoosiis yeroo kana haal-duree gulaalaa kitaabichaa hordofuufi adeemsa maxxansa isaatiis abbummaan to’achuuf gara biyya Awroppaa deemee ji’a 9’iif biyya Siwiizlaandi akka turee seenaan ni ifoomsa.

Oneesmoos Nasiib eega Macaafa qulqulluu maxxansee boodaas hojii isaa ittuma fufee, baruma san keessa kitaaboota lama gara afaan oromootti hiikuun maxxansee ture. Kitaaboota kana keessaa tokko kitaaba namni Luzer ja’amu mata duree kateekizim jachuun barreesse, Oneesmoos ammoo mata duree Kaateekismoos ja’uun akkasumaas, kitaaba ‘Man’s heart’ ja’amu kan namni John Buniyaan ja’amu barreesse mata duree ‘Garaan Namaa Mana Waaqayyoo Yookiis Iddoo Bultii Seexaanaa’ ja’uun hiikee maxxanse. Kana malees Asteer Gannoo waliin kitaaba tokko maqaa ‘Si’a Lama Oduu Shantamii Lama’ ja’uun afaan oromoo hiikanii maxxansanii kan turan tahuu raga seenaarraa hubannee jirra.

Oneesmoos Nasiib, nama hojiin hogbarruu dhunfaan hojjachuu irra yaanni sammuu baayyee yoo walitti corame, bu’aa gaarii akka argamsiisuu danda’u gad fageenyaan hubate dha. Kanaaf kan raga tahu gumii dagaagina afaan oromoo ijaaree waliin hojjachaa kan turan tahuu qorannoo seenaatu mul’isa. Garee gumii afaanii kun dargaggeeyyii oromoo daldala gabraa jalaa bilisoomanii mooraa qubsuma mishinaroota Siwiidinii, Gaaleb naannoo Mansaa baddaa biyya Eertiraa jiraachaa turan walitti qabuun bara 1890 kan hundeeffameefi miseensoota 15-20 kan qabu dha. Miseensoonni gumii kanaa Oneesmoosiifi Asteer Gannoo dabalatee Liidiya Dilboo, Naatinaa’eel, Istifaanos Bonayyaa fi kkf faan kan keessatti argamanii dha. Istifaanoos, lafa booraana yeroo ammaa mootummaa Keniyaa jalatti bultu Lamuu ja’amuun beekkamtutti kan dhalate akka tahe ragaan seenaa ni hima. Gumiin kun guddina afaan oromoo irratti kan hojjatu tahullee miseensoota lammii biraatiis kan hammatu ture. Haaluma kanaan bara 1891 lammii Siweediin tahee hiriyaa mana barnootaa Oneesmoos kan Istookholmitti waaliin baratan Niils Haylaander ja’amu gumii kanatti dabalamee ture.

Haaylaander nama Ummata Oromoo fi afaan Oromootiif kabajaafi jaalala dhugaa qabuudha. Kana tahuu xalayaa yeroo san waaheloota isaa Siwiidiin jiraataniif barreessee keessatti akka itti aanu kanatti ibseeti ture;-
“Dhaadheessuuf osoon taane afaan oromoo baayyee bareeda. Afaan oromootiifi Afaan xaaliyaanii afaanoota addunyaa hundarra luga baayyee bareedanii dha. Ittiin barachuufi dubbisuuf hedduu nama gammachiisa…” jachuun kabajaaf jaalala afaan oromootiif qabu daran bareedina afaan oromoo raga baheeti ture. Kana malees Haaylaander afaan oromoo yeroo gabaabaa keessatti barachuun gumii afaan Oromoo kanaaf deeggarsa guddaa gumaachaa akka ture qorannoon seenaa ni addeessa. Osuma kanaan jiranii bara 1893 Haaylaander Istifaanoos Bonayyaa waliin daawwannaaf gara lafa oromoo iddoo dhaloota Istifaaniisitti imaluuf gumii keessaa bahan. Baruma Haaylander fi Istifaanoos gara Oromiyaa imalan san Naatinaa’eeliis dhibee daranyoo sombaatiin qabamee du’aan addunyaa irraa boqochuun baayyina gumii hir’ise. Tahullee garuu gumiin kun hamilee caphxee hojii isii karatti osoo hin murin miseensoota hafaniin fedhiif hamilee guddaan humnaa, beekumsaafi yeroo isaanii walitti qindeessuun carraaqanii bu’aa boonsaa galmeessaa hojii itti fufan. Gumiin afaan oromoo kun roga baayyeen guddina afaan oromootiif gumaata hangana hin ja’amne kan laate tahuu ragaan seenaa ni mul’isa. Ka’uumsa hogbarruu afaan oromoo, bu’ura tajaajila barnoota ammayyaa fi; hundeeffama mana barnootaa lammiin oromoo baayyeen keessatti baratan lafa oromoo keessatti gad dhaabuu dabalatee, baruumsi idilee akka hundaa’uuf bu’ura kan tahe gumii tanaafi miseensoota isii akka tahe seenaatu dubbata.

Hojiin gumiin kun hojjate kan biraa kuusa hiikkaa jechootaa /vocabulary/ hiikkaa jechoota Macaafa qulqulluu saffisuuf gargaaruu fi mana baruumsaa keessattiis sirna baruufi barsiisuutiif tajaajiluu danda’u maxxansuuf jechoota kuma 5 ol, hiikkaa isaa waliin walitti qabuun akkasumaas Seer-luuga afaan oromoo dilbii (guddaa) tokkoos qopheessanii turan yoo tahu hojiin kun osoo hin maxxanfamin hafuu isaa dabalatee qorannoon seenaa ni ifoomsa. Gumiin afaan oromoo kun biyya ormaa keessa taa’uun afaan oromoo afaan barruu taasisuu qofa osoon taane, guyyaa tokko biyya isaanii, Oromiyatti deebi’anii saba isaanii tajaajiluuf yaadaanii, hawwii guddaadhaan carraaqaa turan. Akkuma hawwan san gareen kun gaafa carraa Oromiyatti galuu milkaa’an hojii boonsaa hojjachuuf yeroo garagaraa yaalanillee garuu akka hawwaniifi tilmaamanii galan san tahuuf hin dandeenye. Gaafa isaan galan lafti oromoo guutuun weerara nafxanyoota habashaatiin bara 1875 booda liqimfamtee waan turteef, ummanni oromoo bilisummaa isaa saamamee, alaa manni isaa buxa dhabuu waliin aadaa, afaan, seenaa fi sirni gadaa isaa marti achi buutee tahuun afaanii fi aadaan habashaa irratti raramee, afaan saba guddaa ittiin barachuu dhiisii ittiin dubbachuunuu yakka tahuu yoo argan baayyee nahan.

Haa tahuu malee sanuma waliin Oneesmoosii fi gareen isaa afaan oromootiin barreessuufi barsiisuu tattaffii taasisuu hin oolle. Tahuullee hawwiin isaanii akka yaadanitti fiinxa bahuuf hin dandeenye. Tima shiraa warri mootee qorkee, gita bittoonni habashaa diriirsan keessa mucucaaf tarkaanfachuun hin dandeenye. Dhiibbaan afaan Oromoo ukkaamsuu fi qancarsuuf yoo danda’an immoo ajjeessanii dhabamsiisuuf warri nafxanyootaa unkure akkasumaas dhiittaan mirga ilmaan Oromoo gaafas jalqabame hanga arraa dhawaatumaan itti jira. Mirgi afaan Oromoo guddisuu hangi tokko dhiigaaf lafee qabsaa’oota sabaatiin deebi’e tahullee garuu akka barbaadamutti guddinni isaa bilisa tahuu hin dandeenye. Mootummaan amma biyya bulchaa jiru, Wayyaaneen daangeeffamee dallayni shiraa itti naanneeffamee, uggura dhokataa jala kan jiru tahuun isaa dhugaa akka tulluutti mul’atuu dha.

Onesimoos Nasiib (Abbaa Gammachiis) hojii maxxansa barruulee fi kitaaboota isaa mara qubee saabaa, tan Afaan Amaaraafi Tigree faan yeroo amma ittiin barreeffaman ‘gi’iiz’ itti fayyadamuun barreessaa waan tureef sirni barruu rakkisaafi ulfaataa akka tahe dubbatama. Hayyoonni qorannoo afaanii yoo ibsan qubeen saabaa sababoota gurguddaa lamaaf afaan Oromootiin barreessuuf hin mijjaa’u jedhan. Sababni tokko, seera dheerina, laafina, gabaabina fi jabeenya sagalee mul’isu waan hin qabneef yoo tahu, Sababni biraa ammoo hanqina dubbachiiftoota (vowels) qabaachuu isaati jechuun ibsan. Afaan Oromoo dubbachiiftoota sagalee dheereessu, gabaabsu, jabeessuufi laaffisu 10 kan qabuufi kurnanuu hafa malee dirqama kan itti fayyadamuu yoo tahu afaan amaariffaa immoo torba qofa qaba. Dubbachiiftoota torban qubeen saabaa qabu kana keessaahuu ammaas lama sagalee afaan Oromoo waliin kan wal gituu miti. Kanaaf sagalee hir’uun seera guutanii afaan oromoo katabuun sirna barruu waan buburreessuuf hin dandayamu, ja’an qorattoonni afaanii kun.

Haa tahuu malee hayyichi Oromoo Oneesmoos, rakkoo qubee saabaatiin afaan oromoo barreessuuf nama uggurtu tana tooftaa lamaan itti fayyadamuuf yaalee, guututtillee tahuun baddin malee hanga tokko rakkina buburraa’uu san furuuf tattaafate akka ture seenaan ni ibsa. Tattaafiin isaa gama tokkoon sagalee qubee saabaa keessa hin jirre tan akka ‘Dha’ uumuun yoo tahu, gama kaaniin immoo tooftaa sagalee dubbachiiftoota torban qubee saabaa keessa jiru fooyyeessuun sagaloota shanan dhedheeroo afaan oromoo malee gi’iiz keessa hin jirre uumuudhaani. Tooftaan kun sagalee dubbachiiftoota dheeroo fi gabaaboo afaan oromoo keessatti argaman kurnan san hanga tokko addaan baasuuf akka tolutti kalaqa isaatiin uumee itti fayyadamaa akka ture seenaa ragaa baha. Qubee gi’iizii tan tartiiba tokkoffaa fi jahaffaa irra jiru akka dubbachiiftuu gabaabaa ‘a’ fi ‘e’ tti, kan tartiiba sadaffaa fi afraffaa irra jiru ammoo akka dubbachiiftoota sagalee dheeraa‘aa’ fi ‘ee’ bakka bu’u godhuun, haala wal fakkaatan itti fufuun waan rakkisuuf immoo sagalee dubbachiiftuu ‘u’ tartiiba lammaffaa, sagalee dubbachiiftuu ‘e’ tartiiba shaneeysoo fi ‘o’ tartiiba torbeeysoo irratti argaman sagaloota dubbichiiftuu dheeroo fi gabaaboofiis akka bakka bu’an godhuudhaan, Macaafa qulqulluu fi kitaaboota isaa kan biraas ittiin barreessaa akka ture seenaa ni hima.

Haala kanaan walitti sibaabee qubee saabaatiin afaan oromoo barreessuun bu’aan isaa quubsaa tahuu baatullee, kaayyoon Oneesmoos yeroo sanitti qubee gi’izii filateef, hayyuu afaanii tahuu dhabaa isaatiif qubeelee biraa waliin madaalee kan hanga tokko rakkinicha furuu danda’u dandeettiin itti filatu daangooytuu tahuu qofa osoo hin tahin sababoota qabatamoo isa daangeessan kan biraas baayyeetu jira. Gahuumsa seer-luuga afaanii dhabuu qofaaf osoon taane, yeroo sanitti kitaabichi qubee biraatiin yoo barraa’e harka namoota muraasaa qofatti daangawee akka hafu sirritti waan hubateef qubee biraatiin barreessuu hin hamille. Dhugumatti yeroo sanitti ‘Macaafa qulqulluu’ fi kitaaboolee hogbarruu kan barreessee fi gara afaan oromootti hiikee ture mara qubee saabaa dhiisee qubeelee biraa kan fayyadamu tahee dhiibbaa mootumma yeroo sanii kan qubee saabaa malee kan biraa arkaa hin dandeenyeen waan dhoorkamuuf ummata isaatiin gahuu hin danda’u ture. Oneesmoos odeeffannoo oromoonni weerartoota warra Absiiniyaatiin eenyummaa isaanii mulqamaa jiraachuufi afaan saanii irraahiis akka uggurama waan gurraa qabuuf hanqina qabaatullee murtii isaa sirri dha. Gama biraatiin ammoo gumaata roga amantiis tahee gama sabummaatiin irraa eeggamu bahuuf waan sardamaa waan turees ni fakkaata. Sababoota kanaafi kan biroo bu’ura godhachuun afaan oromoo qubee saabaatiin kitaaboota isaa barreessuuf kan murteeffatee ittiiniis barreesseef. Hojiileen gaafas Oneesmoos fi waahellan isaa tan akka Asteer Gannoo faan barreessan haala adda taheen ummata oromoo biratti, jaalatamummaa fi fudhatama guddaa argachuun, keessaattuu Oromoo Wallaggaa biratti hedduu dubbifamaa akka ture seenaan ni ibsa.
==Itti FufFB_IMG_1440625676163a==
Barreessee dhiheessaan:
Saphaloo Kadiir | Abdulbasit
Teessoon:
Email: ak23873@gmail.com or
saphalookedir@gmail.com
Facebook: www.facebook.com/saphaloo
Mobile no: +254707482480

Beekan Guluma Erena
Follow Me

Beekan Guluma Erena

Beekan is writer, editor, researcher and Afaan Oromoo Instructor at Harvard University.
He wrote more than 30 books in Afaan Oromoo and editing many more Oromo books, magazines and articles. Currently, he writes on his site (beekanguluma.org) and gibetube.com on current issues of Oromo people, culture, education and politics in Oromo.
Beekan Guluma Erena
Follow Me

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa