HAYYUU BARUMSA AMMAYYAA BU’UURE (HIIKAA-Abbaa Gammachis)

ONESMOOS NASIIB (Hiikaa Awaajii): HAYYUU BAARUUMSA AMMAYYAA BU’UURE.
Kutaa 1ffaa
Barreessaan: Saphaloo Kadiir

17093dc558e44d626355f6b95ea80b35Maqaan dhaloota daa’’imummatti maatiin isaa moggaasaniif, Hiikaa yoo tahu, maqaan hedduu ittiin beekkamu ammoo Onesmoos Nassiib ja’ama. Oneesmoos maqaa biraa Abbaa Gammachiis ja’amuuniis ni yaamama. Inni ammoo maxxansaalee barruu kitaaboota isaa keessatti maqaa ‘Nama Biyya Oromoo’ ja’uun akka fayyadamaa ture seenaan ni hima.
Onesmoos Nassiib, walakkeessa bara 1850’moota keessa lixa Oromiyaa, Iluu Abbaa Booraa bakka Hurrumuu ja’amtutti dhalate. Abbaan isaa osoo inni daa’ima umriin ganna 4/afur/ hin guutin irraa du’an. Harmee isaa yataamaa guddisaa jirtu jalaa daldaltoota gabratiin butamee gurgurame. Bittuu fi gurgurtuu gabraa tan adda addaatti wayta afurii ol eega gurguramee bitame booda bara, 1870 keessa lammii biyya Siwizii kan bara1832-1875’ti buufata galaana diima Masawwaa, Eertiraatti Qoondaala dhaabbata daldalaa Faransaayi, Biritishii fi Masrii tahuun tajaajilaa ture, Warner Maziinger ja’amuun bitamee bilisa baafame.
Oneesmoos, bara 1865 mishinaaronni wangeela Siwiidiinii gama kaaba baha afrikkaatiin seenanii ummata oromoo amantii kiristaanaatti jijjiiruuf, galaana diimaa cehanii, gama eertiraa dhufan. Yeroo sanitti gara lafa oromoo seenuuf yoo aaggatan, lafti kaaba oromiyaa mootoota fi waraana warra absiiniyaatiin cufamee jiraachuu hubatan. Osoo galaana gamatti achi hin deebi’in, hanga carraan oromiyaa hulluuqanii seenuu danda’an argamuutti Eertiraa naannuma Massawwaa qubatan. Qubatanii hin cal’ifne. Oromoota daldala gabraatiin bitamanii dooniin gama biyyoota arabaa ceesifamuuf gara Massawwaa geeffaman funaananii, barsiisaanii, gara amantaa kiristaanaatti jijjiiruu kaayyeefatan. Oneesmoos Nassiibiis yeroo kana ture kan warra daldala gabraatiin garas geeffame. Manzingeriin eega bilisa baafamee booda mana barnootaa mishinarii wangeela Siwiidiin iddoo imkulluu ja’amutti carraa barnoota wangeela barachuu argate.
Oneesmoos warra mana barnootaa mishinarii wangeela swidiish kanatti marsaa jalqabaa barachuuf carraa argatan keessaa tokko dha. Fedhiifi dheebuu barnootaaf qabuu waliin cimina sammuu isaatti fayyadamee barumsarratti barataa cimaa ta’ee argame. Warri meshinarii sammuu qaroo akkasiitti dhimma bahuu waan barbaadaniif, gaafa ayyaana Faasikaa Sanbata Bitootessa 31, 1872’tti cuuphuun amantaa kiristaanaa akka qabatu taasifame. Oneesmoos nama oromoo yeroo jalqabaaf amantii protestaantii akka qabatu taasifamee akka tahe seenaan ni dubbata. Oneesmoos barnoota isaas hordofaa, ergamaa wangeelaatiis lallabaa, barnoota isaa massawwaa xumure. Mana barnootaa keessatti barnoota wangeelaa dabalatee gi’ograafii, herreegaafi afaan barate. Onesmoos hayyuu dandeettii afaan baayyee qabuufi afaanoota sirritti beekan keessaa afaan saba isaa, afaan oromoo dabalatee, afaan amaaraa, tigree, swidish, afaan arabaa, English, laatiinifi afaan xaaliyaani kan beeku tahuu seenaan ni ifoomsa. Eega barnoota isaa gahumsa gaariin mana barnootaa Massawaa irraa goolabe booda, warri mishinarii fedhii fi dandeeytii inni barnootaaf qabu kana hubachuun barumsa dabalataatiif biyya Siwiidin, Istookholm dhaabbata leenjii mishinarii Johanlaanditti akka baratuuf carraa laataniif. Oneesmoosiis ji’a waxabajjii, bara 1876 Massawwaa irraa gara biyya Awrooppaa imala jalqabe. Waggaa shaniif dhaabbata leenjii Johanlaand keessatti haala gaariin barachaa turee, bara 1881 sadarkaa diploomaatiin ogummaa barsiisummaa xumuree, ergamaa wangeelaattiis tahee mudamuun eebbifame. Akkuma eebbifameen baruma san ji’a onkoleessa Siwiidin irraa gara Massawwaa imale. Eega massawwaatti deebi’ee, dubartii Mihiret Hayiluu jadhamtu fuudhee bultii ijaarratee, jireenya haareya jalqabe.
Oneesmois gaafa Siwiidiin irraa deebi’u jalqaba karoorri isaa mana barnootaa itti barachaa ture Mankullutti waan barate qabatamaan mul’isuuf yaadee ture. Haa tahuu malee yeroon tan warri mishinarootaa gara oromiyaa seenuuf lafa jalatti marii qadaaddachaa jiran waan taheef, manni barnootaa magaalaa massawwaa keessa turees magaalaa alatti godaansifamee waan jiruuf hin mijjooyneef. Jarri mishinarootaa gara lafa oromoo seenuuf marii fixachuu kana akkuma dhagaheen gammadee, hawwiifi abjuu biyya dhaloota isaatti deebi’ee ummata isaa barsiisuuf duraan qabaachaa ture waliin yaada isaa miliiysanii mul’ata isaa ganamaa dhugoomfachuuf jaraa waliin karaa bu’e. Garuu yaaliin jalqaba oromiyaa seenuuf bara 1881 gara Absiniyaatiin taasiisan hin milkooyneef. Imalli kun jala fashalooynaan gara Massawwaa if duuba deebi’an. Deebi’anii garuu hin teenye. Daandii jijjiiratanii, carraa lamaffaa karaa Suudaaniin wallagga seenuuf karoorfatanii karaa bu’an. Baruma kana ji’a sadaasaa Massawaa ka’anii galaana diimaa irra yabalanii gammoojjii Nubiyaa keessaan qaxxaamuranii, laga Abbaayyaa irraan amna ji’a lamaa booda qarqara biyya Suudaan kan daangaa lixa oromiyaa gahan. Daangaa kana dabranii Wallagaa seenuu garuu hin dandeenye. Bakka bu’aa mootii Masrii, lammii Awrooppaa maqaan Maarnoo Biyaan jedhamuun daangaa Suudaniin gara oromiyaa seenuu dhoorkaman. Imala dadhabsiisaa lammaffaatiis milkii malee hafnaan gara Famakaatti if duuba deebi’uuf dirqaman. Amni if duuba deebi’iinsa baayyee rakkisaafi balaa cimaan kan guutame ture. Waheeloonni Oneesmoosii fi innis karaa irratti dhukkubsatanii baayyee rakkachaa turaan. Dhibee malees bubbee gammoojjii (habonbolattii/, dambalii galaanaa, dhabsuu bishaaniifi dhibee buusaa gammoojjii Nuubiyaa keessatti isaan mudattee faan rakkoolee danuu keessaa hangafoota. Sababa rakkoolee kanaan waaheloota isaanii keessa namni lama; lammii Siwiidiinii fi dursaa garee sanii kan tahe Arihenuusii fi dargaggoon oromoo Filippoos ja’amuu karaarratti du’an addunyaarraa boqotan. Onesmoosii fi waaheeloonni isaa dhibee irraa dandamatan ammoo imala yaaddeessaafi araraafamaa booda Ebla 10, bara 1882 Kaartum ga’an. Achiis imala hiffisaa fi dheeraa ji’a saddeetii booda walakkaa bara 1882ti Munkullootti deebi’an.

Munkullotti deebinaan Oneesmoos hawwiin biyya isaa Oromiyatti deebi’uu itti dukkanoofnaan hanga carraan biraa argamuu hojii barsiisummaatti deebi’e. Yeroo kana ture hojii barsiisummaa madditti, hojii kitaabootaa barreessuu fi afaanoota biraa irraa gara afaan oromootti hiikee maxxansuu eegale. Oneesmoos hojii maxxansa isaa kitaaboota amantaa gaggabaaboo gara afaan Oromoo hiikuun hojii jalqabe. Haaluma kanaan hojii barsiisuutiis dhiibaa hiikkaa fi maxxansa kitaabootaatiis osoo cimee itti jiruu, bara 1883 dhaamsi tokko warra mishinarootaa gahuu dhaga’e. Odeeffannoo daldaltoota Jimma qaxxaamuranii deebi’an irraa, mootiin Jimmaa Abbaan Jifaar II ummata isaa barnoota ammayyaan wal barsiisuuf hawwii akka qabuufi, mishinaroota irraa barsiisoota argachuu akka barbaadu akkasumaas mootiin Shawaa, Minilik II barsiisoonni Abbaan jifaar gaafate biyya isaa keessan gara Jimmaa qaxxaamuruuf akka hayyamees warra mishinarootaa gurra buusan. Oduu gammachiisaa kana dhageenyaan ergamoonni warra mishinarootaas carraa mijjaawa argatan kanatti fayyadamuun gara Oromiyaa seenuuf yeroo biraa caalaa qophaa’an. Oneesmoosiis hojii isaa karatti dhaabee, yaalii yeroo 3ffaatiin gara Oromiyatti seenuuf garee tana keessatti ramadamee, dursaa gareetiis tahee imala jalqaban.
Jilli kun Oneesmoos dabalatee haadha mana isaa Mihret, dargaggeessa oromoo phexroos ja’amuufi abboottii wangeela Swiidish lama Pahalmaan fi Bergimaan ja’aman faa kan if keessaa qabu yoo tahu Massawwaa irraa dhuma bara 1884 amna isaanii kallattii bahaatti galaana diimaa irra imala jalqaban. Imala dooniitiin bahara irra gara Tajoraa, Jibuutii achumaan Harar qaxxaamuranii, baruma san ji’a Eblaa Shawaa, teessoo mootii Minilik, Inxooxxoo gahan. Waytaa Shawaa gahan garuu dubbiin akka dhaamsaan dhagayan san hin taane. Minilikiis tahee, Mootiin mootoota Abisiiniyaa Yohaannis IV, amantaa ortodoksii habashaa malee amantaa fi ergamni wangeelaa tokkolleen biyyattii keessatti akka hin hayyamamne waan labseef kara Jimmaa qaxxaamuruu dhoorkaman. Kana qofaa miti. Minilik, yeroo sanitti daangaa lafa oromoo jabo to’annaa jala galfate dhawaataan tan hafees weeraree, Oromiyaa guututti dhunfachuuf abjoochaa waan jiruuf, dubbiin Oromoof akka baratan hayyamuu tun hin taaneef. Ummata Oromoof barnoota hayyamuun, diina injifachuuf hawwan harka eeboo qaraa kaayuu akka tahe waan hubataniif didan. Gama biraatiin ammaas, Warri Awrooppaatiis ergama wangeelaatiif nama Oromoo fardeeysuu fi itti fayyadamuun kuniis hin taaneefi. Kanuma hundaaf yaada isaa jijjiiree, hayyama gara Jimmatti qaxxaamuruu duraan hayyamee ture waakkatee, miiluma dhufaniin akka if irra dacha’an ajaje. Oneesmoosiis biyya ofii tan yeroo dheeraaf irraa fagaatanii akka malee yaadaan, ummata ifii arguuf hawwanii dhufan keessaa akka fincila kakaaftuutti yookaa shoorarkeessituutti ari’amuun imalmaanaa kan isa dallansiise tahuullee, filannoo biraa waan hin qabneef miiluma dhufaniin gara Eertiraa ifirra dachan. Ammaas akkuma Eertiraa gahaniin, Oneesmoos, hojii barsiisummaa fi maxxansa kitaabootaa itti fufe. Yeroo kana ture hojii Macaafa qulqulluu gara afaan oromootti hiikuuf sochii isaa kan jalqabe. Haa tahuu malee Oneesmoos umrii ijoollummaa isaatii kaasee ummata Oromoo keessa jiraachaa waan hin turiniif, jechoota fi jechamoota afaan Oromoo baayyee gad fageenyaan hin beeku. Kanaaf nama cimaa isa gargaaru akka barbaachisu hubate. Yeroo tana dubree sammuu qaraa, shamarree saba isaa, oromtittii dandeettii danuu, tan sammuun isii garba afoolaafi jechoota Oromoo taate, Hayyittii Asteer Gannoo argatee ifitti dabaluun hojii hiikkaa Macaafa qulqulluu jalqaban. Oneesmoosi fi Asteeriis cimanii Maacaafa qulqulluu guutu guututti gahuumsaan gara Afaan Oromootti hiikan. Macafni qulqulluun gara afaan oromootti hiikan kun Oneesmoosiin haa yaamamuu malee, Asteer gahee bakka bu’ummaa hin qabne akka gumaachite seenaatu hima. Asteer Gannoo Macaafa qulqulluu afaan Oromootti hiikuu qofa irratti osoon taane, kitaaboota ifiif maxxansite dabalatee, kitaabootaa Oneesmoos hojjate mara keessattiis, gahee guddaa tan taphatte tahuu seenaan ni dubbata. Dubbiftoota keenya kabajamoo, seenaa fi gumaacha dubree qaroo Aster Gannoo fuula dura qabannee isiniif dhihaanna, ammaaf seenaa fi hojii Oneesmoos irraatti xiyyeeffanna.

20150927_132453-1-1==Itti Fufa==
Barreessee dhiheessaan:
Saphaloo Kadiir | Abdulbasit
Teessoon:
Email: ak23873@gmail.com or
saphalookedir@gmail.com
Facebook: www.facebook.com/saphaloo
Mobile no: +254707482480

Beekan Guluma Erena
Follow Me

Beekan Guluma Erena

Beekan is writer, editor, researcher and Afaan Oromoo Instructor at Harvard University.
He wrote more than 30 books in Afaan Oromoo and editing many more Oromo books, magazines and articles. Currently, he writes on his site (beekanguluma.org) and gibetube.com on current issues of Oromo people, culture, education and politics in Oromo.
Beekan Guluma Erena
Follow Me

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa

4 thoughts on “HAYYUU BARUMSA AMMAYYAA BU’UURE (HIIKAA-Abbaa Gammachis)

Leave a Reply

Your email address will not be published.