DUSHOOFI SUUTEE:Monenus Hundarraa Galataa

12688376_1007057882720343_8849869928597104684_nDUSHOOFI SUUTEE
= = = = = = = = = =
Haal duree tokko malee uumama lubbuu qaban mara biratti miirri jaalalaa saala faallaa gidduu ni jiraata. Gaafa naannoo keenya keessa uumamawwan lubbuu qaban ilaallu kana mirkaneeffachuun ni danda´ama. Titiisni, lukkuun, sareen akkasumas, jabboonni; ilmooleen hoolaafi re´ee, adurreen, saawwan, kotte duudaan, bineensonni hunduu fedha saal-qunnamtii saala faallaa waliin qabu. Feeti ilmi namaas kan uumamawwan lubbuu qaban kaan waan caaludha malee waan isaa gad ta´u miti. Daa´imummaarraa kaasee hanga bara dullumaatti soogiddi jaalalaa nama keessaa hin dhumu. Keessumaa ilmi namaa fedha miira jaalalaasaa guuttachuuf muuxannoowwan adda addaa, beekumsaafi ogummaa garaagaraan deeggarama.
Ijoolleen baadiyaa yeroo ijoollummaa isaanii walitti yaa´anii tapha ijoollee ni taphatu. Taphoota ijoolleen taphatan keessaa taphni jaalalaa baay´ee beekamaafi jaallatamaadha. Wal-fuudhu, akka haadha-manaafi abbaa manaatti akkeessu. Kana waliin walqabatee wantoota yeroo ijoollummaa koo na mudatan keessaa wantin ani irraanfachuu hin dandeenyeefi yeroon yaadadhu mara kolfaan mar´ummaan na dhukkubsu waan hiriyaa koo mudate tokko ture.Innis A. L. O. tti bara 1998 dha. Duushoo jedhama. Nama ijoollummaasaatii kaasee gamsiisaa ta´edha. Ijoollummaasaatti waan arge hunda gochuu barbaada. Wanti ijoolleen gootus hamminatti hin lakkaa´amu. Itti kolfanii yookaan dheekkamii bira darbuu malee wanti godhamu hin jiru.

Gaaf tokko ganama balbala manasaanii dura taa´ee ijoollee kaan waliin cirracha otoo haasa´uu waan lukkuun kormaa godhu argee qalbiisaatti qabate. Akkuma ijoolleerraa gargar ba´een dafee gara manaatti ol gale. Malas dhawate. Boqqolloo aboottee tokko hammaaree kulkul kulkul kulkul jedhee lukkuuwwan gara manaatti waame. Erga boqqolloo mana keessa facaasee booda dafee foddaafi balbala cufe. Suuta jedhee lukkuu dhaltuu ganama lukkuun kormaa koraa ture harka lamaan qabate. Isaa booda foddaafi balbala bannaan lukkuuwwan kaan manaa yaa´an. Itti aansee qaamni saalaashee eessa akka ta´e barbaaduutti ka´e.

Uumamumaan waanuma hundaaf lukkuun qaama tokko qofaatti fayyadamti. Argachuu waan hin dandeenyeef tilmaamaan karaadhuma ganama arge sana ta´uun hin oolu jedhee yaade. Isaa booda suuta jedhee gaafa qaama saalaasaan bira ga´u lukkuun kukaak kukaak jettee iyyite. Kana gidduutti haatisaa maali Duushoo lukkuun maal taatee iyyiti mee ilaali jechaa gara manaa yeroo seentu, “Na´ee waan taate hin beeku anumti harkaan qabnaan akkas iyyiti ganama yeroo lukkuun keenyi inni kormaan ishee koru maaf hin iyyine” jedhe. Achumaan harmeesaa saalfatee fiigee manaa ba´e.
stock-photo-spouses-having-their-first-disagreement-wedding-cake-spouses-turning-their-backs-to-each-other-for-292107503Guyyaa biraammoo waan ajaa´ibaa tokkotu isa mudate. Yeroonsaa yeroo daraaraa baaqelaa ture. Maskaroo sareef namni karaa deemu hin qabu. Sareen wal-kiyyeessitee calluma jettee dhaabatti. Duushoon calluma jedhee ilaala. Takka bira deemee yeroo walirraa harkisu walirraa gargar baasuu hin dandeenye. Kuni maaliif; akkamitti ta´ee? jedhee yaaduutti ka´e. Sababasaa baruun qaba jedhee murteesse. Suuteen saree isaanii ishee dhaltuudha. Amala qabdi ni bareeddis. Yeroo baay´ee wajjin haasa´aa. Boorumtaasaa wajjin haasa´aa gara qarreetti fudhatee deeme. Suuta jedhee otoo wajjin haasa´uu qubasaatiin isa kaleessa gaaffii itti ta´aa ture mirkaneessuu yaale. Qubasaa seensiseema baase malee wanti isa mudate hin jiru.

Lammatarratti qaamuma saalasaan yeroo yaalu Suuteen balbalashee itti cufte. Duushoon ni kiyyeeffame. Waan godhu wallaale. Humnaan yaallaan gadhiisifachuu dadhabe. Suuteen calluma jettee eegee raasti. Duushoon akka kolfuus akka aaruus ta´e. Otoo kanaan jiruu Qemeen jabboota oofaa itti baate. Qemee wajjin yeroo baay´ee tapha jaalalaa taphatu. Qemeeniifi Duushoon akka haadha manaafi abbaa manaatti wajjin taphatu. Qemeen waan Duushoon ta´e yeroo argitu kolfa lafarra gangalatte. Galeen Leensaafi Ayyanootti nan siif hima jettee isatti qooste. Lammata ana wajjin otoo hin taane Suutee waliin tapha jaalalaa taphadhu ani Obsaa wajjinan taphadha ani hiriyyaa saree miti jette ittuu isa aarsite.

Yoo xiqqaate saa´atii tokkoo booda Suuteen Duushoo hiikte. Yerooma sana Suuteen fiigdee gara manaatti galte. Waan galtee harmeesatti isaaf himtu itti fakkaatee ariifatee gara manaatti gale. Yeroo kana Qemeenis kolfaa fiiga gaafa mana geessuu Duushoon uleedhaan si´a Suutee rukkutu maali gurbaa maal si goote? Hin dhiistuu? Harki kee haa cabu, jette harmeensaa. Waan isheen na goote ana qofaatu beeka jedhee akka boo´uu ta´e. Yeroo kana Qemeen hum ofiisaa balleessaa saree komataa? jette. Haati Duushoo maal balleesse jettee yeroo Qemeedhaan gaafattu kokkolfaa ´Suutee wajjin wal kiyyeessan´ jette. Achumaan maalan godha mucaa kana otoo hin dhalatiin maaltu kana itti fuudhe jechaa gara saawwan elmuutti deeman.

Monenus Hundarraa Galataa

Qorataa fi Xiinxalaa Saayisnii Siyaasaa Dargaggoo Moonenus Hundarraa…Aanaa Horroo ganda Haroo Aaagaattan dahaladhe; 1-8 mana barumsaa Daaddoo Siree Budoo; 9-12 Mana barsumsaa Shaamboo; Digirii tokkoffaa Saayinsii Siyaasaa fi Hariiroo Addunyaawaa; Digirii lammaffaa Gidduu-gala Sirna Federaalizimii; Postgraduate Diploma Switzerland Fribourg University; Yeroo ammaa kanammoo EURAC Research tti Guest Researcher; hanga ammaatti barruulee qorannoo afur; kitaabola qorannoo lama; kitaaba aadaa fi seenaa Oromoo gabbisuu danda’u tokko; baacoowwanii fi barreeffamoota gaggaabaaboo hedduu hojjedheera;

 

Beekan Guluma Erena
Follow Me

Beekan Guluma Erena

Beekan is writer, editor, researcher and Afaan Oromoo Instructor at Harvard University.
He wrote more than 30 books in Afaan Oromoo and editing many more Oromo books, magazines and articles. Currently, he writes on his site (beekanguluma.org) and gibetube.com on current issues of Oromo people, culture, education and politics in Oromo.
Beekan Guluma Erena
Follow Me

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa

One thought on “DUSHOOFI SUUTEE:Monenus Hundarraa Galataa

Leave a Reply

Your email address will not be published.