DHIBBISAAFI KUULLEE

Dhibbisaafi Kuullee

12027636_1058008867565468_3695959694940690192_nAkaakayyuushee kana arguu baattus, seenaasaa dhageesse irraa kan ka’e akka malee jaallatti. Akkaataa itti harmeeshee guddise, jaalala inni ishee argisiise, oolmaasaa baay’ee dhageesseetti. Fuulashee gudunfitee dhaabattee keenyan manaa ilaalti. Uffata hirribaa ittiin bulte hin jijjiirranne. Siree irra bulte hafaa jirti. Gidduutti akka itti dhufaa wayii yaadni itti dhufnaan akkuma uffata siree qabattee jirtutti dhaabattee keenyan manaa ilaalti. Ilaaltee ilaaltee quufuu dadhabde. Ijashee achirratti irraanfatte. Qalbiinshee guutuun achirra jira. Keenyan manaarra kan jiru suura akaakayyuushee duriiti. Isheen akaakayyuushee ijaan arguuf carraa hin arganne. Utuusheen hindhalatin dura du’e. Akaakayyuushee ta’uusaa kan isheetti hime harmee isheeti.
Kanaaf yeroo hundumaa keenyanirraa suura isaa ilaaltee mararfatti. Har’a garuu ija irraa buqqisuu dadhabde. “Yeroo tokko tokko” jetti dhaabattee, “Namni Waaqa caalaa garaa laafa. Gaafa akaakayyuunkoo du’e Waaqni ni callise. Utuma inni jiruu akaakayyuunkoo duunaan namoonni geessanii awwaalan. Achumaan hafe. Namni garuu gara laafessa. Namoota bara sanaa keessaa tokko kaameraa isaan akaakayyuukoo suura kaasee kunoo keenyan irratti naaf hambise. Har’a yoo xiqqaate suurasaa ilaaluuf carraa argachuun koo kanaaf!” jettee gara laafina namaa faarsiti, gara jabina isaafimmoo waaqa komatti.
Gidduuttin bilbila bilbileef. Hiriyyaashee waanan ta’eef akka wal arginu barbaadeera. Isheen garuu bilbila hinkaastu. Yeroo lammaffaan bilbile. Hinkaastu. Nan aare. Nan dheekkames. Yeroo sadaffaa bilbillaan narraa kaaste. “Haloo Dhibbisa!” naan jette. “Maal haloo naan jetta? Aariidhaan garaachakoo gubdee! Maaliif bilbila narraa hin kaastu?” jedheen itti dheekkame. “Dhiifama naaf godhi! Yeroo bilbilli naaf bilbilamu muuziqaan irraa dhaga’amu baay’ee namatti tola. Kanaaf yeroo ati bilbilte muuziqaa waamichaa bilbilakoonan sirbaa ture! Kanaaf malee sirraa kaasuu dhiisee miti. Kanan bilbila sirraa hin kaasne eenyurraan kaasa?” naan jette.


Muuziqaan waamichaa bilbilasheerra jiru akka nama hinsirbisiifne beeka. Ittumaa kan nama gaddisiisu ture. Hirphaa Gaanfuree, “Jiraachuu baadhus isin bira!” jechuun kan sirbu sirba namoonni hedduun waliin boo’ani dha. Innumtuu yeroo sirbu boo’ee garaa nama raasa. Kuulleen sirba nama boossisu waliin sirbiti. Dhalli namaa al-tokko tokko waan faallaa ta’e hojjeta. Lafa boo’anitti sirbee, lafa sirbanitti boo’a. Iddoo gammadanitti gaddee, iddoo gaddanitti gammada. Kuulleenis akkasuma!
Erga walfuunees homaa itti hin fooyyofne. Amallishee rakkisaadha. Waan xiqqoof natti dallanti, waan xiqqoonimmoo naaf araaramti. Fakkeenya tokko: Galgala lafaa teenyee utuu taphannuu afaan keessa wal-baane, Jechuun jechootaan waliif galuu dadhabne. Isheen mucaa keenya isa hangafa da’uuf ulfa ji’oota sadii akka taate mana yaalaatti qoratamtee mirkaneeffanneerra. Achumaan teenyee waa’ee mucaa keenya isa gadameessa keessa jiruu dudubbachuutti kaane. Ogeessi fayyaa altiraasaawundiin ilaalee dhiira akka ta’e nutti himus, ani sanatti hin gammanne. Utuu durba taateen jaalladha. Kuulleen garuu itti gammaddeetti. “Dhiisi dhiira wayyaa!” naan jette. “Bara kana baay’ee barbaachisaan dhiiradha. Dhiira onnee qabu! Dhiira kutataa. Goota. Goota duruunfatee itti deemu!” naan jette. “Muu! Mee dhiisi! Duris dhiira dhabnee miti! Carraa dhabnee malee. Dhiirri maal fayyada? Goobanaa Daaccee kan diinatti firoomuun lammiisaa dabarsee bineensaaf kenne dhiira! Dhiirri gatii maalii qaba? Namichi Abiishee Garbaa dabarsee du’aaf kenne dhiira. Dhiirri maal fayyada?” jedheen gumgume. “Oliiqaa Dingiluu baandaaf laattee kan galaafachiifte dubartii mitii?” naan jette.


Falmiin keenya dhiiramoo dubartii wayya jedhu xumuramee gara hojii mucichaatti darbine. Ani ogeessa fayyaa ta’uu qaban jedhe. Isheenimmoo loltuu ta’uu qaba naan jette. Amansiisuun yaale. Garuu na didde. “Loltuu ta’ee maal godha? Amma yeroon kun yeroo itti sibiilaan lolan miti, yeroo itti sammuudhaan lolani!” jennaan na dhaga’uu didde. Nan aare. Nan finiine. Dhuma irratti wal lolle. Al tokko maddii ishee karaa bitaa rukkunnaan aartee deemtee rafte.
Battalumattin waa yaadadhe. Edaa har’a galgala Kuullee loluun narra hin turre. Sababnisaa bor ganama beellama baay’ee barbaachisaan qaba. Akka amalaa ta’ee garuu ganama ganama ka’uu hindanda’u. Kun dhimma uumamaati. Yeroo hundumaa ganama barii yoon beellama qabaadhe hirribaa kan na dammaqsu isheedha. Isheen gama kanaan qaxaleedha. Amma egaa maal naaf wayya? Akkan itti hinhimanne walcufneerra. Walitti hindubbannu. Akkamittan barii halkan akka na dammaqsitu itti himadhaa? Maalumaafan ishee lole? Maalta’a mucichi waanumasheen barbaaddu utuu ta’ee?.


11961229-the-concept-of-education-of-children-the-generation-of-knowledgeUtuun kana buusee baasee yaadaa jiruu yaadni ajaa’ibsiisaan tokko naaf dhufe. Nan gammade. Waraqaa fudhadheen beeksisa itti barreesse. “Bor ganama sa’atii 11:30 tti beellama guddaa waanan qabuuf akka na dammaqsitu!” jedhee barreesseen karaa isheen raftu keenyanitti maxxansee rafe. Maal godha? Bor yeroon hirribaa ka’u lafti bari’ee sa’atiin 1:45 ta’eera. Aariin sammuutti ol na ba’e. Gaafan gamakoo jiru ilaalu, beeksisni kan biraan maxxanfamee jira. “Amma sa’atii 11:30 ta’eeraa ka’ii gara beellamakee deemi!” Akkuma ani barreeffamaan gaafadhe, isheenis barreeffamaan naaf deebifteetti. Baay’een gadde. Garuu hin gaafanne. Akkan hin gaafanne…walitti hin dubbannu.
Hamma fedhe yoo wal cufne waan obsuu hin dandeenye tokko ni qabdi. Waa’ee akaakayyuu ishee natti himuu. Natti odeessitee hin quuftu! Deddeebitee waa’ee isaanii kaasti. Utuu ijaan hin argiin hamma kana kan leellistu, utuu ijaan argiteetti ta’ee maal taati laata?


Callisuu nu gidduu ture cabsitee akka natti dubbattu kan taasise oduu haaraa waa’ee akaakayyuu isheef dhageesse ture. Nama kofalchiisa. Akaakayyuun ishee akkoo ishee waliin konkolaataadhaan deemaa ture—guyyaa tokko—akka isheen natti himtetti yoo ta’e. Lama ta’anii konkolaataadhaan deemu. Kan konkolaachisaa ture akkoo isheeti. Akkoon konkolaataa sana ariitii guddaadhaan oofti. Ariitii sodaachisaa! Achumaan bakka tokkotti tiraafikiin qabe. “Maal taatan warra ko! Maaliif akkanatti konkolaataa ariitu? Lubbuu keessaniif ariitiin kun baay’ee sodaachisaa dha!” jedhe. Akaakayyuun Kuullee karaa foddaa gabbiinaa konkolaataa morma gad baafatee tiraafikiitti dubbachuu eegale. Deebii kenneef. “Ilma koo!” jedhe jedhan. “Nutti hin murteessin! Jaallannee miti bar akkanatti ariitii guddaan kan fiignu. Nuti dulloomneerra. Yoo suuta deemne lafa kaaneef utuu hin ga’iin gidduutti irraanfanna. Utuu hin irraanfatiin—utuu yaadannuu—dafnee ga’uuf jennee fiigna!” jedhee itti hime. Itti hime naan jette ani maalan beekaa mitii!


Yeroo isheen kana natti himtu obsuu dadhabeen kolfe. Kolfeen balleessaa ishee edaa irraanfadhee. Nan dhiiseef. Waan na bashannansiisteef nan dhiiseef. Haa afu!
Anii fi Kuulleen akka malee wal jaallanna. Baay’ee waan wal jaallannuuf baay’ee walittti buuna. Wal malee hin jiraannu. Dhibbisaan kana hundumaa taa’ee naaf hime. Tokko lama jedhee naaf seenesse. Shayee keenya dhugnee xumurree achii adeemuuf kaane. Dhibbisaa fi Kuulleef bara jireenya isaaniitti carraa gaarii hundumaa hawweefii fuula durattis muuxannoo isaanii nama bashannansiisu akkanaa akka natti himuuf imaanaa itti kenneen nagaa waliif dhaamnee addaan baane. Anis gara hojii kootti, innis gara hojii isaatti.


Barreessaan: Eebbisaa Baayisaa Abeetuu
Iimeelii: ebabayissa@gmail.com
Bilbila: 0938056085
Facebook: Eebbisaa Baayisaa/facebook.com

Beekan Guluma Erena
Follow Me

Beekan Guluma Erena

Beekan is writer, editor, researcher and Afaan Oromoo Instructor at Harvard University.
He wrote more than 30 books in Afaan Oromoo and editing many more Oromo books, magazines and articles. Currently, he writes on his site (beekanguluma.org) and gibetube.com on current issues of Oromo people, culture, education and politics in Oromo.
Beekan Guluma Erena
Follow Me

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa

2 thoughts on “DHIBBISAAFI KUULLEE

  • April 14, 2016 at 10:29 am
    Permalink

    Natti miyaa’e

    Reply
  • April 16, 2016 at 9:11 pm
    Permalink

    Ammayyuu haa mirgisu sammuunkee!

    Reply

Leave a Reply

Your email address will not be published.