SEENAAMOO GARAAF JIRAATAMAA?

FB_IMG_1440625676163SEENAAMOO GARAAF JIRAATAMAA?
  == = = = = =  == = = = =  === = = = =
Namni qochumaa isaa guuttachuu qofaaf jiraatu bineensa, bineensallee saree!!. Akkuma beekkamu ilmi namaa gosa bineensotaa tahullee wanni bineensaan adda godhu sammuu yaaddu, xinxaltuufi waa baayyee hubachuu dandeessu qabaachuu isaati. Sammuu tanatti fayyadamee waan baayyee kalaqee, mala adda addaa baasee itti fayyadamuun qabsoo jireenyaa injifachuuf tattaafata. Ilmi namaa garaa qofa guuttachuuf gonkuma hin jiraatu. Kan garaa qofa guuttachuuf jiraatu bineensa, bineensallee bineensa salphataa. Bineensi salphataan garaaf jecha namatti madaqee jiraatu immoo saree dha. Sareen bineensi fakkaataan isii bosona keessa kan jiraatan yoo tahu isiin immoo garaa isii qofa guuttattee jiraachuuf namatti madaqxee jiraatti. Yoo warri isii guddifate waan isii sooran dhaban ganda biraatti galti. Yoo gandi isiin itti galte san garaa isii kan quubsan tahe qe’uma san duraa dutti. “Sareen qe’ee itti quuftee dutti” kan jedhamuufiis kanuma.


Ilmi namaa garuu sammuu yaadduufi waan baayyee xinxaluu dandeessu osoo qabuu sammuu isaatiin yaadoota gaarii isaas tahee nama biraa fayyaduu malu osoo burqisiisuu danda’u, osoo haqa isaa falmatee qabeenya isaa irrattiis abbaa tahuu danda’uu qochumaan isaa guutamnaan cal’isee yoo kan madaqee jiraatu tahe saree taha. Bineeyyiin marti garaa guuttachuuf wayta jiraatu humna isaaniitiin adamsanii, soraata isaanii barbaaddatanii soorachaa jiraatu. Bineensi garaa guutachuu qofaaf jiraatullee garuu diina isa miidhuuf aggaammatu ifitti hin dhiisu. Hanga dandeettii isaa ifirraa qolata, dadhabu ammoo lubbuu isaa baasuuf kaata. Akkasumallee tahee garuu bineensi wal fakkaatu foon walii hin nyaatu.
Kabajamtoota dubbiftoota keenya, waa malee dubbii tana hin kaafne. Yeroon yaada bineensa garaa guutachuu qofaaf jiraatu kana kaasu ilmaan oromoo marti wanni tokko akka sammuu keessan keessa dhufuufi qalbiin waan takka qaxaph jettan shakkii hin qabu. Eeyyee! Yoo warra garaaf bitamee jiraatu muraasa tahe malee, ilmaan oromoo harki caalu dhibee wal fakkaataa waan qabnuuf bineensa akka saree kan garaa qofa guutachuuf ambatti madaqee nu miidhaa jiru yaadanna. Bineensi laalan nama fakkaatu kan hojiifi gochi isaa marti garaa qofa guutachuuf kaayyeefate kun OPDO dha. OPDO’n bineensatti fakkaattuus garuu amaloota bineensoota garaa guutachuu qofaaf jiraatan irraa adda isii godhu baayyee qabdi. Amala adda isii godhu keessaa tokko foon saba isii nyaachuu dha. Aakkumaan olitti tuqe bineensi wal fakkaatu wal adamsee foon walii nyaachuu baatuullee, OPDO’n garuu foon foon isii waan nyaattuuf bineensa haareya oromoo qofa miidhuuf gara ardii tanaa dhufe isii taasisa.


Akkuma bineensi kamiyyuu soorata isaa argachuuf mala adda addaa baasee nyaata isaa barbaaddatu, tooftaa ittiin bineensa biraa kan nyaata irraa argatu adamsuuf malatu, OPDO’niis wanni isiin yaaddu garaa qofa guutachuuf tooftaa ittiin garaa guuttattu qofaa dha. Kun bineensoota waliin wal isii fakkeessuus garuu ani bineesoota biraa irraa saretti fakkeessuun koo garaa gahee na quubsuu baatullee, dhadhaa na obaasee onnee na qabbaneessuu dhabullee yoon laalu saree uffata godhattee waan natti fakkaataniif sareen madaalchise. “Sareen gooftaa isii malee gooftaa abbaa isii hin beektu” akkuma jedhan, OPDO’niis gooftaa isii wayyaanee malee saba isii hin beektu. Eeyyee! Sareen abbaa guddise hanga inni nyaata garaa isii guutuu danda’u qofa tajaajilti. Gaafa abbaan guddise qochumaa isii guute abbaa inni itti dire, waan inni ajaje hojjatti malee gaafa abbaan guddise waan isii sooru dhabe gandatti galtee qe’uma abbaa isii quubsee keessaa dutti. Aniis OPDO saree waliin kaniin wal fakkeesseef sababni guddaan kanuma. Osuma yaanni koo isiniif galuu gariin keessan “Akkamitti?” jechuun keessan hin olu. Dubbiin akkana.
OPDO warri jedhaman kun warra sirna kaleessa maqaa Itoophiyaa Takkittiitiin gurri duudee dha. Mootummaa maqaa ‘Derg’ jedhuun if moggaasee ummata oromoo lafarraa duguugaa ture waliin hojjachaa turan. Osuma sirna mootummaa dargii tajaajilaa jiranii wayta mootummichi jiguuf mallattoo takka takka mul’isuu jalqabu mala dhawatan. Wayyaaneeniis harcaatoota sirna dargii kana walitti qabdee warra Oromoo tahanii akkuma bahanitti eenyummaa isaanii wallaalan, warra gudeeda oromoo irraa hin dhalatin galtee afaaniif aadaa oromoo beekaniifi diqaaloota saba oromootiifi saba biraa jidduu dhalatan kan mootummaan dargii guddifate walitti qabanii OPDO jechuun maqaa moggaasanii oromoo bakka bu’uu dadhabaniis fakkaatanii akka bakka bu’uuf yaalan ajajamanii nurratti bobbaafaman. Kaleessa qe’ee dargii tan Oromiyaa keessatti ijaaramte irraa, arra immoo mana wayyaanee kan lafuma oromoo irratti ijaarame duraa mooraa hannaa eeguuf dutaa jiran. Miseensoonni gurguddaan OPDO warruma kaleessa garaa guutachuuf dargii waliin caranaa turan, kan arra ergama wayyaanee galmaan ga’uuf dutaa jiran tahuun isaani dhugaa seenaa lafa jiruu dha.

stock-vector-a-cartoon-man-s-big-belly-stops-him-from-buttoning-his-tight-jeans-198106319Sareen haadha irraa dhalatteefi obbolaa gadaameessaa tokkoo waliin bahaniif dhimma hin qabdu. Kan isiin quuqamtuuf irraa dhalootaafi waliin dhaloota, dhiigummaafi foonummaa osoo hin taane hadooddin isii abbaa qochumaa isii quubse qofaafi. OPDO’niis haadha deesse Oromiyaafi obbolaa waliin dhalatan Oromoof dhimma hin qabdu. Kan isiin oliif gad ceetuuf faaydaa wayyaanee eegsisuun garaa guutachuu qofa akka tahe hojiin raawwachaa jiran isaan ibsiti. Bineensi tokko hojiin isaa kan mul’atuufi eenyummaa isaa kan mirkaaneessu gochoota inni raawwatuuni. Ba’aa ergama wayyaanee fe’atanii shorroquun OPDO harree, “Kan garaa malee kan maqaa yoom nu dhibe” jechuun isaanii immoo waraabeessa isaan fakkeessullee garuu amalootaa fi gochoonni isaanii baayyeen sareetti waan madaalchisuuf saree tahuu isaanii mirkaneessa. Oromoon harki 99% leenca akka tahan eenyulleen hin shakku. Leenci leencuma dhala, garuu ilmoon saree eessaa ilmoolee leencaa keessa dhufteen gaafii natti tahullee, yeroo garii osumaan yaadu garuu OPDO (saree) kan tahan marti ilmaan Goobana Dacee, ilmaan Ali Galmoofi fakkaatoota isaanii tahinnaa laata? jedheen shakka. Tahuus hin oolan, ilmi leencaa kan jalqaba saroome Goobanaa Daceeti.
Hojiin OPDO’n baroota diingamoota kana ilmaan oromoof hojjatan yoo jiraate qabeenya oromoo alagaa saamsisuufi lubbuu ilmaan oromoo galaafachuu yoo tahee ala bu’aan biraa tokko yoo jiraate opdon mataan isii haa dubbattu mee. Ani kaniin irraa hubadhe haasawa warri wayyaanee afaan amaariffaan dubbatan afaan oromootiin deebisanii lallaabuu isaanii malee hojii qabatamaa hanga firii xaafii isaan irraa hin argine. Hojiin OPDO’n nuutu ummata oromootiif hojjate jettee carantu marti yoo kan gad qabnee ilaallu tahe faaydaa hojiin san ummata oromoofi Oromiyaaf laatuun osoo hin taane bu’aa isiin wayyaaneef qabdu irra dhaabbachuu qofan kan hojjatamanii dha. Guddina biyyattii dijiitii lamaan daballe jedhanii odeessan. Qabatamaan garuu ajjeechaa ilmaan oromoo digiitii 3’n dabaluu isaanii qofaatu mul’ata. Daandiin konkolaataa isaan hojjanne jedhanii kijiban marti oomisha qotee bulaa wayyaanee saamsisuuf qofa kan ooluu dha. Seenaa weerartoonni xaaliyaanii biyya keenya keessatti qaban yoo kan ilaallu tahe kan wayyaaneetiin waluma fakkaataa dha. Akkuma weerartoonni Xaaliyaanii iddoo albudni jiru, iddoo mukkeen gurguddaan xaawlaaf tahu jiruufi kkf itti daandii konkolaataa baasuu hojii godhatanii turan wayyaaneeniis bakkuma faaydaa irraa qabdu qofatti daandii hojjataa jirti. Namni tokko mana nama biraa keessa yoo jiraatu hanga keessa turu akka irratti hin jiigne eeguun dirqama. Kanaaf hanga oromiyaa cunfatan eeguun isaanii dirqama. Kun garuu faaydaa ummanni oromoo argate jedhenii haasawuun qaccee gurraa irra nun yaatu.


Yoo kan qabatamaan ilaallu tahe wayyaaneen aanga’oota ol’aanoo biyyattiillee faaydaa isii irratti hundaa’uun kan shuumtu akka tahe caaseeffama qoodinsa aangoo isaanii irraa hubachuun ni danda’ama. Wayyaanee ministeroota isiillee bu’aa isaaniif argamu irra dhaabbachuun kan muddu akka tahe baroota 25nan dabran kana irraa hubachuun ni danda’ama. Wayyaaneen ministeera qonnaa opdo keessaa yoo goote minister dandalaa immo tigree ykn saba biraa gooti. Oomishni guddaan kan argamu oromiyaa irraa waan taheef OPDO’n qonnaan bulaa oromoo akka oomisha dabalan taasisa, minister daldalaafi indistirii immoo ilmaan tigree daldala keessa galchuun oomishitoota adda addaa gara biyyoota alaatti akka daldalan taasisa. Akka fakkeenyaattiin isiniif kaase malee wayyaaneen guutumaa guututti aanga’oota isii guutumatti faaydaa isii qofa irra dhaabbachuuni kan filattu. Ministeerummaa akka raayyaa ittisa biyyaa, investimentiifi bulchiisa lafaa, dhimma alaa fi kkf ilmaan tigrootaa qofaaf kan laattuu dha. Yoo dhuguma wayyaaneen kan wal qixxummaafi dimokraasitti amantuufi itti hojjatu tahe maaliif ministeera raayyaa ittisaa harka wayyaanee qofatti dhoorkattiree?


Wayyaaneen aangoo murteessituufi biyyatiif motora taate mara if harkatti galchitee aangoo bubuutuu sagaleefi gatii hin qabne immoo saba biraa harka keessee wal qixxummaa sabootaa mirkaneessine jechuun gurra ummataa duuchiti. Keessattuu ummata keenya tooftaa akkanaatiin waggoota 20moota dabran kana sobaa turte. OPDO immoo osoo mataa isiitiifuu wabii taatee hin beekne, akka raadiyootti yoo banan dubbachaa, yoo cufan cal’isaa osoo jiraattuu wabii ilmaan oromoo taane jechuun mataa nu baqeessiti. Namni ifiifuu mukarra koree if sodaachaa hirriiba rafu yoom nama biraatiif wabii taha? Sareen abbaa guddiseef malee abbaa dhaleef wabii taatee hin beektu. Kanaaf Opdon gonkuma wabii ilmaan oromoo tahuu hin dandeessu, taatees hin beektu. Dhugaan jiru kana tahee osoo jiruu, ilmaan oromootiis kana osuma beekanii waggoota kana mara ajjeefamaa, qabeenya saamamaa, lafa isaanii irraa fudhatamaa jiraachaa turan. Ilmaan oromoo wayyaanee qofaan osoo hin taane waggoota dheeraaf eega birmadummaa biyya isaanii nafxanyootaan dhaban irraa hanga arraa mirga isaanii dhabanii, aangoo abbaa biyyummaa mulqamanii jiraachaa turan.

Ilmaan oromoo waggoota kana mara bifa gurmaa’eefi bifa bittinnaawaaniis qabsoo biyya abbaa isaanii kana deebifatanii abbaa irratti tahuuf ciisanii hin bulle. Keessattuu walakeessa mootummaa dargiitii jalqabee qabsoon sadarkaa adda addaatti godhamaa turuus hin milkooyne. Yeroo biraa caalaa immoo waggoota lamaan dabran kana dargaggeeyyii qeerroo onnee ibiddaattiin qabsoon ummata oromoo finiinaa jirti. Xumura bara 2015 irraa hanga ammaatti warraaqsi taasifamaa jiru akka ibidda okkotee beelaa jala shidamuutti wajiijamaa ture. Warraaqsi qabsoo qeerroo bilisummaa kun mootummaa wayyaanee raasee akka muka qarqara qilee dhaabbatuutti gama tokkotti jal’isee, madaqxuu saree wayyaanee OPDO’s naasisee jira. Ilmaan oromoo barana xumura gabrummaa godhanii biiftuu bilisummaa qaqqaamachuuf garaa muratanii, mudhii hidhatanii kan sossoo’aa jiran yoo tahu dhiheenya kana immoo ligidaa jira. Kun kan taheef sababoota garagaraatiin tahuus shira wayyaaneen xaxxee saroonni isaanii, OPDO’n hojii oolchaa jirtu warraaqsa keenya qancarsuuf adda durummaa qaba.

stock-photo-close-up-pregnant-belly-with-a-man-and-woman-s-hands-202039354Haa tahuu malee yeroo ammaa nuti tooftaa wayyaaneen baaftee OPDO’n hojiirra oolchituun dagamuufi sodaannee riphisuun nurra hin jiraatu. Humnaafi tooftaa qabnu maratti fayyadamnee handaaraan gahuutu nurra jiraata. Qarqara galma keenyaa gahuu kan dandeenyu qabsoo keenya itti fufuu qofaani. Qabsoon hidhannoo yeroo kanatti baayyee kan nu barbaachisu tahullee garuu akka barbaannuufi yeroo barbaannutti argachuun rakkisaa dha. Dirqama qabsoon hidhannoo kan barbaachisu tahuus garuu argamuu dhabuu hidhannoo sababa godhachuun qabsoo jalqabne karatti dhiisuun eenyummaa keenyaafiis tahee biyya teenyaaf gaaga’ama guddaa dha. Lubbuu teenya balaa irraa eewaluufi sabummaa keenyaas salphina jalaa miliiysuuf warraaquu qabna. Eeyyee! Fincila keenya daran finiinsuu qabna. Akkuma safiin (gundoon) hin goolabamin salphatti ciccittee dhumtu qabsoon hin goolabaminiis bubuutee karatti hafnaan gatii dhabdi waan taheef goolabuutu nurra jiraata. Qabsoo tana duraaniis dhaaba siyaasaafi qabsoo hidhannoo tokkollee abdannee hin jalqabne. Ammaas taanaan akkuma jalqabnetti goolabuutu nurra jiraata. Mala itti qabsoo tana finiinsinu ammoo ofuma teenyaaf baafachuun gaariidha jedheen yaada. (Tooftaa akkamiitu barbaachisa kan jedhuuf fuula dura itti deebina.)
Walumaagalatti yeroo ammaa shirri qabsoo teenya masheensuuf wayyaaneefi sareen isaanii OPDO’n baafameefi itti hojjatamaa jiru hamaadha. Karoorri isaan oromoo irratti baafatan kan sanyii teenya lafarraa duguugee, hidda latiinsa keenyaa karatti hambisee, kan ibidda nu dhaamsuudha. Seenaa kaleessa abboottiin teenya hojjataa turan nutiis arra hojjannee galmee seenaa isaanii haaroomsuutu nurra jiraata. Kaleessa abboottiin keenya hidhannoo warra nafxanyootaa sodaatanii hin teenye. Eeboofi mancaan taankiifi madaafa dura dhaabbatanii waraanaa turan. Gariin namaa “Eeboon madaafa dura dhaabbachuun lubbuu oromoota danuu san harcaasuu malee Oromiyaa gita bittaa nafxanyootaa jalaa eewaluu hin dandeenye maal gatii qaba” jechuun habilee if buusuu kajeela. Kan hiikkaa gootummaa hin beekneefi hin hubanne tokko tokkoos yeroo nuti “Abbootiin keenya gootummaa keessa subba (bututtuu, carqii) jiifatanii afaan madaafaa cuqqaaluuf itti deemaa turan” jannee yoo nuti kaafnee dhaadannu “Madaafa carqii jiifatanii cuqqaaluuf itti deemuun gowwumma malee gootummaa miti” jechuun nutti qoosuu barbaadu. Dhugaan jiru garuu gowwummaa osoo hin tahin gootummaadha.


Gootummaan injifachuu qofa osoo hin taane, onnee hadhooytuu qabsoof dhukaatu, miira hamilee gaariin nama onnachiisuufi murannoo qabaatanii biyya ifii balaa diinaa irraa wardiyaa dhaabbachuuf if qopheessuu irraa jalqaba. Diinni ibidda fedhe qabatee deemuus sodaattee biyya tee itti lakkisuu diddaaf harka qullaa kaatee du’uun gootummaadha. Hantuunninuu waraanamtu eeboo ofirratti ciniinaa duuti. Abboottiin teenya kaleessa gootummaa dhabaaf miti kan Oromiyaa irree alagaa jalaa baasuu dadhabaniif. Osoo gootummaa qabnuu gamtaa, tokkummaa dhabuu isaanii qofaaf diinni addaan faffacaasee biyya harkaa nyaate. Kanaaf nuti dhaloonni arraa onneefi gootummaa abboottiin keenya qabaachaa turan irratti tokkummaa dabalannee qabsoo teenya itti fufuun injifannoo gaarii akka nu gonfachiisu shakkii hin qabu. Qabsoo teenya finiinsinee galtee mana keenya keessa humnaan jiraattu, wayyaanee firraa baasuuf dura saree madaqxuu akka nuti manichatti hin kalooyne duttu, OPDO ajjeessuu irratti xiyyeeffachuu gaarii dha. “Harka duwwaa qabsooynuus gootummaa kaleessa qabnu irratti tokkummaa keenya dabalannaan injifannoon keenya dhihoo dha.” Ammaaf yaada koo goolabe, hanga xumuraatti na faana turuu keessaniif guddaa galatoomaa,

Horaa Bulaa.


Saphaloo Kadiir (Abdulbaasix)
Email:- ak23873@gmail.com or saphalookedir@gmail.com
Lakk. Mobile: +254707482480
Facebook: www.facebook.com/saphaloo

Beekan Guluma Erena
Follow Me

Beekan Guluma Erena

Beekan is writer, editor, researcher and Afaan Oromoo Instructor at Harvard University.
He wrote more than 30 books in Afaan Oromoo and editing many more Oromo books, magazines and articles. Currently, he writes on his site (beekanguluma.org) and gibetube.com on current issues of Oromo people, culture, education and politics in Oromo.
Beekan Guluma Erena
Follow Me

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa

One thought on “SEENAAMOO GARAAF JIRAATAMAA?

  • April 14, 2016 at 8:05 am
    Permalink

    Kun wanuma jirudha kuno anaf miltoowwan koo badi tokkoo malee wku irra guttumaagutatti nu ar’achisani galle hojii malee tenna! kanuma mitiree of biddeen of guddifataan kan ormaa irra ta’uun!!

    Reply

Leave a Reply

Your email address will not be published.