GUFUUWWAN QABSOO

YoosefGUFUUWWAN QABSOO


#OromoProtests Yosef Hamba Tola


Qabsoon gaafa jalqabamu gufuuwwan hedduu akka qabu namni kamiyyuu beeka. Miidhaa isaan qaqqabsiisanis tilmaamuun salphaadha. Kan ulfaataadha jedhamee yaadamuu fi nama hubataa barbaadu akkamitti gufuuwwan qabsoo kana karaa irraa buqqisneee ganna kan jedhuudha. Kun immoo ariitiin yookaan wacaan kan buqqa’u osoo hin taanee yaada bilchaataa fi tasgabbaa’aa ta’e barbaada. Bakka kanatti dhaabbannaa fi dhiibbaa qabsaa’onni godhan bakka ol’aanaa qaba. Sababnisaa qabsaa’onni dhimma qabsoo isaanii eenyuun caalaa sirriitti qalbeeffatanii beeku. Cunqursaa isaan jibbanii of irraa galagalchuuf jedhan eessaa akka ka’ee fi eenyu akka fide cimsanii waan beekaniif bu’uura gufuuwwan qabsoo isaanii sirriitti adda baasuu malu.
Gufuuwwan qabsoo kun nama gamnummaan itti fayyadameef bu’aa hedduus qabaachuu danda’u. Gaafa gufuun daandii qabsoo irratti biqiluu jalqabdu waan ukkaamfamee ture akka bakkee ba’e nutti hima. Waanti mul’ate kun osoo mataa dhokfatee hafee dhukkuba gadhee ta’uu hin oolu. Qabsaa’onni illee gufuuwwan kana irratti hundaa’anii eessa akka jiranii fi qabsoon isaanii hagam injifannoo akka agarsiisaa jiru of madaalu. Itti dabalees qabsaa’onni gufuuwwan har’a dhalatte kana irratti hundaa’anii bor immoo maal akka dhufuuf jedhu salphaatti tilmaamuu danda’u. Kanaafuu, gufuuwwan kun miila qabsoo rukutanii osoo hin naaffisin yoo hubannaan itti fayyadamne, hidda gufuuwwan sanaa immoo karaa irraa qotnee yoo ganne, qabsoo keenyaa gara duraatti dhiibuuf illee bu’aa qabu.
“The best way to treat obstacles is to use them as stepping-stones. Laugh at them, tread on them, and let them lead you to something better.” ― Enid Blyton, Mr Galliano’s Circus
Burqaaleen gufuuwwan qabsoo eenyu fa’i?
Qaamni ittiin mormaa jiran diddaa sana fashaleessuuf tooftaalee garaagaraa fayyadamuu danda’a. Tooftaalee kanas gaafa qopheeffatu duraan dursee gara qabsoon kun itti fuulleffatuu fi wiirtuu qabsoo kanaa qayyabata. Kana booda akkaataa galumsa isaatti gufuu fincila kana laaffisuu danda’u dura dhaaba.
Gufuuwwan qabsoo kun qabsaa’otuma mormii geggeessaa jiran keessaa ka’uu danda’a. Kanaafis sababooti hedduun jiraachuu danda’u. Kanneen akka: waldhaga’uu dhabuu; wal amantaa dhabuu; ofitti amanuu dadhabuu; taayitaa barbaaduu; lagaan wal qooduu; amantaan wal qooduu; dandeettii ga’aa dhabuu fi anatu caalaa jechuudha.
Geggeessitootni qabsoo illee gufuuwwaan baay’ee biqilchuu danda’u. Geggeessaan qabsoo yoo yaada bilchaataa ta’e yeroo yerootti hin maddisiisu ta’e qabsoo sana ni dadhabsiisa. Karoorri gaafa geggeessaa biraa ba’u kan sirriitti madalaamee fi yaadi irratti kan kenname ta’uu qaba. Sababnisaa qabsoo keessatti bu’aan argamu hamma miidhaa dhufu irra caalee argamuu qaba. Kana hin ta’u taanaan hundee qabsoo sanaa illee bal’eessuu danda’a.
Namoota kaleessa dheengaadda saba diddaa geggeessaa jiru kana gabroomfatanii beekaniin ka’uu danda’a. Jarreen halkanii fi guyyaan nama gabroomfachuun itti urgaa’u; kan gabroomfatanii waanjoo saba bal’aa irra kaa’anii turan; gaafa sabni cimee ka’ee tokkummaan dhaabbatee mirga isaaf falmatu ni aaru. Kana irraa kan ka’e yaada fi karoora isaanii isa dulloomaa odeessuu eegalu. Yaadi isaan qabatanii ba’anii facaasan immoo yeroo baay’ee kan yeroon itti darbeedha.
Kaayyoo dhuunfaa isaanii galmaan ga’achuuf illee namooti/dhaabbilee hedduun gufuuwwan baay’ee qopheessuu danda’u. Jarreeen kun kan ofii dadhaban maqaa qabsoo adeemaa jiruun qabatanii milkaa’uuf jecha hanga dhumaatti bira fakkaatanii gaafa qabsoon kun gara dhumaatti dhufu gufuu hamtuu qopheessu. Gaafa qabsaa’aa dhugaan gufatee lafa dha’u, sagalee bareechatanii aangootti ol ba’uuf daandii tolfatu jechaadha.
Ergamtooti qaama ittiin mormamaaa jiru irraa ergamanis gufuu qabsoo rukutee okkolchiisu qopheessuu danda’u. Bitamtooti kun maallaqa argatan waan ilaalaniif yeroo baay’ee of kennanii maloota garaagaraa qopheessu. Kanneen kun sanyii qabsaa’otaa yookaan qomoo biraa keessaa ta’uus ni danda’u. Jarreen kun gabaabaadhumatti warren garaa isaanii guuttachuuf fiiganiidha.
Kan biraan immoo daawwattoota qabsootu gufuu qopheessa. Ilaaltota qabsoo bakka sadiitti qoodnee ilaaluu dandeenya. Kan jalqabaa, dhimma qabsoo sana gama lamman irratti gadi fageenyaan kan beekaniidha. Kan lammataa kannneen yaaduma giddu-galeessa ta’e beekaniidha. Kan sadaffaa fi xumuraa immoo waa’eedhuma qabsoo sanaa tasumayyuu kan hin beekneedha. Hundi isaanii iyyuu dhiibbaa geggeessuu danda’u. Warreen sadaffaa sun osoo waa tokko illee hin beekin qabsoodhuma sana arganiif taa’anii oduu irratti odeessu. Kanneen tokkoffaa fi lammaffaa sunimmoo haga hubatan irratti hundaa’anii mala ittiin qabsoo kana mogolee isaa laaffisan barbaadu.
Kan seenaan nutti himee fi kan ija keenyaan argineen akkuma dhugaa ba’uu dandeenyu Qabsoon Saba Oromoo gufuuwwan armaan olii kana dandamatee har’a ga’ee jira. Miidhaawwanii fi bu’aawwan gufuu kanaas qabsoo keenya keessatti ni yaadatamu. Ammas taanaan gufuuwwan kun biqilanii akka jiran ni argina. Qabsoo yeroo ammaa kana immoo haalaan dadhabsiisuuf gufuuwwan hedduun akka yeroo bokkaan arfaasaa roobu biqiloonni lafa keessaa ol yaa’anii, gufuuwwaniifis qabsoon keenya rooba arfaasaa ta’ee akka biqilaniif ariifachiisee jira. Kun qabsoon keenya akka jabaatee fi haala gaarii irra akka jiru nutti hima. Akkuman armaan duratti tuquu yaale Oromoon gufuuwwan kanatti gamnummaan fayyadamuu qaba.
Hiddi gufuuwwan kanaa guyyaa guyyaan qotamee hin buqqa’u taanaan qabsoo keenya nurkatti dulloomsuu danda’a. Qabsoon keenya nurkatti dulloome jechuun immoo nu jalaa kuffisaa jira jechuudha. Qabsoo goototni Oromoo kumaatamni irratti wareegamanii nutti dabarsan kana immoo gufuuwwan biqilaa jiraniin mo’amnee yoo lafaan dhoofne nuuf qaanii guddaadha. Gaaffii seenaa jalaas ba’uu hin dandeenyu. Dhaloota boodaan dhufaa jiraniif illee fakkoo fokkisaa fi jibbisiisaa ta’uu dandeenya.
Haalli Qabsoo Saba Oromoo mootummaa abbaa irree Itiyoophiyaa kana irratti gochaa jirru kan namatti toluu fi injifannoo boonsaa kan galmeessisaa jiruudha. Mootummichi iyyuu yeroo ba’ee itti dhugaa ba’aa jiruudha. Kun qoftis ga’aa miti, qabsoo kana bakka aggaamameen ga’uuf abshaalota ta’uu qabna. Tooftaa ittiin guffuuwwan qabsoo keenyaa kana harka keenya jala galfannu osoo yeroo itti hin kenning qopheessuudha. Kanaafuu, tokkummaan irratti dammaquutu nurraa eegama!
Dhaabbileen siyaasaa fi Sabni Oromoo keessaa fi alaa Qabsoo Saba Oromoo geggeeffamaa jiru irratti of kennitanii hojjechaa jirtan galanni keessan bilisummaa haa ta’u jechuun jaalladha. Garuu, waa tokko gochuutu isin irraa eegama. Yeroo qabsoo kanatti guutummaa gurra keessanii fi qalbii keessan wantoota bitaa fi mirga keessanii wacaniif hin ergisinaa. Jarreen isin naanna’anii oduu burkutaa’aa dubbisan gufuuwwan qabsoo keenyaa akka ta’an beekaa. Yaadaa fi mormii ka’uu malu hundaa hubannaan ilaalaa itti fayyadamaa malee yeroo keessan irratti hin gubinaa. Yaada keessanis guutummaatti hin ergisinaafi. Kan isin irraa eegamu inni guddaan karoora gara fuula duraa baafachuu fi qeerrootti daandii agarsiisuudha. Wiirtuu lafee dudgaa wayyaanees sirriitti soqxanii qeerroo fi saba Oromoo hundaatti agarsiisuu qabdu. Kana booda harka walqabannee qeerroo faana hiriiruudha. Ogummaan qabsoo keenya kana yoo geggeessine kufaatiin mootummaa abbaa irree akka ariifatu abdii guddaa qabna.
Mala ittiin gufuu si dura jiru bira tartu hin qopheeffanne taanaan kufaatii hamaaf si saaxila!

GALATOOMAA!
Qabsoon itti fufa!

Beekan Guluma Erena
Follow Me

Beekan Guluma Erena

Beekan is writer, editor, researcher and Afaan Oromoo Instructor at Harvard University.
He wrote more than 30 books in Afaan Oromoo and editing many more Oromo books, magazines and articles. Currently, he writes on his site (beekanguluma.org) and gibetube.com on current issues of Oromo people, culture, education and politics in Oromo.
Beekan Guluma Erena
Follow Me

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa

2 thoughts on “GUFUUWWAN QABSOO

  • April 11, 2016 at 11:45 am
    Permalink

    yaada ijootu ka’ee haala kanaan walfannaa dhaabachuu qabna jedha anis.

    Reply
  • April 12, 2016 at 10:54 am
    Permalink

    hedduu nuuf galaatoma xinxaltoonni keenya? yaadi sirriin kun mormii malee hojiitti hiikamu qaba? yoos milkoofti kaayyokn saba

    Reply

Leave a Reply

Your email address will not be published.