SEENAA SUKKUUMAME

oromoo


  • SEENAA SUKKUUMAME
    Carraan akka aduu ji’a muddee daftee bariitee namarraan dhiiti. Kan toleefis akka bokkaa waxabajjii Yandoo buusaa roobuufi hinoolu. Ganama abbooroo ka’een gara buufata konkolaataa magaalaa Asallaatti qajeele. Asallaan magaalaa Oromiyaa keessaa tokko kantaateefi Sabaafi sablammoonni kallattii biyyattii addaa addaarraa dhufan kan keessa jiraatanidha. Wanti adda ishee godhus yoo jiraate atileetonni addunyaarratti maqaa biyyaa waamsisan burqaan isaanii godinuma kana.
    Biiftuun ba’uuf halluu miidhagaan qeensaa yaafattee gaara cilaaloorran mul’adhuu, mul’adhuu jetti. Hojiin uumaa kanaa ajaa’iba. Qorri miillaafi harka walitti butee, fuula walitti shuntuuree jiraattota magaalaa hundaa akka wali hinhubanneef huccuu miillaa hanga mataatti oolgatanii akka adeemaniif isaan dirqisiiseera. Kanuma keessaan biiftuun qorraan natu olaantummaa sirratti qaba, dabareen kanokooti waan jettu fakkaatti.
    Gara buufata konkolaataatti dhiyaachaan jira. Imalakoo kanan eegale, karooraan ta’uu baatus dirqamni manaa nabaaseera. Yeroon biyyan itti dhaladhe Dheeraa gadhiisee gara Asallaa dhufu umuriinkoo waggaakoo 18. Dheeraan magaalaa xiqqaa godina Arsii keessatti argamtudha. Oomishni qamadii keessatti babal’atee argamasaa achi fakkeesseera. Maqaan magaalaattii kanaa akkuma magaalota Oromiyaa biroo maqaan dhalootaa irraa mulqamee ‘Deeraa’ jedhamtee erga waamamuu jalqabdee bubbulteetti. Dhaloonni amma magaalattii keessa jirus, maqaa dhuma ‘deeraa’ jedhamu malee Dheeraa kan jedhu waan beekan hinfakkaatan. Namoonni umuriin bubbulaniifi qorattoonni seenaa kanarratti yoo hojjechuu baatan seenaan dagatamee, eenyummaan bakka dhabee ilmi maqaa akaakayyuu himachuu yeroo itti wallaalu fagoo hinfakkaatu. ”maqaan baduu mannaa mataan baduu wayyaa” jedha mitiiree Oromoon.
    Carraan isheen takkaa natti bubbiftee fuula naduraa dhokfattee nabiraa hinhafne jedheen dhiira baqadha. Jiilaan qabaka. Kanaafan sodaadha. Amma buufata konkolaataattan dhiyaachaa jira. Namichi dheeraan akka leemmanaa duukaakoo ariitiidhaan tarkaanfachaa naqaqqabuuf waan fiigu fakkaata. Ofirra mil’adheen ilaale. Obboleettii maal na eegiikaa jedhee sagalee nama naasisuun. him…him…him..maal jettanii jedheen akkan waanan dubbiisaa hindhageenyeetti irra deebi’een gaafadhe. Nama karaa dheeraa deemu fakkaatta; anis karaa dheeraa waanan deemuu jedhe sagalee ciccirachaa. Maali namni akkanaa akkan karaa dheeraa deemu maaltu isatti hime. Dafee akka walbarruufis ariifateera jedheen sagalee gurrakootti malee hindhaga’amneen duddubachaa anaa yaadaan liqimfame jiru maqaa wal haabarrukaa jedhe harka alangaa roobii fakkaatu kan qorri barii irra bu’e fakkaatu ashaboo fakkeesse natti hiixachaa, hoollachaan ani him..him..him.. anillee Eebbiseen jedhama jedheen afuura ciccituun itti hime. Animmoo Bultoosaa Gurmeessaan jedhama. Tole haata’u jedheen maqaasaa sammuutti qabachuuf, sagalee anatti malee isatti hindhaga’amneen isatti deddebi’e.
    Mucaankoo innin hirriba ho’aarraa kaasee dugdakootti hidhadhe, nibeela’ee fakkaatati socho’u jalqabe. Nama hubatee ilaaleef malee akkan mucaa dugdarraa qabu, kaaniif waan hubatamu hinfakkaatu. Buufata konkolaataa geenyee xiyyoo qabannee dhaabanneerra. Namoonni buufata konkolaataa kana dhiphisaniiru. Gaafa baay’ina namootaa ilaalan magaalichatti waan hafe hinfakkaatu. Buufata konkolaataa geenyee xiyyoo qabannee dhaabanneerra. Namoonni buufata konkolaataa kana dhiphisaniiru.
    Hundi xaxatee waan ka’e fakkaata. Ijjisaanii namarra osoo hintaane, konkolaataa toora gale dhaabaturra jira. Konkolaataan ittiin imalu adda baasee beekuudha baadhus bakkan deemu maqaa waanan beekuuf yeroo waaman eeguun qaba jedheen ofitti asaasa.
    Maal haasa’ikaa garam deemaa jirta jedhe Bultoosaan. Iii..i… Baalee, Baalee Madda walaabuun deema jedhee itti hime. Si’aayee, Maarree imalli keenya tokko. Ati mucaa baattee hiriira hindhaabatiin. Anuu teessoo nama lamaaf ta’u nanqabaa jedhe. Nanshakke. Takka itti yaadeen. Maaloo sirakkisuu hinta’uun jedhe. Akkasi hinjedhiin. Nama gargaaruu Rabbi nama hindhorkatiin jedheetu gara nama konkolaataa yaabbachuuf hiriiraniitti nabiraa sokke. Amma dhuguma namichi kun nagargaaruufimoo, namooksuuf? lakkii namooksuuf miti; innisoo gara madda Walaabuun deema jedhee mitii? jedhee utuu yaadakoo buusee baasuu balballi konkolaataa baname.
    Namoonni dabaree qabatan turan suuta osoo hintaane, wacaa, huursaa waldarbachaa gara keessaati seenan. Anis abdiin gara teessoo naaqabameetti qajeele. Ijaan asiif achi jedheen Bultoosaa barbaade. Bakka taa’ee oljedhee kottu bakkeen siif qabame asidha jedhee ta’uukoon dura mucaako akka haphee qorra bariitiin hadoode natti maxxanee Sanyiin dugdakoorraa buuseen gara harkakootti dabarfadhe. Sanyiin mucaakoo isa duraati. Dhalatee reefuu waggaa guuta. Oliif gadi sosocho’ee boonyaanan sossobuuf yaale. Maaliree mucaankee boo’ewoo…Osoo walirraa hinkutiin furmaata kennikaa jedhee sagaleen tasgabbii ofirraa qabu.
    Ijji Bultoosaa takka garakoo, takkammo Sanyiirra jira. Harma gogee kan jiidha hinqabne afaan kaa’ee, Sanyiin boo’ichasaa ittuma fufe. Namoonni konkolaataa keessa jiran, haadha ta’uukooyyuu waan shakkan fakkaatu. Bultoosaan qofti waan rakkookoo hubate fakkaata. Lakkii osoo konkolaataan hinsocho’iin waan inni nyaatu yookaan dhugu bituufi wayya jedhee konkolaataarra gadi bu’e. Bultoosaan utuu takka hinturiin Sanyiif Mi’ooftuu bitee oldeebi’e. Konkolaatichi buufatasaatti nagaa dhaamee imalasaa eegaleera.
    Foddaa konkolaataan uumama dachee Oromiyaa ijaan daawwachaa deemsa keenya si’aa’aa taasifneerra. Maaliree hinyaada’iinkaa haasa’i malee jedhe Bultoosaan. Tole nan haasa’a garuu waanan haasa’uyyuu eessaa akkan jalqabu waan narakkiseef callisuu filadheera. Ati nama Baaleetimoo jedhe yeroo dubbii itti jalqabu. Him…Him..anillee Nama Baalee miti; Firatu gara sana jira jedheen gabaabsee deebiseef. Maarree Baaleen lafa seenaa qabeettiidha.
    Fira qofa osoo hintaane, bineensota bosonaa, mukkeen walxaxanii, walirratti hi hirkatan asiif achi dhangala’aa baga nagaan dhuftan jedhanii nama simatan daawwachuuf deemuunis akkam boqonnaa namaaf kenna seete. Ittuma fufee garuu hinumaa ati carraa hinqabdu; nanrifadhe. Dafee natasgabbeessuuf; jechuunkoo dur yeroo bosonni Baalee akka qilleensa isa hinseenneef, walitti maxxanee biqiloota gaachana qaban of jala naqee dhaabbatu hinagarreefan akkana siin jedha. Qabeenya keenya kunuunsaaf osoo hintaane, baay’inaan afaan abiddaafi balaa hedduu irraa hafee har’a ga’e.
    Sa’a abbaan gaafa cabse Ormi ija buruqsa jedhan mitiiree… ? Kanuma hafte kanayyuu bubbee itti bubbisaa lolaa biyyoo dhiqee hidda bakkeetti hambisu kanarraa yoo ittisuu dhiifne, waan irra ga’uu danda’u tilmaamuun sinrakkisu jedheen yaada.
    Namoonni konkolaataa keessa jiran, anaafi Bultoosaa akka nama wal-beeku tokkootti waan hubatan natti fakkaatu. Haalli Bultoosaan waa’ee manca’uu qabeenya uumama Oromiyaa ittiin dubbachaa jiru, lola waan fakkaatuuf kaan yaadaan liqimfamanii, kaan ammoo waan dhimmichi isaan hin ilaalle of fakkeessanii gamaafi gamatti waacca’anii Bultoosaa ijaa tuffiitiin ilaalu. Ani akka namaoota kanaatti isa hubachuu dhiisus yaadan ofii keessa jiruufi kan inni natti himaa jiru sammuukoo keessatti wal lolaa, bakka walirraa fudhachuuf falmiin isaan taasisan alatti ba’anii waan mul’atan natti fakkaataa jiru.
    Kanumaafi mitiiree ” kan beela’eetti kan gaggabe dhufa” kan Oromoon jedhuuf. Deebii gahaa narraa dhabuun isa mufachiisuu dhiisus akkan callisee haasaasaa isaa qofa dhaggeeffadhuuf eeyyamamaa miti. Ammas deebi’ee ”maal haasa’ikaa! mucaankees waan rafe fakkaata” jedhe. I..im nan haasa’a. Akka nama hirribaa wareereettan yaada keessaa dammaqe. Nan haasa’a jechuunkoo yaadadhus waanan haasa’u, eessaa akkan jalqabu nadhibeera. ”Maqaan mucaakeeti eenyu? jedhee yeroo dubbii ittiin eegalu, waa xiqqoo tureen, maqaan isaa Sanyiidha. Sanyii eenyuu jedhee deebisee Bultoosaan. Akka nama hin dhageenyeettiin callise. Irra deebi’ee ”maqaa abbaa isaa eenyu naanjettee? jedhe. Sodaachaan maqaan abbaasaa Waaqwayyaadha. Waaqwayyaa Badhaadhaa jedhama. Waaqwayyaa Badhaadhaa jedhamee ofii isaati sagalee gadi bu’een dudubbata. Yaadachuuf jecha waan irra deddebi’uu fakkaata. Maal hinbeektumoo? jedheen deebii isaa gurra hawwiitiin dhaga’uuf hawwe.

Sagalee gurrakootii malee isatti hindhaga’amneen Tarii Bultoosaan Waaqwayyaa wajjin wal-beeku ta’innaa! Maaliif irra deddeebi’ee jedheen qofaakoo haasa’e. Takka turee ”Waaqwayyaa Badhaadhaa naan jette, maqaa abbaa mucaakeetii?” jedheen qofaakoo haasa’e. Takka turee ”Waaqwayyaa Badhaadhaa naan jettee, maqaa abbaa mucaakeetii? jedhe. Eeyyee…Waaqwayyaa, Badhaadhaati. Anillee isa hinbeeku, garuu maqaan kun anaaf haaraa miti. Nama Badhaadha Beekaa jedhamutu biyya kana keessa jira. Ilma isaa ta’innaa jedheetu e…eeyyeen, isuman jedheen sagalee ciccituun. Waan shakke fakkaata. Maarree atiyoo nama Asallaati eessatti wal bartaniree? jedhee duubatti nadeebise. Takka seeqeen maal, namni walbarutu dhibaa? jedheen gaafiidhaan rarraasee hambise. Sirriidha. ”kunoo anaafii siinis daandiitu walitti nufidee wal-nubarsiisee mitii jedhee fuula ifaadhaan. Eeyyeeni dhugaadha! jedheen callise.
Haala aniifi Waaqwayyaan itti walbarre baruuf waan ariifate fakkaata. Of bir’achaa maaloo eessatti walbartaniree? jedhee gaaffii kadhaa of keessaa qabuun. Kadhaa, kadhaa dubbii nama baasisu. Takka tureen, Waaqwayyaa wajjin kan walbarrellee Asallaatti miti. Ariifateera Bultoosaan. Ahaa…yoo Asallaa ta’uu baatemmoo as turtekaa, madda walaabuu jedhee bifa gaaffiitiin. Lakki madda Walaabuu maqaa qofaanan beeka. Biyya Waaqwayyaan itti dhalate ta’uusaa qofa. Kan walbarre yeroo inni hojiidhaaf gara magaalaa dheeraa dhufettidha. Yeroo sana ani abbaakoofi haadha biddeenaakoo wajjiniinan jiraachaa ture…
©Beekan Guluma Erena, 2016

Beekan Guluma Erena
Follow Me

Beekan Guluma Erena

Beekan is writer, editor, researcher and Afaan Oromoo Instructor at Harvard University.
He wrote more than 30 books in Afaan Oromoo and editing many more Oromo books, magazines and articles. Currently, he writes on his site (beekanguluma.org) and gibetube.com on current issues of Oromo people, culture, education and politics in Oromo.
Beekan Guluma Erena
Follow Me

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa

2 thoughts on “SEENAA SUKKUUMAME

  • May 13, 2016 at 3:40 pm
    Permalink

    Beekan, nu rarrafte maaloo nuf xumurika

    Reply

Leave a Reply

Your email address will not be published.