SAPHAALOO KADIR EENYU?

Saphaloo KFB_IMG_1440625676163adiir (Abdulbaasix K.) Eenyu?

Gaafaan gadaameessaa harmee koo keessaa gara ardii addunyaa kanaa dhufu maatiin koo maqaa Abdulbaasix jedhu naaf moggaasan. Maqaan namoonni baayyeen hojii koo ittiin beekkaniifi hiriyoonni koos ittiin na yaaman immoo maqaa moggee Saphaloo Kadiir jedhuuni.
Saphaloo Kadiir (Abdulbaasix) abbaa kiyya Kadiir Abuubakar fi harmee tiyya Saadiyyaa Adam irraa Onkololeessa, 1984 (1976 A.L.H) itti Baha Oromiyaa, Kutaa Harargee, Ona Meettaa araddaa baadiyyaa tan mootummaan dhufaa dabraan maqaa jijjiiru tan dur Duuyda Eelaa lakkoofsa 4, amma immoo Araddaa Eela Habroo jedhamuun beekkamtu tan hawaasni immoo Gabaa Olii jechuun yaamu keessatti iddoo ganda Usmaa’il jedhamtuttiin dhaladhe. Araddaa Eela Habroo jechuun magaalaa seena qabeettii Calanqoo irraa gama lixaatti fageenya KM 8 fagaattee argamtu yoo taatu teessumni lafa isii gaarreniin marfamee arkaa ijaatiif baayyee bareedee kan mul’atu dha. Maatii kootiif ani ilma sadaffaati.
Daa’ima tokko tahee gara ardii addunyaa kana ergama mataa kootii qabadhee eegaan dhufe booda yoon daaddeen ol ka’ee daa’imummaa irraa gara ijoollummaa seenu akkuma ijoollee baadiyyaa maratti biyyee daakaa, dhoqqee laaqaa, taphoota garagaraa taphachaa xurree amna jireenya kootii jalqabe. Jalqabuu malee osoon taphadhee hin quufin garuu abbaan koo mana baruumsaa Oolma daa’immanii (KG) naannoo keenyatti argamutti na galche. Yeroo san umriin koo akkaan maatii koo irraa hubadhetti waggaa 6ffaa ture.
Akkuma jiraattoota baadiyyaatti jireenyi maatii kootii qonna irratti kan hundaa’e tahullee garuu abbaan koo nama dandeettii addaa qabuufi hojii qonnaa madditti hojiilee daldala garagaraatiis hojjachuun qabeenya sadarkaa giddu galeessaa horatee naannoo baadiyyaa san keessatti maatii isaa jireenya gaarii jiraachisu waan taheef nama beekkamaa fi hawaasa naannoo biratti fudhatama guddaa qabuu dha. Kana malees abbaan koo barnoota baratee xumuruu baatullee nama baruumsa dhandhamuu malee dharraa hin bahin tahuu ilaalchaafi jaalala inni barnootaaf qabu daa’imummaa kootitti mana baruumsaa na galchuu isaarraa yeroo sanitti hubachuu dadhabuus eegaan guddadhe booda hubachuun koo hin oolle. Anaafi obboleewwan kootiis umrii daa’imummaa osoo qalamaafi dabtara sirnaan qabachuu hin dandeenyetti mana baruumsaa oollee akka gallu nu taasisuun isaa dhabsuu barnootaaf qabaachuu ture nu keessaan dheebuu bahuuf akka tahe hubachuun salphaadha.
Oolma daa’immanii sanitti waggaa lama eegaan ture booda gara mana baruumsa sadarkaa 1ffaa Eela Habrootti galmaa’ee kutaa 1ffaa irraa jalqabe. Akkumaan ani kutaa 2ffaatti dabreen mootummaan dargii kufee sirni baruuf barsiisuu gargar cite. Wal waraansa wayyaaneefi ABO jiddutti naannoo keenyatti taasifamaa tureen sirni baruumsichaa waggoota muraasaaf gargar citullee garuu ani mana keessatti deeggarsa abbaa kootiitiin qubee afaan oromoo barachuu jalqabe. Yeroo manni barnoota haareyatti jalqabamu aniis ganduma dhaloota kootiitti bakkumaan itti dhaabe kutaa 2ffaa irraa jalqabee hanga kutaa 6ffaatti baradhe.
Yeroon barnoota koo qubeen barachuu jalqabu ani afaan oromoo dubbisuufi barreessuu sirrittin danda’a ture. Qubeen afaan Oromoo yeroo sanitti nama maraaf haareya tahuu irraa kan ka’e barattoonni kutaa 1 – 6ffaatti jiran marti dandeettiin dubbisuuf barreessuu isaanii wal fakkaataa ture. Akkuma walirra cimoo tahaniin barachuu kan yaalan tahullee anaafi obboleessi koo barreessuufi dubbisuu irratti fooyya’iinsa guddaa qabna yoon jedhe if dhaadheessuu natti hin fakkaatu. Sababni isaa akkumaan olitti tuquuf yaalettii deeggarsa abbaa keenyaatiin kitaaba xiqqaa qubee afaan oromoo kan adda bilisummaa oromootiin jalqaba maxxanfame tokko irraa hanga sirni baruumsichaa gargar cite barachaa waan turreef yeroo manni baruumsaa haareyatti banamu ani sirrittiin dubbisuu danda’a ture. Kanumarraa ka’uun barsiisaan afaan oromoo nu barsiisu tokko yeroo barattoonni kutaa 5ffaafi 6ffaa faan dubbisa adda addaa dubbisuu dadhaban kutaa 3ffaa irraa fudhee daree isaanii na geessuun fuula barattootaa duratti akkaan dubbisuuf na taasisaa ture. Haalli kun hamilee addaa natti uumee fedhiifi hawwii waan garagaraa barreessuufi dubbisuu na keessatti unkure. Kuniis baruumsaa irratti hirmaachuuf bu’ura naaf tahuu dabalatee kan ilaalchi ogbarruu sammuu keessatti na ulfaa’uu jalqabe jedheen yaada.
Naannoo dhaloota kootiitti manni barnoota hanga kutaa 6ffaa qofa waan jiruuf akkumaan kutaa 6ffaa xumureen kutaa 7ffaa mana baruumsa sad. 1ffaafi giddugaleessa sad. 2ffaa Calanqoo lakk. 1’tti baradheen, kutaa 8ffaa immoo M/B giddugaleessa sad.2ffaa Calanqoo lakkoofsa 2’tti (M/B Raaree) itti qoruumsa biyyooleessa kutaa 8ffaa fudhadhee xumure. Baruumsa sadarkaa 2ffaa (High School) M/B sad. 2ffaa Calanqootti bara 1993 A.L.H qoruumsa biyyoolessa kutaa 10ffaa yeroo jalqabaatiif fudhadhee. Yeroo sanitti kaarikulamiin barnootaa haareya waan tureef qaphxiin qoruumsa biyyooleessa kutaa 10ffaa sadarkaa qophaa’inaatti (Preparatory) baruumsa koo itti fufuuf kan na dandeessisu tahullee garuu sababa tahe tokkoon baruumsa qophaa’inaa seenuu hin barbaanne. Sababa haala tokko tokkootiifi xaxama jireenyaa irraa kan ka’e yeroon mana baruumsaa sadarkaa 2ffaa baradhu dabree dabree gumii adda addaa keessatti hirmaadhuus garuu Amniti too garami laata jedhee osoon bitaa mirgaa koo ilaaluu carraan tokko dhufe.

Yeroon isaa bara 1994 A.L.H’tti ture. Mootummaan biyyattii tarsiimoo qonnaa babal’iisuuf warreen kutaa 10ffaa xumuran simatee sadarkaa diploomaatti eebbisuuf koolleejoota B/L/T/O baayyee banee leenjiisuuf beeksisa baase. Fedhiin koo ganama na keessa ture gaazaxeessaa tahullee, dandeettiin kootiis ogbarruu tahuus garuu biyya fedhiifi dandeettiin abbaa waliin itti wal hin arkanne keessatti waa’ee hawwii kootii yaaduun koo gatii akka hin qabne hubadheen beeksisa qonnaa bahe san dorgomuuf Waajjira qonna aanaa Meettaatti galmaa’e. Calallii isaas dabreen ramaddiif immoo Harargee keessatti kan bu’ureeffame Koolleejjii BLTO Kombolchaa kan magaalaa Malkaa Raafuutti argamu seene.
Ogummaa qonnaa dippaartimantii Kunuunsa Qabeenya Uumamaa (Natural Resoource Management) sadarkaa diplomaatiin bara 1996 eebbifamee hojjataa misoomaa tahee baadiyatti ramadame. Hararguma Bahaa Aanaa Kombolchaatti ramadamee waggaa tokkoof walakkaa akkumaan hojjadheen Koolleejjiin BLTO barsiisoota dorgomsiisee qacaruu akka barbaadu beeksisa baase. Aniis koollejjicha keessatti qabxii ol aanaa waaniin qabuuf ulaagaa beeksisichaas waaniin guutuuf dhaqeen galmaa’e. Dorgomiin garuu Finfinneetti waan tureef deemeen dorgomee koolleejjumaan itti baradhe Koolleejjii BLTO Kombolchaatti barsiisaa tahee ramadamee hojii jalqabe. Barsiisaa Koolleejjii tahee barsiisuu jalqabuus garuu ulfa ogbarruu sadarkaa gadii irraa sammuu koo dhifaa ture, qaanqeen isaas keessa koo na guggubaa ture na keessaa baduu hin dandeenye. Sagantaalee garagaraa irrattiis gaggeessaa waltajjii tahee dhihaachuu irraa if daangessuu hin dandeenye.
Damee ogbarruu keessaa namoota daaddaa koo jiraniifi geengoo koo marsan biratti damee walalootiin baayyee beekkamuus ani walaloo sirbaa dabalatee, asoosama, diraamaa fi ‘iskiriptii filmiis niis batreessa. Dur irraa walaloo barreessuus hangaan yeroo koolleejjitti barsiisummaan ramadametti yaanni kitaabatti maxxansuu na keessa deddeebi’uus ani garuu walalooleen barreessu mara waltajjii garagaraa irratti dubbisee darbuu malee kuusee kitaabaan maxxansuuf hagas mara hin dhiphanne. Biyya teenya keessatti kitaaba afaan oromootiin maxxansuun ulfaataa akka tahe waaniin hubadheef dandeettiin koo waltajjumarratti dubbisuu qofatti daanga’ee ture. Inumaatuu yeroo garii fedhii kana if keessatti qancarsuufi ajjeessuufiin wixxifadha ture. Dubbiin garuu faallaa tahee osoon hin beekin ulfi sammuu koo keessatti guddatee guunguumuun na dhiphisuu jalqabe. Osumaan fedhii ogbarruu kana if keessatti ukkamsuuf yaaluu garuu kitaaboota adda addaa kanneen akka asoosamaafi kuusa walaloo adda addaa dubbisuu irraa if daangeessuu hin dandeenye. Yeroon koolleejjii barsiisuus mana kitaabaa (Librery) Koollejjichaa irra kitaaboota garii ergifadhee dubbisaan ture. Guyyaa tokko garuu kitaaba ogbarruu afaan oromoo mana kitaabichaa keessaa dhabuun kiyya sammuu keessatti tuqaa gurraattii hin haqamne na uumuu hin oolle. Mana kitaabaa san keessa kitaaboonni ogbarruu afaan oromoo tokko jiraachuu dhabuun miira gad aantummaa akka natti dhagayamu na taasise.
Yeroo kanatti gaaffiilee baayyeen sammuu koo xaxxuus “Ani maaliifiin walaloo tiyya walitti qabee maxxansee gahee narraa eegamu hin baane?” gaaffiin jettu guddattee sammuu koo keessa bololi’uu jalqabde. Yeroo kana fedhiin keessa kootti gad ukkaamsaa ture san akka volkaanootti utaalee keessa kootii dhoohe. Daandii kitaabicha maxxansuuf naaf salphata jedhee yaade tokko filadheen yaade. Osoon yaada kana teessoo ittin godhin waajjirri aadaafi turizimii aanaa Kombolchaa akka na qacaruu barbaadu xalayaa koollejjichaaf barresse. Diiniin kolleejjichaas hayyamee aniis roga saniis hawwiin koo naaf dhugoomuu hin oolu yaada jedhu qabadhee hojjachaa waajjira aadaafi turizimii tahee bara 2001 A.L.H hojii jalqabe.

Yeroo kana kitaaba kuusa walaloo kootii kan jalqabaa “CIMIMMUU” jedhuus xumuree maxxansuuf qophaa’een jira. Haatahuu malee maxxansuun akkaan ani yaade salphaa naaf hin taane. Abdii hin muranne. Gama tokkoon kitaabni kuusa walaloo carraa maxxanfamuu dhabullee isa yeroof kaa’eetumaan asoosama barreessuu jalqabe. Yeroo tokko dorgommii ogbarruu Biiroon aadaafi turizimii Oromiyaa qopheesse irratti barruu asoosama gabaabaatiin dorgomee moohadheen ture. Tahuus hanga ammaa hojii ogbarruu baayyee barressuus carraa maxxansee harka ummata kootiitiin gahuu hin dandeenye. Yeroo ammaa biyyarraa baqadhee biyya ollaa baqatummaan waaniin jiraadhuuf rakkoo diinagdeetiin kitaaboota koo keessaa tokko ummata koo biraan gahuu dadhabullee garuu barreessuu amaleeffadhee walirratti tuulaa jira.
Akkuma beekkamu hojiin koo bifa kitaabaan maxxansee ummata koo biraan gahuu dadhabullee carraa internetiitti fayyadamee guututtillee tahuu baatu fayyadamtoota miidiyaa hawaasaa kan akka ‘facebook’ warra tahan biraan gahaan jira. Kana malees aartii oromoo hanga tokko gumaacha narraa barbaarchisuu godhuuf waaniin danda’uu mara sochaa’aa kaniin jiruu yoo tahu umrii koo guutuu gahee koo bahuuf akkumaan mudhii hidhadheettiin jira. Yeroo ammaa gama ogbarruu madditti hojiilee aartii kan akka diraamaa, filmii fi walaloolee sirbaa baayyee barreesseen jira. Hojiilee koo gama ogbarruutiin xumuree harkaa qabu kitaaboota 6 (jaha) ol yoo tahu,

Isaaniis:
• CIMIMMUU:Kitaaba kuusa walaloo 1ffaa.
• AREERA:Kitaaba kuusa walaloo 2ffaa.
• QAANQEE:Asoosama dheeraa
• KULKULFATA:Asoosama dheeraa
• QOODA GOOTAA:-Seenaa gootota Oromoo
• QORAASUMA JAALALAA:- Kitaaba saayinsii rakkoo jaalala keessatti nama mudatu ittiin furaniifi kkf dabalatee asoosamoota gaggabaaboo baayyees xumuree kan harka kootti argamanii dha

Walumaagalatti seenaafi hojiin koo gabaabinaan kan armaan olitti tuttuqe kana yoo tahu teessoo kootiin na qunnamuu warri barbaaddan:
Saphaloo Kadiir (Abdulbaasix)
Email:- ak23873@gmail.com or saphalookedir@gmail.com
Lakk. Mobile: +254707482480
Facebook: www.facebook.com/saphaloo
@Beekan Guluma Erena 2016

Beekan Guluma Erena
Follow Me

Beekan Guluma Erena

Beekan is writer, editor, researcher and Afaan Oromoo Instructor at Harvard University.
He wrote more than 30 books in Afaan Oromoo and editing many more Oromo books, magazines and articles. Currently, he writes on his site (beekanguluma.org) and gibetube.com on current issues of Oromo people, culture, education and politics in Oromo.
Beekan Guluma Erena
Follow Me

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa

13 thoughts on “SAPHAALOO KADIR EENYU?

  • April 10, 2016 at 7:36 pm
    Permalink

    nuuf jiraadha umrii argadhaa qabsa’ota qalamaa kan xurree nutti agarsiiftan uume teessaniin sammuu buharsitanii onnee si’eessitani hamilee teenya utubdani nutti hin goomtani jabaadha jajjabaadha nutis xurree teessan qabannee miiltollee isinif taanu wissaallee isiniif qabnu imalarra jirraa akka nu jajjabeessitan abdiidha qabna..

    Reply
  • Pingback: SAPHAALOO KADIR EENYU? – Beekan:Oromo Scholar | Caayaa Saphaloo

  • April 11, 2016 at 5:40 am
    Permalink

    Ati Hidda Gabbataadha Kan Muka Utubee Dhaabuufi Nyaata Sooru. Dagaagii Nuuf Jiraadhu.

    Reply
  • April 11, 2016 at 10:13 pm
    Permalink

    Kun hunduu madaa hundaa kenyaati mal gonaa rabbii egna isaatu hundaa qaba inni si haa gargaaru!

    Reply
    • December 21, 2016 at 5:08 pm
      Permalink

      Waanbaayyee nama boonsu umriidheeraa siifhaa kennu kanaaf galannikee bilisummaa oromiyaa haatahu jechaa kan biraatiif abdii kabajaa fi jaalalaan si eegganna lammii qaalii

      Reply
  • April 11, 2016 at 10:36 pm
    Permalink

    Baayye galatoomi rabbiin hawwi tee bakkaan siif haa gayuu. Hayyuu oromoo rabbiin si haa godhu!

    Reply
  • December 20, 2016 at 7:25 pm
    Permalink

    Homati miti bakka yaadde hin hanqattu jabaadhu

    Reply
  • December 21, 2016 at 8:39 am
    Permalink

    Obsii guyyaan milkii dhiyyoodha. abdii hin kuutin

    Reply
  • December 21, 2016 at 8:39 am
    Permalink

    Obsii guyyaan milkii dhiyyoodha. abdii hin kuutin

    Reply
  • December 24, 2016 at 11:11 am
    Permalink

    Baayyee waan namaa gaddusisaas
    Garuu kayyoo kee fi abdii worachuu keef
    Baayyee ittii gamadnaa akkaa kootii itti gammadaa
    Qomoo koo waaqnii ummee ummama
    Galmaani sif gahaa
    Waantaa si barbachisuuf akkaa lammii tokkotii sii biraa dhabadhaa akkaa dhunfaa kootii
    Ammasii bekkumsaa dheraa horadhuu
    Dagagii

    Reply

Leave a Reply

Your email address will not be published.