QAAMNI MURAN HINDHIIGNE…..

FB_IMG_1440625676163

QAAMNI MURAN HINDHIIGNE…..Saphaloo Kadiir

“Waa malee manni hin aaru!” jedha oromoon. Maaliif yoo jettan tarii gubachu jiraa, ykn nyaataatu itti hojjatamaa jira kaa. Mata duree barruu kootii kana “Qaamni muran hin dhiigne…..” jedhee yoon maakmaaksaan jalqabuus waa malee miti. “Aakk…! Ja’an waa tufanii, maakmaakan waa himaniifi kaa!” Aniis waa malee haasawa koo maakmaaksaan hin jalqabne. Maakmaaksi takkaa dubbii fiduuf takkaa immoo dubbii fixuuf dubbatama. “Maali arra maakmaaksuma qofa lafa guuttee, haa tahuu kee kun hoo dubbii fiduuf moo fixuufi kan maakmaakte?” yoo naan jettan ani immoo “Dubbii fiduuf moo fixuuf isinitti fakkaata?” Jedheen gaaffii gaaffiin isiniif deebisa. Sababniis kan maakmaaku namaaf hin hiiku. Qabiyyeefi dhaamsa maakmaaksicha dubbatamuu irraa abbumaa dhageeffatuutu gara isaaf toletti hiikkata jechuufi. Kan dubbii fiduufi fixuuf maakmaakamu immoo qabiyyee haasawa isatti aanee dhufu irraa sirritti hubachuu dandeenya.
Oohh!! Dhiifama! Dubbuma maakmaaksaa kanaatu fuudhee guddina, bal’inaafi badhaadhina afaan oromoo qabu keessa na kuchiisee, bareedinaafi foolii urgooftuu aadaaf seenaan teenya qabdu waliin qalbii na fuudhee, dandeettiifi ogummaa sabni koo qabuus yaada koo dheereessee diida biraa keessa naan badee na dage malee nagaya isin gaafachuu dagadhee miti. Harka fuune, ashamaa! Kabajamtoota, jaalatamtoota ilmaan oromoo.. Alaa manni, aalii ollaan, xiqqaa guddaan, maatii waatiin, lubbuu lukkuun, firaa firoon, jiruufi jireenyi, biyyaa biyyoon, daagaa ardaagni, gadaaf gandi, uumaaf uumamni nagayaa? Aniis nagayaan jira. Oromoon nama qofa osoo hin tahin waa marti nagaya qabaachuu iyyaafata waan taheef aniis kana mara isin gaafadhe. Eeyyee kaa! “Nama ollaan nagayaatu nagaya mitiire?”
Namni tokko kan dhalatu nama irraahi, kan guddatuus seeraa uumamaa keessa dabreeti. Qondaallee miti hiddi hidda irraa meeyru qaba. Namni dhalatu tokko saba irraa dhalatee guddate waliin haala jiruu fi jireenya garagaraa dhandhamaa guddata. Yeroo isaan keessa jiraatu kanaas waan baayyee barachaa, waa baayyees dhagahaa, lakkuma umriin dabalaa deemuuniis waan danuu arkaati sadarkaa amma jiru kana gahuu danda’a. Jireenya amma keessa jiraatuuf bu’urri haala jireenya kaleessa keessa dabree dha. Imalli isaa sarara maatii irraa hanga sabaatti bal’atee diriiree jiru keessa hulluuqaati. Haalaa fi adeemsa waliigalaa keessa dabraa guddate san jireenya arraatiif faantoo godhata. Aadaa, seenaa, duudhaa fi afaan, aartii saba isaa itti dhimmamees, itti dhimmamuu baatees hanga tokko barachaa guddata jechuudha. Akkaataan hubannaafi qabannaan namni tokko dhimma qabeenya isaatiif qabu, akkaataan itti leeccallootuufi kunuunfatu garaagarummaa haa qabaatu malee eenyulleen aadaa, seenaa, afaaniifi aartii sabaa kana itti fayyadamuu irratti wal qixa. Osuma wal qixa itti dhimma bahanii garuu sadarkaan quuqamaafi dhimmamni namni tokko oromummaa isaaf qabu, laalaaf hadooddiin miidhaa qabeenya gamtaa kanarra gahuuf namatti dhagayamu wal dhabuu daran wareegamni eeguufi kunuunsuuf kafalaniis hangasuma wal haababa.
Tokko tokko eenyummaa isaa beekuu bira dabree dhimmi afaan, aadaa, ogbarruufi aartii isaa akka waan dhiigaa fi lafeetti makamee waliin dhalatee guddatee yeroo waan aadaa fi duudhaa isaatii alaa ykn waan safuu cabsu arguu fi dhagahu aaree, qaamoota kallattiiniis tahee, alkallattiin eenyummaa isaa balleessuufi miidhuuf wixxifatu arku suukannaawee, coraan isa lolee, nyaara butee akka qeerransa aareetti furga’a. Kana qofa osoo hin taane yeroo itti lubbuu isaallee dabarsee kennuus ni jira. Hanqinaafi dadhabina mul’atees sirreessuuf yeroo isaa itti laatee gahee isarraa barbaachisu gumaachuuf halkanii guyyaa carraaqee hojiin mirkaneessa. Meeqaatu oromummaa isaatiif if laatee yeroo, qabeenyaafi beekumsa isaa bira dabree lubbuu isaa takkittii waan isaatiif wareega? jannee yoo if gaafanne deebiin keenya maal taha laata? Ani gama kootii baayyee xiqqaadha. Eeyyee! Baayyee, baayyee muraasa. Hedduu, hedduu waajibiri, hangi san qubaan lakkaa’amu.
Irra baayyeen ammoo kanuma keessi isaa dhimma maalummaa saba isaatiif hadooddii qabuu gubbaan isaa, jechaafi gochi isaa immoo faallaa tahee mul’ata. Afaan waan biraa, garaan waan biraati. Kan onnee isaa keessa jiruufi kan isarraa calaqissu buburraa’ee mul’ata. Warri akkanaa kun warra dhimmoonni adda addaa dhiibbaa irratti uume tahuu isaaniin shakka. Dhugumatti warri akkasii yoon gad qabee ilaalu warra dhoqqee sirnoota bulchiisa dabraniitiin cuuphaman, kanneen gaadidduu amantaalee alaa seenaniin jaamanii hafan akka tahan akkaataa isaanii irraa salphatti hubachuun ni danda’ama. Warreen akkasii aadaa, seenaa, afaanii fi duudhaan isaa yoo miidhamte irra tan ambaa yoo tuqaamte fuula guuree hincinnaawa. Lolees dachii balleessa. Namoonni akkanaa if wallaaluu irraa amala tan ofii dabooluu, awwaaluu tan ambaa dabaaluu, dabaluu yookaan tan ifii laaleeysuu, balleessuu, dhukkeessuu, hadheeysuu tan ambaa dhaadheeysuu, urgeessuu, ulfeessuufi mi’eessuu…warra qabanii dha. Jarri kun gabaabumatti warra geengoo alagaatiin marfamanii gogaa alagaa uffatee maraamartoo hamtuu keessa jiraatanii dha.
Garri tokko immoo warra hubannoo gahaa dhabuurraa of wallaalan fakkaatu. Garee hubannoo dhabaaf if dagatan kun damee lamatti kan hiraman yoo tahu isaaniis dhaloota sirnoota dabre keessatti hubannoon isaanii duraa walitti makamte yoo tahu, kaan immoo dhalootuma qubee tahanii kan sababa adda addaatiin hanqina hubannoo qabanii dha. Sababoota san keessaa danta dhabummaafi masluufummaa waa barachuu qabaachuu faa dha. Sirnoonni dabran ilmaan Oromoo goda of wallaalumaa keessatti hidhee dukkana hamaan surrii isaanii golgee, akka isaan eenyummaa ofii wallaalan taasisaa ture. Warreen sirnoota mootummoota dabranii keessa jiraatan harki caalaan akka xuuxxillaa sareetti dukkanatti dhalatanii qaanqee eenyummaa isaanii qofa osoo hin taane ifa baruumsaa irraahiis daangeeffamaanii jiraachaa waan turaniif waliigalanii sirnoota san fonqolchuu dhabuu isaaniitiif itti dallanuus garuu hagas mara hin komadhu. Isaan akkuma tahan tahanii jiraachaa turan. Kan dabraniis dabran. Harki caalaan rafee buluus muraasni eenyummaa isaatiif osoo lubbuu hin qusatin dhiigaa isaanii qalama, lafee isaanii kobbee, gogaa isaanii immoo waraqaa nuuf godhuun wareegama qaalii kafalanii afaan, aadaa, seenaa, ogbarruufi aartii sabaa jiraachisanii seenaa gaarii galmeessanii dabran immoo galata isaanii galchee dhiisii himee fixuu hin danda’u. Kan nama aarsu garuu dhaloota qubee kan eenyummaa isaa wallaalee jiraatu kana dha.
“Namni abbaan kufe ilmaan keessaa baha, namni ilmaan kufe kufee daaraa taha” jedhan abbootiin keenya. Dhugaa dubbachuuf irra caalaan dhaloota ammaatiis akkuma dhaloota dabreetti waa’ee eenyummaa isaa, aadaa, aartii, seenaafi ogbarruu saba isaa irraaa hubannoo dhabuun kan nama qaanfachiisuufi namaas dallansiisuudha. Kana yeroon jedhu gariin keessan ooduu maltan. Yoo haala dur dabre waliin madaalle dhugaadha fooyya’insaatu jira jechuu dandeenya. Haatahuu garuu guddinni aadaa, seenaa, afaaniifi ogbarruu kan ammaa kan durii waliin madaaluun osoo hin tahin kan saboota biraa waliin wal maddii qabnee madaaluun dirqama. Nuti oromoon saba guddaa akka Itoophiyaa dhiisii akka Afrikkaattuu baayyinaan hangafa tahuu keenya beekkamaadha. Sabni oromoo hanguma baayyina isaa aadaa, seenaa, aartiifi ogbarruus bal’aa akka garbaa kan waraabamee hin dhumne nu qabaachisee jira. Haatahuu garuu bal’inaafi guddina haasa’uu malee addunyaaf beeksifnee irraa fayyadamoo tahuu irratti harka dhibba keessaa harki tokko hin hojjatamne jechuun ni danda’ama. Kuni immoo eenyullee osoo hin taane kallattiin dhaloota arraa kana ilaallata dhimmichi.
Meeshaan oromummaan keenya ittiin leellifnu, sanduuqni kabajaa boruuf seenaa gaarii itti kuufannu hojii arra hojjannuu dha. Keessattuu dhaloonni arraa dhaloota nu boodaa boru waan qabatamaafi hojii qulqulluu dhaalchisuuf kan hojjachuu qabnu arra. Hanqina hubannoo roga kamiinuu jiru furuuf mudhii hidhannee ka’uun dirqama dhaloota qubeeti. Miidhaan eenyummaa keenyaan yeroo mara nurratti raawwatamu nu laaleessuu, nu hadoochuu qaba. Hubadhaa! Aadaa, seenaa, aartiifi ogbarruun keenya dhiigaafi lafee teenya. Qaamni tokko fooniifi gogaa qofa ba’ateef akkuma nama tahuu hin dandeenye, sabni tokkoos aadaa, seenaa, aartiifi ogbarruu isaatiin alatti ulaagaa sabummaa guutuu hin danda’u. Kan oromummaa keenya mirkaneessuus wantoota kanaafi kkf guutannee yoo guuttannee argamnee dha. Qabaachuu qofa osoo hin taane guddifachuuf, kunuunfachuuf, addunyaafiis beeksisaa dhaloota dhufuufiis dabarsuu yoo dandeenyee dha.

Oromummaan keenya kan mirkanaa’u, eenyummaan keenya kan beekkamuun, maalummaan keenya kan mul’atuun, dhiigaaf lafeen keenya kan gatii qabaatuun, uumaa fi uumamni keenya kan miidhaguun wantootaan armaan olitti irraa dubbachaa ture kanaani. Gari gariin namaa immoo dhimmi aadaa, seenaa, aartiifi ogbarruu saba isaa yoo kaafamu kan of tuffataniifi qaana’aniis danuu dha. Garuu eenyummaan ifii nama boonsa, nama gammachiisa malee akkamitti if nama qaanfachiisa? Gonkumaahuu naman qaanfachiisu. Kan if wallaale malee inni if beekuu, kan bakka irraa dhufe beeku ifin tuffatu, ifiis hin qaanfatu. Namni Oromoo tahe marti aadaa fi seenaa, ogbarruufi aartii saba isaa jaalachuu, ittiin boonuufi kabajuu qofa osoo hin taane irratti hojjachuuf tattaafachuu qaba.

Walumaagalatti namni seenaa hin beeyne, kan aadaa hin qabne gabra. Garba qofaa miti akka nama uffata malee qullaa jiraatuutiisi. Aadaan, seenaafi duudhaan keenya kafana keenya. Ufata ittiin boonnuufi hariira ittiin kabajamnuu dha. Afaan keenya afaa keenya. Kanaaf gabra taanee akka hin hafne kan oromoo tahe marti aadaaf seenaa, afaaniif, ogbarruu, aartiifi waan eenyummaa keenyaan wal qabatu mara irratti hojjachuun dirqama. Duubatti hafiinsi arra sababa garagaraatiin qabnu kun nutti dhagayamee tattaafachuutu nurraa eegama. Kanaaf, akka yaada kiyyaatti kan waa beekuu kan hin beekne barsiisaa, kan hin beeynees isa beeku irraa barachuuf fedhii qabaachuun, kan qabeenya qabu isa dandeettii osoo qabuu gama diingdeen hanqina qabu deeggaruun, marti roguma danda’uun hirmaatee gumaata irraa barbaachisu laachuu qaba. Kun taanaan dhimmi maalummaa keenyaa marti yeroo gabaabduufi haala salphaan addunyaaf mul’ata jedheen yaada.

Namni tokko eenyummaa isaa barsiisuuf, maalummaa isaa mul’isuuf hadooddiifi murannoo dhugaa qabaachuu qaba. Oromummaan keenya aadaa, seenaa, afaan, aartiifi ogbarruun alatti taguuga duwwaati. Akkuma gubbaa irraa jalqabee haasawaa ture aartiifi ogbarruun, afaan, aadaafi seenaan keenya fira keenya isa hangafaati. Sabni sabaaf, firri firaaf, lammiin lammiif qaama. Qaamni waliif irkoodha. Aadaan, seenaan, afaaniif aartiin keenya ammoo hidda firummaa jabaa oromummaa walitti haqaaru, ifa adii akka aduun lafa ibsitu oromummaa keenya ibsuudha. Kutaan qaamaa tokko yoo miidhamuu qamni hin dhukkubne, yoo foon muramu foon hin hadoodne, yoo coraan mogalamu coraan hin laalanne waan jiru nattin fakkaatu. Qaamni muran hin dhiigne yoo jiraate qeensa xurii ba’atu qofa. Namni maalummaafi eenyummaa isaatiif hin dhimmamnees, kan afaaniifi aartii saba isaatiif hin laalanne, kan qaama isaa gar tokkee yoo muran hin dhiigne reeffa qofa. Eeyyee! Kabajamtoota ilmaan oromoo maakmaaksichiiin jalqaba kaase dubbii fixuuf kaafame ture. Akkasumatti dubbii fixee jira. Aniis dhaamsa koo asirrattiis goolaba. Hanga xumuraa na faana turuu keessaniif immoo guddaa galatoomaa. Horaa bulaa!
“Afaan keenya afaa keenya, aadaan teenya aduu teenya!”

Barreessaan: Saphaloo Kadiir (Abdulbaasix)

Email: ak23873@gmail.com
saphalookedir@gmail.com
Facebook: www.facebook.com/saphaloo
Mobile: +254707482480

Beekan Guluma Erena
Follow Me

Beekan Guluma Erena

Beekan is writer, editor, researcher and Afaan Oromoo Instructor at Harvard University.
He wrote more than 30 books in Afaan Oromoo and editing many more Oromo books, magazines and articles. Currently, he writes on his site (beekanguluma.org) and gibetube.com on current issues of Oromo people, culture, education and politics in Oromo.
Beekan Guluma Erena
Follow Me

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa

One thought on “QAAMNI MURAN HINDHIIGNE…..

  • April 19, 2016 at 7:51 pm
    Permalink

    Galatoomaa! “Horaa Bulaa.”

    Reply

Leave a Reply

Your email address will not be published.