OROMUMMAA FI HABASHAA!-Seenessoo Gabaabaa-Beekan Gulummaa Irranaa’ti

Beekan G 3

H-A-B-A-SH-A-A fi OROMUMMAA!!

Dhaloonni Qubee amma ka’aa jiran jecha ‘Habashaa’ jedhu akkamitti beeku? Akkamittimmoo beekuu qabu? Jechi ‘Habashaa’ jedhu yeroo baay’ee bargaagee yoo mul’atu akka waan Itoophiyaa har’aa bakka bu’uutti namoota baay’ee dogoggorsaa jira. Garuu, jechi ‘Itoophiyaa’ jedhuufi Habashaan gonkumaa walitti hidhinsa wayiituu akka hinqabne hubatamuu qaba. Maddi jechichaa illee Itoophiyaa keessa akka hintaane seenaan ni addeessa. Jecha qofa osoo hintaane ummatni habashaas Itoophiyaa akka hintaaneefi alaa akka dhufan seenaan dhugaa baha.

Jechi Habashaa jedhu kan argame Kibba Arabiyaa naannoo Yaman har’aa keessa kan ture gosa “habashaat” jedhurraa yoo ta’u, Dh.K.D. bara 700 hanga Dh.K.B. bara 100’tti gosa kanarraa hammi tokko galaana Diimaa qaxxaamuruudhaan Kaaba Itoophiyaa har’aa akka qubataniifi ummata Kuush faana walmakanii jiraachuu kan eegalanidha. Yeroo boodas naannoon kun warreen qubattootaa (habashootaa) kanaan “Absiiniyaa” jedhamee waamamuu jalqabe. Gadaa Meelbaa, 1985:61.

Alaa dhufuu Habashaa kana kan mirkaneessu barreeffamni kitaaba Kudhaama Seenaa irraa argame akkanaan ka’a. “Habashootni yookiin Absiiniyaanotni kun Arabiyaa Kibbaarraa dhufuufi Nagada Yooqixaan (Agaaziyaan) ta’uu kan mirkaneessu, maqaasaanii, afaan isaaniifi amantii isaanii warra Saabaa jedhamanii biyya Arabaatti hafaniin walfakkaachuutu mirkaneessa. Leellisaa, 6413: 33.

Kitaabni Seenaa Oromoo hanga Jaarraa 16ffaa, 1998; Charles wabeeffachuun akka kaa’etti, “Warri Seem gara ardii Afrikaa osoo hinseeniin dura sabootni Kuush Kaaba Baha Afrikaa keessa kan jiraataniifi kana keessaammoo Oromoon tokko akka ta’e ibsamee ture. Qabxii kanarraa wanti hubatamuu qabu, ummatni Oromoo kan har’a abbaa biyyummaasaa dhabe dachee Itoophiyaa har’aa tanarra osoo jiraachaa jiruu habashootni alaa dhufuun abbaa biyyummaa akka irraa fudhatan seenaan hinhaalle. Habashootni kun immoo ilmaan Seem akka ta’an kitaaboleen seenaa hedduun ifaan ifatti lafa kaa’aniiru.

Habashaafi Itoophiyaa jechootni jedhan kun akkamitti walitti hidhamuu danda’an? Gaaffiin jedhu deebii argachuu waan qabuuf, mee hiika jecha Itoophiyaa jedhuufi dhuftee isaa haa ilaallu. Jechi Itoophiyaa jedhu kan dhufe jecha Giriikii “Itoopis” jedhurraa yoo ta’u, hiiknisaas “ummata fuula gubataa (gurraachaa) ykn biyya ummata magaallanii (gurraachotaa)” jechuudha. Gadaa Meelbaa, 1985:55. Kun kan agarsiisu jechi “Itoopis” jedhu kun hiika Giriikonni hamma hubannoofi ilaalcha ummata Afrikaatiif qaban mul’isuuf ummata Kuushiif moggaasanidha malee habashaa (Absiniyaa) dhaan walitti hidhinsa tokkollee akka hinqabne ifatti waan beekamuufi beekamuu qabudha. Kitaabni Gadaa Meelbaa, 1985:55 barreessaa Budge, 1928 wabeeffachuun akka eerutti, “Hanga jaarraa 14ffaatti ummanni Absiniyaa kun jecha Itoophiyaa jedhu kana moggaasa ummata Kuush jedhu malee ittiin ofwaamanii hinbeekan. Kanaafuu, shakkiifi borcaa tokko malee Absiniyaanonni Itoophiyaanota miti” jechuun lafa kaa’a.

Kitaabni Seenaa Oromoo hanga Jaarraa 16ffaa maddoota garaa garaa eeruun akka ibsutti, “Maqaan Itoophiyaa jedhu Absiniyaadhaaf kan kenname namoota kitaaba qulqulluu (Bible) afaan Giriikirraa gara afaan Gi’iiziitti hiikaniin akka ta’e ibsa. S.O.J.16ffaa, 1998:9. Kitaabni Gadaa Meelbaa, 1985:58 akka ibsutti maqaan Itoophiyaafi Absiniyaa jedhan kun gonkumaa tokko akka hintaaneefi kan wal hin fakkaanne ta’anis, barreessitoonni seenaafi qorattoonni sirna dachee hedduun, kiyyoo mootonniifi monokseen habashaa qopheessan keessatti kufuun maqoota lamaan (Itoophiyaafi Absiiniyaa) waliin makuufi waljala jijjiiruun fayyadamaniiru. Kanumaan yeroo dheeraa booda Itoophiyaan Absiiniyaa bakka bu’uu danda’e. Kanuma dhugoomsuudhaaf mootichi Haayile Sillaasee heera jalqabaaf biyyattiin bara 1931 baafatte yoo qopheessan, ifaan ifatti Absiniyaa jecha jedhu haquun Itoophiyaa jedhee labse. Egaa, kan harkaa qabu dhaaneetu boo’icha nama dhowwa akka jedhan sana ta’eet, waa’eekee natu siif beeka malee ati ofiif hinbeekkattuun mataarra nu teesse.B1

CAABINSA OROMOOFI OROMUMMAA
Kana nyaadhuu dhugiin, kanaan oolii buliin Oromootaa, Oromootaan murtaa’uu dadhabdee qubattootaan lallabamte. Alaa dhufanii abbaa biyyaa erga ta’anii booda, maddi ummata Oromoo takkaa bishaan keessa, takkammoo biyya alaa jechuudhaan dhoqqeesaanii ofirraa haqanii Oromootatti dibuu eegalan. Yaa ilmaan Oromoo, namni kamiyyuu kaameeraa seenaa jalaa dhokatee eessayyuu ga’uu waan hindandeenyeef, mee hayyoonni seenaa waa’ee madda Oromoo maal jedhu laata?

Hayyoota garaa garaa madda ummata Oromoo irratti qorannoo gaggeessan keessaa C.Ehret namni jedhamu, “Sabni Kuush giddu-gala baddaa Itoophiyaa Dh.K.D. bara 3500 hanga bara 1000 qubatanii jiraachaa akka turan ibseera. S.O.J.16ffaa, 1998:34. Sabni Oromoo angafa ummata Kuush akka ta’emmoo seenaan dhugaa ba’a. Kanaaf, maddi ummata Oromoo lafuma har’a irra jirru ta’uu hubachuun nama hinrakkisu jechuudha.

Yaaduma kana deeggaruudhaan kitaabni Seenaa Oromoo hanga Jaarraa 16ffaa, 1998:34 qorataa seenaa Greenfield wabeeffachuun akka eeretti, “Sabni Oromoo saboota Kaaba baha Afrikaa jiraataniif hundee ta’uufi tarii sabootni kaan saba kanarraa fottoquu akka hinoolle” ibsaniiru. Dhugaan kunimmoo abbaa biyyummaa Oromoo kan ibsudha. Dabalataanis, Dirribii Damusee, 2012:384 E. Haberlandfi Mohaammad Hasan(Prof.) wabeeffachuun akka eeretti, “Maddi saba Oromoo Itoophiyaa keessa naannoo Baaleefi Sidaamooti” jechuun lafa kaa’a. Kunimmoo afoola ummata Oromoo darbaa dabarsaa asga’een kan walfakkaatu yoo ta’u, maddi saba Oromoo akkuma Oromoon himatuufi qorattoonni seenaa mirkaneessan biyyuma Itoophiyaa jedhamtu kana keessa ta’uufi abbaa biyyummaa isaa immoo qubattoota alaa dhufaniin dhabuu isaa haalaan kan nama hubachiisudha.

Qubattoonni (habashoonni) kun erga alaa dhufuun abbaa biyyummaa fudhatanii booda, saboota Kuush keessattuu, saba Oromoo cabsuuf ciisanii hinbulle. Yeroo garaa garaatti ummata Oromoo eenyummaasaa balleessuuf yaalii hedduu godhan illee waan milkaa’uu dadhabaniif, gara meeshaa waraanaa ammayyaa kadhachuufi namoota Oromoo laphee lallaaftu bituudhaan, duula Oromummaa balleessuu irratti bobba’an. Mootummooleen habashaa darban Oromoo cabsuuf jecha meeshaalee waraanaa, ogeessotaafi loltoota waliin biyyoota Awurooppaa adda addaa irraa kadhachuun Oromoo irratti duulaa akka turan seenaan hinhaalle.

Kitaabni Gadaa Meelbaa barreessaa seenaa Darkwan, 1975 wabeeffachuun akka kaa’etti mootummaan Minilik bara 1868 hanga 1900’tti mootota Awurooppaa jajjaboo ta’an irraa meeshaa waraanaafi rasaasa hedduu argateera. Kanaanis, mootummaa Ingilizii irraa qawwee 15000fi rasaasa 5000,000, Faransaay irraa qawwee 500,000fi rasaasa 20,000,000, Xaaliyaanii irraa qawwee 50,000fi rasaasa 10,000,000, Raashiyaa irraa qawwee 150,000fi rasaasa 15,000,000 akka argate seenaan ni raga. Gadaa Meelbaa, 1985:91.

Meeshaa kana birattis, leenjiftootaafi ogeessota garaa garaa waliin akka argateefi kana fayyadamuudhaan gocha gara-jabummaa ummata Oromoorratti akka dalage seenaan ifatti lafa kaa’a. Tooftaan Minilik itti fayyadame, kadhaa alaa argate qofa osoo hintaanee Oromoota gantuufi sobduu taate qabachuudhaan, Oromoodhumaan Oromoo akka cabse qorattoonni seenaa addeessaniiru. Haala kanaan mootota habashaa darbaa dabarsaa dhufaniin ummatni Oromoo biyya abbaa isaarratti gochi gara-jabummaa hamaan irratti raawwatamaa ture. Gocha gara-jabummaa habashaa kanammoo Oromoon sirna Gadaa jalatti ijaaramuun yeroodhaa gara yerootti gootummaafi jabina isaa agarsiisaa tureera.

Lolli Oromiyaa booji’uu inni boodanaa jalqaba 1870’moota keessa jalqabe jechuun ni danda’ama. Lolli kunis Kaaba irraa gara Kibbaatti dhiibaa ture. Bara 1872’tti booji’amuun Tuulamaafi naannoo sanaa mul’ate. Akkasumas, Wallo, bara 1876’tti, Arsii, Leeqaafi Macca Bahaa 1886’tti dhaqqabamee ture. Leellisaa, 6413:68. Baroota olitti eeraman kana keessatti Oromoon salphumatti harka diinaa jalatti kufe osoo hintaanee, qabsoo hadhaa’aa hedduu booda, lubbuu hedduu wareegee shiraafi gidiraa hamaan akka kufe seenaan raga ba’a. Kitaabni Gadaa Meelbaa, 1985:6 akka ibsutti, “Ummatni Oromoo sirna garboomfataa jalatti jilbeeffachuudhaaf turtii waggoottan soddoma (30) fudhate keessatti (1870-1900) ummata Oromoo miliyoona kudhan (10) irraa gara miliyoona shaniitti (5) gadi buuse.

Yaa dargaggoota Oromoo bara olitti eerame kana keessatti aangoorra kan tureefi Oromoofi Oromummaa balleessuuf, gidiraa kana mara kan dalage, mootichi Minilikiifi warri isa fakkaatan, “lakki kana caalaa Oromoon lafarraa dhabama, dhiisaa haa jiraatanii”, jedhanii hindhiifne. Sababa Oromoon fincilaa kan du’es dhabaa lolateefi wareegama lubbuu Oromoota baay’eetiin warri hafan darbanii asga’an. Gidiraafi gochi gara-jabummaan Oromoorratti raawwatu kun mootii Minilikiin qofa hindhaabbanne. Mootummaan Haayile Sillaasees kanumatti fufuun hayyootaafi gootota Oromoo fixaa, Oromoofi Oromummaa dhabamsiisuuf, warra isa fakkaatan kanneen akka Akliluu Habte Wald fa’iin shirri dalagame daangaa kan darbe ture. Hayyoonni Oromoo qaroo warri ta’aniifi Oromummaan Oromoo keessa iddoo ishee qabattee akka turtu kan taasisan kanneen akka: Haayile Maaram Gammadaafi A.Dh. Maammoo Mazammir, hayyoota Oromoo ajaja Hayile Sillaaseefi jalee isaatiin wareegamanidha.

Rakkoon kun ummata Oromoo biraa osoo hinhafiin asfulla’uudhaan ummaticha burjaajessuu itti fufe. Lubbuu qaqqaalii hedduunis Oromummaa Oromoo keessa tursiisuuf jettee osoo galma hinga’iin badde. Kanaanis lubbuun gootota akka J. Taaddasaa Birruufi kanneen isa fakkaatan (Dargiin kan dhuman)fi lubbuun dargaggoota barattoota Oromoo bara 1990’moota keessa bade bara baraan Oromootaan yaadatama. Nuti dhaloonni har’aa kun imaanaa warreen darban nutti kennan osoo galmaan hinga’iin karaarratti cooliguu isaatti xiiqofnee ka’uun nurraa eegama. Goototni darban wareegama hanga lubbuu kan kaffalan Oromummaa Oromoo keessatti lafa qabsiisuufi warri har’a jirru afaan guuttannee “Ani Oromoodha” jennee akka dubbannuuf, warra lafeefi dhiiga isaaniitiin siidaa Oromummaa nu keessatti ijaaranii darabnidha. Ajajaa Dhibbaa Maammoo Mazammir Oromummaa isaatiif jedhee yoo wareegamu, dhaamsi isaa inni dhumaa kan sodaan guutame osoo hintaane gootummaafi Oromummaa isaa kan agarsiisuufi warra lubbuun hafan keessattimmoo booree kan uumu jechisaa dhumaa akkas ture. “Dhiigni koo mirga ummata Oromoo kabachiisuuf kan dhangala’edha malee bu’aa malee kan lafatti bade miti. Dhiigni koofi kan gootota Oromoo baay’ee gara fuulduraattis dhangala’uu danda’u mirga ummata Oromoo kabachiisuun isaa waan hafu miti”. Olaanaa Zoogaa, 1985:428.

Jecha kana kan dubbate A.Dh. Maammoon bara 1962, yeroo mana hidhaa “Alam Baqqaanyi” jedhamu keessatti badii tokko malee, sababa Oromummaa isaafi Oromoo jaalatuuf fannoodhaan wareegamedha. Egaa yaa dargaggoota Oromoo, jechi A.Dh. Maammoo galma ga’eera jettuu? Maaliif immoo galama ga’uu dadhabe? Akkamittis galma ga’uu danda’a?
Gochuma gara-jabummaa kana fakkaatuun lubbuunsaa kan badde, hayyuu, qaroofi gootichi Hayila Maaram Gammadaas waan nutti dhaame qaba. Gocha sukkanneessaa isarratti raawwatameen lubbuun isaa kan dabarte bara 1962, mana hidhaafi mana murtii gidduu osoo qaarodaadhaan baatamee deddeebi’uu yeroo du’uuf jedhutti hiriyoota qabsoo warra hafaniin akkas jedhe.

Ani dadhabeera. Du’aaf dhiyaachuunkoos natti dhaga’ama. Amma kanan isin gaggeessu fayyee isinittan makama jedhee osoo hintaanee kun dhuma jireenyakoo akka ta’ettan isinitti dhaama. Hojiin keenyas akka bofa garaa seeneeti. Harkisanis, gadi lakkisanis firiin isaa tokkuma. Summiin isaa faca’eera. Nuti duunus, du’uu baannus yaadni keenya ijoollee keenyaafi ijoollee ijoollee keenyaatiin galma ga’uun isaa hin oolu. Jedhaa nagaa ta’aa. Jechuudhaan warra lubbuun hafanitti dhaammate. Olaanaa Zoogaa, 1985:402.

Gootichi Hayila Maaram Gammadaa Oromoonni W.M.T. jalatti ijaaramanii akka Oromummaa isaanii kan yeroodhaa gara yerootti mootota habashaatiin hundeedhaa buqqisuuf yaalamaa ture lafa qabsiisuuf nama ka’eefi qabsiisedhas. Kaayyoo ka’eef kana galmaan ga’uufis gootummaa abshaalummaa makateen jijjiirama ajaa’ibsiisaa fiduun, Oromoonni kutaalee Oromiyaa mara keessa jiran akka ofbaran gochuu danda’eera.

Gaafa Afaan Oromoo dubbachuufi ani Oromoodha jedhanii ofwaamuun mootummaa habashaa yeroo sanaatiin hin eeyyamamnetti, Ormoonni lagaafi gosaan garaa gara akka hinbaane gochuudhaan Oromummaan akka gadi dhaabbatu hiriyootasaa waliin nama dalagedha. Lubbuun gaafa dhalatte duuti akkuma jedhan gootichiifi qaroon Hayila Maaram Gammadaa yoo du’u ergaa olitti kaa’ame ilmaaniifi ilmaan ilmaan isaatiif dhaame. Yaa dhaloota ammaa jechoota gootota abbootii keenyaa kana meeqa keenyatu dammaqee hordofaa jira? Nama imaanaa nyaate ta’aa hinjirruu laata? Warri imaanaa galmaan ga’uuf jedhanii lubbuun isaanii wareegamte, warri Oromummaa lafa qabsiisuuf jedhanii mana hidhaatti guuraman yaadatamaa jiruu laata? Yaa dhiiro! Nama Oromoofi Oromummaaf jedhee hidhameef baga hidhamteen waan gaarii ta’ee osoo jiruu, gaafachuu dhiisuun garuu warra hidhame sana kaayyoofi hamilee isaanii waan duubatti deebisuuf hamma dandeenye waliif haa birmannuun dhaamsa abbootiin keenya nuuf dabarsan ture. Kanaafuu, “Oromummaan haqa malee miti maqaa” yaada jedhuunan barreeffamakoo goolaba.

WABIILEE
Alamaayyoo Hayileefi kan biro,Seenaa Oromoo Hanga Jaarraa 16ffaa. 1998.
Bahaaroo Biyyansaa (kan hiike). Gadaa Meelbaa(Oromiyaa). Mana maxxansaa B.S. ,1985.
Dirribii Damusee Bokkuu, Ilaalcha Oromoo. Mana maxxansaa Finfinnee. 2012
Leellisaa Aadaa Bantii, Kudhaama Seenaa. Mana Maxxansaa Elenii 6413.
Olaanaa Zoogaa, Gizziitinnaa Gizooti.1985.

B2

©Beekan Guluma Erena, 2017

Beekan Guluma Erena
Follow Me

Beekan Guluma Erena

Beekan is writer, editor, researcher and Afaan Oromoo Instructor at Harvard University.
He wrote more than 30 books in Afaan Oromoo and editing many more Oromo books, magazines and articles. Currently, he writes on his site (beekanguluma.org) and gibetube.com on current issues of Oromo people, culture, education and politics in Oromo.
Beekan Guluma Erena
Follow Me

Yaada Keessan kan toora FB kanaa gadirratti kennaa

21 thoughts on “OROMUMMAA FI HABASHAA!-Seenessoo Gabaabaa-Beekan Gulummaa Irranaa’ti

  • April 10, 2016 at 8:16 pm
    Permalink

    beeka keenya waan baayyee nu barsiiste guddaa .galanni kee bilisumma haa tahu jedha.jabaadhu umrii nuuf dheeradhu.

    Reply
  • April 10, 2016 at 8:45 pm
    Permalink

    Wan garii nu barsistan dr bay’ee nuf galatomaa.

    Reply
  • April 10, 2016 at 8:50 pm
    Permalink

    Galaattomi gummachikee daraan itti hafuffu. senaara waa heddutu fudhatamaa nama ittin hojaatu yoo argatee sena namni qorachuudhaf iyaafatu yokaan dubisuu hubanoo gaha gafataa isaa bekaan kenyaa akkasiti nu maxansee akkatan nuti qoraane itti hubataa jiruu kunimo akkam? yeroo kamu kan gafii natii tahu senan gotaa tokko kan senneefammu malif kutanno akkani nuf kenuf kakkahumsaa ejaano garii akkani nuf tahufi haraa garu akka ilaalcha kottiti kun mullatta hin jiruu jedhaa galtoo.
    INNJIFFANNON KAN SABA OROMMOTII!

    Reply
  • April 11, 2016 at 4:30 am
    Permalink

    Waan bareedaa barreessite; baay’ee galatoomi. Asirratti wantin ani jala muree dubbachuu barbaadu, Oromoon, aadaan isaa, seenaan isaa, biyyi isaa, angoon isaa, beekumsii fi qabeenyi isaa kana booda baldhachaa, guddachaa, dagaagaa deema malee duubatti hin deebi’u.

    Reply
  • April 11, 2016 at 4:47 am
    Permalink

    Haadhooko! nuuf jiraadhu,Raagii jedha.Nu dhaloota Qubeef qaroo keenya ta’u kee hin dagaatiin!

    Reply
  • April 11, 2016 at 5:13 am
    Permalink

    Beekaan ati dhugumaa nm beekadha! jechaan ittin si ibsu qabu maloo ammayyuu dhugaa jiru nuf baasii yoo hojjitti hiku banes dubbisu dadhabnu.garuu guyyaa haqni mul’atuu nuf dhufa obsan egna!

    Reply
  • April 11, 2016 at 5:31 am
    Permalink

    “Oromummaan haqa malee miti maqaa” barreeffama jechoota shan (5) qofa qabu garuu yaadaan baay’ee ba’aa!

    Reply
  • April 11, 2016 at 6:33 am
    Permalink

    beekaa akkuma maqaakee nuu jiraadhu

    Reply
  • April 11, 2016 at 10:19 am
    Permalink

    ummurii dheeraa nuf jiradhuu!!! keenna addaa waaqnii sif keenen ummaatakee tajaajilaa jirtaa.ammaas abdii guudda sirraa qabnaa kanumaan caala akka seenaa nubarsiiftuu.qabsoon itti fuufa hangaa bilisummaan dhuftuutii….

    Reply
  • April 11, 2016 at 10:48 am
    Permalink

    jabaadhu yaa sanyii leencaaa!! kan akka keetii nuu hori, coqorsa ta’ii nuu bal’adhu!!!!! Bishooftuu irraa.

    Reply
  • April 11, 2016 at 1:47 pm
    Permalink

    ulfaadhu hayyuu Kenya. hamaan qarookee hin argatii !
    ittuma fufi.

    Reply
  • April 11, 2016 at 9:17 pm
    Permalink

    Addunyaa tana irratti diinni Oromoo kan uumame guyaa Habasoonni kibba Arabiyaa biyya Saabaa ykn “Sheba land” (Yeman) irraa galaana diimaa asceeyanii biyya Kuushi/Oromootti qubatani dha.
    Kanaafuu diinni Oromoo kan waggootii kumaatamaa qofa osoo hinta’in kan fuulduraas waggaa kumaatama dhufu nunyaataa fi walnunyaachisaa juruu bara baraa itti fufuu barbaadu dha.
    Qophaa’inni Qabsoo ummata Oromoo sadarkaa fi tooftaa diinna hammanaa ittiin cabsuu danda’u ta’uu qaba.
    Yerooma kamiiyuu,diina hammaataa akka Habashaa sana cabsanii bilisummaa dhugaa ginfacuuf waan 8-10 qabaachuun murteessaa dha.
    1.Ummatni keenya sadarkaa adda addaatti:
    a) Dammaqiinsa cunqursaa (awareness);
    b) Rifannoo(be sensitized) ykn aarii cunqursaa bara dheeraa fi kan yeroo irra gahaa jiruu irratti qabacuu;
    c)Kaka’umsaa(motivation) diina fi cunqursaa ofirraa faccisuun qabaachuu fi;
    d) Gocha/tarkaanffii (action) duubatti hindeebine diina irrati fudhachuu..
    Barreefamni gaggabaabaan Guutaa Baaharuutin tanaan oliti dhiyaate osoo tajaajila midiyaa gagaraa kan akka OMN Tv,tamsaasa Radiyoo tin ummata bira ga’ee dadammaqina ummataa tiif baa’ee
    fayyada waan ta’eef itti yaaduun barbaachisaa dha.
    2.Gurmmaa’na ummataa yoo ta’u inni kun caasaa fi beekumsa seenaa,siyaasaa kaayyoo, galmaan tin … ifaan ifatti kaayamee midiyaa adda addaa tin barumsi irratti kennamuu qaba.

    3.Hidhannoo fi meeshaa woraanaa, sadarkaa adda addaa tti akkasumaas tekinikaaf beekumsa gaggessummaa qabsoo woraanaa qabaachuun murteessaa dha.
    4.Qabsaa’uu dha.Kunis egaa toiftaa adda addaa kan barbaachisu yoota’u inni tokko kanuma amma Dhaloonni Qubee fi Qeerroon Oromoo jalqabe kana ta’ee garuu dhiyeenatti argamuu dhan qaama gaggeesuu qabaachuun murteessaa dha.
    Akkuma Farajiin jettu”Hit the Iron When it is hot/red”! Diinni waggootii 3000 ykn sanaa oli kun hafuura gLfannaan toiftaa jijjiiratee humna waan jabeefatuuf akkuma laayyootti cabuu didduun ni mala. Habashootni yeroo baa’ee tooftaa sanaan kufaa-ka’aa asi gahanii jiru.
    5.Tokkummaa Ummataa Oromoo yoo ta’u ummatni wolqabatee,wolii birmatee anniisaa tokkummaatin yoo duulee humna guddaa ykn jabaa qofa osoo hinta’in shakkii yokko malee yeroo gabaabaa keessatti diina kamiiyuu cabsuu danda’a.
    Qabsii Ji’oota 4n dabran keessatti osoi OPDOn diina jala galuu diddee Tigreen sa’aa 24keessatti Oromiyaa gadilakkiftee ,qabeenyuma saamtee tuulattee sanas gattee baqatti ture.
    Garuu maalgonaree!?wanti hundinuu guyyaa ufii eeggatti!!!
    6.Odeefannoo haala diinaa (Security) ykn diina guyyaa guyyaan basaasuu dhaan bayaa gala isaa beekuun murteessa dha.
    7.Diplomacy: Akkuna beekamu yerii ammaa addunyaa tana kan bulchaa jiran biyyoota gurguddoo akka Ameerikaa, Ingiliizii,Faransaayi … Rashiyaa,Chaayinaa fa’a yoo ta’an keesummattuu Ameerikaa qabachuun baa’ee murteessaa waan ta’eef beektonni Oromoo marti waan danda’an hunda qodhuu qaban.
    8.Seenaa Oromoo: kan jaarraa hedduuf Habashootaan danqamee,awwaalame,garuu Faranjiin biyya garagaraa haala qorannotin barreesani bakka bakkatti fafaca’ee jiru sana hamma danda’ame waliti guuramee ,gurmaa’ee,beekttonni Oromoo referaansii sana irratti hundaa’uun seenaa dhugaa ta’e affaan Oromoo tii fi Ingiliffaan osoo barreesaa kitaabatti jijjiiraa ummataan gahanii baa’ee gaarridha jedha.

    Reply
  • April 12, 2016 at 6:49 am
    Permalink

    Agartee yaada seenaa bibilchaatoo akkanaa walii hiruun, Ilaalchi Eenyummaa Oromummaa dhaloota keessatti jabaatee haala egeree saba keenyaa ijaaruun ibsamuunis ta’e barreeffamuun, keessattuu Dhaloota keenya ammaa isa dhimma eenyummaa isaa hubachuufis ta’e dagaagsuuf dadammaqaa ta’e kana karaarra buusuu keessatti iddoo guddaa qaba. Jabaadhu goota biyyaa, Egereen kee, keenyas Ifaa dha!

    Reply
  • April 13, 2016 at 11:51 pm
    Permalink

    jabaadhu!!!!!!
    Muknilleen baala qaba nuti wal malee maal qabna..

    Reply
  • April 29, 2016 at 1:25 am
    Permalink

    gudda galatomii,halumaa kanan seenaa nu barsisu jabadhu itti nu fufi.

    Reply
  • April 29, 2016 at 5:40 am
    Permalink

    Abdi saba kenyaati ati,waan barreessitu mrtii nuuf baruumsa. hubannnoo guddaa nuuf laataas………Galanni kee guddoo.Ebbifami!
    Carroomnaan,Kan akka tasaa Fb irraa argu qofa osoo hin taane dhaabbataan barreeffamoota kee argachufan hawwa

    Reply
  • May 1, 2016 at 10:04 am
    Permalink

    Baayyee si jalannaa akkanumaati itti nu fufii galannii kee Bilissumumaa haa ta’u

    Reply
  • May 1, 2016 at 6:57 pm
    Permalink

    Beekaan keenya si’uma. beeka dhaloonni qubee qabdu ija uummata Oromoo galanni koo bilisummaa haa ta’u jabaadhu

    Reply
  • February 17, 2017 at 10:27 am
    Permalink

    Beekan; baay’ee baay’ee galata qabda addattuu waayeen hiika habashaa fi abisiniyaa jedhu kun namoota keenya biratti adda bahee waan beekamu miti akkasumas habashoonni yeroo Itoophiyaan keenya jedhanii ittin of waaman maqaan kun moggaasa isaanii akka ta’etti namoonnii keenya hedduun ni fudhatu. kanaafuu akka yaada kootii ergaan ykn hiika kana gama miidiyaa hawaasaatiin osoo tamsaastee hawaasa keenya biraan osoo nuuf geessee maal qaba laata?

    Reply
  • March 19, 2017 at 1:57 pm
    Permalink

    Habashoonni dhaloota qubeen yeroon isheen galtu dhiyateera.Beekaan kenyaa atimmo umuri nu dheraadhu sin jedha

    Reply

Leave a Reply

Your email address will not be published.